Oduu Gaddaa! Hayyuu Booranaa Aabba Bagajjaa Jirmaa murni shiftaa ppn halkan ajjeefamuun gatame

Gurra Muyoo irraa
Jaarsa Argaa dhageettii fi Hayyuu Booranaa Aabba Bagajjaa Jirmaa murni shiftaa ppn halkan ajjeefamuun gatame.
[SQ-Adoolessa 31/2021]
 
Godina Booranaa aanaa Dirree magaalaa Tulluu Fardaa irraa jaarsa Argaa Dhageettii fi Hayyuu Booranaa aabba Bagajjaa Jirmaa halkan edaa Adoolessa 30/2021 qaama murna ppn magaalaa Tulluu Fardaa (Meeggaa)tti ijjeeffame. Hayyuun kun yeroo baayyee gama ummataa bahuun nama roorroo ummata irratti geggeeffamu mormaa turan tahuun ummata biratti jaalalaa fi kabaja guddaa kan qaban turan.
Maatii ,Firoottanii fi jaallattoota Aabba Bagajjaa Jirmaaf jajjabina hawwina.
Qabsaa’aan ni du’a qabsoon itti fufa!

1 Comment

  1. I am so sad at this terrible news of the murder of Aabba Bagajjaa Jirmaa! How long are we going to continue living with these murderers of our Sages? AND some of our ‘EDUCATED’ want us to believe they can ‘democratize’ Ethiopia?

Comments are closed.