Oduu Gaddaa! Gameessi Oromoo obbo Mallasaa Caalaa mana hidhaa keessa baafamanii ajjeefaman.

Oduu Gaddaa! Gameessi Oromoo obbo Mallasaa Caalaa mana hidhaa keessa baafamanii ajjeefaman.
 
Kana dhaga’uun akka malee suukkanneessaa dha. Obbo Mallasaa Caalaa dhalootaan godina shawaa lixaa Baakkoo turan. Sababa mirga Oromootaa qaama abbaa irreetiin sarbamaa jiruun falmaniif yeroo garaa garaatti adamfamaa turan. Sababuma kanaan bakka jireenyaa isaanii irra baqatanii osoo jiraatanii adamfamanii qabamuun mana hidhaa magaalaa Buraayyuutti hidhamanii turan. Amma mana hidhaa keessa baafamanii akka ajjeefaman odeesse bahe nii ifoomsa. Qabsaa’aan nii kufa, qabsoon itti fufa. Lubbuun keessan haa jannatu.
Gameessaaf Buleessa Oromoo akkasumas miseensa KFO Mallasaa Caalaa Kaadiroonni Baakkoo fii Burraayyui wal taatee mana hidhaa Magaala Burraayyutii baastee ajjeesisite.
Namoota gochaa hamaa kana raawwatan maqaa isaanii harkaa qabna.
Mallasaa Caalaa ati hin duune, hojimanee Oromummaa xumurattee wareegamte; kan hafe nutu galmaan gaha. Maatiin hidhamtootaa Ijoolleen keessan Burrayyutti hidhamtee jirtu ijoollee keessan hordofaa Mallasaa Caalaa waliin Ilmaan Oromoo nama Saditu rashanamee Gafarsatti gatamee bineensi nyaate. Hanga ammaa eenyummaan isaanii adda hin baane. 😭😭😭
 
 
 
Via: Dabessa Gemelal

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.