ODUU GADDAA: AJJEECHAA SUUKANNEESSAA

ODUU GADDAA
AJJEECHAA SUUKANNEESSAA
“Namni Kun Abdii Nuuroo ja’ama. Onkololeessa 4, 2020 Halkan edaa sa’atii 10 nitti poolisiin Oromiyaa bakka inni nagayaan taa’aa jirutti haala suukanneeysaan rasaasa afuriin dhawanii ajjeessanii jiran.
Abdiin dhalataa Aanaa Haramaayaa Araddaa Qarsaa Gatataa yoo tahu achuma jiraata.
Badii tokkoon maletti sababa walgahiirraa hafte jechuun kaabineen ichitti bobbahee achi jiru kan Yaassin Abaadir ja’amu maaliif walgayiirraa hafta jechuun Kabalee ture. San booda milishaan heddummaatte harka huddu duubatti hidhuun gara Mana hidhaa osoo deemaniini haada firraa hiikee harkaa bahe. Kanaaf Poolisii Humna Addaa Oromiyaa tan ummata keenya hiraarsaa jirtu tana halkan itti yaamanii bakka inni taa’utti jirutti dhaqanii rasaasa afuriin rukutanii lubbuu isaa galaafatan.”

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.