Oduu Ammee:”Finfinnee Waajjira President Mootummaa Naannoo Oromiyaatti marii haala yeroo irratti

#Oduu_Ammee!! Finfinnee #Inbox
“Finfinnee Waajjira President Mootummaa Naannoo Oromiyaatti marii haala yeroo irratti President I/A Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaafi Bulchoota godina Wallaggaa afariifi gujii lameenii waliin ta’amaa tureen yeroo amma walii galtee kana irra ga’aniiru
~ Lixa Oromiyaa fi kibba Oromiyaatti Humni Special Commando Agaazii jadhamu kana #Faransaayitti Leenji’ee Lakkoofsan (6000) ta’u bifa haaraan Bosona akka Milishoota gandaa waliin sakatta’u,
~ Kaabinoota Paartii Bilxiginnaa PP dura dhaabatan maqaa “Shanee” deegarta jadhuun hidhaan akka itti fufu,
~ Bulchoonni Godinoota Lixa fi kibba Basaasa uffata “siviilii” uffatan nama 1000 akka leenjise akka bobbaasu,
~ Maallaqni Miliyoonni kudhan (10,000,000) akka waraana (6000) fi basaastu (1000) Leenjisuufi hojjachiisuuf tajaajilu waliigalaniiru!
Odeeffannoo kana hatattamaan maxxansi WBO, Qeerroo Lixa, kibba Ummaatni Oromoo akka shira kana dura dhaabatan qileensa irra oolchi”

Sagalee Sabboontoota Oromoo Finfinnee Waajjira President Oromiyaa irraa!

Ariitiin waliif Dabarsaa Shira qabsoo ummata Oromoo fi WBO irratti hojjatamaa jiru Fashaleessa?

Shukuradin Jamal