Oduu Ammee:Birgaadiyeer Janaraal Asaaminew Tsiggee ajjeefaman.

Oduu Ammee: Birgaadiyeer Janaraal Asaaminew Tsiggee ajjeefaman.

”Fonqolcha mootummaa” fi haleellaa aangawoota waraanaarratti raawatame qindeesaniiru jedhamuun kan shakkaman qondaalli kun, qarqara magaala Bahirdaaritti rasaasa poolisiin ajjeefaman.

Yaaliin kun fashaluun booda, miliqaanii akka ture kan himameef hoogganaan biiroo nageenyaa naannichaa kun, bara 2008 yaalii fonqolchaan himatamanii hanga waggaa darbe hiikamanitti hidhaa turan.