ODUU AMMEE! Ibsi Miidiyaaleef maqaa ABOtin bor Finfinnee..

ODUU AMMEE

[SBO – Hagayya 09,2020] Ibsi Miidiyaaleef maqaa ABOtin bor Finfinnee Hoteela Hiiltanitti kennama jedhame kan hin beekne tahuu Hayyu-duree fi Itti Aanaan Hayyu duree ABO mirkaneessan.

“Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) guyyaa boruu (Hagayya 10, 2020) Finfinnee: Hoteela Hiiltanitti ibsa gaazexaa kennuuf waamicha miidiyaaleef taasiseera” jedhamaa jiru kan hin beekne tahuu Hayyu-dureen ABO J/ Daawud Ibsaa fi Itti-aanaan HD ABO J/ Araarsoo Biqilaa yaada SBOf laataniin mirkaneessaniiru.

Jaal Daawud waa’ee ibsa Wiixata waaree booda sa’aatii 3:00 PM irratti miidiyaaleef kennama jedhamu kanaa tokkoyyuu akka hin beekne kan himan yoo tahu, Jaal Araarsoonis akkasuma dhimmicha kan hin dhageenye tahuu eeranii, caalaattimmoo addan baafadha jedhaniiru.

Sagalee Bilisummaa Oromoo


Ethiopia: ዘ-ሐበሻ የዕለቱ ዜና | Zehabesha Daily News August 9, 2020


ODEEFANO ijoo fi Hiriira Mormii Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa Balaaleffachuun, Dubart