ODP fi ABO waliigalteesaanii cimsuun rakkoo mudatu waliin furaa waliin hojjechuuf waliigalan.

ODP fi ABO waliigalteesaanii cimsuun rakkoo mudatu waliin furaa waliin hojjechuuf waliigalan. Hooggantoonni Paartilee lameenii har’a ibsa waloo kennaniiru .

I/A Dura taa’aa ODP fi Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaan ABO waliin guddina biyyaatiif kana booda waldhaggeeffachaa waliigalteen akka hojjetan dubbatan. Hayyu Dureen ABO Obbo Dawud Ibsaa waliigaltee Asmaraatti irra gahan hojiirra oolchuun ODP waliin hojjechuuf qophii ta’uusaanii dubbataniiru.

Via: Shamshadin Taha

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Kun oduu gammachiisaa dha. Akkas godhaa qabbana nuu kennaa mee!


Sadasaa 14/2018

Wallagaa university ~

Barattoonni wallagaa university sagaleen keenya ummataa keenya jedhun dhaadannoole hedduu dhageessisan~

1)ABO taane dhalannee, ABO taane guddaanne,ABO taane duuna!
2)WBO faana qeerro fi qeerre,oromoo maratu jira!
3) WBO adaamsun oromoo hundaa adaamsudha waan ta’eef,kanaaf WBO waabi keenya!
3)mootummaan gaaffi ummataa deebisu hin dandeenye mootumma miti.kanaaf ni morminaa!
4) gaaffin ummataa deebi hin qabne addunyaarra hin jiru.
5) ummataa keenya sirnaa mootummaan buqqifama jiru cinaa ni dhabbaanna,humna qabnun,ni degarraa!
6) basaastun sirnaa opdo ummataa ishi giddirsa,ajjeessa,saama,turte fi itti jirti tarkaanfi,gamaa QBO irratti ni fudhatamaa!
7)Ummanni #Raayya,Waallo lammii keenya cinaa ni dhaabbanna hangaa gaaffin mirgaa abbaa biyyumma mirkaanefattanitti.
8) waraanni RIB ummataa oromoo lixaa,kibbaa,kaaba shorkeessa jiru mooratti deebi’u qaba.
Fikkkf..


ABO fi mootummaan waliin hojjechuuf waliigalan

Addi Bilisummaa Oromoo jaal Daawud Ibsaatin hogganamu mootummaa naannoo Oromiyaa fi federaalaa waliin hojjechuuf waliigale.

Hoggantoonni ODP fi ABO har’a ibsa waloo kennaniiru.

Itti aanaa dura taa’aa ODP fi Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaan ABO waliin guddina biyyaatif kana booda waldhaggeeffachaa waliigalteedhan akka hojjetan dubbataniiru.

Akkaataa waliigaltichaatin wantoota bu’uuraa irratti waliin hojjechaa, kan hafan ammoo duraa duuban sirreessaa waliin hojjechuuf mari’anneerra jedhan hayyu dureen ABO jaal Daawud Ibsaan.

Kanaaf miseensonni WBO fi ABO karaa nagaatin nageenya eegaa mootummaa waliin tokko taanee hojjennas jedhaniiru.
FBC
Waliin JIRRA!


OBN Afaan Oromoo was live.