Odeeffannoo, odeessa haaraa, fi gorsa waa’ee dhukkuba coronavirous (COVID-19).

Coronavirus (COVID-19) – Oromo

(dhhs.vic.gov.au)—Odeeffannoo, odeessa haaraa, fi gorsa waa’ee dhukkuba coronavirous (COVID-19).
Information, updates and advice about the outbreak of coronavirus (COVID-19).

Mana turuu qabda. Mana turuun lubbuu oolcha.
Yoo si yaaddesse sararaa gargaarsa coronavirus 1800 675 398 (sa’aa 24) bilbili.
Afaan hiikaa yoo barbaadde, TIS National 131 450 irratti itti bilbili.
Duwwaa sadden (000) haala sardamaa qofaaf qabadhu.

Maal beekuu akka qabdu

    • Harka kee dhiqadhu, qufaa fi haxxissoo kee haguugi, namoota kaan irraa meetirii 1.5 hiiqi.
    • Yoo si dhukube mana turi.
    • Yoo mallattoo coronavirus qabaatte ilaalamuu qabda.
    • Yoo haalli jijjiirame Qondaalli Ol-aanaan Fayyaa qoqobbii kana jijjiiruu mala.

Waan ati yaadachuu qabdu (What you must remember)

  • Harka kee dhiqadhu, yeroo qufaatuu fi haxifattu afaan keetiifii funyaan kee hagoogi, wal irraa fageenya eeguuf  meetirii 1.5 namoota kaan irraa hiiqi.
  • Yoo si dhukube mana turi. Maatii kee hin qunnamin hojiidhaas hin deemin.
  • Yoo mallattoo coronavirus qabaatte ilaalamuu qabda.
  • Yoo dandeesse, mana teessee dalaguu itti fufuu qabda.
  • Yoo maatii yookaan hiriyoota kee ilaaluuf deemte, wal irraa hiiqiinsa kee eegachuu qabda – harka wal-fuudhuufii  wal hammachuun hin jiru. Kun eegannoo namoota ati jaalattuuf tahuudhaan gargaara
  • Qondaalli Ol-aanaan Fayyaa (Chief Health Officer) yoo haalli jijjiirame qoqobbii kana jijjiiruu danda’a.

Dilbata, Waxabajjii (June) 21 bara 2020, halkan sa’aa 11:59 irraa eegalee qoqobbiin tokko tokko jijjiiramee jira. Qoqobbiin tokko tokko kan labsamee ture boodatti qabamee jira yookaan jijjiiramee jira lakkoofsa namoota bakka takkatti walitti dhuffuudanda’uu xiqqyesuuf. Jijjiiramni kun kan taheefis lakkoofsi dhibee coronavirus Victoria keessaa waan ol dabaleef.

Waxabajjii (June) 22 qabee Hin dandayamu nama 5 caalaan

  • Yeroo tokkotti mana kee si dubbisuuf dhuffun.

Waxabajjii (June) 22 irraa qabee haga nama 10 gayutti :

  • Bakkeetti, maneen hawaasa walii galaa keessatti yookaan alatti walitti tuutahuu hin danda’ama

Waxabajjii (June) 22 irraa qabee haga namoota 20 gayutti:

  • Mana nyaataa, mana bunaa, mana dhugaatii, kutaan tokko  hanga namoota 20 qabaatuun ni  dandayama. Dhugaatiin (farshoon) nyaata malee dhihaachuu danda’a, garuu ammoo namootni taa’uu dirqama. Gartuun tokko yoo baay’ate namoota 10 qabaata.
  • Sochii qaamaa/ Sport mana keessatti yookaan alatti godchuu dandeessa. Bakka ispoortii jiimii fi daakaa dabalee deemuu dandeessa. Kutaa tokko keessa akka gartuutti hanga namoota 10 murtaawaa dha.
  • Gara maneen Amantii  yookaan qophii xixiqqaa amantii, namoota qopheessan dabalee dhaquu danda’ama.
  • Gara mana bareedinaa yookaan bishaan keessa ciisuu man-keessaa (spa), yookaan rifeensa hojjetachuu, rifeensa haaddachuu, murmurachuu, qaama tumannaa (tattoo) yookaan Shukkuummaa (massage) dhaquu danda’ama.
  • Cidha, kan irratti hirmaatan fi warra wal fuudhan lameen dabalee dhaquu danda’ama. Yoo qophiin kun mana dhuunfaatti gaggeessama tahe warra wal fuudheefii yoo baay’ate namoota dubbisuu deeman kan biroo 5 dabalachuu danda’ama.
  • Gara maneen giddu-galeessa dhimma-bahiinsa hawaasootoowaniitiifii calaqisiisa aadaa hwaasootoowanii fii manneen kitaabaa (library) yookaan bakka hawaasummaa (community Clubs) deemuutu danda’ama.
  • Bakka kuusamaa (gallery), muuziyemii, sinimaa, do’ii, bakka seena-qabeessa, oddoo bashananaa alaa yookaan bakka ittisa beeyilda alaa (zoo) deemuutu danda’ama. Bakka akkasiitti ala keessa yoo tahe nama tokkoof meetirii 4 wal irraa hiiquun ni hayyamama.
  • Imala, bakka qubsumaa (book accommodation) qabachuu fi/yookaan Victoria keessa kaambii deemuu danda’ama.

Awwaalcharratti namni 50 hirmaatuun ni danda’ama mana keessaafii alattiis, nama awaalicha gaggeessuu fi hojjetootaas dabalee. Yoo awwaalichi bakka dhuunfaatti gaggeessama tahe yoo baay’ate namootni 5 irratti argamuu danda’u.

Ispoortii hawaasaa (Community sport): leenjiin ispoortii fi wal dorgommiin qaamaan wal xuquu namoota umriin isaanii 18 fi sanaa gadi taheef ni danda’ama. Wal dorgommii qaamaan wal xuquu hin qabne namoota umiriin isaanii kana keessaa ala tahan hundi itti fufuu ni danda’u.

Of eeggachuu, of tiksuu fi Sammuu qajeelaan murteefatuu Yaadadhu. Yoo mana teessee dalaguu dandeesse  mana taa’ii dalagi. Waan ala si deemsisu barbaachisaa tahe qofatti of murteessi.

Namoota hojjetoota Victoria keessaa kan tahan kan coronavirus irratti argamee ture yookaan nama dhibeen kun qabe waliin qunnmatii qabaachaa tureef maallaqni yeroo tokko kennamuuf $1,500 ni jira. Odeeffannoo caaluuf toora gargaarsa bilibilaa coronavirus 1800 675 398 irratti (sa’aa 24) bilbili. Afaan hiikaa yoo barbaadde TIS National 131 450 irratti bilbili.

Wanneen caqasaman (Resources)

Wanneen kanaa gadii Kanaan fayyadamuun hawaasa kee hubachiisa, Email, Social media fii hirriroolee hawaasaa kan kanan tahiniiniis.

Maal Yaadachuu Qabdu?
==================
Harka kee dhiqadhu, yeroo qufaatuu fi haxifattu afaan keetiifii funyaan kee hagoogi, wal irraa fageenya eeguuf meetirii 1.5 namoota kaan irraa hiiqi.
Yoo si dhukube mana turi. Maatii kee hin qunnamin hojiidhaas hin deemin.
Yoo mallattoo coronavirus qabaatte ilaalamuu qabda.
Yoo dandeesse, mana teessee dalaguu itti fufuu qabda.
Yoo maatii yookaan hiriyoota kee ilaaluuf deemte, wal irraa hiiqiinsa kee eegachuu qabda – harka wal-fuudhuufii wal hammachuun hin jiru. Kun eegannoo namoota ati jaalattuuf tahuudhaan gargaara
Qondaalli Ol-aanaan Fayyaa (Chief Health Officer) yoo haalli jijjiirame qoqobbii kana jijjiiruu danda’a.

Dilbata, Waxabajjii (June) 21 bara 2020, halkan sa’aa 11:59 irraa eegalee qoqobbiin tokko tokko jijjiiramee jira. Qoqobbiin tokko tokko kan labsamee ture boodatti qabamee jira yookaan jijjiiramee jira lakkoofsa namoota bakka takkatti walitti dhuffuudanda’uu xiqqyesuuf. Jijjiiramni kun kan taheefis lakkoofsi dhibee coronavirus Victoria keessaa waan ol dabaleef.

Waxabajjii (June) 22 qabee Hin dandayamu nama 5 caalaan

Yeroo tokkotti mana kee si dubbisuuf dhuffun.
Waxabajjii (June) 22 irraa qabee haga nama 10 gayutti :

Bakkeetti, maneen hawaasa walii galaa keessatti yookaan alatti walitti tuutahuu hin danda’ama.

Waxabajjii (June) 22 irraa qabee haga namoota 20 gayutti:

Mana nyaataa, mana bunaa, mana dhugaatii, kutaan tokko hanga namoota 20 qabaatuun ni dandayama. Dhugaatiin (farshoon) nyaata malee dhihaachuu danda’a, garuu ammoo namootni taa’uu dirqama. Gartuun tokko yoo baay’ate namoota 10 qabaata.

Sochii qaamaa/ Sport mana keessatti yookaan alatti godchuu dandeessa. Bakka ispoortii jiimii fi daakaa dabalee deemuu dandeessa. Kutaa tokko keessa akka gartuutti hanga namoota 10 murtaawaa dha.

Gara maneen amantii yookaan qophii xixiqqaa amantii, namoota qopheessan dabalee dhaquu danda’ama.

Gara mana bareedinaa yookaan bishaan keessa ciisuu man-keessaa (spa), yookaan rifeensa hojjetachuu, rifeensa haaddachuu, murmurachuu, qaama tumannaa (tattoo) yookaan Shukkuummaa (massage) dhaquu danda’ama.

Cidha, kan irratti hirmaatan fi warra wal fuudhan lameen dabalee dhaquu danda’ama. Yoo qophiin kun mana dhuunfaatti gaggeessama tahe warra wal fuudheefii yoo baay’ate namoota dubbisuu deeman kan biroo 5 dabalachuu danda’ama.

Gara maneen giddu-galeessa dhimma-bahiinsa hawaasootoowaniitiifii calaqisiisa aadaa hwaasootoowanii fii manneen kitaabaa (library) yookaan bakka hawaasummaa (community Clubs) deemuutu danda’ama.

Bakka kuusamaa (gallery), muuziyemii, sinimaa, do’ii, bakka seena-qabeessa, oddoo bashananaa alaa yookaan bakka ittisa beeyilda alaa (zoo) deemuutu danda’ama. Bakka akkasiitti ala keessa yoo tahe nama tokkoof meetirii 4 wal irraa hiiquun ni hayyamama.

Imala, bakka qubsumaa (book accommodation) qabachuu fi/yookaan Victoria keessa kaambii deemuu danda’ama.
Awwaalcharratti namni 50 hirmaatuun ni danda’ama mana keessaafii alattiis, nama awaalicha gaggeessuu fi hojjetootaas dabalee. Yoo awwaalichi bakka dhuunfaatti gaggeessama tahe yoo baay’ate namootni 5 irratti argamuu danda’u.

Ispoortii hawaasaa (Community sport): leenjiin ispoortii fi wal dorgommiin qaamaan wal xuquu namoota umriin isaanii 18 fi sanaa gadi taheef ni danda’ama. Wal dorgommii qaamaan wal xuquu hin qabne namoota umiriin isaanii kana keessaa ala tahan hundi itti fufuu ni danda’u.

Of eeggachuu, of tiksuu fi Sammuu qajeelaan murteefatuu Yaadadhu. Yoo mana teessee dalaguu dandeesse mana taa’ii dalagi. Waan ala si deemsisu barbaachisaa tahe qofatti of murteessi.

Namoota hojjetoota Victoria keessaa kan tahan kan coronavirus irratti argamee ture yookaan nama dhibeen kun qabe waliin qunnmatii qabaachaa tureef maallaqni yeroo tokko kennamuuf $1,500 ni jira. Odeeffannoo caaluuf toora gargaarsa bilibilaa coronavirus 1800 675 398 irratti (sa’aa 24) bilbili. Afaan hiikaa yoo barbaadde TIS National 131 450 irratti bilbili.

Dábessá Gemelal

OMN : ዕለታዊ ዜና (June 24,2020)


Exploring the impact Covid-19 is having on the African continent. #VOACoronavirusAfrica

We are live. On this edition of Straight Talk Africa guest host and VOA Health Correspondent Linord Moudou explores the impact Covid-19 is having on the continent. She will also discuss with our panel of experts the current and future complexities of dealing the coronavirus.

Let us know what part of the world you are watching us from and join our conversatio