Obbo Tsagayee Yaa’ii Malkaa du’aan boqotan

Obbo Tsagayee Yaa’ii Malkaa du’aan boqotan

Sabboonaan Oromoo, qabsaawaan gameessii, jireenya isaa qabsoo saba Oromoo tiif kan kenne, obboleessi keenya Obbo Tsagaye Yaa’ii Malkaa Gurandhala 5, 2021 du’an boqotan.
Yaa’ii Malkaa, handhuura Oromiya, Finfinnee keessatti dhalatee kan guddate yeroo tahu, eenyummaa isaa odoo hin dagatin, alagatti odoo hin harkifatin, Oromummaan qaramee kan guddate ta’uun jireenya isaa qabsoo akka wareegu wanneen godhanii dha.
 
Bara 1960ta dhuma keessa barnootaaf biyya USA deemu illee achitti sochii Tokkummaa Oromoo Amerikaa Kaabaa irraa hirmaachuun qooda olaanaa kennee ture.
Sana duwwaa osoo hin taane bara 1987 dhuma keessa, jireenya isa USA dhiisee, qabsoo bilisummaa Oromoo kan ABO n gaggeeffamutti dabalame.
 
Yaa’iin nama hamilee jabaa, obsaa fi murannoo qabu tahuu isa qabsoo ABOn gaggeeffamu irra hirmaachuun mirkaneessee jira. Erga gaafa ABOtti dabalamee kaasee haga du’aan boqotuutti qabsoo saba isattif karaa danda’ame hundaan nama gumaachee dha.
 
Har’a ummatni Oromoo sabboonaa cimaa fi qabsaawaa gameessa tokko dhabe. Yaa’iin bilisummaa ummata Oromoo ijaan arguu baatuus, kaayyoo fi akeeki inni qabsaawaa tureef Oromoo miliyoonatti dabree waan jiruuf wareegamni inni kaffale bilaasha akka hin tahin ragaa guddaa dha.
Sirna gaggeessaa fi awaalcha isaa akka qindaaween kan isin beeksifnu taha.
Maatii, firoota, jaallan fi hiriyoota isaa hundaaf jajjabina hawwina.
 
Qabsaawaan ni kufa qabsoon itti fufa.