Obbo Jawaar Mohaammad jecha Amantaafi Waakkii beellama mana murtii

Obbo Jawaar Mohaammad jecha Amantaafi Waakkii beellama mana murtii

Dhaddacha Yakkaa Lidataa irratti Bitootessa 13/2013 dhihaschuun waan dubbatan keessatti, “kan himatame kaayyoo Qabsoo Oromooti malee nu miti” jedhanii turan.
Kana malees waan hedduu dhaddacha sana gubbaatti dubbataniiru. Dubbiin Obbo Jawaar guutuun akka itti aanutti dhihaata.
Mana Murtii Ola’aanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddacha 1ffaa Farra Shoorarkeessummaa fi Dhimmoota Heeraa, ‘Galma Haqaa’ Keessatti Bitootessa 13, 2013 ALH yaada faccisaa yookaan jecha waakkiifi amantaa kennachuuf himatamtoonni siyaasaa galmee Obbo Jawaar jala jiran dhihaatanii turan. Beellama sanarrattis himatamtoonni shan wal duraa duubaan sagalee waakkiifi amantaa kennataniiru. Isaan keessaa yaadni Obbo Jawaar himata isaanirratti baname ilaalchisanii kennatan kunootti:
 
<< Himannaan kun waan gurguddaa lamaaf jecha akka narratti banamen amana. Kan duraa anas ta’ee paartiin koo KFO’n fudhatamummaa olaanaan nuti uummata keenya biraa qabnu waan beekamuuf, filannoo nuti keessatti hirmannurratti paartiin aangorraa jiru carraan moo’uuf qabu baay’ee dhiphaa ta’uu waan beekuf himannaa kijibaatiin na hidhee filannoo keessaa na baasuuf akka tarsiimootti waan qabateefi.
Qabiyyee himannichaa yoo ilaallu ammoo akeekni 2ffaan himannaa kanaa maqaballeessii waggoota hedduuf anaa fi uummata Oromoorratti taasifamaa ture galmaan gahuu ykn bu’aa isaa himannaa kanaan guduunfuu dha. Himannaan narratti baname, yakka raaawwadhee osoo hin taane sababoota kanneeniin olitti tuqaman galmaaan ga’uu ta’ullee dhimmoota himannaa kessatti ka’anirratti yaada gabaabaa kennuun barbaada.>>
 
Jechuun kan dubbatan Obbo Jawaar Mohammad, himannaa Abbaan Alangaa isaanirratti bane tokko tokkoon ibsuun, ka’umsa yaadaafi duubee himatichaa balballoomsanii, yakkichi akka isaan hin ilaallanne ibsaniiru. Obbo Jawaar tokko tokkoo himannoo sanaa seeca’uun dhaddacha Lidataaf akkaataa namaaf galuu danda’uun ibsanii turan. Ibsi isaaniis kunootti:
 
<< Himannaan narratti baname gabaabumatti yoon ibsu, tokkoffaa, ‘Sabaa fi saba walitti buustee jirta. Keessattuu dhalattoota Amaaraarratti haleellaan akka raawwatu taasistee jirta’ kan jedhudha. Lammaffaan “Hoogganoota Amantaa Ortodoksiirratti haleellaan akka raawwatu qajeelfama kennitee jirta” kan jedhu yoo ta’u, inni sadaffaan ammoo “Qabsoo hidhannootiin mootummaa garagalchuuf mala maltee raawwattee jirta” ijoowwan jedhan kan hammatuu dha.
 
Deebii kootitti yoon seenu, ani yakkoota jedhaman kana raawwachuudhaaf kan geessisu eenyummaa akkasii fi seenaa akkasii kanan hin qabne ta’uu ibsuudhaanin jalqaba.
Ani namni Jawaar jedhamu kun nama Siraaj Mohaammad Tufaa Jiloo jedhamu Oromoo Arsii Musliima ta’ee fi Faantuu/Shamsii Tolaa Bulii Bunee, Oromoo Tuulamaa Kiristaana taate jidduutti gaa’ila uumame keessatti kanan dhaladhe yoo ta’u, Qabsooftuu Arfaasee Gammadaa jedhamtu haadhan Oromoo Maccaa abbaadhaan Oromoo Booranaa irraa kan dhalatte akkasumas hordoftuu amantii Pirootestaantii kan taate fuudhee, ilma Oromoo jedhamu kan waliin godhanne daneessummaa keessaa dhaladhee daneessummaa mataa isaa jiraachuu nama jiruudhaan agarsiisaa jiru tokko dha.
 
Kanaafuu, walqixxummaan amantii, waldandayuu fi hariiroo nagaa qabeessa irratti qajeeltoo siyaasaa akka dansaa itti amanu qofa odoo hin taane, kanin keessatti dhaladhee guddadhee ammallee keessa jiraachuu kanin jiraadhufis akkasumas dhiisuuf kan hin dandeenye mala jireenya kooti.
Kun osoo kanaan jiru, himannaa kana keessatti abbootii amantii Ortodoksii ajjeechisuuf yaalteetta kan jedhu hundaa olitti na gaddisiisee jira. Anaaf hordooftoonni amantii Ortodooksii akka haleelaman gochuu jechuun, firoota koo kumaa kitila karaa haadha kootii jiran irratti akka waraana labsuu jechuu dha.
Kana jechuun qaama ofii walakkaa ofirraa muranii gatuu jechuu dha.
 
Maatii keessaa achi bahee jaallan koo ka qabsoo fi eegdota koo amma waliin himatamnes amantii isaanii yoo ilaalle gariin isaanii amantaa Ortodoksii gariin Pirootestaantii fi gariin ammoo Muslima kanneen hafan ammoo amantaa Waaqeffannaa kan hordofan waan ta’aniif amantaa tokko keessaa foo’ee akka haleelaman yoon taasisu, akkamitti na gargaaruudhaan na wajjiin hojjechuu danda’u kan jedhu murtii isaa mana murtiifan dhiisa.
 
Dubbiin walitti bu’iinsa amantii wajjiin maqaa koo walqabsiisanii na yakkuudhaan duula maqa balleessii gaggeessuu kun, har’a bifa himannaa yakkaatiin dhiyaatus, himannaa kun kan waggoottan hedduu darbaniif namoota aangoo mootummaa qabatanii fi siyaasaadhaan wal morkinuun narratti hafarfamaa tureedha. Kunis ammoo qaama ololaa (pirooppoogaandaa) baratamaa duruma eegaleeti malee anaafiis ta’ee uummattoota biyyattiitif waan haaraa miti. Wanti himannaa kana haaraa taasisu yoo jiraate, qaama haqaafin dhaabbadhe jedhuun ifatti Chaappaa isaaniitiin dhahamee himannaa ta’ee narratti banamuu isaa qofa.
 
Qabxii ittiin yakkame 2ffaatti yoon darbu, sabaa fi sablammoota walitti buustee jirta kan jedhuu dha. Dhugaa dubbachuuf himannaan kun tarsimoo siyaasaa ani hanga har’aatti hordofaa tureen gonkumaa faallaa ta’uu isaa namni deemsa siyaasaa koo waggoota darbanii ilaalaa ture hundi kan beeku dha.
Cunqursaa akka malee sabarratti taasifamu keessatti guddadhee, gara qabsoo bilisummaatti kanan seenes, Qabsoo bilisummaa Oromootti kanan ilkaan buqqifadhe. Oromoorratti cunqursaan siyaasaa, saamichi dinagdee, loogiin hawaasummaa (walqixxummaan ilaalamuu hanqachuu) taasifamu akka irraa dhaabbatu ifatti sagalee koo ol kaasee qabsaa’uu koo gonkuma hin haalu.
 
Qabsoo kana keessaatti hirmaannaan akka nama tokkootti godhee kaasee hanga sadarkaa hooggansaatti, qoodni koo cunqursaan eenyummaa akka dhaabbatu, loogiin dhabamsiifamee walqixxummaani fi haqni, heddoomminni akka gabbatuufan dubbadhe; barreesse; ijaare malee, sabni kamuu akka kophaatti foo’amu haleellaafis akka saaxilamuu yaadeetuu hin beeku. Kana Ummanni bal’aan sirriitti ni beeka. Garuummoo osoma haqni suni jiru anis waan kanaaf fakkeenya tahuu dandahan muraasa haa kaasu:
 
A) Qabsoo Sirna ADWUI’rratti godherratti walitti bu’iinsi dalgaa uummattoota fi gareelee jidduutti (horizontal communal conflict) akka hin uumamneef tarsimoon qorannoorratti hundaa’e akka hojiirra oolu taasisuu waan dandeenyef, laboobni /ibiddi humna uummata, Sirna WBUT/TPLF ol’aantummaan hoogganurratti qabate sun, lammiilee Tigraay Oromiyaa keessa jiraatan osoo hin tuqin jijjiirama ittiin fiduu danda’uun keenya xiyyeeffannoon sirna cunqursaarratti malee saba irratti kan xiyyeeffate akka hin ta’in, kun ragaa quubsaa dha.
 
B)Himannichi dhalattootni Saba Amaaraa akka haleelaman gootee jirta kan jedhu tahus, qabatamaadhaan faallaa himannichaatin hojjedhe. Adoolessa 2010 (ALH), waggoota baay’ee booda gara Itoophiyaatti akkuman deeb’ieen dura dursoo gara Naannoo Amaaraa Magaalaa Baahirdaar deemuun, mufii seenaa fi waqtaawaa ta’an ka hawaasa siyaasaa Amaaraa fi Oromoo jidduu jiran mariidhaan furamanii, cehumsi nagaa qabeessi fi dimokiraatawaa ta’e akka milkaa’uuf dargaggoonni dhiibbaa barbaachisu akka taasisaniif carraaqqii godhaatin ture.
 
Turtii koo Baahirdaarittis ta’ee achii eegan deebi’ee booda, Finfinneetti aangawoota ol’aanoo Naannoo Amaaraa qunnamuudhaan, waltajjiin hayyoota siyaasaa saboota lameenii akka aanja’uuf carraaqeetiin jira. Saniin duras tumsi saboota lameenii kan OroMara jedhamee beekamu akka uumamuuf hojiittis akka hiikamuuf qooda koo taphadheera. Kanaafuu, sabootni lamaan akka walitti dhiyaataniifin ifaajaa ture malee, walitti buusuuf akkan homaayyuu hin goone warra amma na himatan kun bareechanii beeku.
 
C) Walitti bu’iinsa Oromiyaa fi Soomalee jidduutti waggoota muraasa dura dhalatee tureen kumootni galaafatamuu fi miliyoononni buqqaafamuun ni beekama. Biyyatti deebi’ee baatiiwwan duraa keessatti, araarri bu’ee ummattoonni lamaan akka walitti fayyaniif hojii bal’aa hojjedheera. Dureewwaan gosaa garee lamaanii Mooyyalee kaasee hanga Bordoddee jiranii altokko tokkoo qaaman bakkichatti argamuun yeroo kaan ammoo mana jireenyaa kootitti affeeruudhaan waldhabbii jirtu mariin akka furan garee lachuu amansiiseen jira.
 
Biyya alaattis Naayiroobii haga Minesootaa, Jabuutii haga Dubaay imalee qooda fudhattoota yaadaaniis tahee maallaqaan walitti bu’iinsicha duubaan utubanitti dhiyaadhee, hirmaanna akkasii akka dhiisan deemsa araaraa eegalle akka deeggaran amansiisee bu’aan ittiin argamee jira. Tattaaffiin koo, tattaaffii qaamota mootummaa fi mootummaa hin ta’inii waliin walitti ida’amee bu’aa argamsiiseen har’a ummattootni Soomalee fi Oromoo nagaa dhugoomsuurra darbanii, hariiroon dinagdee isaanii gabbatee, inni tokko Afaan/Qooqa isa kaanii barachuuf manneen barnoota aanaalee wal daangessan gara raawwiisaatti seenuusaanii yeroon dhaga’u gammachuu guddaatu natti dhagahama.
 
D) Yeroon biyyatti deebi’u, Naannoo Hararii Bulchiinsa Magaalaa Harar fi jiraattoota baadiyyaa jidduutti waldhabbii turerr. Rakkoo hanqina bishaan dhugaatii magaalattii fi rakkoo bakka balfa itti gatan dhabarraa gaaga’ama fayyaa guddaaf saaxilamanii turan. Maanguddoota fi abbootii amantii Hararii fi Oromoo argachuudhaan aangawoota Naannichaa fi Aangawoota Godina daangeessuu dubbisee, dargaggoota gorsee dhalatootni gara lameenii kan ala jiiraatan akka waliin dubbatan gochuu kootiif uummanni naannawa sanii anaaf ragaa guddaa tahuu ni dandaha.
 
E) Haaluma walfakkaatuun walitti bu’iinsi sabaa yeroo adda addaatti magaalaa Dirree Dhawaa keessatti uumamee lubbuu namaa fi qabeenya balleessaa ture akka xumura godhatuuf, Ustaazota, Abbootii Gadaa fi qaamota nageenyaa walitti dhiyeessuu fi qindeessuudhaan hojii magaalattii keessatti nagaa waaraa fiduuf hojjetame keessatti carraaqqii guddaa taasiseen jira. Kunis waan qabatamaan qaamoleen kunneenis tahee Mootummaan mataa isaa bareechee beekudha.
 
F) Naannawa waggaa lamaan har’aa walitti bu’iinsi sabaa bal’aa ta’ee fi caasaan mootummaa barbadaa’ee wayita itti gaafatamtootni mootummaallee karaa saniin bahuu sodaatanitti, jaala qabsoo koo galmee kanarratti na wajjiin himatame Jaal Baqqalaa Garbaa waliin taanee, haala lubbuu keenyaaf sodaachisaa ta’e keessatti bakkichatti argamnee, Finfinneerraa Naqamte, Dambi Doolloo hanga Asoosaa deemuun magaalota hundatti uummattoota mariisisuu fi tasgabbeessuudhaan, daandiiwwan cufaman akka banaman gochuun, dhaabbileen mootummaa hojii dhaabanii turan hojiitti akka deebi’an, uummatni addaan citee ture akka deebi’ee wal qunnamu, hariiroon hawaasummaa fi dinagdee uummattootaa deebi’ee akka bayyanatu gochuu dandeenyee jirra.
 
Imala keenyarraa gara Finfinneetti akkuma deebineen waan taajjabnee fi gaaffii/roorroo uummatarraa sassaabne bifa gabaasaatiin qopheessinee, aangawoota mootummaa federaalaatiif akkasumas hoogganoota waraana biyyattiif, yaadota furmaataa wajjiin dhiyeessinee, dhimmichaaf xiyyeeffannoon ariifachiisaa akka taasifamu kadhannee jirra. Garuu gurri gaafa sana kadhaa keenya dhaga’u waan dhabameef, walitti bu’iinsa daranuu hammaatee bu’aan isaa waan guyyuu dhageenyu, dhumaatii lammiilee fi buqqaatii ta’eera.
 
Walumaagalatti, hirmaannaa siyaasaa biyya alaatirraa qabaachaa tureen, beekkumsa kiyyaa fi humna kiyya kanin oolche, akkan himannaa kanaan yakkame saboota walitti buusuurratti osoo hin taane, jidduu sabootatti wal dhageettiiniifii wal kabajuun akka jiraatu, nageenyi walqixxummaarratti hundaa’e akka waara’uufii biyyi tun of dura akka tarkaanfattuuf carraaqurrattin beekumsaafi yerookoo oolche.>>
Jechuun himannoowwan isaanirratti dhihatan irra jireessaan himannaa siyaasaa ta’uu ibsuun, hojiiwwan qabatamaafi akkaataan isaan ittiin himataman waliif faallaa ta’u mana murtichaan ibsanii jiran.
Obbo Jawaar Mohammad itto fufuudhaan, qabxii himannaa itti aanus akka armaan graffiti ibsanii jiru.
 
<< Ijoon himannaa 3ffaa fi kan nama kofalchiisu, Jawaar qabsoo hidhannootiin mootummaa buqqisee aangoo qabachuuf dargaggoota ijaaraa fi hidhachiisaa ture kan jedhuudha. Ani siyaasaa Itoophiyaa keessatti hirmaachuu eegan jalqaberraa kaasee kanin ittiin beekamu qabsoo hidhannoo/qawwee leellisuun osoo hin taane, tooftaan qabsoo karaa nagaa (Non-Violent Resistance) karaa qabsoo milkaa’aa fi filatamaa ta’uusaa barsiisuudhaan, waywaatuudhaan, qabatamaanis agarsiisuudhaani kanin beekamu.
Kanammoo warra na himate kana dabalatee uummanni bal’aan Itoophiyaa waanuma beeku dha. Qabsoo karaa nagaa kanin filadhe akkanumatti akka feeteen osoo hin taane, barnoota fi qorannoorratti hundaa’eeni. Yuunivarsitiiwwaan Istaanfoord, Oksifoordi fi Kolombiyaa keessatti hayyoota dhimma kanarratti qorannoo gadi fagoo taasisanirraa beekkumsa yaadrimee fi gochaa akka dansaatti irraa baradhee fudhadheera.
 
Indiyaa hanga Sarbiyaa imaluudhaan dhaabbilee qo’annoo fi qorannoo gaggeessan (Think tank) keessatti hojjechuudhaan hojiirra oolmaa tarsiimoo qabsoo karaa nagayaa irratti hubannoo koo gabbifadheera. Fincila uummataa Biyyoota Arabaa raase (Arab Spring) sanirratti xiinxaltummaan hojjechuuf carraas argadheera.
 
Beekkumsaa fi muuxannoo kanneen irraa horadheetti dhimma bahuun Sirna Abbaa Irree biyya keenyarratti diriiree ture jijjiiruu ni dandeessisa kanin jedhe, tarsimoo qabsoo karaa nagayaa sochii dargaggootaa kan Qeerroo jedhamee beekkamu waliin qindeessuudhaan yeroo gabaabduu keessatti akka sodaatame osoo biyyi hin diigamin, jijjiirama fiduu danda’uun keenya, dhugaa namni hunduu beeku dha.
Kanaafuu, qabsoo karaa nagaa kanin beekkumsa itti qabu, qabatamaanis kanin ittiin bu’aa mul’atu argamsiise dhiisee, sababni ani itti gara qabsoo hidhannootti /qawweetti ce’uuf hin jiru. Gara siyaasaa paartiidhaan gaggeeffamuutti yeroon seenuuf murteessus, sababni ani Koongiresii Federaalistii Oromoo – KFO kan qabsoo karaa nagaarratti waggoota kurna lamaa oliif muuxannoo qabuutti kanin seenuuf murteesses kanumaafi.
 
Gara biyyaatti deebi’ee ergam jiraachuu eegalee booda, himannaan akka jedhutti, qabsoo qawweetiif nama ijaaraa fi of qopheessaa kanan ture osoo hin taane, humna koo fi yeroo koo hunda kanan oolchaa ture, qawween waltajjii siyaasaatirraa akka baasifamuu hojjechuurratti ture. Sirna darbe keessatti, dirreen siyaasaa dhiphifamee, kaayyoo siyaasaa isaanii qabsoo hidhannootiin tarkaaanfachiisaa kan turan, dirreen siyaasaa banameefii gara sochii siyaasaa nagayaatti akka deebi’aniif sirni DDR (Disarm, Demobilize and Reintegrate) akka milkaa’uf namni hamma koo barreessee fi waywaate waan jiru natti hin fakkaatu.
 
Sagantaan DDR kun haala milkii qabuun raawwatamuu dhabuurraa, Finciltootni duraan qabsoo hidhannoo gochaa turan, yeroo lammataaf gara qabsoo hidhannootti deebi’u wayita eegalan kana, wal waraansi (lolli) har’a Oromiyaa gama Lixaa fi Kibbaatti dhiiga dhangalaasisaa jiru kun akka dhufuuf malu sodaa waan qabuuf ture gareen wal waraanan lamaan wal dhibdee isaan jidduu mariidhaan furatanii wal waraansa yeroo lammaffaaf biyya keenyarratti duumessaa’e hambisuuf yaalii ol’aanaa goonee turre.
Anii fi himatamaa 2ffaan Baqqalaa Garbaa Abbootii Gadaa fi Haadholii Siiqqee akkasumas hayyoota waliin taanee, itti gaafatama gareen lachuu nutti kennan fudhannee gara bakka walitti bu’iinsaatti imaluudhaan loltootni kuma tokkotti dhiyaatan gara jireenya nagayaatti akka deebi’an gochuu dandeenyee turre. Nagaa waaraa guutuu ta’e buusuudhaaf tattaaffiin godhame dabaa fi maal na dhibdee aangawoota mootummaatiin milkaa’uu hanqatullee hanga humni keenya hayyame, garaa qulqulluu fi miira jaalala biyyaatiin dirqama lammummaa bahannee jirra. Hojiin kunis qabatamaan hammam qabsoo karaa nagahaatti akka amannuuf ragaa guddaadha. >>
 
Jechuun sagalee waakkiifi amantaa isaanii kan dhageessifatan Obbo Jawaar Mohammad, xumurarrattis dubbii jabduu gurra hordoftoota dhaddachaa qeenxee dubbatanii turan. “Kan hamatamee nuyi Osoo hin taane, kaayyoo qabsoo Oromooti” kan jedhan Obbo Jawaar, dubbio xumuraa akka itti aanu kanatti mana murtiif seenessan.
 
<< Guduunfuuf, akkuman seensarratti ibse dubbiiwwan sobaa himannaa kana keessatti kan hammataman, ana qofa osoo hin taane qabsoo bilisummaa ummata Oromoo xiqqeessanii jibbisiisuuf, akkasumas maqaa xureessuuf barbaadameeti.
Bara Mootii Hayilasillaasee yeroo qabsoon kun eegalamerraa kaasee ummatni Oromoo wayita saamicha dinagdee, cunqursaa siyaasaa fi gocha eenyummaa isaa balleessuu ofirraa faccisaa turetti, qabsoon isaa kun akka jibbamuuf saboota biraatti farrajamee itti duulamaa ture.
 
Tarsimoon qabsoo Oromoo busheessuu fi maqaa xureessuu himannaa kana keessattis sirritti calaqqisee jira. Oromoon Qaalii keenya Artist Hacaaluu Hundeessaa ajjeestotaan of jalaa dhabee osoo jiruu, achi boodas kan kumootaan hidhames Oromoma ta’e. Ololli guddaan (pirooppaagaandaan) kan irratti godhames Oromoo dha. Qaama mootummaa kan ta’e Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gabaasa dhiyeenya baaseen ajjeechaa Artist Hacaaluu hordofee rakkoo uumameen namni 123 du’anii harki wayyabni ammoo Oromoota ta’uu agarsiisa. Kanneen du’an keessaas harki caalu/wayyaba kan ta’an humnoota mootummaa (poolisiidhaan) ajjeefamuu mullisa. Ajjeechaan irra guddaan kan raawwatame mootummaadhaan ta’ee osoo jiruu, sabaahimalee mootummaa fi kanneen birootiinis akka Oromoon
 
fixiinsa sanyii raawwateeetti, duula pirooppaagaandaa bal’aa ummaticharratti taasisanii jiru. Duulli miidiyaadhan farrajjuuf godhamus ta’ee, himannaan kun akeekni isaa, Oromoo ofiifuu miidhamaa ta’e kan miidhaa geessise fakkeessee dhiyeessuun mataa gadi qabachiisuu fi afaan qabsiisuuf, ummattoota biraa birattis akka sodaatamuu fi jibbamu gochuudhaan dhageettii fi amanamummaa dhabsiisee sirna cunqursaa fi ukkaamsaa itti fufsiisu dha.
 
Kanaafuu, akkuman armaan olitti bal’inaan dhiyeessuuf yaale, himannaan kun natti banamee kanin hidhamuu danda’e, dhugaadhaan yakkoota jedhaman kana raawwadhee osoo hin taane, paartiin aangoo mootummaarra jiru anaa fi paartii koo mala malteedhaan waan hin jirre funaanee filannoo keessaa, keessattuu ammoo Oromiyaa keessaa nu baasee dorgomaa/morkataa tokko malee moo’ee aangoo qabatee itti fufuuf fedhii olaanaa qaburraa kan madde dha.
 
Dhugaa kana Mana Murtii kanatti ergan dhiyaachuu eegalerraa kaasee waanuma irra deddeebiidhaan ibsaa tureedha. Himamnaan anaafii wahiillan koo irratti baname kun guutumaan guututti himannaa siyaasaa akka tahe, bu’uurri isaas anaafii dhaaba siyaasaa koo filmaata biyyoolessaa as deemaa jiru keessaa baasuudhaan aangoo isaanii tursiisuudha. Ammas irra deddeebi’ee kanin dubbadhu, kan Ummanni kiyyas sirritti ni beeka jedhee amanu, ani hidhamaa siyaasaati malee nama yakka tokkos hojjatee hidhame tahuu dhabuu kooti.”