Namni qalbii qabu, dhoqqee keessa dhaabbatee ‘uffatikoo Adiidha’ hinjedhu.

Namni qalbii qabu, dhoqqee keessa dhaabbatee ‘uffatikoo Adiidha’ hinjedhu.

Qalbeessaa Dhangi’aatiin!
Mudde 16,2019
Finfinnee Oromiyaa

Warri ofiifuu qulqullaa’uu isaan barbaachisu “ani qulqulluudha” jechuutu hanga ammaa furmaata biyyattii maseense. Kanneen hanga ammaa qaamni isaanii laaqii jallinaan xuraa’ee jiru hanga qulqullaa’anii haqaan daandii sirrii hinqabannetti nagaa biyyattiif hawwuutu hindandaa’amne. Rakkoon akka isaan hinqulqulloofne taasise ammoo, akka xuraa’an dagachuu isaaniiti. Qaamni xuraa’aan ani qulqulluudha utuu jedhuu eenyu haa qulqulleessu, eenyuus akka inni qulqullaa’uuf haa hojjeturee? Sanuu rakkoo qaama xuraa’aa kanaa, inni guddaan; ani qulqulluudha jedhee of dhaaduu qofa utuu hintaane, qaamuma xuraa’aa isaa sana laaqii uffatee qaama isaa fudhatee gabaa namaa seenuu isaati. Erga danooma namaa gidduu dhaabbatees “ebelu xuraa’aadha” jedhee namatti quba qabuun isaa ammoo kan caaludha. Yeroo akanaa bakka isaa qaanofnee qummaadnee ilaaluu qofa, afaan qabannee taajjabuun gahee keenya ture. Uummatni bacaqi bahee jirus xurii isaa irraa kan argaa jiru gaafa inni qulqulluu of godhee qaama uummataa of fakkeessuuf bukumsu, qaama qulqulluu qaama uummataan ammoo inni xuraa’aadha jedhee yoo geeraru harka isaa afaan irra kahatee “ofii qalbii qabaay? Ija argu qabaa namni kun” jedheetuma taajjabee ilaale.

Qaamni xurii isaa qulqulleeffachuu dadhabe laaqii keessa dhaabatee gaafa harka isaa facaasu dhoqqee qaamota qulqulluutti facaasuuf yaaluu eegale san dubbiin bade. Qaamni dhoqqeen of faale kun waa lamaan uummata balleessuu yaalaa jira. Ka jalqabaa qaama qulqulluu shiraan xureessuuf humna qabu mara fayyadamaa jira. Kaan ammoo qulqullaa’ee adeemuu irra qaama isaa xuraa’e sanaan gabaa namaa fokkisisaa jira. Qaamota qalbi dhabeeyyii akkanaatu siyyasa keenya siyyaasa Oromoo keessa jira.

Qabsoo Oromoo kan sakaalee warreen laaqiin of faalanii, laaqii isaanii of irraa dhiqatanii qulqullaa’uu kan qaban qaama biraa xureessuun badii ofii keessa seenan irratti kanneen badii haaraa uumantu qabsicha naaffisuuf gahee taphate. Ammas taanaan namooni yakkaan of xureessan yakka isaanii sana of irraa qulqulleessanii gara uummata Oromootti adeemuu irra kan duraan olitti ‘sila badne’ yaada jedhu qabatanii yakka jajjabaa, uummata saamuu, uummata ajjeesuu, mana uummataa gubuu, mootummaa keenya jiraachifna jedhanii jireenya sabaa warra mancaasantu, yakka dabaa kanneen dalagantu wiirtuu furmaataa nu duraa qa’isiise.

Dhaabni Oromoo addi bilisummaa Oromoo dhaaba dantaa siyyaasa isaaf utuu hintaane dhaaba dantaa uummataaf dhaabbatee nageenya Oromoof Oromiyaa tiksuu bu’uura godhachuun nagaa saboota biroos eeguuf dhaaba qabsaa’u hadheessuu yaaluudhaan, nii fooyyofna nii jabaanna jedhee qaamnii yaadu qaama Oromoo waliin wal dhabuu barbaadu qofa. ABO’n dhaaba of himu ykn of himuuf qabsaa’u miti dhaaba hojjetee firiin hojiisaa qofti akka argamuuf qabsaa’udha. Isa kana bu’uureffatanii hojii isaa busheessuun uummata biratti nii jibbisiifna qaamni jedhee hojjetu of dhamaastota. Har’as taanaan tokkummaa uummata isaa Oromoo jabeeffatee uummata irraa roorroo deebisuun biyyattiitti duumeessa nagaa uwwisuuf qabsaa’aa kan jiru ABO’n, akeeka isaa aanja’aaf akeeka abdachiisaa nageenya biyyattii tiksuu qabatee jiru jabeessee hojjetaas jira.

Har’a gama paartilee Oromootiin walitti dhufee waan Oromoo fayyadu kamuu waliin hojjechuuf karri isaa karri ABO banaa ta’uu yeroo garaagaraatti ibsaa jira. Tokkummaa sabni dheebotu sana dhugoomsuuf halkanii guyyaa hojjetaa kan jiru, hanga daandiin nagaaf tasgabbii Oromoo mirkanaa’utti of kenniinsaan qabsaa’uu akka qabus yeroo garaagaraatti dubbataa jira. Dhaaba akkanaa dhaaba nagaa jaallatuuf, dhaaba nagaa uummata isaa, bilisummaa saba isaa fi guddina biyya isaa Oromiyaatti dhaaba amanu ABO uummata waliin wal jibbisiifnee akkuma shira baroota 1990 keessaa sanatti waraabeessa fakkeessina jedhee humni socho’aa jiru akka jiru nii hubanna. Humnootiin kun kanneen yakkaan of xureessan, kan of qulqulleessanii gara uummataatti deebi’uu malan dhaaba uummataa dhaaba yakkamaa balaaleffatu balleessina abjuu jedhuun kanneen carraaqanidha. ABO’n qaama yakkamaa keessattuu qaama uummata irratti yakka hojjetu waliin waliif diina. Qaama uummata miidhuuf qaama uummata dhabamsiisuu irratti hojjetu ABO’n dura dhaabbatee yakkamaan yakka isaa akka dhaabu dhaaba qabsaa’aa tureef qabsaa’aa jirudha. Haala kana keessatti diinni ABO yakkamoota uummataa ta’uu hubachuu barbaachisa. Yakkamaan yakkaan biyyattii quucarse kamuu ABO waliin waliif diina. Isa kanaaf yakkamaan as deebi’ee qulqulluu of fakkeessee, humna qabuuf maallaqa qabuun yakka isaa haguuggatuu barbaadu yeroo garaa garaatti duula jallinaa ABO irratti banaa as gahe. Duulli kun akeeka uummata saamuu fi uummata dhabamsiisuu sanaan itti fufsiisa jechuun dhaadannoo yakkamaa irraa madda.

Qaamoleen leeleen yakkaa laphee isaanii irraa argamu, qaamoleen yakkaan of xureessan qulqullaa’anii gara uummataatti yoo hindeebi’in yoomuu ABO waliin walii galuu hindanda’an. ABO’n yakki uummata irratti raawwatamu kamuu daangaa akka godhatuuf, nagaan uummataa akka mirkaa’uuf adda durummaan qabsaa’a.

Maayii barruu kiyyaatiin namni qalbii qabu, dhoqqee keessa dhaabbatee ‘uffatikoo Adiidha’ hinjedhu. Qaamolee siyyaasaa ta’ee qaamni dhugaan uummataaf dhaabbatu ABO hinbalaaleffatu. Yoo qaamolee siyyaasaa sun uummata miidhuuf kan hundaa’an ta’een ala, qaamni uummataaf dhaabbatu kamuu ABO diinoonfata jennee hinilaallu. Ammoo qaamoleen siyyaasaa ABO balaaleffatan akkuman olitti jedhe kanneen harki xurii ta’uu mala. Addi bilisummaa Oromoo duula kamuu injifatee nageenya biyyattii hongaa’etti lubbuu horee nageenya waaraa dagaagsuuf akkuma hojjetaa jiru ammas cimee nii hojjeta.

Injifannoon uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Mudde 16,2019
Finfinnee Oromiyaa