Nama akkanatti ummata keenya fixaa jiru kana beekuu fi gocha isaa galmeessuun barbaachisaa dha. Yeroon seeratti dhiyaatee adabamu fagoo miti!

Nama akkanatti ummata keenya fixaa jiru kana beekuu fi gocha isaa galmeessuun barbaachisaa dha. Yeroon seeratti dhiyaatee adabamu fagoo miti!


Seenaa Yohaannis Fiixee (1975-2019) gabaabaatti.
Yohaannis Fiixee jedhama. Kan inni dhalate abbaasaa Obbo Fiixee Yaadataa irraafi haadhasaa Aadde Alamiituu Daaqaa irraa bara A.L.H 1966 (ALO bara 1975) tti Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Yamaalogii Walal Ganda Awusaa Saasii Bakka Masaraa jedhamtu keessatti dhalate. Abbaan Yohaannis ijoollee 17 qaba. Yohaannisis abbaa isaatiif mucaa dhiiraa 2ffaa yammuu tahu hangafoota durbaa lamaafi dhiira tokko of fuulduraa qabaachuudhaan ofiisaatii 4ffaa irratti dhalate. mucaa Umriin isaa barnootaaf yoo gahu mana barumsaa kutaa 1-4 Ganda Heellanche jedhamutti kan barate yoo tahu kutaa 5-8 Mana barumsaa Gomoritti akkasuma kutaa 9-10 immoo Aanaa Haawwaa Galaan magaalaa Gabaa-Roobii mana barumsaa barumsaa Gooticha Oromoo Buraayyuu tti baratee xumure.

Barnoota isaa akkuma xumureen fedhiifi hawwii yuuniversitii galuu qabaatus sababa abbaan isaa Oromummaa isaa qofaaf jibbamee saroota wayyaaneetiin ariyamee waan biyyaa baafameef maatiifi obboloota isaa warra quxusuu guddisuufi barsiisuu akka dirqamaatti fudhatee barnootatti nagaa dhaame.
Achumaan niitii fuudhee maatiis horatee abbaa ijoollee 4 ture. Dhiira 3 dubara 1 maqaansaaniis
1.Biqiltuu
2.Eebbisaa
3.Damee
4.Qananiisaa jedhamanii waamamu.

Yohaannis hojii daldalaafi qotiisaa irratti bobba’uudhaan maatii abbaasaafi ijoollee isaa jiraachisaa ture. Erga guddatee jalqabees roorroofi cunqurfamuu saba isaa irra gahu argee akkuma abbaa isaa balaaleffachuu jalqabe. Balaaleffachuu qofa utuu hin taane yeroo adda addaatti qaamota mirga saba Oromootiif falman waliin dhoksaafi mullinatti falmii hadhaa’aa geggeessaa ture.

Yohaannis nama garraamii,arjaafi gara laafessadha. Maatiin inni irraa dhalate maatii Oromummaadhaaf quuqamaniifi hanga har’aattis Oromummaa isaanii qofaaf maatii gidiraa guddaan irra gahaa jiruudha. Cunqurfamuun isaanii kunis Yohaanisitti waan booree galcheef obsee ilaaluun itti ulfaate. Kanumarraa ka’uudhaan dhoksaatti dhaabota bilisummaa Oromoo kanneen akka ABO waliin tahuun bulguu dhiiga uummata keenyaa dhugaa ture biyyeetti dabalaa ture.

Yohaannis gara laafessa tahuu isaarraan kan ka’e nama kamiinillee kabajaaf ulfinaan simata ture. Yeroo harka basaastotaatti kufee dabarfamee harka saroota wayyaaneetti kennamaa tures Oromummaa isaatti utuu hin qaana’in ija jabinaan falmataa ture. Mana hidhaatti reebichi hamaan,dheebuun,beelli, daaruun isa dadhabsiisuu hin dandeenye. Haalli garagaraa utuu isa hin jilbeeffachiisin hanga wareegametti lubbuu isaa kennee qabsa’aa ture. Bara fincilli diddaa garbummaa akka malee ho’ee finiinettis wayyaaneef utuu hin gugguufin qeerroo hiriirsee falma jabeessaa tureera.

Hojiin isaa kun jela deemtota wayyaaneefi buchulloota isheetti mata-dhukkubbii hamaa ta’ee taa’uuf ijaajjuu waan dhorkeef Yohaannisitti sababa dharaa barbaadanii hiisisaafi rakkisaa turan. Qeensa miillaa isaa kan miillaa mirgaaf bitaa tumanii erga irraa caccabsanii booda kana booda afaansaa qabaatee ta’a jedhanii yaadanis inni lafuma dhukkubsatee taa’utti falmachuu hin dhiisne ture.

Hawaasa keessa jiraatu biratti yohaannis baay’ee jaallatamaa akkasuma arjoominaafi garraamummaa waaqni isa badhaaseen ilmaan namootaa faaraa tolaadhaan ilaalaa. Kanaanis isa xiqqaarraa hanga isa guddaatti hundumtuu onneesaarraa isa jaallata.

Baroota 1985 hanga 2003 tti yeroo garagaraatti dararaa mana hidhaatti isa mudateen nan sodaadhe jedhee hin teenye. Maatii isaa waliin gammadee, jireenya isaattis bashannanee jiraachuu utuu danda’uu garuu bilisummaa sabasaa,maatii isaa, ilmaansaatiif jecha qannoo dhiisee falmachuu filate.

ABO deggertanii nyaataaf dhugaatii dhiyeessitanii qallabaa jirtu himata jedhuun Abbaasaa Obbo Fiixeefi Haadhasaa Aadde Alamiituu,obboloota isaa dhiiraaf durbaa hunda walitti qabuudhaan reebicha dabalatee hidhaan maatii Yohaannisiin boqonnaa dhowwachaa ture.

Gidiraan gidiraa dabalachuudhaan itti hammaataa adeemus Yohaannis dullaa wayyaaneetiif gad-hin jenne. Ittuma fufuudhaan qabsaa’ota ABO kan akka Jaal Baqqalaa Caaliifi Jaal Dimbaashaa Lemmoo jedhaman biratti tooftaa dhukaasa adda addaa baratee isaanuma waliin dhoksaatti bosona bowwaa kan naannoo gaara walalitti argamtu keessatti socho’aa ture. Waggaa 25 oliif isaaf maatiin isaa rakkoo hammana hin jedhamne arganis gidiraa kamiin iyyuu keessatti maatii goototaa turan.

Utuma kanaan jiruu bara 2018 erga dhaabni ABO gara biyyaa seenaniis ifatti Abbaa Duulaa naannoo masaraa ta’uudhaan uummata Oromoo naannicha jiraatuuf harka mirgaa ta’ee falmaa cimaa taasiseera. Deggersa qofa utuu hin taane sodaa tokko malee jajjabee ta’ee wayyaanee garaashee gubaa ture.

Haaluma kanaan gaafa guyyaa 29-9-2019 galgala sa’aatii 11 irratti maalif ABO deggerta sababa jedhuun loltoonni raayyaa ittisa biyyaa mana isaatti marsuudhaan haadha manaa isaafi ijoollee isaa reebanii erga caccabsanii booda obboleessa Yohaannis Nabiyyuu Fiixee jedhamus hidhanii Utuu daa’imoonni xixxiqqoon garaa nama nyaattu “abbaakooo abbaakoo” hin ajjeesinaa jettee watwaattuu gara jabeenyaan rasaasa jahaan qaama isaa tumanii galaafatan.

Yohaannis lubbuun darbus, seenaan isaa, hojiin isaa bara baraan dhaloota biratti kabajaan yaadatama. Lubbuun isaa qabbana keessa haa jiraattu. Gumaan goota kanaa Bilisummaa Oromootiin baha!
Qabsaa’aan ni kufa; qabsoon itti fufa!!

Dábessá Gemelal


Odeeffannoo: Tarkaanfii Ijibbaataa OPDO Tibbanaa

“Baadiyyaa Bakka Hundaatti Walgahi Uummataa Dirqamaan Kan gaggeessaa jiru Rayyaa itti Biyyaati. Waraanni ulee fudhatee akka Waraanaa Dargi reebee walgahi nama yaasaa jira.

Haala Komaandi Lixaa fi Kibba Oromia.
Yeroo Darbe Komaandi postiin Leenji Hoggansa Bulchiinsa Sadarkaa Gandaa Guutuu Oromiyaatti Leenji Guyyaa 10niif Dhimma Caasaa Gandaa deebisani ijaaruu irrati Ganda tokko irraa nama saddeti(8)filani leenjisani hojiitti bobbaasani turan.
Haata’u malee namoonni kun utuu waan itti leenji’an kana hojiirra hin oolchin achumaan dhiisani hafan. Namoonni leenji’a kun dubbii hamtuu kanaan Uummata keenya dararaa dabalaataa keessaa hin galchinu jechuun didan.
Dabaalataan haala yeroo keessaa hin gallu jedhani baayyeen isaani hojicha didan; kaan hidhaman; kaan immoo hojicha dhiisani magaalaatti galani ta’aa jiru.

Haata’u malee#Tibbana immoo OPDOn tarkaanfii ijjibbaataa fudhannee ammas deebifnee tooftaa jijjiirree ammas Bulchiinsa Ganda deebiifnee ijaarraa jedhani Walgahii Sadarkaa Aanaatti waamanii maree eegalani jiru.

Haaluma kanaan namoota bara mootummaa TPLF (Wayyaanee) Muuxannoo hoggansaa Caasaa Gandaa qaban Caasaa OPDO Moofaa Kaabinee Gandaa Durii fi Caasaa milishootaa durii kan yeroo amma hoji dhiisani Uummatatti makamani baadiyyaa keessa jiraachaa jiran Deebisani Caasaa Gandaatti filaa jiru.
Tooftaan kana Aanaalee akka Godina Qellem jalaa Aanaa jiran hunda jalatti tooftaa kanaan deebisaani Caasaa durii filaa jiru. Kana malees G.W.Lixaa Gimbi jalaas aanaalee akka Gulisoo,Haaruu,Hoomaa ,Ayira,Mandi,Qondaalaa,Qiltu kaarraa,begi.Najoo,Lataa etc.dhaa Caasaalee gandaa bara wayyaanee basaastummaan nama hiraarsuu fi dararuutiin muuxannoo hoggansaa gandaa cimaa qaban dirqamaan Uummanni walgahi bahee deebisee akka filatu godhani hojjetaa jiru.”