Nageenya Oromiyaa: Uummanni Godina Qellem Wallaggaa haala akkamii keessa jira?

Above Single Post

Nageenya Oromiyaa: Uummanni Godina Qellem Wallaggaa haala akkamii keessa jira?

Magaalaa Dambi Doolloo

(bbcafaanOromoo)—Namoonni dhalootaan Godina Qellem Wallaggaa ta’an kanneen kutaalee biyyattii garaagaraa fi biyyoota alaa jiran haala maatii fi firoonni isaanii keessa jiran irratti ammallee yaaddoosaanii ibsachuu itti fufaniiru.

Godinaalee Lixa Oromiya jiran keessattuu Qellem Wallaggaa fi Wallagga Lixaatti bilbillii fi interneetiin baduu Amajjii darbe gaafa guyyaa 06,01,2020 irraa eegallee gabaasaa turre.

Rakkoon kun ammallee nuuf hin furamne jedhu namoonni garasii fira qaban.

Sababa kanaan maatiirraa adda kan citan geejjibaan deemanii maatii ilaaluuf kan murteessanis jiru.

Konkolaataadhaan deemanii ilaaluufis rakkoon geejjibaa kan isaan mudatee ture ta’uu dubbachaa turan.

Qaamolee geejjibaaf konkolaataa bobbaasan keessaa geejjibni Odaa Baas konkolaataa baay’inaan gara Qellem Wallaggaatti bobbaasuudhaan beekama.

Hoogganaan Aksiyoona Geejjiba Odaa Obbo Eebbisaan konkolaattota Odaa Baas kanaan dura erga konkolaattonni bobba’anii karaa qabatanii interneetiidhaan hordofaa akka turan ibsanii erga tajaajilli interneetii addaan citee garuu rakkoon nu mudateera jedhan.

Rakkoo mudateen tajaajilli geejjibaa kennan addaan citee akka hin beekne kan dubbatan hoogganaan kun garuu rakkoo nageenyaarraa kan ka’e karaarratti qormaati nu mudataa jira jedhan.

”Konkolaataa wayita bobbaasnu kallattiidhaan interneetiidhaan quunnamnee hordofaa turre. Yoo rakkoon teekinikaa mudates asuma teenyee sirreessaa turre. Amma garuu hamma konkolaataan keenya Dambi Doolloo ga’ee deebi’utti waan isa mudatu quba hin qabnu. Kanarra kan hafe garuu tajaajila geejjibaa addaan kutnee hin beeknu.”

Namoonni Tibbana Qellem Wallaggaa deemanii turan maal argan?

Magaalaa Finfinnee kan jiraatuu fi maatiisaa waliin erga wal argee ji’a tokko caaluu kan dubbatu namni maqaansaa akka eeramu hin feene tokko Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Daalle Waabaraa ganda Daalle Geecoo deemee maatiisaa ilaaleera.

Kaleessa maatiisaa biraa gara magaalaa Finfinnee kan dhufe namni kun ”yaaddoon maatii kootii natti cimee jennanin rakkoon jiraachuu osoon beekuu geejjibaan deemee deebi’e” jedha.

”Daandiirratti bakka hedduutti sakatta’amta. Waraqaa eenyummaa nama gaafatu. Eessa deemta jedhanii nama qoru. Akka carraa ta’ee namni waraqaa eenyummaa harkaa hin qabne bakka geeffamu hin beekamu.’ jedha namni kun.

Sa’atii 12 booda sochiin waan hin jirreef konkolaataan bakkuma jirutti dhaabbatee achuma bula jedha.

Maatiinsaa akkanni dhufaa jiru osoo hin beekin mana ga’uu kan dubbate namni kun ”ergan galees maaliif yaaddoo nageenyaa kanatti dhufte jedhanii naan lolan” jedhe.

Akka namni kun jedhutti maatiin dargaggooti akka biyyaa baqatan dirqamsiisu, qaamoleen nageenyaa dargaggoota arginaan bira hin darban.

”Yeroo ammaa uummata magaalaa caalaa uummata baadiyyaatu yaaddoo keessa jira. Raayyaan ittisa biyyaa humna hidhatee bosona jiru barbaacha baadiyyaa weeraree jira. Qaamoleen hidhatan lameen wayita wal waraanan hin argaman. Garuu ol deebi’anii uummata dararu. Maatii koo shiftaa, shanee fidi jechuun dararan. Mana sakatta’anii haadha koo fi abbaa koo sodaachisan.” jechuun waan irra ga’e dubbata.

”Manneen baadiyyaa keesa jiran horii waliin gubatu, namni bakkumatti ajjeefama, baaburri midhaan daaku ni gubata, daraggeessi adamfamee dararama. Abbaan maatii ilma kee fidi yookiin maallaqa kaffali jedhama” jechuun waan arge hima, waan raawwatamaa jiru baqatee akka Finfinneetti deebi’es dubbata.

Namni biraan Aanaa Gidaamii irraa baqatee magaalaa Naqamtee keessa jiru tokkos haala naannoosaa nuuf qoodeera.

”Humnootii nageenyaa mootummaa (komaadi postii) baqadheen Naqamtee seene. Asitti na hordofu. Ergan ba’ee maatii koo quba hin qabu. Haalli nageenyaa achi jirummoo akkaan hammaataadha. Hidhattoonni bosona jiranii fi kan mootummaa walitti hin dhukaasan. Warri komaadi postii garuu shanee fidaa jechuun uummata dararu.’ jedha.

Uummanni naannoo isaa sodaa fi sururii keessa akka jiraatu kan hime namni kun ”humnoonni hidhatan akka fedhanitti nama adabu. Karaadhumarraa nama waamanii si jilbeenfachiisanii si tumu.

Yoo barbaadan si fuudhanii si balleessu. Yoo fedhan si ajjeesu. Murteen hundi harkasaanii jira.” jedha namni kun.

Haala maatiin koo keessa jiran wayitan yaadadhu akka nama hirmii nyaateettan of ilaala kan jedhu namni kun bilbilli mobaayilaa tasuma kan hin hojjenne ta’ullee bilbilli manaa(Landline phone) garuu darbee darbee magaalaa Dambi Doolloo keessaa ni hojjeta jedha.

Karaadhuma sanaan nama Gidaamiirraa Dambi Doolloo dhaqurraa waa’ee maatiisaa akka iyyaafatus dubbata.

Godina Qellem Wallaggaatti ooyiruun qonnaan bulaa hundi bosonaan marfamee kan argamu ta’uu kan himan namoonni dubbisne kunneen qonnaan bulaan sodaa nageenyaarraa kan ka’e gara ooyiruusaa deemuu dhiiseera jedhan.

Keessattuu utubaa jiruu fi jireenya uummata Godina Qellem Wallaggaa kan ta’e buna oomishuun waan yaadamu miti jedhan.

”Bara kana bunni hin aramamne, kan ija godhates namni deemee irraa cirachuu sodaateera. Kanaafuu oomishi bunaa lafumatti harca’ee bade. Namuma kanaan dura sooressa turetu amma rakkoo himachaa jira. Kun yaaddoo keessa nu galcheera” jedhan.

Mootummaan Bulchiinsa Komaad Postii labsuu akkasumas tajaajila interneetii fi bilbilaa addaan kan kuteef nageenya naannoo kanaa eegsisuuf ta’uu ibsaa ture.

Haata’u malee bulchiinsi komaand postii bu’uura seeraa malee akka labsamee fi cufamuun bilbilaa interneetiis mirga lammiilee sarbuudha jechuun qeequmsi mootummaarratti heddummaateera.

Godina Qellem Wallaggaarraa erga tajaajilli bilbilaa addaan citee Aanaalee Godinichaa kanneen akka Anfilloo, Gidaamii, Daalle Waabaraa fi Gawoo Qeebbee keessatti namoonni ajjeefamaniiru.

Tarkaanfii fudhatamaa turerratti yaadasaanii feesbuukiisaaniirratti kan barreessan qondaalli Paartii Badhaadhninaa kan damee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa mootummaan shiftaarratti tarkaanfii fudhate, shiftaa waliin mariin nageenyaa gaggeessinu homaatuu hin jiru jedhanii turan.

Tibba darbe miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa gaaffii ka’eef deebii kan kennan Ministirri Muummee Abiy Ahmad garuu qaama hidhatee socho’u waliin karaa nagaan mari’achuuf ammallee mootummaan qophiidha jedhanii turan.

Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa gaaffii fi deebii Raadiyoo Sagalee Ameerikaa sagantaa Afaan Oromoo waliin taasisaniin mootummaan qaamolee hidhatanii bosona jiran waliin mari’achuuf qophiidha jedhan.

Dhimma kanarratti abbootii gadaa, hayyoota Oromoo fi jaarsolii biyyaa waliin mari’annee gara rakkoon kun jirutti imaluuf jirras jedhaniiru.

Sodaa nageenyaarraa kan ka’e Godina Qellem Wallaggaa fi Wallagga Bahaa irraa namoonni gara naannolee ollaatti baqachaa jiru.

Namoota qe’eesaaniirraa baqatan deggeruu fi qe’eetti deebisuurrattis ni hojjenna jedhan Obbo Geetaachoon.

Below Single Post

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.