Nadhii Gammadaa: Lafeen qotamee bahe kan Nadhii Gammadaatii?

Nadhii Gammadaa: Lafeen qotamee bahe kan Nadhii Gammadaatii?


Bitootessa 15, 2019 (BBC Afaan Oromoo) — Nadhii Gammadaa achi buuteen isaanii erga dhabamee waggoonni hedduun darbaniiru. Iddoo kanatti lubbuun argamaniiru, iddoo kaanitti ammoo awwaalchi isaanii argameera oduun jedhu yeroo garagaraatti as bahuun marii ijoo ta’a.

Guyyaa kaleessaas (Kamisa) Nadhiin iddoo awwaalame jedhame Godina Baalee Aanaa Raayituu keessaa lafeen isaanii qotamee baheera.

Hojii kanas adda durummaan kan hoogganaa turan Itti Gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Birgaader Jeneraal Kamaal Galchuu, odeeffannoowwan gama maraan sassaaban qoratanii bira akka gahan dubbatu.

Dhuguma lafeen qotamee bahe kun kan isaaniitii? Akkamitti mirkaneeffachuu dandeenya? kan jedhu gaaffii namoota hedduu taheera.

”Waan abdii nu kutachiisu dhageenye”

Obbo Amaan Usmaan Roobaa obboleessa Nadhii Gammadaati.

Nadhiin Gammadaa maqaa qabsoo isaa tahuu nutti himanii maqaan dhalootaa isaa Qaasim Usmaan Roobaati jedhan.

Obbo Amaan akka odeeffannoo qabnutti Nadhiin, ALA 1997 Arba Guguutti qaama mootummaan qabamee Finfinnee geeffamee ture jedhanii, ergasii eessa akka jiru homaa odeeffannoo dhageenyee hin beeknu jedhan.

”Hanga ammaa guyyaa tokko lubbuun yoo jiraate ijaan ni argina jennee obsinee turre. Kaleessa garuu waan abdii nu kutachiisu dhageenye.”

Jeneraal Kamaal Galchuu odeeffannoo arganneerra naannoo Baalee Aanaa Raayituutti ajjeefamee awwaalamuu isaa kan argisiisu adda baasna jennaan, bakkicha deemne jedhu Obbo Amaan.

Baalee aanaa Raayituu yommuu gahanis maanguddotni kaan Nadhiin dargaggoo waggaa 17 tokko waliin naannicha akka dhaqee fi akka argan himanii, ”maqaan dhalootaa koo Qaasim Usmaan Roobaa, maqaan qabsoo immoo Nadhii Gammadaa, hogganaa ABOti,” jedhee nutti himee ture jedhanii nutti himan jedhan.

”Meeshaa uummata Oromoo fayyadu waanan as kaa’eeru jira waan taheef, fudhachuuf dhufeera. Yoo na ajjeesaniif meeshicha hin balleesiinaa eegaa,” jedhee akka uummatatti dubbatee ture nutti himan jedhan manguddoo waggaa 70 obboleessi Nadhii Gammadaa.

Yeroodhuma sana humni waraanaa mootummaas farra uummataa warra tahan jechuun, qabanii dargaggoo waliin tures konkolaataa ‘Pickup’ irra baasuun ajjeesuun boolla tokkotti akka awwaalan kaleessa dhageenye jedhan.

”Yoo dhuguma isa tahe awwaallanneeti sabirii goona”

Kaleessa yommuu bakkicha deemanis manguddoota biyyaa eeyyamsiisuun, lafee isaa qotanii boolluma tokko keessaa kan namoota lamaa akka baasan himanii, alatti qoratamee akka adda nuuf bahu barbaanna jedhan.

”Yoo dhuguma isa tahe awwaallanneeti sabirii goona, jechuun obsina kaa! Uummanni illee akka obsu.

Yoo kan isaa miti tahe immoo biyyatu nuuf eeyyame mitiiree deebisnee awwaallakaa.”

Obbo Amaan jiraattotni naannichaa namoota ajjeefaman beekna Nadhii Gammadaa miti jechuun mormanis jiru jedhan.


Odeeffannoon kun akkamiin dhokatee hanga kana ture osoo namoonni odeeffannoo qabanii kan jedhuuf tasuma waantahu nutti hin fakkaanne jedhan.

”Odeeffanno akkanaa kana dhagahee hin beeku. Arba Guuguutti qabamuu uummatni kan nutti himaa ture malee.

Guutamaan Baalee deemee achitti du’uu isaa fi Nadiin waraana keessaa hojiif bahee masjiida warra sheeka Guuguu jedhamu bulee achitti qabame kan jedhu qofa dhageenye jedhan.

”Nadhiin maatii [zarii] bal’aa nama qabudha. Ofii koo dhiyeenya kana lakkaa’eera. Maatiin keenya namoota 141 tahu. Beektota, namoota baratantu nu keessa jira. Akkamitti nu dhokatee tura.

Shakkii jiru

Kaan garuu lafeen qotamee bahe kun kan Nadhii Gammadaa tahuu daran shakku.

Jiraataan aanaa Raayituu maqaa isaa himuu hin feene tokko akkas jedhe ”awwaalli qotame kan eenyu fa’a akka ta’e ni beekna.

Miseensota Adda Bisummaa Oromoo 2 tu achitti awwaalame. Kan jaal Nadhii miti,” jedhu.

Waarana Mootummaa fi Loltoota Bilisummaa Oromoo gidduu tureen, Tullee Daadhii fi dhalataa Aanaa Raayituu kan ture Gumaabaas Furgaas ta’uu hawaasni naannoo fi mootummaanis ni beeku,” jedha.

‘Awwaalli sun kan Nadhiiti jedhanii uummatatti himuun sirrii miti’

Bakka isaan itti wareegamanitti awwaaluuf haalli mijataan waan hin turreef, akka bineensi hin nyaannee hawaasni dhokatee awwaalee ture.

Awwaalli sun kan Nadhiiti jedhanii uummatatti himuun sirrii miti jenna.”


Itti Gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Birgaader Jeneraal Kamaal Galchuu, miseensa koree qorannoo gaggeesse keessaa isaan tokko.

Koreen kunis maatiifi hiriyoota Nadhiin kan hundaa’efi mootummaa waliin hidhata kan qabu miti.

Bu’aa kanarra kan gahanis odeeffannoo namootarraa argameen, akkasumas suuraa erga Nadhii Gammadaan wareegamee ka’e jedhame ilaaluunifi odeeffannoo kanneen biroo sassaabaniin tahuu BBCtti himaniiru.

”Namoota yeroo dheeraaf dhimma kana hordofan, odeeffannoo harkaa qabanis argannee waliin mari’annee, maatii waliinis mari’achuun murtee kanarra geenye, ” jedhu Birgaader Jeneraal Kamaal.

Kana malees, maanguddoo biyyaa fi caasaa mootummaa achi jiran waliin marii gooneerra jedhu.

Odeeffannoowaan kanneen hunda walitti erga qabanii booda, gara iddoo jedhamutti dhaquun lafee qotanii akka baasan dubbatu.

Haa tahu malee hanga ammaatti guutummaatti mirkaneeffachuun hin danda’amu jedhu.

”Dhibbaa dhibbattis mirkanneeffachuu baannu, odeeffannoon jiran garasitti nama geessu.

Erga boqotee waggaa dheeraallee tahuu, lafeenis ni argama. Karaa saayinsaawaan qoratamee isamoo isaa miti kan jedhu addaan baafachuu qabna jennee murteessinee, garas imalle,” jedhu.

Kana malees, ”DNA’n isaa ilaalamuu qaba. Kanaan mirkanaa’uu qaba. Haasawaa qofaan isa jennee fudhachuu hinqabnu,” jedhu.

Nadhiin yoom du’e?

Akka odeeffannoo hawaasa naannichaarraa walitti qabame akka mullisutti Nadhiin kan qabame ALA 7/7/1997 yoo tahu, gaafa Kamisaa.

Guyyaa sa’aa sagalitti qabamee, galgala sa’aa 1tti ajjeefame.

Birgaader Jeneraal Kamaal waan BBCtti himan, xiyyeeffannoon qorannoo jalqabaa kun eenyummaa isaa adda baafachuudha. Gaaffileen eenyuutu ajjeesee fi kanneen biroo boodarra dhufu jedhaniiru.


Nadhii Gammadaa

NadhiiNadhii Gammadaa (1955-) qabsaawaa mirga Oromoofi miseensa ABO ture. Nadhii Gammadaa bara 1993 keessa bakka buuteen isaa kan dhabame yoo ta’u du’uu ykn mana hidhaa jiraatuun isaa haga yoonatti hinmirkaneeffamne.

Nadhiin naannoo Oromiyaa aanaa Zuwaay Dugdaatti Maqaan dhalootaa isaa Qaasim H/Usmaan Roobaa jedhama. Maqaan ittiin waamamu maqaa qabsoo Nadhii Gammadaa jedhamuun beekkama. Nadhiin bara 1955 Kutaa Arsii Aanaa Zuway Dugdaa keessatti, Abbaa isaa H/Usmaan Roobaafi Haadha isaa Aadde Amiinaa Borsee irraa dhalate. Maqaan Nadhii jedhu kun maqaa abbaa isaa kan H/Usmaan Roobaa ture. Abbaan isaa amantaa Islaamaa erga baratee booda, maqaa isaa gara H/Usmaanitti jijjiirrate. Nadhiin maqaa abbaa isaa kana fudhatee Nadhii Gammadaa jedhamee waammamuu jalqabe. Nadhiin obboloota dhiiraa saddeetiifi obboloota durbaa afur qaba.

Nadhiin mana barnoota sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga yuunivarsiitiitti barumsaan cimaa ture. Nadhiin qormaata biyyoolessaa darbee Yuunivarsiitii Finfinnee gale. Yuunivarsiitii Finfinneetti barnootaa faarmaasii baratee waggaa tokko akkuma fixeen barnoota addaan kutee qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessuuf bara 1978 ABOttimakame. ABOtti makamee yeroo gabaabaa keessatti miseensa koree giddugaleessa ta’e.

Nadhiin bara 1993 wal ga’ii ABO irratti hirmaachuuf Waardiyoota isaa ja’a wajjiin osoo gara iddoo Bookee 27 jedhamuutti deemuuu, bakka Asakoo jedhamu tan daangaa Arsiifi Harargee jidduutti argamtutti butamee, achi buuteen isaa dhabame. Nadhiin goota sammuu qaroo, kan yoo dubbatu haasawa isaa jechoota akka rasaasaatti onnee nama kutu, kan sagalee onnattummaafi kutannoon dubbatu saniin hedduu beekama. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Nadhii Gammadaa Maqaleetti dararaan mana hidhaatti irra gahaa jira yoo jedhan kaanimmoo Nadhiin lubbuun hin jiru jedhu. kunis ragaa qabatamaan kan deggerame miti.

Walumaa galatti Nadhiin seenaa Oromoo keessatti nama seenaan isaa barabaraan yaadatamu eessa akka jiru du’ee jiraafi lubbuun jiraan isaa kan hinbeekamne nama seenaa guddaa qabuudha. Nadhii Gammadaa as-buuteen dhabame haajedhamu malee, barbaacha isaaf xiyyeeffaannoon gama mootummaatiin wanti hojjatame hinjiru. Namnii namaaf falmuuu haa barbaadamu ilaalun gaariidha.

Akkuma sagalee haasawa isaa Nadhiin goota murannoofi kutannoo dhugaa kan qabuudha. Jechoota muraasa gatii qabdu, kan haasawa isaa humna qabeessaa keessaa;

  1. “Biyya keenya jaalannu nama wajjiin qoodanna, feenu immoo akka barbaadnetti bulfachuun mirga keenya.!”
  2. “Osoo halagaan biyya keenyarratti nu bulchuuf lafa dhiituu, kan hidhatee muratee dhaadatu, nuti ammoo mirga keenya kabachiisuudhaaf wanti murachuu nu hanqisu hin jiru.!”
  3. “Hiree Ummata Oromoo kan murteessu, Ummata Oromooti malee, anatu sii beeka, karaa kana deemtu malee, kan nuun jedhuufi kan afaan qawweetiin nu doorsisu jiraatu, Ummanni keenya fudhachuuf qophii miti.!”
  4. “Seenaa Abaaboota keenyaa kan Aanooleetti dhumanii san jiraachisuun, biyya keenya Oromiyaa harka Oromootti, Oromiyaa harka ilmaan haqaa kan Oromoo Ummata Oromootiif dhaabbataniitti galchuu qofaani.!”
  5. “Hundi keenyayyuu; Ummanni Oromoo bakkayyuu, harka wal qabannee, waliin dhaabbannee, waan warri Aanoolee itti wareegamaniif san gatii itti godhuudhaaf fuuldura haa tarkaanfannuu.”
  6. “Oromoon tokko. Amantiin addan bahu. Oromoon gosaan addan bahu. Lagaan addan bahu. Gaaraan addan bahu. Kan Oromoo adda qooduuf tattaafatu haa badu.”
  7. “Biyya Oromoo irratti abbaan biyyaa Oromoodha. Biyya Oromoorratti Oromoo malee, namni biraa murteessuu hin danda’u. Kan warra biraa nurratti murteessisuu dhidhiibu haa badu.!” fi kan biroo jechoota hedduu Ummata Oromoo hundaaf dhaamee jira.”

Nadhii!!!

Saba kee Bilisoomsuuf,
Yommuu ati yaaddu.
Gootummaadhaaf,
Onneen tee hin gaaddu.
Tolchitee dubbattaa,
Boonaaf of hin dhaaddu.

Walabummaa goonfachuuf,
Qabsootti cimtaa.!
Eessa jirta Nadhii,
Bakka jirtu nutti himtaa?.
Saba keetiif baatee,
Karatti maaliif timtaa?.

Cingala dabdemoo,
Waraabessatu sinyaate?.
Beekaati riphxemoo,
Biyya keessaa baate?.
Waa’een kee maaliif dide,
Nadhii atta taate?.

Ati hin duutu Nadhii,
Ni jirta siif waadaa.
Oromoon Booyee,
Garaatti qaata aadaa.
Dubbadhu mee Nadhii,
Si arguu barbaadaa?.

Bareedaa Oromoo,
Hayyuu hoonga hin qabne.
Iyyaafannoon si soqnee,
Akkamitti si dhabne?.
Nu Oromoon mara dunnine,
Hamileedha cabne.

Dubbataa beekamaa,
Qillisaa Sagalee.
Nama hunda hawwata,
Midhaga kiloolee.
Yoomuma as baatee,
Nuun jetta kunooree?.

Iyyaankee maafin argamne,
Maaltu nurraa sifooye.
Jiraattu nutti himadhumee,
Eenyutu adda sidooye?.
Ati maaliif nu miliiyxe?
Barana Risaa bokkaa mooye.

Maaliif nuufin qoorsine,
Imimmaan firootaa.
Gadaannisa seenaati,
Ati Utubaa dhalootaa.
Mul’adhu as bahii,
Sabni kankee si iyyaafataa.
****************
December 15, 2018


Maatiin Obbo Nadhii Gammadaa maal jedhu?

31 Caamsa 2018 (BBC Afaan Oromoo) — Namooti waggoota dheeraaf achi buuteen isaanii dhabamee turan nuuf haa barbaadamanii jedhu maatiin.

Gaggeessaa olaanaa ABO kan turan Obbo Nadhii Gammadaa dabalatee maatii isaanii keessaa nama sadi du’aafi jireenya isaanii hin beeknu jedhu Obboleessa angafaa Obbo Nadhii kan ta’an obbo Amaan Usmaan.

Turtii gabaabaa BBC’n Obbo Amaan waliin taasiseen , waggoota 26 darban kana akkamiin iyyaafataa akka turanii fi mataasaaniifillee sodaachaa turuu dubbataniiru.

”Eessa barbaanna, akkamiin barbaadna, isa barbaaduu dhiisiitii mataa keenyaafillee ni sodaanna,” jedhan.

Gadi qabaadhaanis ta’u, karaa nama beeknuutiin hinuma iyyaafataa turre jedhan Obbo Amaan.

Garuu ifatti baanee iyyannaa iyyannee warra aanga’oota gaafachuun waan yaadamu waan hin turreef, ammallee qara ilaalaa hafneerra jedhan.

”Sodaarraa kan ka’e, haasawuu waan hin dandeenyeef akkasumatti rakkoo kana baannee jiraachaa turre, ammammoo erga xiqqoo qilleensi nuuf tolee gaafachaa jirra.”

“Isa qofaa miti, nama waggaa 52 obboleessuma keenya nama Ibraahim Usmaan jedhamullee erga dhabnee kunoo waggaa 26 ta’eera” jedhu.

“Akkuma kan Nadhii odeessanillee kan isaa namni odeessu hin jiru ,erga bara 1984 badee as. Yoo maatiin dubbate malee namni beeku hin jiru kan Nadhii qofa beeka namni, Nadhiin maqaan isaa Qaasim Usmaan ture ”

Obbo Amaan Usmaan seenaa biraa kan ala isaan ilaalchisaa hafe wayita dubbatan,”Mucaa kiyya hangafaa Kaliil Amaan kan silaa har’a umuriinsaa waggaa 46 ta’u bara ADWUIn biyya gale sana kan fudhatame ammallee achi buutee isaa hin arganne.

Mucaankoo xiqqoo fayyaa dhabee turee, Xiqur Ambassaa galee ture. Isa booda Komishiniin Daa’immanii ofitti fudhatee alatti erginee yaalchifna jedhee amma yoonaa eessa akka bu’e hin beekne. Manuma kana keessaa nama saditu achi buuteensaanii dhabamee jira.

Kun waggoota hedduuf dhukkuba nutti ta’ee maatii keenya quucarseera, du’anii fi jiraataniisaanii wanti beekamu hin jiru.” jedhanii haala gaddisiisaadhaan dubbatu.

Dhimma namoota achi buuteen isaanii hin beekamne ilaalchisuun Abbaa Alangaa Federaalaa quba qabaa laata jennee garasitti bilbillee turre. Dubbi himaa Abbaa Alangaa Federaalaa kan ta’an Obbo Tasfaayeen akkas jedhu.

”Asirratti deebiin kennamuu danda’u, namoota achi buuteen isaanii hin beekamne kan jedhu qaama jedhetu beeka. Sadarkaa kanatti qaamni gaaffii dhiyeessu yoo jiraate gaafficha galmeessee kan qulqulleessu jira. Deebiin malus kan kennamuuf ta’a.” jedhan.

Akka mootummaatti mootummaan to’annoo jala oolchee kan of harkaa qabu hooggantoonni olaanoon ABO jiru moo hin jiran gaaffii jedhuuf wayita yaada kennan sadarkaa kanatti yaadni kennuu danda’an akka hin jirre dubbatan.

Hidhamtoonni himanni isaanii osoo adda hin citin ammallee mana hidhaa jiran hedduudha, kana ilaalchisuunis yaada laataniiru. ”Namoonni 137 ta’an kan himanni shororkeessummaa irraa ka’e jiru.

Kan hafan yoo jiraatanis galmeensaanii ilaalamee himatni isaanii kan adda citu, dhiifamni kan godhamuuf yoo jiraate kan ilaalamu ta’a. Mootummaan kanarratti hojjetaa jira” jedhan.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.