Naannoon Tigraay hiree ofii murteeffattee jirti.

Naannoon Tigraay hiree ofii murteeffattee jirti.

Bilisummaa jechuun akka Ashaangulliitii Nafxanyaadhaaf ergamanii qabsoo fi qabsaa’ota oromoo balleessuuf hojjachuu osoo hin taane akka Tigraay kanatti biyya ofiirratti mirga ofii kabajchiisuudha.

Oromoonis kanaaf qabsaa’aa jira.

Hiree ofii ofiin murteeffachuu. Mirga abbaa biyyummaa!

“Sabni dammaqe, gurmaa’ee fi hidhate ni moo’a”
Hayilee Fidaa

Mihretu Shanko


Salaaletti erga gootichi Art.Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamee as hidhaan daran jabaatee itti fufeera.
KMN:- Hagaya 02/2020

Salaale erga du’aa Haacaaluu immoo itti cimeera hidhaan,reebichi,Qeerroo fi hawaasa mana qootee bulaa gubaa akka turan Gabaasaa turre.amma namoota Bilxiginnaa hin deeggarre irraatti cimee itti fufee jira jedhu jiraattonni .Aanoolee godinichaa keessaa kanneen Hidhaabuu Abootee,Dagam,Dharraa(Darraa),kuyyuu,warraa Jaarsoo,Yaayyaa Gullallee ,fi bulchinsa magaalaa Fiichee ,akkasuma bufata polisii aanaa giraar jaarsoo keessaatti hidhamani seeratti osoo hin dhihatani ji’aa ol kan lakkoofsisan sabboontota hedduutu rakkachaa jira.

Keessaatuu ijoollee laman kun
1,Seensaa Nagaashuu, itti gafatama Qeerroo Salaalee fi
2,Dajanee Girmaa barata Yunivarsitii Kan ture
Oli ajejamne jechuun fuudhanii eega deemanii as buutee isaani dhabnee jedhuu Hiriyoonni fi maatiin KMNiif yaada ibsan.