Naannoo Oromiyaa keessatti hoggansa sirreessun yeroo ammaa kanatti ni barbaachiisa qofa otuu hin taane, dirqama dha.

Above Single Post

Naannoo Oromiyaa keessatti hoggansa sirreessun yeroo ammaa kanatti ni barbaachiisa qofa otuu hin taane, dirqama dha.

Hin Danda’amu, Namni Isiniif Guuza Bahus Hin Jiru!!

Naannoo Oromiyaa keessatti hoggansa sirreessun yeroo ammaa kanatti ni barbaachiisa qofa otuu hin taane, dirqama dha. Sababni immoo seektarrii hojii keessa jiru akkuma jirutti tahe yeroo ammaa kana seektaroota baayyee keessatti hojiin ummataa fi mootummaa hafe, hojiin midiyaa hawaasaa qofa tahe jira. Caasaa hojii keessaa bahe hojiitti deebiisuun, kan hojii kuffiisaa jiru immoo hoggansa hojii hojjatuun bakka buusuun, wal jala siiqsuu fi iddoo irraayiis kaasuun darbee immoo seeraan gaafatamuu kan qabu seeraan gaaffachuun hojii hatattamaan gaggeeffamuu qabu dha.

Rammaddiin hoggansa kaabiinee naannoo Oromiyaa, Hoggansa Godinootaa fi Magaalootaa ittii aanee Koreen Hojii Raawwachiiftuu Naannoo gaggeessuuf jirtu kun immoo miseensoota kaabiinee tokko tokko biratti baaraga uumuu eegaleera. Warrii baaragni biratti muldhatu kun immoo hoggantoota mana hojii isaanii qixaan hogganuu dadhabanii hojii ummataatti qoosaa jiran tahun adda isa taasiisa. Namni galaanni fudhe hommacha qaqqabata akkuma jedhamu, jarrii kunneen faashiinii adda addaa kan akka ‘ani ida’amuu waanan mormeef, anii garee hoggansa kanaa waan hin taaneef, ani godina kana waan tahef, fi…’ dhiyeessuun boo’u jalqabaniiru. Kun immoo waan hin danda’amne, sababa kanaan guuzni siif bahamuus fudhatama hin qabu, qabaachuus hin danda’u.

Sababa barbaadan haa dhiyeessan malee hoggantoonni hojii ummatatiin qoosaa jiran iddoo hoggansaa kan isaaniif tahu akka hin jirree fi hojii fi hojjataa wal qunnamsiisuuf rammaddiin kan keennamu tahus dhageenyeerra. waan sirrii ti. Rammaddii gaggeeffamu keessatti Oromiyaan dhuguma Oromiyaa akka fakkaatuuf godinoonni Oromiyaa hundii bakka ni qabaatu. Seektaroonni Oromiyaa kan Oromiyaan haa hafutti Godina tokko bira gadi darbee seektara Aanaa tokkoo qofa fakkaatu kan dhalattoota ganda tokko fi maatii tokkoon guutame fakkaatu akka jiru meeqa keenyaatu beeka laata?
Rammaddiin hoggansii haaraan naannichaa dhiyeenyatti taasiisuu rakkoolee kanneen hunda sirreessuu bira darbee, hojii mootummaa kufee turetti lubbuu horuun jijjiirama muldhatu akka galmeessuu danda’utti ni raawwatama jedhameetu eeggama.

KIYYA Hararghe

Below Single Post

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.