MURTII QEERROO MI’EESSOO:- Warri Soomaalee kun liyyuu poolisii qofaan miti kan Oromoo xuruursaa,

MURTII QEERROO MI’EESSOO:- Warri Soomaalee kun liyyuu poolisii qofaan miti kan Oromoo xuruursaa,

miidhaa jiran.

Gama tokkoon Liyyuu Poolisii nutti bobbaasan. Gama biraan ammoo abboottiin qabeenya Soomaalee kan kotorobaandii hojjatan Oromoo miidhuuf kaayyeeffatanii nutti jiran. Tooftaa isaan itti nu miidhaa jiran keessaa muraasni:
1) Liyyuu poolisii ummata keenya fixaa jirtu kanaaf rasaasaa fi baajeta hunda kan danda’u daldaltoota kotorobandii nama sadii. Liyyuu poolisii ykn nama Soomaalee keessaa namni tokko yoo du’e gumaa kumaa 150,000 isaan walitti baasanii kafalan. Ammaan duraas gaafa lola bordoddee irratti gaariin liyyuu policen qabamte tan abbaa qabeenyaa Soomaalee tokkooti.

2) Abboottiin qabeenyaa Soomalee kan kotorobaandii dalagan gama tokkoon Oromoo garaaf bulan if cinaa hirirsanii odeeffannoo iccitii qeerroo magaalaa Mi’eessoo funaanuun akka geessaniif,
3) Sababa garagaraatiin ilmaanuma Oromoo jiddutti atakaaroo hamtuu uumuun hijaa keessa galchanii hanga sadarkaa oromootuma wal irratti bitanii wal dura nu dhaabuun walitti buusuu gahanii jiran.
4) Abboottiin kotorbaandii hojjattu hundi Soomalee waan tahaniif naannoo soomaalee Mullu bakka ja’amutti gaarii kotorobaandii tokko warra liyyuu poolisiif qarshii 1,000 kafalan, nutiis garuu humnaan gaarii tokkorratti qarshii 500 kafalchiisuu jalqabne.

Sababiin ykn ka’uumsi dubbii tanaa tan jalaqabaa ji’aa 7 durama yeroo duulli lolaa guddaan liyyu poolisii soomaleen oromiyaa irratti godhamu san nuti qeerroon magaalaa Mi’eessoo wal gahuun maddi lola kanaa maali? jennee irraa wal gaafanne. Dubbiin akkana. Magaalaan Mi’eessoo karaa kotorbadii fe’anii hoggaa wacaalee irraa dhufaniif karaa ‘strategic’ dhaa. Kotorobaandiin Mi’eesso geenyaan Ciroo ilaa Shawaa keessa haala salphaan rabsamti. Namni kotorobaandii soomaalee wajjiin dalagan, kan karaa dabrsu, kan gurguree bu’aa addaan fudhataniin Oromoo osoo hin tahin Tigree fi Argoobbaa dha. Oromoon hammaalaa qofa dalagatan.

Abboottiin qabeenyaa Soomaalee kanneen liyyuu poolisii Soomaalee ilmaan Oromoo weeraran kana gargaarsa adda addaan bira dhaabbatan. Lola ummata Oromoo irratti soomaaleen karaa adda addaan gaggeessituun, yoo akkam xiqqaate naannoo Mi’eessoo qofa waggatti lubbuun Oromoo 30 – 50 ni galaafatamti.
Gama biraatiin, magaalaa Mi’eessoo keessaa ilmaan Oromoo lafa yoo taate malee qabeenya nafii qabaatee kan nu gargaaruu danda’u hin jiru. Kanaaf, qeerroon maal godhuu dandenya? jennee dubbii tana irraa wal mari’annee, wal jaarree lafaa kaane.

Shira kana hunda osoo agarruu cal’isuu hin dandeenyu. Lafa kanarratti waggatti yoo xiqqaate lubbuu nama 30 – 50 gabbaraa jiraanna waan taheef, wanti qeerroon oromoo hin beeyne daangaa keenya gubbaa deemuu hin qabdu. Erga daangaa keenya seentee kan karaa dabarsu, kan gurguru, kan irraa fayyadamuu qabu joollee Oromoo tahuu qaba, hoggaas dantaa qabeenya isaaniitiif ummata keenya fixuu dhiisan. Yoo kana didan ammoo qabeenya isaanii mara mancaasuuf qophooynee jirra. Jarri kun amma alagaa wajjiin dantaa qabdi malee nu waliin miti. Nuti ammoo daangaa gubbaa waan jirruuf ykn diina waan qabnuuf waan nu balleessuu tahuullee hin beeynu waan taheef wanti nuti hin beeyne tan nuti harka keessaa hin qabne daangaa keenya gubbaa deemuu hin qabu jennee lafa kaayyaannee jirra.

Yeroo ammaa jarri kun gonkuma hin tahu, isin fixna malee nuun ja’anii nutti dhaadachaa jiran, Oromoon hangi tokko wajjiin nu duulutti jiran. Kan jarri Soomaalee kun ummata keenya fixaa jiran, nuti mirga falmachuu jalqabnaan akka waan nuti sabaa biraa balleessuuf lafaa kaanee godhanii nutti jiran. Hadaraa yaa lammii too nutti dirmadhaa nu cinaa dhaabbadhaa . Gurra ummata Oromootiin nunuf gahi hadaraa Oromummaa sitti haa ta’u.
Qeerroo Mi’eessoo irraa

Via : Adem Misoma