Mukee! (Raacitii) Sinbirri ‘Mukee’ jedhamtu bakka Dammaatti Sinbira nama geessitudha.

Mukee! (Raacitii) Sinbirri ‘Mukee’ jedhamtu bakka Dammaatti Sinbira nama geessitudha.

Mukee! (Raacitii)

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Eebla 21,2020

Hordoftoota kiyya, kanaan dura barruu “Agartuu Qeerroo!” Jedhu keessatti wal quba qabaataa turre.

Barruu sanaan nagaa wal gaafataa turre. Barruu sana gidduudhaan addaan kuteen ture. Maqaa sanaan deebi’uu irra obboleessa isaa kan ta’e “Mukee” jedhee har’a maxxansa jalqabaa eegaleera. Mukee jechuun Sinbira. Sinbirri kun naannoo Bosonaa keessatti haalaan beekamti. Sinbirri ‘Mukee’ jedhamtu bakka Dammaatti Sinbira nama geessitudha. Namootii Damma Bosonaa soromba’uu(barbaaddachuu) jaallatan biratti kabaja addaa Sinbira qabdudha. Sinbirri kun yoo namni Damma nyaatu Gagaa dammaa soorratti. Gama kaaniin sinbirri Mukee jedhamtu bineensota akka Mar’ataa fi Bofaa ykn Shawwisaattis nama geessiti. Tarii kun ammoo akka namni sun bineensa sana mataa dhahee ajjeesuufi yaadni jedhu hawwaasa Mukeen biratti beekamtu biraa nii haasa’ama. Barruun Kun “Mukee” jedhamee mogga’e. Moggaasi kun kan laatameef, hojii lama akka hojjetuuf itti yaadameeti. Kan duraa, barruu daandii qabsoo Bilisummaa Oromoo dhaloota hubachiisudha jedhamee yaadame, gama kaaniin faallaa qabsoo Bilisummaa Oromoo kan adeemanu saaxiluudhaan gufuu qabsoo Bilisummaa barruu saaxiludha. Barruun kun akka isin hinuffisiifnetti waan darbee yaadachiisaa waan dhufu akeekaa adeema. Imaltoota walii, imaltoota mukuu/Ceeka’uu wal baasnu akka taanu abdiin qaba.

Seensa!

Raacitii jechuun daakuu bukeessee saffisa isaa dabala. Raacitii yoo dhamdhaman waan dhangaggaa’aa fakkaatu wa’ii yoo ta’u nii fayyada. Raacitii ogeessa qara, raacitiin qabsaa’aa horata. Raacitiin goota horata. Raacitiin qabsoo jabeessa. Raacitiin akkanaa akka barruu kanaatti Raacitii gootaawwaanii jedhama. Gama kaaniin ammoo raaciitiin halagaa ammoo balleessituu ijaara. Inni ammoo faallaa ibsa olii, gantuu horsiisa. Guddina gantuu saffisiisee saba irratti kumaara taphachiisa. Raacitiin inni kun tuuta gantootaa daneessa. Tuuta saamtotaa horsiisee, mataaf miilla qabsoo akka sakaalan taasisa. Raacita akkanaan ammoo raacitii gantootaa jenna.

Raacitii

Raacitii jechuun hanbaa ykn haftee waan tokkoo, kan salphaatti wal baay’isuu danda’udha. Raacitiin hanbaa ta’ullee waan akka isaatii oomishachuuf saffisa addaa kan qabu yoo ta’u, gaarummaaf kan dhimma itti bahaniif halagaan ammoo ittiin saba balleessuuf kan dhimma itti bahu ta’uu mala. Akkuman seensa/ittiin lixa yookan Moxobii dubbii kiyyaan xuquu yaaletti Raacitiin gosa lama jira. Raaciitii gootaawwanii fi Raacitii gantootaa jenne. Isa kana tokko tokkoon haa ilaallu.

A. Raacitii Gootaawwanii

Oromiyaan gootaawwan hedduu horatte. Biyyi goota hedduu qabdu guyyaa tokkoof boqonnaa argattee hinbeektu jechuu dandeenya. Kun maaliif? Gaaffiin jedhu gaaffii dhalootaati. Gooti akkuma dhalatu gufuuf kiyyoo goota ishee Oromiyaa keessatti hinqusanne cinaan waan margaa buluuf ta’uu malaa laata? Tarii namootiin Goota waliin dhalatan, kanneen dantaa dhuunfaa isaanii irratti bu’uuraman gufuu furmaata Oromoo ta’aniiruu laata? Deebii isaaf uummati jira.

Goota: goota jechuun nama qabsoo bilisummaa sabaa irratti fuulleffatee hojjetuuf, addatti kan daandii qabsoo bilisummaa irratti wareegameen goota jenna. Daandiin lolaa baay’ee ta’uu mala, lola loluu danda’uu qofaan gootummaan hinlaatamu. Utuu lola danda’uu qofaan gootummaan laatamee Hattuu humnaan saamuunis goota jenna jechuudhaka. Kana malees ilma halagaaf Qawwee baatee saba isaatti dhukaasuun goota hinjennu. Akka barruu kiyya “Mukee” tti gooti, kanneen Oromoof Oromiyaa tiksuuf lubbuu isaanii wareeganii manaa ba’an isaan daandii qabsoo sana irratti kufaniif har’allee daandii sana qabatanii jiraniin goota jenna. Nama daandii sana irra imalaa turee har’a faallaa imala sanaa adeemuun goota jechuun natti ulfaata.

Oromoon gootota hedduu horate. Kanneen ABO’n keessaa dhalate fi isaa asitti kanneen ABO’n horsiisee hanga har’aa imala qabsoo Bilisummaa sanatti jiraniif irratti kufaniin goota jenna. Addatti namni nama. Baabura qabsoo nii yaaba, irraas nii bu’a. Kanaafuu hanga qabsoo Bilisummaa sana galiin gahutti, ykn ammoo imala sana irra osoo jiruu yoo wareegamee fi saba isaaf waan gaarii gumaachee, gama isaaf aanja’een saba isaaf nama dhaabbateen goota jenna.

Gootaawwan kaleessa Oromoof jedhanii lubbuun darban, kanneen biyya isaaniif saba isaaniif osoo qabsaa’anii osoo dalaganii kufan Raacita lafa kahanii darban. Raacitiin sun raacitii qabsaa’otaa yoo ta’u, sanatu humna qabsoo har’a Oromiyaa keessaa fiilaa jiru haalaan horate. Raacitiin qabsaa’otaa haala saffisaan qabsaa’ota qaalii biyya isaaniif dhaabbatan danuu horachuun golee Oromiyaa mara keessatti nama saba isaa jaallatu, nama biyya isaa Oromiyaa leellisu kanneen saba isaaniif dhaabbatan, kanneen beela’uu saba isaanii arguuf dhaga’uu hinfeene, walii galatti qaaliiwwan saba isaaniif dhaabbatan haalaan horate.

Isaan Raacitiin qabsaa’otaa horate sun kallattii garaagaraan Maasii qabsoo Oromoo fi qe’ee saba isaanii suphuu irratti jabinaan bobba’aan. Kaan isaanii biyya humnaan dhiitamaa jirtu, saba humnaan dhiitamaa jiruuf gaachana akka ta’aniitti yoo horataman, kaan ammoo gama isaaniif aanja’een saba isaanii cina dhaabbachuu, saba isaaniif falmuu akka danda’anitti raacitiin kun haalaan horate. Kaan isaanii ammoo dinagdee qabaniin saba isaanii cina dhaabbachuu akka qabanitti, ‘anaaf dinagdee kiyya irra sabakoo naa caala!’ jechuu akka danda’anitti, ‘sabichi jiraachuutu an jiraachuudha!’ jedhanii akka uummataaf dhaabbachuu danda’anitti Raacitiin qabsaa’ota kaleessaa maagaree uummata kana keessatti danbaliise.

Isaan waanjoo saba isaanii kana irraa geldaa’uuf murannoo horatanii kallattii garaagaraan harka wal qabatanii “Oromiyaa siif jirra!

Oromiyaa si jiraachifna!

Oromiyaa gootaawwankee kaleessaa hinduune, nu horatan, booree nutti uumanii, sabaaf qabsaa’uu saba ofiif dhaabbachuu nu barsiisanii! Sabboonummaan akka nu keessatti lalisu godhan! Sabboonummaa isaan nu keessatti gadi dhaabanii kunuunsanii utuu lalisiisaa jiranii kufan sanatti firii goona! Humna godhu!” Warreen jedhaa jiran Raacitii qabsaa’ota kaleessaatu horate.

Raacitiin hammamtaan isaa baay’ee xiqqaadha. Hojiin isaa garuu haalaan guddaaf saffisaadha. Raacitii xiqqoon waan guddaa uuma. Waan guddaa horata. Waan baay’ees ta’uuf humna saffisaa godhata. Raacitii gootaawwan kaleessaa hammamtaa isaa yoo ilaalle, qabiyyeen isaa ykn lakkoofsaan waan himamudha. Hojiin isaa garuu kitila. Raacitii gootaawwan kaleessaa sanatu humna qabsaa’ota har’aa horate. Raacitii sanatu humna namoota har’a saba isaanii Oromoof quuqama qabaatan horate. Raacitiin sun har’a saffisa guddaan dabaleera. Gara Miliyoona horachuutti tarkaanfateera.

Raacitiin sun har’a humna galaanaa ta’ee jira. Humna kana dhabamsiisuus ta’ee humna kana balleessuun haa badan hindanda’amu. Humna karaa garaagaraan qa’aa jiru akka Leeleetti maragatee hojii saffisaatti jirudha. Humna raacitiin gootaawwanii horate kana dura dhaabbachuunis ta’ee itti duuluun dhabamsiisuu yaaluun abjuudha.

Raacitii gootaawwan kaleessatuu abdii Oromoo har’aati. Raacitii gootaawwan kaleessaatu mogolee Oromoo har’aati. Kanaaf goota isaa kaleessaa leellisuu, dhaadessuu, faarsuun ammallee Oromoo irraa eegama. Isaan Oromummaa tiksanii asiin gahan sana dhaadeessuun kabajaa isaaniif malu laachuufiin baraa hanga baraatti, dhalaa dhalootatti dabarsuun yaadachuun Oromoo irraa kanaaf eegama.

Raacitiin gootaawwanii maal horate?

Raacitiin gootaawwanii akka biyyaaleessatti utuu hintaane, akka addunyaaleessaatti saba isaaf ilma quuqamu, saba isaaf ilma dhaabbatu, qaalii sabaa har’aa goota borii hedduu guutuu addunyaa keessatti Oromoof horate. Martuu oguma qabuun, dandeettii qabuu akka isaaf aanja’utti biyya abbaa isaa tiksuu akka danda’u barsiise. Martuu humna qabuun sabummaa isaa, itti waamama Oromummaa isaa jabeeffachuu akka danda’u sammuu dhala Oromoo keessatti bocee taree.

Humni kun akkuma Addunyaatti biyya mara keessa faca’ee haa jiraatu malee, yaadaaf qalbii isaa gara imala Bilisummaa sabaa sana irra kaahatee, ganama isaa, guyyaa isaaf galgala; Waareef waarii isaa waa’ee biyya abbaa isaa Oromiyaaf waa’ee eenyummaa isaa Oromummaa cimsee eeggachuuf akkamiin of kabachiisee saba biraas kabajee jiraachuu akka danda’u sammuu isaa keessatti bocee tare. Raacitii sanatu tokkoomee nagaa fida. Raacitii sanatu kallattii garaagaraan waan beekuuf waan qabu gumaachee Oromiyaa borii ijaara. Raacitii sanatu kallattii garaagaraan hojii isaa saffisaan hojjetee sabbonummaa Oromoo qarree Addunyaa irratti ol baasuun, alaabaaf faajjii Oromiyaa mul’isuuf fooluutti jira. Humni foolate, waan foolatu sana numa dhala.

Humna har’a Bilisummaa foolataa jiru biyya alaaf biyya keessaa walitti dhufee gaafa Bilisummaa sana lafaan gahaatu fagoo miti. Isa kanaaf raacitii gootaawwan keenyaa kabajuun, raacitii gootaawwan keenyaa irraa waa barachuun, isaan dhaggeeffachuuf isaan irraa waa fudhachuun nu feesise. Utuu jennuu tarii, buna ykn Aannan qabattee dubbisaa jirta yoo ta’e si duraa qabbanaa’aa dhugii natti deebi’i!

Humna kana dhabamsiisuuf qarri waraanuu mala jeedhamu hedduun oomishamuuf qarsiifamuu mala. Qarri humna qabsoo bilisummaa kana ykn Raacitii gootaawwan Oromoon horatame kana dhabamsiisuu danda’u hinjiru. Raacitichi akkaan faca’eera. Bakka mul’ataaf bakka dhokataatti tamsa’ee, seelii Oromoo mara seenee waan jiruuf hanga Oromoon jirutti humna kana dadhabsiisuus ta’ee dhabamsiisuun hindanda’aamu. Kanaaf warreen dhabama isaa irratti ganamaa galgala gumee ykn battee shiraa fo’aa oolanii fo’aa bulaniif ergaa ofumaa Mooyyeetti bishaan naqxanii hintuminaa jedhun dabarsaaf.

Hordofaakoo; barruu Mukee jedhu dubbisaa jirta. Mukeen qoochoo isheen kaatee, dugda irra si buufattee, alaaf keessa siin naanna’aa turte. Gara biyya hanbaas yaadaan adeemtee, gara bosona Oromiyaas kanneen akka Leencaaf Qeerransaa qalbiin akka dubbisaa deemtu si taasisteetti. Ammas Mukee waliin imali. Tarii ammammoo Mukeen maalitti si geessiti laata? Barruu Mukee waliin bu’i!

B. Raacitii Gantootaa!

“Maatii gaarii keessaa gadheen hindhabamtu!” Jedha Oromoon. Araddaa Oromoo keessatti Garbuu, Qamadii, Daagujjaa, Bisinggaa fi kkf qotama. Isaan kana sanyii qophaa’ee itti yaadamee akka oomishamaniif facaafamu. Aradduma kana keessatti kan ofiin margu jira. Garbuun harka abbaa Araddaan yoo facaafamee kunuunfamu, Ingirdaadi fedhii abbaa araddaa malee ofiin magarti. Qamadiin gaafa abbaa araddaan facaafamu Ingirdaadi ofiin magarti. Bisingaan harka abbaa maasaan yoo facaafamu Siphoon ofiin magarti. Daagujjaan harka abbaa araddaan yoo facaafamu gargaaraan ofiin magarti.

Warren midhaan gosa garaagaraa fakkaatanii margan kun amala wal fakkaatu qabu. Marti isaanii waan keessatti margan fakkaatu. Sobuuf sossobuutti hundi wal qixa. Hanga firii godhatanitti midhaan akkaan filatamaa, jirma isaallee jabaa fakkaatu. Martuu maasaa balleessu. Midhaan dhoru/huuqqiisu. Jarreen ofiin magartu kun kan ofiin margitu irratti, midhaan sana fakkaattee guddachuu isheeti.

Abbaan araddaa sanaas midhaan harkikoo facaase se’ee dirqama kunuunsa. Erga aramamtee, akkuma midhaan harkaan facaafaman sanaa kunuunsa gahaan guddattee booda abbaa araddaa ganti. Hidda jabeeffadheera, sichi humtuu na hinxuqu jettee itti dhaadatti. Arraba itti baafti. Abbaan araddaa akka malee aara. Waan humni ishee abbaa araddaa sanaa ol ta’e itti fakkaata. Humtuu na hinxuqu jettee halagummaa ishee haalaan mul’ifti. Nii dhaadatti. Midhaan keessaa baatee dheerattee argamti. Midhaan caaltee mul’atti.

Abbaan araddaa humna isa gane kanatti Birraa qajeela. Humna isa gane Qonnaan bulaaf kan addaan baasu waktii Birraati. Kanaafuu yoo Birraan gahu Buttoo, Gajaraaf kaan qabatee itti bobba’ee caragee lafatti ishee dabala. Qote Bulaa dhibaa’aan ammoo fakkaattoota kanaan injifatamee araddaa isaas injifachiisa. Carabuuf ilbaa’ee (of dadhabduu namaa) Waggaa itti aanutti maasii akka isheen dhaaltu godha. Humni yeroof irree qaba, sin caala, an siin oli jedhee midhaan dhoruuf balleessuutti fuulleffatu Qottuu jabaaf qottuu ogeessaan haala salphaan manca’a. Karooraaf sagantaan midhaan oomishuu sun numa saffisaan galma gaha.

Qabsoon Oromoos akkana. Humna qabsaa’ota fakkaatee mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa fi uummataaf hawwaasa keenyaaf humna dhaabbatu fakkaatee kan biyya keenya keessatti faca’e jira. Humni kun hojiif dalagaa isaaf haalumti isaa yeroo isa saaxilutu jira. Yeroo sana qabsoon sabaa, Raaciitiin Gootaawwaniin horatame sun irra aanee haala salphaan dhabamsiisa.

Raacitii gantootaa kan jennu faallaa Raacitii Gootaawwaanii kan dhaabbatudha. Humna qabsaa’ota durii alanfatee nyaateen kan horsiifaman yoo ta’u, isaaniis hanga dandeettii isaaniitti wal horachuu fi wal baay’isuu irratti fuulleeffatu. Faallaa qabsoo bilisummaa Oromoo dhaabbatu. Faallaa sabboonummaa Oromoo dalagu. Oromoof utuu hintaane Oromoo irratti karaa ifaaf dhokataa dalagu. Humni kun Oromiyaa goolaa jira. Humna araada dhiiga Oromoo dhangalaasuu qabu, humna faallaa safuuf safeeffata Oromoo adeemudha. Humna kabajaa namummaaf kabaja Oromummaa hinqabnedha. Isaan har’a Oromiyaa jeeqaa fi Oromoo gidirsaa jiran, isaan gootaawwan Oromoof kufan xiqqeessuu fi gootaawwan har’aas maqaa balleessuuf xiqqeessuutti fuulleeffatantu raacitii gantootaan horatame.

Isaan kana qabsoon Oromoo carabee yeroo of keessaa qulqulleessee nagaa biyyattii, nagaa sabaaf sablammootaa dhugoomsu fagoo miti. Raacitiin gantootaa waan irraa kalaqame leellisa, waan isa horate dhaadeessa, sagantaa horatameef leellisa. Isaan gantoota kaleessaa dhaadeessan gantoota har’aa ta’uu of mul’isu. Kanaaf isaanumtuu ifa of baasu. Isaanumtuu gantuu sabaa akka ta’an of irratti ragaa bahu. Yeroo sana humni raacitii gootaawwaniin ijaarame irra aana.

Walumaa gala barruu Raacitii jedhu har’aa kan olitti ilaalle yoo ta’u, karaa Raacitii maaltu as adeemaa jira? Gaaffii jedhu deebisuu yaalla.

Dubbisaa kiyya: nii dadhabdeey? Yoos takka afuura fudhataa dubbisi! Hinuffin waan adeemuuf jirutti darbaa jirraatii. Barruun Mukee utuu ati hinmukaa’in barruu nuffa malee dubbifamtu ta’uu feeti. Yoo nuffite natti himadhu, mukeen mul’ataa jiraan keessaa tokko irra qubannee aara galfataa adeemnaa!

Fuulleetti maaltu mul’ata?

Yeroon keessa jirru galgala. Gama kaaniin qabsoo keenyaaf waktii birraati jechuu dandeenya. Waan fakkaatees ta’ees kunuunfamaa ture adda baafamuutti jira. Eenyu abbaan haqaa? Kan jedhus yerootu galchaa jira.

Kanaafuu saba keenya Oromoof baay’eetti yeroo dhiphinaati jechuu baannus, dhiibbaaf sobaaf sossobbaa raaciitiiwwan gantootaa ciminaan madaalaa adeemuu gaafata. Raacitiiwwan gantootaa afaan toluu, afaan ho’u, fakkeessaa danda’u. Isa kanaan gowwonfamuun hinfeesisu.

Hundumaa kan ittiin adda baafnu firii isaatiini. Maal buuse? Maal argamsiise? Maal dalage? Jennee gaariis yaraas calaluu barbaachisa.

Uummata keenyaaf yeroon itti adeemaa jirru yeroo boqonnaati. Yeroo saamichi siyyaasaa irraa ka’ee, saamichi dinagdees irraa dhaabbatee Oromoon nagaa argatee biyya isaa tikfatee lubbuu lammiilee isaas sababa Eenyummaa Oromummaa darbuu irraa eeggatutti adeemaa jirra. Yerichi Bilisummaan gaafa dhugoomedha. Kun dhiyo. Oromiyaa abbootiin keenya abjootaa turan, Oromummaa gootaawwan keenya abjootaa fi hawwaa lubbuu darban sun ijaaramee, jalli isaa ykn girgiddaan isaa dhaabbatee, utubaaniis qinaattiin manaa irra keessi isaas ijaaramee Citaa dhimmuu ittisu qofa irra buusuun yeroo hafetti adeemaa jirra. Yeroo kana kunuunfataa, saffisa qabsoof imala goonu jabeessuun nagaa biyyaaf saba keenyaa dhugoomsuuf tattaffii goonu jabeessinee akka itti fufnu barruu Mukeen dhaamsa dhaammata.

Goolaba!

Raacitiiwwaan wal fakkaatanii waggaa dheeraa jiraataniiru. Raacitiin gantootaa qabsaa’aa fakkaatee hanga har’aatti jiraatee jira. Kan raacitii gantuu ta’uu isaa saaxilames kan hinsaaxilamnes jira. Mara kana yerootu fura. Raacitii gootaawwaniis yerootu kabachiisa. Barruu Mukeen mata duree biraa qabadhee hangan dhufutti turmaana gaarii qabaadha!

Injifannoon uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Eebla 21,2020

Via: Qalbeessaa Dhangi’aa


Bayee nama gadiisiisa yeroo Coronan ummaata rakkiisa jiruuti ummaani keenya yamanif sudii giduuti rakko gudaa dabarsa jira



ODUU AMME! Waldhabden Abiy fi Lamma akkuma itti fufeetti jira! Haala yero irratti gaggesuf Masarati