ONN:Araaraa ABO fi Motummaa Ethiopia Jiddutti Raawwatamee jiru Laalchisee Yaada Ummata Oromoo. kutaa 1ffaa.Hagayya 9/2018

ONN:Araaraa ABO fi Motummaa Ethiopia Jiddutti Raawwatamee jiru Laalchisee Yaada Ummata Oromoo.
kutaa 1ffaa.Hagayya 9/2018


Agartuu Qeerroo tibbanaa (Fiila qabsoo/Dheeffa Siyyaasaa/dheeffa qabsoo)
Qalbeessaa Dhagi’aatiin
Hagayya 9,2018
Finfinnee Oromiyaa
Qabiyyee Agartuu Qeerroo tibbanaa
-Dheeffa Siyyaasaa
.Dheeffa Rog-Arfee
.Dheeffa Rog-sadee
-Dheeffa Qabsoo
.Dheeffa qabsoo Sarara qajeelaa(Of irratti hirkannoo)
.Dheeffa qabsoo sarara Geengoo

Dubbisaa gaarii

Moxobii/Xiyyoo dubbii

Biyya tokko garboonfataan gaafa cabsuu jalqaba seenaaf aadaasaa harkaa gata. Qabeenya guddaan biyya tokkoo ibsituun biyyichaa Aadaa fii seenaa ta’uu waan hubatuuf jarreen lamaan kana irratti fuulleffata. Adeemsa afaan, Aadaa,seenaaf waan jiraa uummataa hunkuteessu galmaan gahuuf ammoo uuummatichuma garboonfate keessaa nama qabachudhan of dura buusee saba sana cabsa. Qabsoon Oromoo ka jabaatee onnee guutuun qabsaa’ota gameeyyiin adeemaa akka jiru godheef waan Oromoo utuu ilaaluu dhabamaa adeemuusaatu doktooraaf profeesera Oromoo kitila bosonatti galchee qawwee baachise. Garboonfataan biyya Oromiyaa irratti barootaaf qabsoon Oromoo yoggaa fiilu dheeffa rog-arfeefi dheeffa rog-sadee fayyadamuutiin uummaticha takaalaa yoona gaheera. Uummatni ammoo harkaa ba’uuf garbummaa jalaa ba’uuf dheeffa qabsoo sarara qajeelaa waggootaa dheeraaf gochaa turee boqonnaa dhumaarratti dheeffa qabsoo sarara geengoo fayyadamuuf qophii xumure.

Dheeffa rog-arfee danoomaan fayyadamanii uummata Kuush cabsuun habashootaa har’a wal nu hinfalmiisiisu. Dheeffa gaafa jennu qabsoon sabaa gaafa raasee kuffisuuf ka’u akeeka uummataa sana mohachuuf gartuuwwan tokko dhiisanii tokkotti darbuu cinatti ergaan takkaa gartuu afur hiriirsuun uummata fincilu sana cabsaa turan. Dheeffi rog-arfee fi rog-sadeenvimpaayeera Xoophiyaa keessatti, 1. Oromoo isa Oromoo irratti hojjetutti michoomuu, itti baqachuun qabsaa’ota adamsuu. 2. Dheeffa gara naannoo Sumaalee, 3. Dheeffa gara Benishaangul Gumuz, 4. Dheeffa gara Amaaraa fi dheeffa gara OPDO; gidduu fiiguun koleeneffattoonni fayyadamaa ta’an. Dheeffa siyyaasaa kana hubachuudhaan dhaloonni ykn ka’imman qabsoo sabaa gara dheeffa qabsoo geengootti fiduudhaan Oromoo Oromootti michoomsaa qabsoo finiinsuun dheeffa siyyaasaa injifachuuf nu gargaara.

Adeemsa diinaa baruun adeemsa ittiin irra aanan baruuf nu gargaara. Kanaaf ammoo siyyaasni garboonfataan nurratti gaggeessaa jiru maal fakkaata jennee irraa siqnee ilaaluu nu gaafata. Gaafa siyyaasa garboonfataa barru tooftaa qabsoo irratti gumeessuun irra aanuuf nu gargaara. Siyyaasa keessatti carraan mohamuu daqiiqaa irrayyuu Sekoondiidha. Kanaaf ammoo haala sochii diinaa ganamaa galgala qayyabatuu nu barbaada. Sochii uummata keenyaas rogeessuun tarsiimoo ittiin irra aannu baafachuuf tattaafatuuf nu fayyada.

1. Fiila qabsoo
1.1 Fiila qabsoo jechuun maali?
Fiila jechuun ho’a digirii olaanaa qabudha. Waan humnaan ol ho’e kun waa bilcheessuufis ta’ee haafaaf galabaa gubee balleesuuf qophaa’aadha. Qabsoon Oromoo sadarkaa Fiilaa irra gaheera. Sadarkaa kanaan dhabama garboonfataaf hawwataa akka ta’utti eeggitiin itti fayyadamuu feesisa. Waan humnaan ol ho’e akkaataan qabaasaa addaan bahee ilaalama. Callifamee qaama ho’e sana harkaan qabama utuu hintaane waan ittiin qabdu qopheeffachuu si barbaada.

Kanaan ala si gube si lamaxuu mala. Qabsoo keessatti qabsoon erga fiilee adeemsa ittiin qabatan dhaloota leenjifatuu barbaachisa. Kanaan ala qabsoo ofii gubee barbadeessuuf aanja’aa ta’uu waan danda’uuf Fiila qabsoo qabannaa tolchachuun barbaachisaadha. Qabsoon Oromoo fiilee jira. Bukoo siyyaasa ayyaan ilaallataa bilcheessuufis ta’ee garboonfataa barbadeessuuf amma qophii waan xumure fakkaata.

Kun ammoo adeemsi walitti itituu Oromoo kan jabaatee itti fufu taanaan ragaa keessa deebii hinqabne ta’uu hubatuuf gargaara. Har’a waa’ee Fiila qabsoo gaafa kaafnu qabsoon Oromoo har’a fiilte jechuuf miti. Kanaan dura qabsoo fiile haala qabannaa wal’aaluun carraan nu duraa gubatee qabsoo keenyaan deebinee qaama qabsoo of irratti akka gubne hubataa, kan Alana fiilaa jiru kana itti fayyadamuuf akka qophoofnu agartuun qeerroo nii dhaammata.

1.2. Qabsoo fiile dhabamsiisuu irratti halagaan dheeffa siyyaasa akkamii taphataa ture?

Qabsoon Oromoo dorrobee utuu hindhalin akka gatatu, dararee utuu firii hingodhatin akka coollaguuf garboonfataan dheeffa siyyaasa roga garaagaraan qummunsaa yoona gaheera. Dheeffa siyyaasaa impaayeera Xoophiyaa keessatti Oromoo irratti adeemaa ture bakka lamatti qoodna. Isaaniis

I. Dheeffa alaa fi II. dheeffa keessaati.
I. Dheeffa Siyyaasaa alaa (Rog-arfee) garboonfataa.

Garboonfataan qabsoon yoo mudditu dheeffuu ykn dheessuu gargaarama. Siyyaasa gaafa baqatu ammoo siyyaasaan siyyaasatti baqataa yoona gaheera. Gaafa qabsoon Oromoo haalaan finiinee akka Xoophiyaatti qaama qabsoo jabaa ta’ee uummata Cunqurfamoo makatee bakka dhaabbii dhorku Oromiyaa jalatti baqata. Baqa Oromiyaan alaa keessatti dheeffa roga arfee fayyadamee nagaa uummataa dhorkee jireenya uummataa kineessuu filata. Kun adeemsuma garboonfattoonni Oromoo irratti adeemsisaa turani. Dheeffa alaa kana dheeffa siyyaasaa rog-arfee jechuu dandeenya. Dheeffa siyyaasaa rog-arfee garboonfataa yeroo hedduuf Uummata nagaan waliin jiraataa ture wal dhabsiisuun gara uummata ykn saba biraa goree Oromoo rukuchiisuun gargaarama. Adeemsa kana waggoota dheeraaf impaayera Xoophiyaa keessatti dhimma bahataniiru. Qabsoon Oromoo gaafa ABO dhaan hogganamee biyyattii raasu roga maraan Oromoo nagaa dhabsiisuu keessatti dheeffa siyyaasaa Roga-arfee fayyadamanii Bahaa, Lixa, Kibbaaf, Kaabaan nutti duulanii uummata jilbeenfachiisuu irratti tattaaffiin hojjetaa yoona gahaniiru.

Adeemsi garboonfataan dheeffa siyyaasaa Rog-arfee fayyadamee Oromootti duulu cimina qabsoof Fiila qabsoo ta’uu hubatuu qabna. Amma har’a qabsoon Oromoo biyya Xoophiyaa keessatti nagaa dhorkatuudhaan mootummaa dhaabbii gaafa dhorku daba uummatarratti hojjechuun humna uummataa dadhabsiisuuf daangaawwan Oromiyaatti michoomee Oromoo rukuchiisa. Baqa ykn dheeffa siyyaasaa daangaawwan Oromiyaatti taasisu yeroo marayyuu dheeffa Rog-arfee ta’uu beeku qabna. Har’a sadarkaa qabsoon Oromoo fiilee jirutti garboonfataa dheeffa siyyaasaa rog-arfee fayyadamaa jira. Kanaan ammoo
A. Dheeffa Siyyaasaa Rog-Arfee Kaabaa
B. Dheeffa Siyyaasaa Rog-arfee Kibbaa
C. Dheeffa Siyyaasaa Rog-arfee Bahaa
D. Dheeffa Siyyaasaa Rog-arfee Lixaa jennee ilaalla.

A. Dheeffa Siyyaasaa Rog-Arfee Kaabaa

Dheeffa Siyyaasaa Rog-arfee kaabaa gosa dheeffa siyyaasa garboonfataa Oromoo weeraruuti. Dheeffi kun kallattii jiran keessaa tokko dheeffa kaabaati. Kaaba Oromiyaa ollaa Oromootti michoomee Oromootti duuluun humna Oromoo dadhabsiisuuf faffacaasee nu bittimsuuf akka aanja’utti itti dhimma baha. Bara kana garboonfataan karaa Kaabaa uummata Walloo fi Affaar gidduutti lola banee, hanga har’aa Lola walitti fufiinsaarra uummatni akka jiru dhageenya. Lola kana kan bane garboonfataadha. Duubaan ollaa Oromoo deggaraa fi tumsaa Oromoo harka qullaatti ollaa Oromoo hidhachiisee duulchisuun lafaaf biyya keenya weerarsiisa. Adeemsa kanaan ammoo Oromoota dadhabsee abdii kutachiisuuf dhimma itti bahata. Dheeffa karaa kanaa Dheeffa Siyyaasaa Rog-arfee Kaabaa jedhama.

B. Dheeffa Siyyaasaa Rog-arfee Kibbaa

Gosoota dheeffa siyyaasaa garboonfataa keessaa tokko ta’ee siyyaasa Oromoota Kibba Oromiyaa haxaa’uuf itti gargaaramudha. Kanaan ammoo uummataa sabaaf sablammoota Kibbaa barootaaf nagaan uummata faana jiraataa tureef Oromoo gidduutti holola facaasuun akka saboonni lamaan wal lolan taasisa. Saba lamaan wal lolan keessaa Oromoo jilbeenfachiisuuf gara saba ollaa Oromootti baqatee/dheeffee meeshaa waraanan; dug-daduubaan tumsee biyya Oromoo akka weeraran gochuu irratti hojjeta. Dheeffa siyyaasaa kibbatti adeemamu dheeffa siyyaasa rog-arfee kibbaa jedhama.

C. Dheeffa Siyyaasaa Rog-arfee Bahaa

Waggoota dheeraaf sharafa qabsoo keessatti, dadhabsiisoo qabsoof garboonfattoonni duula karaa Bahaa bananiin gagaa’amaa hamaaf Oromoo saaxilaniiru. Araddaan Oromoo karaa Baha Oromiyaa shallagamee itti hinbahamne halagaaf laatamee maqaalee hedduun har’a biyyoota Ollaa Oromoo keessaa maqaan Oromoon moggaaseen lafti wamama jiran jiru. Kun dheeffa garboonfattoonni shiftoota Sumaaleetiin nurratti raawwataa turaniin lafaaf qabeenyarraa buqqaa’aa yoona gahuu Oromoo raageessa. Dheeffa karaa bahaa taasisuun garboonfataan waggoota qananii Oromoo ugguruuf marroo dheeraaf shiftoota Sumaalee Ziyaad Baarree irraa qabee hanga Abdii Illee har’aatti isaaniin duratttis duula jabaa gaggeessaa yoona gaheera. Qabsoon Oromoo fiilee gaafa nagaaf tasgabbii isa dhorkatu uummata ollaa Oromoo baha jiraatanitti michoomuun mataa itti qabatee itti baqachuun/dheeffuun meeshaa hidhachiisee duula waraaanaa uummata Sivilii irratti raawwataa yoona gaheera. Har’a adeemsi Liyyuu Ayilii duubaan tumsitoonni TPLF ta’uu Oromoon hubachuu qaba. TPLF biyya impaayeera Xoophiyaa keessatti naga booressitoota ykn saamtota ta’uun isaanii beekame. Adeemsiif gochaan isaan ilma namaa irratti raawwatan addunyaatu balaaleffate. Kun ammoo akka isaan nagaa dhaban irra darbee akkasaan yakka isaaniif gaafataman daandii saaqaa dhufe. Adeemsa qabsoo Oromoo kana ilaaluudhaan humna qabsoo Oromoo gufachiisuuf qabsoo Oromoo qummunsanii irra deebiin sabicha cabsanii hacuucuuf fuula hedduu daangaarraan nutti bananii lafaaf qabeenya keenyarraa maatii keenya godaansisaa jiran. Bara kana dheeffa karaa Bahaatti taasisaniin ilmaan Oromoo miliyoonaan lakkaa’aman araddaa irraa buqqaasanii saamicha lafaa nurratti jabeessaa jiru. Dheeffa kanaan dheeffa siyyaasaa rog-arfee Bahaa jennee waamuu dandeenya.

D. Dheeffa Siyyaasaa Rog-arfee Lixaa
Dheeffa siyyaasaa kana yeroo hedduu karaa Lixaa kan itti gargaaramanidha. Dheeffa kana waggoota dheeraaf uummata Benishaangul, Uummata Majangar fi Maa’oo dabalatee hedduusaanii Oromoo irratti duula waraana akka banan shira xaxamudha. Kanumaan tibbana TPLF duula uummata Oromoo irratti karaa dhiyaa taasisee ragaa qabatamaadha. Ammallee Asoosaa dabalatee bakkoota hedduutti Lixarraan Oromootti duulli banamee jira. Duula kanaan duula siyyaasaa rog-arfee Lixaa jenna.

Walii gala duula Oromoo dhabamsiisuuf garboonfatanii nagaa sabichaa dhorkuuf garboonfataan taasisu yeroo qabsoon Oromoo fiilu dheeffa alaa fayyadama. Dheeffa alaa kun ammoo dheeffa siyyaasaa Rog-arfee jedhama. Adeemsa ollaa Oromoo Oromootti diruu keessaa tokko ta’ee lafaaf qabeenya Oromoo irraa buqqaasanii nageenya nu dhorkuuf kan itti dhimma bahamudha.

II. Dheeffa Siyyaasaa Keessaa (Rog-sadee)
Yeroo qabsoon Oromoo jabaatu garboonfataan dheeffa siyyaasaa keessoo ka duraa ykn dheeffa siyyaasaa rog-arfee dursee rawwaata. Yoo karaa dheeffa siyyaasaa keessoo ykn dheeffa siyyaasaa rog-sadee n dadhabe gara dheeffa siyyaasaa rog-arfeetti ce’a. Adeemsa dheeffa siyyaasaa keessoo (rog-sadee) galmaan gahachuuf ammoo “Garbuu garbuun hidhuu” isa jedhutti dhimma baha. Haaluma kanaan qaamuma Oromoo keessaa tokko ofitti aanfatee isa tokko barbadeessa. Booda ammoo isa ofitti qabatee jirus dhabamsiisa jechuudha.

Kanaaf jabana kana Wayyaaneen dheeffa siyyaasaa rog-sadeenni adeemaa turee itti jiru OPDO fi ABO gidduudha. OPDO qabatanii ABO balleesuu ykn dadhabsiisuu yaalu. Kun akka raawwatuuf ammoo roga dheeffa siyyaasaa isaanii sadii taasisu. Kunis bakka Oromoon ykn bakka ABO jirutti babal’isuu jechuudha. Dheeffi kun OPDO alatti ergachuudhaan Diaaspooraa Oromoo gandaaf amantii wal dhabsisuun WBO akka hintumsine taasisuu, Qaama keessaa keessatti OPDO jabeessanii akka saaxilamanii humni qabsoo dadhabu gochuu, dirree qabsootti erganii WBO’n akka wal dhabuuf hojjechuudha. Martuu gaafa ilaallu Roga sadii qabaachuu nuu gala. Kun akka jiru yoo beekne irra aanuuf nu gargaara. Adeemsi kun dheeffa Siyyaasaa Rog-arfee jedhama. Oromoon Oromoo irratti waan raawwatuuf dheeffa keessoo jenna.

1.3 Qabsoo Oromoo jabeessuuf adeemsa halagaa irra aanuuf maaltu nugargaara?

Egaa qabsoo fiile dhabamsiisuuf halaagaan dheeffa siyyaasaa haalluu garaagaraan taasisuu ilaalleerra. Mata duree kana jalatti immoo qoricha shiraa ykn Dheeffa Siyyaasaa garboonfataa maseensuun qabsoo Oromoo utubanii dhaabuuf maalu akka nu gargaaru ilaalla.

Qabsoo keenya sadarkaa dhaamuu hindandeenyerra gahee kana gara xumuraatti fiduuf qabsoofna. Qabsoon Oromoo roga gurguddaa lamaan adeemaa ture ittis jira.

I. Dheeffa qabsoo sarara qajeela (Of irratti hirkannoo)
II. Dheeffa qabsoo sarara Geengoo

I. Dheeffa qabsoo sarara qajeelaa

Dheeffa qabsoo Oromoo keessaa inni olaanaan waggootaaf dhimma itti bahamaa ture dheeffa qabsoo sarara qajeelaati. Dheeffi qabsoo sarara qajeelaa qaama halagaa kamuu utuu hindubbisin qabsoo of irratti hirkannoo adeemaa yoona gahedha. Qabsoo keessatti wareegama hedduu kaffalus; dheeffi qabsoo sarara qajeelaa dantaa sabaa cimsee eeguuf isa murteessaa ta’uurraa akka filatamee hojiirra oole hubanna. Utuu halagaadhaan na gargaari jedhamee halagaan dantaa biraa waan isa gaafatuuf kadhaa qaama kamiin alatti qabeenya biyyasaas ituu qaama kamiif hindabarsin qabsaa’ee galma akka gahutti ABO’n qabsoo waggaa dheeeraa taasisee yoona gaheera. Ammas sadarkaa dheeffa qabsoo bifa dantaa sabaa hinmiineen finiina qabsoo kana galmaan gahuuf qaama halagaa of gidduu baasee gara milkaa’inaatti tarkaanfaataa akka ta’uuf tokkummaan sabaa akka jabaatutti dheeffi qabsoo Sarara qajeelaa daandii aanjeesseera. Egaan adeemsa qabsoo of irratti hirkannoon socho’amuun dheeffa qabsoo sarara qajeelaa jenna.

II. Dheeffa Qabsoo Sarara Geengoo (kan ammaa)

Dheeffa siyyaasa halagaan ka keessoo burkuteessuudhaan Oromoon gara dheeffa qabsoo Sarara Geengoo irra gaheera. Dheeffa qabsoo sarara geengoo jechuun qabsoo Oromiyaa keessatti Oromoo maraan taasifamudha. Oromiyaaf Oromoo bakka buusuuf ammoo “O” bakka buusnee moggasne. Dheeffa qabsoo sarara geengoo amma argamaa jiruun Oromoo gamtaa’inaan diina innika irratti fuulleffatee saamtota Oromiyaa keessaa akka qulqulleessuuf deemu abdatama. Kana dhugoomsuuf ammoo adeemsi Addi Bilisummaa Oromoo fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa itti walii galan murteessadha jennee yaadna. Boqonnaa dhumarratti dheeffi qabsoo sararra geengoo kun kan Oromoo fayyadu ta’uu cimsinee beekna.

Egaa walumaa gala torban kun Fiila qabsooti jechuun agartuun Qeerroo fudhata. Qabsoo Fiile kanaan garbummaa barbadeessanii Bilisummaa bilcheessuuf nu gargaara. Jennee tilmaamna.

Injifannoon Uummataa Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!
Qalbeessaa Dhagi’aatiin
Finfinnee Oromiyaa
Hagayya 9,2018


ONN LIVE: Sagalee Qeerroo Hagayya 09 2018

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.