Mootummaan yeroo ammaa kana angoo of harkaa qabu, OPDO kaleessaa Bilxiginnaan har’aa!

Obsaan Dubbisaa!
Mootummaan yeroo ammaa kana angoo of harkaa qabu, OPDO kaleessaa Bilxiginnaan har’aa, akkuma waggoota dura, ADWUI keessatti arcummee ta’anii uummata Oromoo dararaa turan sanatti, har’as arcummee isaaniitti harka gedderachuun uummata hiraarsaa jiru.
 
Galma guddaa filannoo ittiin dheereffatan akkasumas ammoo karoora ittiin hayyoota Oromoo karaarraa maksan lubbuu qaalii Artist jaallatamaa Oromoo Hacaaluu Hundeessaaf utuu hin mararamin siyaasa rakasaaf nama qaalii nu dhabsiisanii jiru. Kuni hundu qaama tarsiimoo isaanii ture.
 
Sirni bilxiginnaa sochii hoggantoonni Keenya Oromiyaa guutuutti gochaa turani ilaalani sodaan waan qabataniif gadi-dhiisani wallaalani tarsiimoo sadi baafachuun hojiitti galanii. Isaaniis:-
1FFAA:- Ummata tokkummaa isaan sırna hamma funyaanitti hidhatee ture kuffise kana gidduttii wal shakki uumuu dha. Tarsiimoon kun uummanni Oromoo akka quba walitti qabatuu, waliin hojjachuu, waliin sagaduu, waliin maria’achu fi taphachuu akka sodaatu gochuun tokkummaa isaa laaffisuu dha.
2FFAA:- Gara laafina tokko malee hidhamtoota siyaasaa, sabboontoota ajjeesuu fi hidhuun, akkasumas ajaja mana murtii diduun uummata keessatti sodaa guddaa naquu dha.
Sodaa kana irraan kan ka’e uummanni Mootummaan kuni eenyuufi iyyuu boodattii hin deebi’uu jedhee akka yaaduu godhuu dha.
 
3FFAA:- Abdi Kutachiisuu dha. Tooftaalee tokkoffaa fi lamaffaa hojiirra erga oolchanii booda, wantoota Oromoon akka lubbuu isaatti eeguu diiguu fi dhabamsiisuun uummata hamilee isaa cabsuu dha. Fakkeenyaaf Ayyaana Irreecha hambisani, abdii biyyaa kan ta’ee qeerro keenya bineensa waliin wal fakkeessuf “girrisa” jedhaniin, Diinota Ummata keenyaa faarsuun madaa Oromoo taphachuun akka uummannii mataa gadi qabatu gochuu dha. Tooftaan sadaffaan kuni dhaadannoo yeroo “Oromoo nan cabsa” jedheef tooftaa isa golabaati.
 
Waluma galatti tarsiimoon gurguddaa sadan kun, bara angoo dheereffachuuf waan isaan ittiin Bayyanataa jiran yoo ta’u, iji isaanii barcumaafi Angoo qofa amma ilaalutti, Oromoon waan hedduu dhabuu mala. Kanaaf dammaquufi dammaqsuun filannoo barbaachisaadha.
Via:

Samuel Bekele


Hidhamtoota siyaasaa Oromoo mana hidhaa Qaallittii jiran, guyyaa 18ffaaf lagannaa nyaataa itti fufuu isaanii ilaalchisuun, abbootiin amantaa, Atileetonniifi namoonni siyaasaa garaagaraa akka jaarsummaatti yookaan ammoo gorsuuf gara mana hidhaa deemuudhaan, hidhamtoonni kun nyaata akka nyaataniif gaafachaa jiraachuu isaanii ilaalchisuun maatiin hidhamtootaa OMN-iif yaada kennaniiru.
 
Ilmi Obbo Baqqalaa Garbaa saamu’eel, ergaa barreffamaatiin akka yaadasaa nuuf ergetti, Maatiin miira walmakaafi gaddaa keessa jiraachuu hima. “Karaa tokkoon akka isaan osoo hin miidhamiin lubbuun nuuf jiraatan barbaanna. Karaa biraan immoo qabsoo isaan itti jiran kutannoon isaani, fakkeenyummaan isaan dhaloota kanaaf kaa’aa jiran akka isaanin boonnuufi dinqiisifannu nu godha” jechuun miira maatii kan himu Saamu’eel, ejjeennoon hidhamtoota kanaa dhugaafi kan hin jijjiiramne ta’uun isaa garuu, balaa qabachuu akka malu hima.
 
Hidhamtoonni siyaasaa kunniin haala rakkisaa kanaan yoo itti fufan, miidhaan irra ga’u ulfaataa tahuu akka malu tilmaamaafi muuxannoo qabsoo karaa nagaatiin Addunyaan keessimmeessite keessatti, diddaa lagannaa nyaataa hidhamtoonni biyyoota adda addaa taasisaniin, balaafi jijjiiramni argame jiraachuus kan himu Saamu’eel Baqqalaa Garbaa, maatiin akka maatiitti, hidhamtootni kun akka nyaata nyaataniif dhibbaa taasise qabaachuusaa gaaffii gaafanneef akkas jechuun deebii laata.
 
“Namoota kana waggoota dheeraafi isaanin beekna. Wanta irratti murteeffatanif lubbuu isaanii keennuu irraa boodatti akka hin deebinee bareechinee beekna. Qabeenyummaan isaani kan maatii qofa miti kan uummata Oromoo maraati. Kanaafi yeroo isaan qabsoo Oromoo fuulduratti butuuf lubbuu ofiitiin qabsa’aa jiran kanatti, wanta abdi isaanin kutachiisu kamuu itti hin dubbannu. Filannoo fi murtoo isaanii ni kabajina. Kanaaf dhiibbaa addaa taasifne hin qabnu. Isaan kan maatii qofa osoo hin taane, kan Oromoo hundaati. Kanaaf isaan karaa itti amananiin Oromoof qabsa’a jiru. Yoo wareegamanis maatii jalaa osoo hin taane, Oromoo jalaa wareegamu. Dhugaa kana ni beekna.” jechuun, akka maatiitti dhiibbaa addaa akka isaan nyaata nyaataniif taasisan jiraachuu dhabuu hima.
 
Haa ta’u malee garuu, jaarsoliin biyyaa, namoota bebbeekamoo Oromoo dabalatee geggeessitoonni paartilee siyaasaa gara mana hidhaa deemuudhaan, akka hooggantoonni haqa dhabanii mana hidhaa Qaallittii jiran kun, agabuu hin miidhameef kadhachaa akka jiran quba qabaachuus Saamu’eel OMN-tti barreeffaaman himee jira.
 
Saamu’eel dhimma namoota kanaa ilaalchisuun akkas jedha “Namoonni akka isaan nyaataniif dhiibbaa gochaa jiran ciinqama Oromummaa irraa akka ta’eefi jiraachuu qabsaa’ota kana warra jaallatan ta’an sirriitti ni hubannaa. Abbootin amantii, maangudoonni, namoonni bebbeekamoo dhaqanii ilaalani akka nyaata nyaachuutti deebi’niif gaafatanii, hidhamtoota kana irraas deebii isaanii dhaga’aniiru. Ejjennoon hidhamtoota kanaa, amma Oromoon isaan qabsa’niif salphina keessaa ba’utti, amma gaaffiin isaanii deebi’utti akka hin jijjiiramnes hubataniiru. Amma egaa dabareen namoota jaarsummaaf garas deeman kanaa, qaamolii haqa hoggantoota keenyaa kanaa dabsanii, hidhananii dararaa jiran bira deemanii dubbisuu dha. Maangiddoonniifi namoonni bebbeekamoom kunniin, akkuma hidhamtoota siyaasaa kana bira jaarsummaa deemanitti, lubbuun hoggantoota kanaas haala akkasiin yoo darbite mootummaan itti gaafatamumma guutuu akka fudhatuuf qaamolee mootummaa bira deemuun itti himuus qabu.
 
” jechuun dirqamni jaarsolii kanaa, hidhamtoota akka nyaata nyaataniif gaafachuu qofa osoo hin taane, mootummaan akka haqa jara kanaa deebisuufis gaafachuu akka ta’e yaadachiisa.
Hidhamtoonni siyaasaa Oromoo lagannaa nyaataarra jiran kunniin, halkan 18ffaa irra yeroo qaqqabanitti, fayyummaan isaanii yaaddeessuufi sodaachisa ta’uun itti fufaa jiraachuus odeeffanneerra.