Mootummaa Ceehumsaa Ijaarrachuun Lammiilee Oromiyaa Furmaata Nagaa Waaraa fi Tasgabbii Sabaatiinsa Qabu Argamsiisuuti! Ibsa (KQMCBNO)

Mootummaa Ceehumsaa Ijaarrachuun Lammiilee Oromiyaa Furmaata Nagaa Waaraa fi Tasgabbii Sabaatiinsa Qabu Argamsiisuuti!
Ibsa (KQMCBNO) – Caamsaa 3, 2021
 
Nagaaa Waaraa fi tasgabbii sabaatinsa qabu argamsiisuuf MCBNO ijaarrachuun lammiilee Oromiyaa barbaachisaa qofa osoo hin taane, murteessaa dha. Karaan adda addaa kan gara filannoo haqaatti geessu yeroo adda addaatti yaalamus murna aangoo dheereffachuu barbaadu kan biyya kana Afaan qawweetiin bulchaa tureen fedhiin waan hin jiraanneef gara tarkaanfii Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaaruutti tarkaanfatame. Kun karaa tokkicha gara nagaafi dimokiraasiitti nu geessu waan ta’eef Lammiileen Oromiyaa hundi qooda irraa fudhachuun dirqama Lammummaati.
 
Mootummaa Cehumsaa jechuun biyya tokko keessatti yeroo Sirni tokko kufee Mootummaan Sirna sana keessa ijaarames seeraan hin jirretti Ummattootni biyyattii keessa turan sirna dhablee fi Mootummaa maleeyyii akka hin taaneef, qaamolee nageenya buusan (peace makers) Kanneen jedhaman caasaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Caasaalee Lammiilee Oromiyaa/Sabaa fi sablammoota Oromiyaa keessa jiranii, Caasaalee Jaarmiyaalee Hawaasaa(Civic Association), Caasaalee Jaarmiyaalee Siyaasaa Oromiyaa keessaa, Abbootii Gadaa fi Hayyoota Amantaa irraa ijaarameen kan utubamuun nagaa waaraa fi tasgabbii sabaatiinsa qabu buusee ummattootni biyyatti tasgabbiidhaan mootummaa isaaniif ta’u akka filataniif dirqama ofitti fudhatee yeroo cehumsaa sana kan gaggeessu jechuu dha.
 
Mootummaa Cehumsaa ijaarachuun lammiilee Oromiyaa kan barbaachiseef, Biyyattiin kun mootummaa waloodhaan bulaa waan hin jirreef. Kana jechuun heerri biyyattii cabuudhaan murni tokko aangoo seeraan alaa itti fufsiifachuu yeroo barbaadu, kanneen haqaa fi bilisummaa sabootaaf qabsaa’an ammoo uummata waliin hiriiranii jiru.
 
Murni siyaasaa gartuu tokko leellisu aangoo siyaasaa Mootummaa Federaalaa dhuunfachuun ilaalcha sabboonummaa Sabootaa fi Biyyaa Lammileen/Sabaa fi sablammoonni keessa jiran dhabamsiisuuf hojjetaa jira. Oromiyaan Sabaa fi Sab-lammoota hedduu kan of keessatti hammattee jirtuu fi Amantaa fi Aadaa waliin jireenya sabaaf sablammoota hedduu kan qabdudha. Murni Biltsiginnaa aangoo hunda harka galfate kun jireenya Lammiilee Oromiyaatiif yaaddoodha. Kanaaf, Lammiileen Oromiyaa murna siyaasaa gartuu tokko leellisu kanaan dhuunfatamtee jireenyi isaanii akka hin golgoloofne Mootummaa Ce’umsa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaaruun fardii ta’ee argame.
 
Diigamiinsi guddaan Oromiyaatti aggaamamee jira. Daangaan Oromiyaa kallattii adda addaan cabuufi lafti Oromiyaa saamamuun ni mul’ata. Kun baroota dheeraaf geggeeffamaa kan ture haga ammaa xumura utuu hin argatiin daran babal’atee jireenya Lammiilee Oromiyaa yaaddoo keessa galcheera. Cabinsa daangaa (Territory) fi saamaminsa lafaa kana baraaruuf mootummaan Cehumsa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa waloo ijaaramee nageenyi waaraa fi tasgabbiin sabaatinsa qabu bu’uu qaba. Oromiyaan dirree jeequmsaa fi lolaa yoo taate Lammiilee Oromiyaa keessa jiraatanii fi uummata Oromoo qofaaf utuu hin taane, sabaaf sablammoota Itoophiyaa dabalatee balaa gaanfa Afrikaa nagaa dhorku baatee deema.
 
Ummata Oromoo dabalatee sabaa fi sablammoonni Oromiyaa keessaa saboonni cunqurfamoon harqoota gabrummaa jaarraa tokkoof walakka oliif irraa ture of irraa kuffisanii hiree ofii ofiin murteeffachuu, mirga abbaa biyyummaa deebisanii gonfachuu, Bilisummaa diinaan sarbaman deebifachuuf wareegama qaqqaalii baasaa turaniiru.
 
Qabsoon mirga abba biyyummaaf, bilisummaaf, walqixxummaaf, diimokraasiif, olaantummaa-seeraaf, mirga dhala namatiif taasifamee fi wareegamni qaamaa qalbii hedduun itii bahe Karaarraa akka maqu kanneen godhan , Afaan fajjeessitoota, Ayyaan-laallatoota, Gantoota, Hattoota, Dantaaf buleeyyii fi Jala-galtoota dantaa Lammiilee irra ejjetani dha. Qabsoon wareegama qaamaa qalbii itti baafamee as gahe kun murnoota badii Kanaan akka hin butamneef MCBNO ijaarachuun Lammiilee Oromiyaa akkan murteessaa ta’ee argameera.
Waan ta’eef Lammiileen Oromiyaa mootummaa Gadaan darbe keessatti dirqamoota gara garaa irra turtanii fi ammas murna Afaan Qaweetiin ummattoota cafaqee bulchaa jiru faana jirtan, lammii keessan Lammiilee Oromiyaa cinaa dhaabbachuu dhaan hatattamaan Mootummaa Cehumsaa Biyyaalessa Naannoo Oromiyaa akka dhaabbattaniif waamicha Lammummaa isiniif goona.
 
Akka Kanaan, Qaamota armaan gadiitiif waamicha keenya dabarsuu barbaadna.
1. Qaamota Nageenyaaf:-
Qaamni nageenyaa nagaaa biyyaa fi uummattootaa eeguuf kan waadaa seene qaama seeraa Waardiyaa heeraa fi seera biyyattii qaama ol aantummaa seeraa kabajee kabjisisu wabii lammiilee biyyaati. Qaamni mootummaadha ofiin jedhu erga fulbaana 30, 2013 A.LH tii seeraan aangoo siyaasaa ummata ittiin taliigu harkarraa hin qabu. Kan amma maqaa Mootummaatiin loltoota akeeka isaa galiin gahan qofa qabatee qe’ee fi qabeenyaa namaa saamuu fi lubbuu hawaasa qulqulluu balleessisiisaa jiru murna Qabeenyaa biyyaa fi Waraana biyyaa dhunfatee socho’aa jiru murna Biltsiginnati. Kanaaf, haala heera biyyattii fi naamusa ittiin leenjitanii bobbaafamtaniin gara uummata keessanii goruun nageenya Lammiilee Oromiyaa mirkaneessuuf dirqamni guddaan isinirra jira. Isin mootummaan dhufee yoo darbu uummata waliin jiraattu; nagaa uummataa eegdu. Waan ta’eef, waamicha isiniif taasifame hordofuun adeemsa ijaarsa MCBNO keessatti qooda waadaa itti seentan akka ba’attan waamicha isiniif goona. Kana akka gootanis abdii isinirraa qabna.
 
2. Abbootii Gadaa fi Hayyoota Amantaa:-
Akkuma qaama nageenya buusu (Peace makers) jedhamuun Koree Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa milkeessuuf ijaarame kana keessatti qooda fudhattanitti, dirqama dachaa fudhachuun Haala duudhaa amantii keessanii fi sirna Gadaatiin nageenya Lammiilee Oromiyaa eegsisuuf qoodni keessan olaanaa dha. Yeroo mootummaan bara bulchinsa isaa fixatee biyyattiin goolama siyaasaa (Political violence) keessa seentetti safuu fi duudhaa hawaasaa kabajsiisuun Lammiileen Oromiyaa gara waloodhaan mootummaa ijaarratanitti akka deeman gumaacha isinirraa eegamu akka ba’attan waamicha isiniif goona.
 
3. Hayyootaafii Beektota Oromoo Biyyoota Ollaa fi Biyyoota Alaa Garaagaraa Keessa Jirtaniif:-
Akkuma argaa jirru hayyoonnii fi Beektonni kallattii adda addaan ijaarsa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa keessatti qooda kennaa jirtu. Ammas daran itti fufuun hojii dippiloomaasii fi tumsa ogummaa keessaniin egeree Lammiilee Oromiyaa balaarraa baraaruuf tumsa akka gootan gadi jabeessinee dhaammanna.
 
4. Miidiyaaleef:-
Nageenyi Lammiilee Oromiyaa mirkanaa’ee gara nagaa fi dimokiraasiitti akka cehamu gochuu keessatti qoodni miidiyaa olaanaadha. Waan ta’eef, miidiyaaleen mirga Lammiilee Oromiyaa akka kabajamuuf hojjettan dhimma Mootummaa Cehumsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa jala bu’uun hordofuun qajeelfamaa fi kallattii KQMCBNO isin akeekeen dirqama keessan akka bahattan waamicha isiniif goona.
 
5. Dhaabbilee Hawaasaa fi Ogummaa Garagaraatiif:-
Koree Mootummaa Ceehumsaa milkeessuuf hojjataa jiru kana keessattis akkuma qooda keessan bahataa jirtan, Dhaabbileen hawaasaa adda addaa of ijaaruun mirga Lammiilee Oromiyaaf qabsaa’aa akka turtanii fi jirtan ni beekama. Dhaabbileen Ogummaas Danqaa fi Danqaraa hedduu irraan tarkaanfachuun Lammiilee Keessan tajaajilaa turtaniittu. Ammas Cehumsa kana milkeessuuf qooda isin irraa eegamu akka bahattan gadi jabeessinee dhaammanna.
 
Hojjettoota Mootummaa Kanneen Turtaniif:-Isin ergamtoota mootummaa osoo hin taane tajaajiltoota hawaasaa uummata keessaa dhalattaniiti . Mootummaan kallattii adda addaan qajeelfama isiniif kennaa ture bara bulchiinsa isaa waan xumurateef gara uummata keessanii goruun ijaarsa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa keessatti qooda akka kennitan waamicha isiniif goona.
 
6. Qonnaan Bultootaa fi Horsisee Bultotaaf:-
Qonnaan Bultootaa fi Horsiiseee Bultootni tajaajilamtoota sirrii bu’aa jiruu fi jireenya biyyaati malee, Saamamtoota fi ergamtoota ba’aa baachuu hin dandeenye itti baachiman miti!
Waan ta’eef, uummatni bara mootummaan jiru maqaa buusii, Gabataa Misoomaa fi Gibiraan gidirfamaa ture kan takkaayyuu tajaajila bu’uuraa mootummaa irraa hin tajaajilamiin, amma yeroo dhiphatanii waan qabanii gadi dhiisan dhabanitti tajaajila bu’uuraa murna Shiftaa Waraanaa biyyaa fi qabeenyaa biyyaa dhuunfatee of dandamachiisuuf ijibbata watwaataa jiruun tajaajilli bu’uura argatamu hin jiru. Uummanni keenya of ta’uun waan bor isaaf ta’u MCBNO tumsuun qooda isaa akka bahatu gadi jabeessinee hubachiifna.
 
7. Abbootii Qabeenyaa fi Daldaltootaaf:-
Abbootiin qabeenyaa fi daldaltoonni qabeenyaa keessan irratti abbaa ta’uun qabeenyaa keessan bilisaan sochoofataa lammiilee keessan cinaa dhaabbachuu qabdu malee doorsisa, sobaa fi sossobbaan madda galii Murna Shiftaa ta’uu hin qabdan. Kanaaf, yeroon kun yeroo kamiiyyuu caalaa yeroo qabeenyaa keessaniin lammiilee keessan cinaa dhaabbachuun MCBNO labsame kana cinaa dhaabbattani dha.
 
8. Hidhamtoota Siyaasaa Lammiilee Oromiyaaf: –
Hidhamtootni Siyaasaa Lammiilee Oromiyaa (HSLO) addatti Sabboontotni, Miseensotni ABO fi KFO hidhamtoota siyaasaa Murtoo Siyaasaa barbaadanii dha malee murtoo Seeraa barbaadan miti. Murtoo Seeraa qaamni barbaadu Shakkamaa fi Yakkamaa ta’uun isaa qulqula’ee carraa murtoo seeraa argatuun Bilisaan bahuu fi adabbii seeraa argatee sirreeffamuun ummatatti makamuu mala. Kun akkuma walii galaatti mul’ataa hin jiru.
HSLO ajaja fakkeessii manni murtii dabarsuun gowwoomuun madda galii Murna Shiftaa Biltsiginnaa ta’u hin qaban. Ajajni Mana murtii Poolisaan hojiitti hiikamuu dhabuun hiraarfamaa jirtan waan ta’eef.
Kanaaf, dhimmi keessan murtoo Siyaasaa barbaada; murtoon siyaasa ammoo qabsoodhaan furmata argata. kana hubachuudhaan “Akka Cabanitti hokkolan” mana murtii ajajni isaa hin eegamne keessatti murtoon haqaa argamu hin jiru waan taheef mana murtiitti deddeebi’uu irraa akka dhaabbattan jenna.
 
9. Olloota Oromiyaa Lammiilee Oromiyaa wajjiin Ollooma Qabdaniif: –
“Ollaan Nagaan Yoo Bule Ollaan Nagaa Argata!” Oromiyaan Nagaa Waaraa fi tasgabbii sabaatinsa qabdu agachuun Olloota Oromiyaa, sabaa fi sab-lammoota agoobara golgaa Federaalizimii jala jran caalaatti fayyada. Kanaaf, MCBNO lammiileen Oromiyaa ijaarrataa jiran cinaa dhaabbachuun qooda isin irraa eegamu akka bahattan kabajaan isin hubachiifna.
 
10. Hawaasa Idil Addunyaatiif:-
Hawaasni Idil Addunyaa, dhaabbileen mit-mootummaa hedduun Finfinnee/Oromiyaa keessa maandheffattanii jiraattan, Dippiloomaatotni biyyoota garaagaraa, Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Awuroppaa fi kanneen dantaa Finfinnee fi Oromiyaa irraa qabdan hundi keessanuu nagaa dantaa Oromiyaa irraa argatan argachuuf Mootummaa Cehumsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa kanatti Xiyyeeffannoo gochuu qabdan jennee amanna.
Qaamotni dhimmi nageenyaa itti dhagahamu hundi xiyyeeffannoo itti kennuu baatnaan, Boora’insi nageenya Oromiyaa Oromiyaa bira darbuun Afrikaa fi Addunyatti danqaa uumuun akka yaaddoo hamaa keessa hin galchineef Mootummaa Cehumsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaaruu qofatu karaa filatamaa ta’ee argame.
Kanaaf, hariiroo siyaasaa fi dippilomaasii Murna Shororkeessaa PP waliin qabdan akka addaan kuttan Cimsinee isin gaafatna. Dabalatas, murtoo lammileen Oromiyaa Murna Shiftaa PP irratti fudhatan kanaaf beekamtii kennitanii uummata biyyatti gara nagaa fi diimokraasiitti ceesisuuf tattaaffii godhamu wajjiin akka dhaabbattan irra deebinee kabajan isinitti dhaammatna.
 
Akka walii galaatti, Mootummaa Cehumsaa Biyyoolessa Oromiyaa ijaaruun eenyuufuu yaaddoo utuu hin taane, Yaada furmaataa Lammiileen Oromiyaa itti amananii fudhatan madda nagaafi tasgabbii, bu’uura waliin jireenyaa fi mootummaa waloo qabaachuuti. Sabaa fi Sab-lammootni/Lammiileen Oromiyaa akka Sabaattii fi akka Lammiitti bilisummaa mataa isaanii qabaachuun akka jiraatan, akkasumas Oromiyaan Naannoo tasgabbaa’aa akka taatu tumsuudha; Gola maandhee Addunyaa waan taateef!
 
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!
Injifannoon Lammiilee Oromiyaaf!
Koree Qindeesituu Mootummaa Ceehumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa (KQMCBNO)
Caamsaa 03, 2021
Finfinnee, Oromiyaa
Oromiyaa

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.