‘MM tarkaanfii fudhachuu baannaan Itoophiyaatti seenaa beelaa deebisuun yaadatamu’-USAID

‘MM tarkaanfii fudhachuu baannaan Itoophiyaatti seenaa beelaa deebisuun yaadatamu’-USAID

[Bitaa gara Mirgaatti, Liindaa Toomaas, Jeefirii Feeltimaan, Samantaa Paawor, fi Maarki Laawokook

(bbc)—Qondaalonni olaanoo US fi Gamtaa Awurooppaa yaa’ii G7 UKtti har’a jalqabamu dursuun dhimma sarbama mirga namoomaafi rakkoo deeggarsa namoomaa Tigiraay irratti Kamisa kaleessaa mari’ataniiru.

Marii gaggeeffameen boodas dhimma Tigiraay kana irratti ibsa waloo baasaniiru.

Kaayyoon marii kanaa rakkoon naannoo Tigiraay keessatti gama sarbama mirga namoomaa, haleellaa saalaa dubartoota irra loltootaan dhaqqabaa tureefi dhiyeessii deeggarsa namoomaa maricha irratti akka dubbi ijootti akka qabamu gochuuf akka tahe himaniiru.

Marii kallattiin interneetiin gaggeessan irratti UNtti Ambaasadara Ameerikaa kan tahan Liindaa Toomaas Giriinfiild, Bulchiinsa Ejensii Misooma Ameerikaa [USAID] irraa Samantaa Paawor argamaniiru.

Dabalataan Barreessaa Itti-aanaa Dhimma Mirgoota Namoomaa UN fi Qindeessaa Deeggarsa yeroo ariifachiisaa kan tahan, Maarki Laawokook, Komishinera Komishinii Ittisa Balaa Gamtaa Awurooppaa ‘Yaaneez Lenercheek fi Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Jeef Feeltimaan irratti hirmaataniiru.

Maricha irratti eenyu maal jedhe?

Ambaasadar Liindaa Toomaas, haalli deeggarsa namoomaa naannoo Tigiraay keessaa hawwaasa idil-adunyaaf yeroo qormaataa taha jedhan.

” Itoophiyaatti namootni kumaan lakkaa’aman ajjeeffamaniiru, yookaan madaa’aniiru yookaan ammoo haala suukaneessaa taheen haleellaan irra gaheera,” jedhan.

Ambaasaadarittiin hospitaalonni, oomishni qonnaafi bu’uuraaleen misoomaa kaan tahe jedhamuun mancaafamanii, namootni miliyoonaan tilmaamaman qe’ee isaanii dhiisanii baqataniiru. Taatichi gara rakkoo nam-tolcheetti jijjiirameera,” jechuun hadheeffatanii dubbatan.

Manni Maree Nageenyaa UN tarkaanfii fudhachuu dhiisuun isaa fudhatama hin qabu, dhimma kanaaf dhaqqabuu namootni hin barbaanne waan gaafataman jira,” jedhan

Lubbuun Afrikaanotaas akka gatii maluuf hin kennamiiniif dubbachuun cimsanii gaafataniiru.

Komishinerri Komiishinara Hoggansa Balaa Awurooppaa, Yaaneez Lenerchek, Yeroo waraannichi eegalee jalqabee dhaabbanni isaanii Gamtaan Awurooppaa, walitti bu’insichi akka dhaabbatuufi deeggarsi namoomaa akka dhaqqabuuf waamicha gochaa turuu isaa himaniiru.

Itti dabaluunis loltootni Ertiraa naannicha gadhiisanii akka bahan akeekkachiisaa akka turan himan.

Walitti bu’insa saba irratti xiyyeeffate, tooftaa ajjeechaa namoota nagaa irratti rawwatu, haleellaa salaa lakkoofsaan guddaafi ajjeechaan jumlaa namoota nagaa irrartti naannooo Tigiraay keessatti raawwateera jedhan.

”Waggoota kudhan darban keessatti mul’atee kan hin beekne garuu hanbisuun kan danda’amu rakkoon deeggarsa namoomaa mudachuu akka danda’an Tigiraay irraa odeeffannoon bahu agarsiisa,” jedhan.

Waraanaaf jedhanii namoota nagaa beelessuun yakka guddaa seera idil-adunyaa cabsedha,” jedhan komishinerichi.

Hawwaasni idil-adunyaa irratt xiyyeeffachuu qaba kan jedhan qabxiilee gurguddaa sadiis himaniiru.

”Kan jalqabaa deeggarsa namoomaa dhaqqabsiisuu yoo tahu, kan lammataa namootni nagaan walitti bu’insa kamiyyuu gidduu jiraachuu isaaniiti jedhan.

Kan sadaffaa ammoo, ”yeroo kamiyyuu caalaa deeggarsa namoomaa dhaqqabsiisuuf kan gargaaru fandii yookaan deeggarsa maallaqaa gochuun amma,” jedhan komishinerichi.

Gamtaa Awurooppaatti Komishinera Qunnamtiin Dhimma Alaa kan tahan, Juutaa Urpilaayin, rakkoon Itoophiyaatti mudate, Baha Afrikaa irrattis dhiibbaa qaba jedhan.

”Waraana akka dhaabaniif waamichi taasifne deebii dhabuu isaatti baay’ee gaddeera,” jedhan.

”Hundi keenyayyuu tarkaanfiin waraanaa furmaata akka hin fidne ni beekan,” dhamaatii keenya dabaluu qabna jechuun dubbatan.

Tarkaanfiiwwan lama akka fudhataman hawwaasni dil-adunyaa waamicha dhiyeesseera.

Kan jalqabaa, qaamota isaan ilaallatu irratti dhiibbaa guddaa gochuu yoo tahu, itti fufuun ammoo warra deeggarsa barbaadaniif dhiyeessudha jedhan.

Bulchiinsa Ejensii Misooma Ameerikaa ‘USAID’ iraa Samantaa Paawor ammoo, ” Tigiraay keessatti loltootni Itoophiyaa, humna poolisii addaa naannoo Amaaraafi loltoota Ertiraa waliin tahuun, haleellaa saalaa, akka tooftaa waraanaatti fayyadamuun miidhaa geesisuu isaanii kan agarsiisu odeeffannoon bahaa jira,” jedhan.

”MM Abiy humna ibsaafi tajaajila bilbilaa adda kutaniyyuu, miidhaa dhaabbilee fayyaafi kaan irra geesisan ni beekna,” jechuun Samantaan dubbatte.

Abiy Ertiraafi Itoophiyaa gidduutti nagaa buusuun badhaasa Noobelii argataniiru.

Haata’u malee, haleellaa kana yoo hidhaabsifneefi loloota Ertiraa yoo hin baanse, Itoophiyaatti seenaa beelaa deebisuudhaan gaggeessaa yaadataman tahu,” jedhan.

Marii Gaazexeesituun CNN Niimaa Elbaagir dursite kana irratti hirmaattotni paanelichaa naannoo Tigiraayitti, rakkoo namoomaa mudateefi loltoota Ertiraafi Itoophiyaan sarbama mirga namoomaa mudate jedhan kaasaniiru.

Samantaa Paawor, UNtti, I/A Barreessaa Deeggarsa Namoomaafi qindeessaa deeggarsa yeroo muddamaa kan tahan Maark Laawokook, ”yeroo amma Tigiraay keessa beelli mudatee jira,” jedhan.

Laawokook, ‘Integrated Food Security Phase Classification’ wabeeffachuun akak dubatetti, namootni beelaaf saaxilaman kutaa naannoo Tigiraay adda addaa keessa jiru jedhe.

IPC [Integrated Food Security Phase Classification’] gabaasa har’a baaseen naannoo Tigiraay, naannolee ollaa jiran Affaariifi Amaaraa keessatti uummatni miliyoona 5.5 tahu hanqina nyaataa guddaaf saaxilamaniiru jedhe.

Dhaabbanni kun uummata miliyoona 5.5 tahu keessaa 350,000 kan tahan sadarkaa beela jedhamu keessatti argamuu ibse. Walitti bu’insiifi qe’ee isaanii irraa buqqa’uun rakkoo kanaaf akka isaan saaxile gabaasichi ibseera.

Laawokook, itti dabaluun qaamonni waraanicha keessatti hirmaatan dhiyeessiin deeggarsa namoomaa akka uummata bira hin geenye dhorkaniiru jedhe.

”Haleellaa akka deeggarsi namoomaa hin geenye godhu kamuu ni balaaleffanna. Qaama haleellicha raawwatus galmeesinee ni qabanna,” jedhe.

Deeggarsi namoomaa akka hin dhaqqbneef danqaawwan turan gabaasni isa dhaqqabuu hime Lawookook.

”Taateewwan 132 mudatan gabaafamaniiru. Isaan keessaa taateewwan 50 tahan loltoota Eertiraadhaan, taateewwan 54 loltoota Itoophiyaadhaan, taateewwan 4 loltoota Itoophiyaa fi Eertiraan, 21 kan tahu milishaa naannoo Amaaraan, taateen 1 ammoo hidhattoota TPLF’n deeggarsi akka hin geenye godhaniiru,” jedhe.

Barreesaa Olaanaa Dhimma Baqattootaa Noorway Jaan Iglaandi, deeggarsa namoomaa hojjettootni kennan baay’een jiraachuu himuun osoo hin dhorkaman tahe namoota hedduuf dhiyeessuu akka danda’an himan.

Mootummaa Itoophiyaa waliin tahanii hojjechuu akka qabanis kaasaniiru. “Nama hundaa bira gahuuf dhaabbilee mootummaa waliin hojjechuu qabna,” jedhan.

Mootummota Gamtoomaniitti bakka buutuu barreesituu ol-aantuu, haleellaa saalaa walitti bu’insa keessa mudatuu kan tahan, Piraamiilaa Paaten, naannichatti dubartoota irratti yakki gudeeddii mudachuu himuun, dubartootni wantoota bu’uuraa isaan barbaachisan argachuuf dirqamanii wal qunnamtii saalaa akka raawwatan godhamaa jiraachuu gabaasotni agarsiisan jiru jedhan.

Piraamiilaa,’ seenaa baay’ee suukaneessaa dhagahaa jirra. Gabaasonni kunneen hundi UNdhaan kan mirkanaa’an tahuu baatanis garuu waan bira darbaman miti,” jedhan.

Seenaa dubartoota Tigiraay lama ijoollee isaanii fulduratti loltoota Ertiraa 15 fi 14’n dirqamaan gudeedamanii kaasaniiru.

Komishinini Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa haleellaa salaa dhaqqabe jedhame galmeessee akka qabu himuun, Komishinii Mirgoota Namoomaa UN waliin tahuun qorannoo jalqabuu isaa waan gaarii tahuu himan.

Xumura marichaa irrattis Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US, Jeef Feeltimaan yaa’ii biyyoota badhaadhan G7 har’a UKtti jalqabu irratti akka hirmaatan himuun, dhimmi Itoophiyaa dubbii ijoo tokko tahee akka irratti mari’atamu himaniiru.