MM Abiyi Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos qorannoo imaammataarratti muudan

MM Abiyi Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos qorannoo imaammataarratti muudan

BB$: MARII HAALA YEROO IRRATTI ARTISTI DIRIIRSAA ELEMOO WAJJIIN.

MM Abiyi Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos qorannoo imaammataarratti muudan

Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Pirofesar Bayyanaa Pheexiroos Itti-aanaa daarektara Inistitiiyuutii Qorannoo Imaammataa gochuun muuduu isaanii Waajirri Ministeera Muummee fuula Feesbuukii isaarratti ibse.

Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos miseensa mana maree duraanii kan turaniifi dura taa’aa Sooshaal Dimokiraatik Paartiis turaniiru.

Dura taa’aa MADIRAK ta’uun kan tajaajilan Pirofeesar Bayyanaan, nama siyaasaa gameessa mootummaarratti qeeqa dhiyeessuun beekaman keessaa tokko.

Yuunvarsiitii Finfinneetti hayyuu Baayoloojii kan ta’an Pirof. Bayyanaan, A L I bara 1984 miseensa mana maree mootummaa ce’umsaa ta’uunis tajaajilaniiru.

Source: bbcafaanoromoo


Singilii from Wolaita…akkasitti ummanni jaalala fi deegarsa Abiy garsiisaa jira

 

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.