Ministeera Fayyaa Itoophiyaa: ‘Koronaavaayirasiin Itoophiyaatti hammaachuu mala’

Ministeera Fayyaa Itoophiyaa: ‘Koronaavaayirasiin Itoophiyaatti hammaachuu mala’

(bbcafaanoromoo)–Torban tokkoofi lamaan dhufanitti qaamoleen garaa garaa gahee isaanii yoo gumaachuu baatan dhukkubni koronaavaayirasii kan amma jiru caalaa hammaachuu akka danda’u Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.

”Qophii amma jiruufi haala waliigalaa jirurraa yoo ilaallu dhukkubni[tatamsa’inni] kuni dabaluu danda’a,” jechuun Ministirri Di’eetaa Ministeera Fayyaa Dr Darajjee Dhugumaa EBC’tti himaniiru.

”Kana caalaa hammaachuu danda’a, kanaanis dhaabbachuu danda’a. Hojii keenyatu murteessa jechuudha.”

”Torban tokkoofi lama dhufanitti hundi keenya xiyyeeffannoo keennine yoo hojjenne dhaabsisuu dandeenya. Kanaan achi kana caalaa tatamsa’u danda’a,” jedhan.

Itoophiyaan vaayirasiin kuni biyya seenuu torban dura erga ibsitee booda hanga yoonaa namoonni sagal dhukkuba kanaan qabamamniiru.

Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Tedroos Adihaanom guyyaa kaleessa Afrikaan dammaquu qabdi jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Yaaddoo

Dr Darajjeen akkaataan jireenya hawaasa Itoophiyaa tatamsa’ina dhukkuba koronaaf ‘gahee olaanaa gumaachuu danda’a jennee yaadna,’ jedhaniiru.

Dabalataanis, ‘guyyaa guyyaatti ergaan dabarsinu hangam ummata bira gahaa jira. Hangi ummanni miidiyaa hordofu xiqqaadha,’ jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

Ummanni hubannoo walfakkaataa qabaachuu dhabuun isaa immoo rakkoo akka ta’e ibsaniiru.

‘Baay’inni siree wal’aanamtootaa hospitaalota mootummaafi dhuunfaa keessa jiranii xiqqaadha. Qophiin ogeessota fayyaafi kutaan ‘IC’ xiqqaadha,’ jechuun yaaddoo qaban ibsan.

‘Walgahiin dhaabachuu qaba’

Mootummaan Itoophiyaa namoonni shan dhukkuba kanaan qabamuu akka mirkaneessen Wiixata darbe barnoonniifi walgahiiwwan torban lamaan dhufuuf akka hin taasifamne ibsee ture.

Haa ta’u malee, walgahiiwwan gara garaa kan paartii biyya bulchuu dabalatee taasifamaa akka jiran gabaafama. Kana Dr Darajjee Dhugumaan ni mirkaneessu.

”Kan xalayaadhaan dhorkines ni jiru. Garuu, ammas bakkeewwan tokko tokkotti taasifamaa jira… Baay’ee dhorkaa jirra… Walgahiiwwan dhaabbachuu qabu,” jedhaniiru.

Walgahiin dirqama yoo taasifamuu qaba ta’e baay’inni namootaa xiqqaachuu akka qabuufi meetira lama walirraa fagaachuu qabu jedhan.

Lammiin Itoophiyaa hundi gahee isaa gumaachuu qaba jedhan.


Koronaavaayiras: Mala aadaatiin koronaavaayirasii ofirraa ittisuun ni danda’amaa?

Erga weerarri koronaavaayirasii mudatee as gatiin qullubbii adii, qaaraa fi jinjibilaa dabaleera

Uummanni baroota dheeraaf qorichoota mala aadaatiin manatti hojjetamaniin dhibeewwan akka utaalloo ofirraa ittisaa, yoo qabames dafee fayyuuf itti dhimma baha.

Dhibeen haaraa addunyaa yaaddesse, Koronaavaayirasiin gara Itoophiyaa seenuun dhagahamnaanis hawaasni toftaawwan aadaa fayyadamuu eegale.

Dhibee haaraan kuni mallattoowwan akka qufaa gogaa, qoonqoo gogsuu fi mallattoolee muraasa utaalloodhaan walfakkaatan qabaachuun ammoo namni hedduun akka qoricha aadaatti fayyadamu kakaaseera.

Sababa kanaanis erga weerarri koronaavaayirasii mudatee as Itoophiyaa bakka tokko tokkotti gatiin qullubbii adii, qaaraa fi jinjibilaa dabaleera.

“Dhukkubni kuni dhufe jechuu dhageenyaan dafnee qoricha mala aadaatiin qophaa’aan hojjetachuu eegalle,” jedhu jiraataan magaalaa Adaamaa maqaan isaanii akka himamu hin feene tokko.

“Jinjibila, qullubbii adii, feexoo, kororimaa daaknee cuunfaa looomii fi dammaan walitti makne fayyadamaa jirra,” jedhan.

Qoricha aadaa kana erga maatii kiyya waliin fayyadamuu eegallee guyyoota 3 darbeera kan jedhan namni kun, makaa kana galgala galgala fal’aana tokko tokko nyaannee rafna jedhu.

Kanaan alattis Araqeen hoo’ina qaamaa waan dabaluuf isa dhuguunis akka aadaatti faayidaa qabaa jedhu.

“Araqee kan manatti baafame, cilaaddama ykn xeenaaddaamiidhaan makanii galgala galgala yoo dhuganis baayyee nama fayyada. Hoo’ina qaamaa waan dabaluuf vaayirasicharraa nu ittisa jedheetin amana. Yoo baayisan garuu rakkoo fayyaa biraa namatti fida” jedhan.

Qorichi kuni dhibee koronaavaayirasii irraa akka gaariitti nu ittisa jedhaniis amanu.

“Qulqullina dabalataan qoricha kana fayyadamuun baayyee nama gargaara. Qoricha kana dhukkuboota biraatiifis fayyadamnee ittiin fayyina waan ta’eef” jedhu.

“Faayidaa akka qabu waan amanuuf fayyadama”

Naannoo Amaaraa Saqoxaa irraa kan dubbifne Ilfinash Hayiluus, erga koronaavaayirasiin dhufuun dhagahamee naannoo isaaniitti namni hundi qoricha aadaa kanatti dhimma bahaa jiraachuu himti.

“Duruu yeroo utaalloon nu qabe qoricha aadaa kanaan fayyadamna. Itti dabalataanimmoo damma daamuutis nan fayyadama.”

“Qoricha aadaa kana garuu amantaadhaan walqabsiisnee miti kan fayyadamnu. Akka faayidaa qabu waanin amanuufin fayyadama” jetti.

Yunvarsiitii Saayinsii Fi Teeknolojii adaamaatti Bariisaa kan tahan Obbo Daandii Warqinaa, qorichootni aadaa kunneen dhukkuba koronaavaayirasii kana hin ittisan jedhanii amanuun nama rakkisa jedhu.

“Qorichootni aadaa kuneen vaayirasicha ni ittisa yookan hin ittisan jechuuf qorannoo saayinsii barbaada. Sababnisaas dhukkubni kuni haaraadhaa,” jedhu.

Isaanis qorichoota aadaa hawaasni fayyadamu kanatti akka dhimma bahan himu.

Erga namoonni qorichi aadaa mi’eessituuwwan kanneen walitti makuun hojjetamu koronaavaayirasii namarraa ittisa jedhanii fayyadamuu jalqabanii gatiin mi’eessituuwwan kanneenii dabaleera.

Magaala Adaamaattis qullubbii adiin kiloogiraama tokkorratti daballii hanga birrii 40 fi Loomiin ammoo dhiheessiin isaayyuu xiqqaachuu himu daldaltoonni.

Saayinsiin maal jedha?

Hospitaala waliigalaa Shaashamannee irraa Dr. Nureddiin Lukee, qorichoonni aadaa namoonni fayyadamaa jiran kana fudhachuun rakkoo waan qabu miti jedhu.

“Wantoonni akka qullubbii adii fi Jinjibilaa kuni dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama namaa ni dabalu. Akkasumas dhangala’aa baay’inaan fudhachuunis gaariidha,” jedhan.

Haa ta’uutii qorichoonnii aadaan fudhataman kunneen koronaavaayirasii namarraa ittisu kan jedhu qorannoon mirkaneesse waan hin jirreef akka qorichaatti kan ajajamu miti jedhan.

Alkoolii akka Araqee fayyadamuun garuu hormoonota waan miidhuuf namni akka qoricha koronaavaayirasii namarraa ittisuutti fayyadamuu yoo dhaabe gorfama jedhan.

Qorichoonni aadaa kunneen fayyadamuun miidhaa qabaachuu baatus dagannaa uumuu malas jedhan Dr. Nureddiin.

“Namoonni qoricha aadaa kanneen fayyadaman akka waan qorichi kuni koronaavaayirasii irraa isaan ittisuutti amanuudhaan dagannaa keessa seenanii dhibee kanaan qabamuu malu.”

“Qorichoonni aadaa kuni akka ittisan wanti mirkanaa’e waan hin jirreef” jedhan.Dhibee Koronaavaayirasiin dhufu COVID19 ofirraa ittisuuf haaldureewwanii fi qajeelfamoota dhaabbanni fayyaa ajaju hojiirra oolchuutu filatamaadha jedhu Dr Nuuraddiin.