Hayyuu Seeraa: Mariin Araaraa Gumii Abboota Gadaatiin Geggeessamuun Milkaa’ina Guddaa Dha

Hayyuu Seeraa: Mariin Araaraa Gumii Abboota Gadaatiin Geggeessamuun Milkaa’ina Guddaa Dha

Henook Gabbisaa, Prezidaantii WQO (OSA)

WASHINGTON,DC —

(voaafaanoromoo)——Gumiin Tokkummaa Abbootii Gadaa kaleessa hooggantoota ABO fi ODP walitti fiduun marii araaraa geggeessaniin, qabxiilee furmaataa araara buusu irratti waliigalanii jiran.

Koree teeknikaa kan waliigaltee Asmaraatti ABO fi Mootummaa giddhuutti tolfame hojii irra oolfamuu hordofu, kan Abbootii gadaa fi haadhota siinqee, hayyuulee fi bakka bu’oota dhaabbilee lamaanii of keessatti qabate fi miseensoota waliigalaa 71 qabus hundeessanii jiran.

Araara Abboota Gadaan dursamee fi hojii irra oolfama isaa ilaalchisuudhaan, as kutaa Verjiiniyaa ka jiru – Yunivarsitii Waashinton fi Lii, kutaa Barnoota Seeraatti barsiisaa ka tahan – Dr. Henook Gabbisaa dubbisnee jirra. Gaaffii fi deebii geggeessine caqasaa.


OPDOn laalaa waan jettu. Murtii Abbooti Gadaa hin fudhannu yaa jedhan me!

የኦሮሞ ነፃነት ግንባር /ኦነግ/ የሰራዊቴንና የትጥቁን ጉዳይ ለአባ ገዳዎች እተዋለሁ ማለቱ ለተፈጠረው ችግር ሁነኛ መፍትሄ እንዲገኝ ፍላጎት እንደሌለው ያሳያል ሲል የኦሮሞ ዴሞክራሲያዊ ፓርቲ (ኦዴፓ) ዕወቁልኝ አለ፡፡

የንጋቱ ረጋሣን ዘገባ ያዳምጡ

SHEGER FM 102.1 RADIOKEESSA


Jechaa #pro_Dr_mararaa Budaan siyaasaa Ethiopian keesaaati Enyuu ? Hkhkhkh jecha Dr_Mararaan jedhaan sun. shagar FM irrat qabamee!

Kunootikaa inni sodaanne hin oolle! Kanaa booda warri ABOtu balleesse jettan dhaabaa!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Dhimma WBO abbootii Gadaa fi ummataaf dhiisnerra jechuun fedhii araara dhabuu ABO muul’isa jedhan itti gaafatamaan Waajjira Giddugaleessaa ODP Dr Alamuu Simee.

Dooktar Alemu Sime kaleessa paartin isaanii yaada araaraa abbootiin Gadaa Oromoo dhiyeessaniin waliigaluu ibsaniit turan.

Har’a ibsa laataniin garuu abbootiin Gadaa dhimmicharratti akka mari’annuu fi walmorminu carraa nuuf hin laanne jedhaniiru.

Hayyu dureen ABO obbo Daawud Ibsaan kaleessa dhimma WBO abbootiin Gadaa fi ummata Oromoof dhiisnerra, isiniif kennine jechuun isaanii ni yaadatama.

Dooktar Alamuun dubbiin obbo Daawud fedhii dhimmicha hiikuu dhabuu muul’isa jedhaniiru.

Dooktar Alamuun ibsa har’a Shaggariif laataniin abbootiin Gadaa jaarsa ta’anii araarsuu malee hidhannoo hiikkachiisanii waraana kaampii galchuu hin danda’an jedhaniiru.

Abbootiin Gadaa waraana hiikkachiisanii mooraa galchuun walabummaa isaanii shakkii keessa galchas jedhaniiru.

Mootummaan olaantummaa seeraa eegsisuuf namoota hidhe seeratti dhiyeessuun akka itti gaafataman godha; kan biroos yoo shakke ni to’ata jedhan ibsa isaanitiin.

Waldhabbii ABO fi mootummaa hiikuuf waltajjii kaleessa magaalaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti gaggeessummaa Gumii Abbootii Gadaatin qophaa’erratti koreen dubbii fixxuu miseensota 71 qabu hundaa’un ni yaadatama.