MIDROC miidhaa warshaan Lagadambii jiraatotarraan geessise haale

MIDROC miidhaa warshaan Lagadambii jiraatotarraan geessise haale

Keemikaalli warshaa omisha warqee Lagadambii daa’imman qaama miidhamummaaf, jiraattota ammoo dhukkuba gara garaaf yoo saaxilu loon fi bineensota irraan miidhaa geessisaa jira jechuun komatu jiraattonni.
Gabaasa guutuu dubbisuuf


Laga Dambii: Yakka MEDROC

Akka ragaan adda addaa mirkaneessutti kuufamni warqii Laga Dambii kan beekame bara 1892 keessadha. Lafti oomishaa kan Geographical Coordinate 5.714485,38.887361 ta’e irratti oomishni Warqii bara 1990 keessa Kaampaanii Medroc jedhamuuf kenname. Kaampaaniin kun waggoota 18 darban kanatti oomishni isaa waggaa Warqii Ounce 140,000 yookaan ammoo Metri Tone 4.5 ta’a jedhama. Akka gabaa addunyaa har’aatti Warqiin Ounce tokko Doolaara 1320 yookaan ammoo qarshii 44,880 yammuu ta’u gurgurtaan oomisha kanaa waggaatti Doolaara Miliyoona 184.8 yookaan qarshii biliyoona 6.3 ta’a. Kun akkaataa waliigaltee Ministeera Albuudaa waliin mallatteeffameetti oomisha isaa sirrii yoo gabaasedha.

Yakkoonni Medroc Maalfaati?

Kaampaaniin Medroc yeroo oomisha kanarratti bobba’u yakkoota qisaasa humna namaa, faalama qilleensaa fi daldalaa fi oomisha seeraan alaa keessatti baay’inaa hirmaachuu argama. Asii gaditti bal’inaan ibsa.

1) Humna namaa: Warshaan kun dhaabbachuu isaatti dhalattoonni naannoo carraa hojii bal’inaan hin arganne. Gariin dhalattoota naannoo lafa isaaniirraa buqqaafaman yookaan loon isaanii margaa fi bishaan naannoo sanaa dhorkataman carraa hojii warshaan kun uumutti akka fayyadaman hin taasifamne. Ummata naannoo sanaa gaaga’uun ummanni bakka biraa dhufee hojii oomishaarratti akka bobba’uu fi jireenya isaa akka fooyyeffatu taasifame. Dhalattoonni Laga Dambii qe’ee isaaniirraa buqqaafaman, kanneen loon isaanii bakka itti bobbaafatan dhaban qe’ee isaaniitti orma taasifamanii gaaffii gaafatamaniinis akka human badii tokkootti ilaalaman. Kaampaaniin kun dabballoota OPDO maallaqaan bituun gaaffiin ummata keenyaa akka xiyyeeffannoo hin argannee fi ukkaamfamee hafu duula guddaa taasise. Kun mufannaa guddaa ummata keessatti uumee jira.

2) Galii: Gurgurtaa oomisha Warqii kanarraa galiin argamu mootummaa Federaalaaf gala. Akka seera Albuudaatti kaampaaniin oomisha sadarkaa olaanaa itti waamamni isaa Federaalaaf ta’a. Daafii kanaa Medroc galii (Tax) 2%, Royaaitii (Royalty) 3% fi Gurgurtaa waggaa irraa bu’aa argamu hunda mootummaa Federaalaaf sababa galchuuf tumsa dinagdee naannoo fi Godinaa akkasumas aanaa sanaa keessatti kallattii kamiinuu hin hirmaatu. Oromiyaan qabeenya ishee duguugamtee saamamtee gama dinagdeenis heddu hubamte. Kunimmoo carraa ummanni naannoo jireenya fooyya’aa jiraachuu guutummaatti doomsee jira.

3) Ijaarsaalee Bu’uuraa: Kaampaaniin oomisha albuudaa sadarkaa olaanaa gaggeessu tokko ummata naannoof tajaajila mana barnootaa, kellaa fayyaa, daandii, bishaan qulqulluu fi kkf bilisaan ijaaruuf dirqama qaba. Albuuda deebi’amee hin argamne (non renewable resource) waan duguugee fayyadamuuf jireenya hawaasa sanaa gama tajaajila bu’uuraa kanaan hirphuun dirqama seeraa fi haamilee kaampaanii tokkooti. Haa ta’u malee, Medroc guyyaa oomisha eegalee kaasee hanga har’aa tajaajila kana ummataaf kennuuf fedhii homaatuu hin agarsiifne. Gaaffii ummanni gaafatuuf waadaa kijibaa seenuurraa kan hafe waan qabatamaa ummanni ittiin isa galateeffatu hin hojjenne. Kun ummata keenya daran dheekkamsiisaa jira.

4) Faalama naannoo (Environmental Pollution) : Mderoc wayita warqii oomishu kana faalama naannoo heddu qaqqabsiisaa jira. Faalamni kunis bakka sadiitti qoodama: Faalama qilleensaa (Air Pollution), faalama Bishaanii (Water Pollution) fi faalama Biyyee (Soil Damage) ti. Medroc wayita oomisha kana gaggeessu biyyoo qotamee bahu keessaa albuudonni akka Kaaadimiyeem (Cadmium) fi Arsenic jedhaman bal’inaan qilleensatti makamu. Warqii kana baqsanii yeroo calalanittis albuudonni kanneen akka Naaytirojin Dayoksaayid, fi Salfar Dayoksaayid qilleensatti waan makamaniif bal’inaan qilleensa faalu. Qilleensi faalame kun kallattiin fayyaa ummata naannoo miidha. Gama biraan Medroc keemikaala Sayaanayid (Cyanide) jedhamu oomisha keessatti fayyadama. Cuunfaan dhangala’aa Sayaanayid kanaan faalame yeroo bishaan naannootti makamu uumama bishaan sana keessa jiraatan (Aquatic life) 80% ni ajjeesa, nama bishaan kana fayyadame irratti miidhaa fayyaa hamaa uuma. Gama biraan ammoo cumaan warshaa kana keessaa bahu biyyoo naannoo sanaas haalaan miidha. Miidhaan kun bal’inaan gabaafamus mootummaanis ta’e qaamni tarkaanfii sirreessaa fudhatu hin argamne.

5) Rakkoo Fayyaa: Oomisha Warqii kanaan walqabatee rakkoon fayyaa hamaan ummata naannoo qaqqabaa jira. Medroc oomisha isaa keessatti wayita Keemikaala Sayaanayid jedhamu fayyadamu eegumsa barbaachisu gochuu hanqachuun maal na dhibeen bishaan fi qilleensaa naannoo faalee jira. Ummanni qilleensa faalame kanaan dhibee akka TB, Asthma fi Summii adda addaan miidhamaa jiru. Daa’imman dhalatan irratti ammoo dhibee Narvii, sammuu, lafee, onnee fi naafummaa adda addaa fida. Dubartoonni ulfa ta’anis mucaan isaanii fayyaa moo qaama hir’uutu dhalata laata jedhanii yaadda’u. Dhibeen kun haalaan ummata keenya gaaga’ee jira. Daa’imman qilleensa keemikaala faalamaa kanaan dhalatan hedduun isaanii qaama hir’uu ta’anii dhalata. Ummanni keenya dhimma kana irra deddeebi’ee iyyatus deebiis ta’e furmaanni kenname hin jiru. Kunimmoo ummata keenya aarii hamaa keessa galchee jira.

6) Daldalaa fi oomisha Seeraan alaa: Medroc hayyama seeraa haa fudhatu malee kallattiin oomisha fi daldala seeraan alaa keessatti akka bobba’etu himama. Hojii yakkaa kanas qondaalota OPDO fi wayyaanee waliin gaggeeffatu. Akkaataa kanaan warqiin oomishamu kun gara Baankii biyyoolessaatti osoo hin dhihaatiin karaa qaxxaamuraa gurgurama. Gurgurtaa kanarraa biyyis homaatuu hin fayyadamtu. Qarshiin isaa qaamota yakka kana keessatti caaseffaman qofaa gargaara. Kunimmoo qabeenya biyyaa saamuun badii guddaa qaqqabsiisuudha. Hayyama kana kan haaromsanis qaamota yakka kana keessaa bu’aa addaa argatan ta’uu shakkiin hin jiru.

Egaan rakkoon waggaa 18f kuufame kun osoo hin furamiin dheengadda kana Medroc hayyama oomishaa isaa waggaa 10f dabalataan haaromfatee jira. Dhaabbanni mirga namoomaaf morman, falmattoonni haqaa fi ummanni miidhaan kun irra gahe waggaa tokkoo oliif hayyamni kun akka hin haaromfamne osoo iyyanii hayyama kana dhibaa’ummaan haaromsuun maaliif barbaachise? Medroc lubbuu Oromoo caalee? Gaaffii hedduun ka’anis furmaanni jiru yakka kaampaanii kanaa caalaatti saaxiluun dura dhaabbachuu barbaachisa. Kanaaf ammoo:

i) Dhaabbanni mirga dhala namaaf falman miidhaa haga ammaatti qaqqabee fi gara fuulduraattis gaaga’ama qaqqabuu malu sirnaan qoratanii saaxiluu.

ii) Hayyoonni keenya kallattiin keessatti hirmaachuun qorannoo ykn research bal’inaan gaggeesseen kaampaaniin yakka namoomaa ummata keenyarratti raawwataa jiru kun seeraan akka adabamuu fi hayyama oomishaa isaa kanas akka mulqamu dirqisiisuu

iii) Ummanni keenyas wlagurmeessuun kaampaanii kana diduu, mormuu, itti duuluu fi dirqiin akka inni hayyama isaa kana addaan kutu gochuudha.

Via Lammii Beenyaa