Master plan Abaay Tsahaayee maqaa jijjiirratee መሪ ፕላን maqaa jedhuun hojiirra oolee jira!!

Above Single Post

 

 

Master plan Abaay Tsahaayee maqaa jijjiirratee መሪ ፕላን maqaa jedhuun hojiirra oolee jira!!
Kutaan magaalaa 10 ture Koyyee Faccee, Boolee Arraabsaa fi Yeekkaa Abbaadoo dabalachuun kutaa magaalaa 13 ta’anii dhufanii jiru. Kutaalee magaalaa sadan kun qofti heektaara 16,000 caalu qabatanii Finfinneetti makamanii jiru. Dereje Begi kutaa magaalaa KOYYEE FACEE argitee?

Ayele Degaga


Moottummaa naannoo oromiyaatti dhufe keessa kan akka SHIMALIS cuqqalamaafii dhakaa bu’uuraa qofa ta’ee hafe hin garree.


Wixinee Labsii Chaartarii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee lakk. 361/1995 (akka fooyya’etti) Fooyyessuf Wixineeffame

Osoo Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Finfinnee Ni Deebi’aaf Eegnu Bulchiinsi Taakkalaa Uumaa Labsii haala duraanii ittifufsiisu Baasuuf Deemuun Seermalee, gaaffii ummata Oromoo Gatii Dhabsiisuu ta’a

Magaalaa Finfinnee Irratti seera Baasuuf, Raawwachiisuu fi Aangoo Abbaaseerummaa Kan Qabuu Mootummaa Naannoo Oromiyaati

Sirna Federaalaa keessatti aangoon mootummaa federaalaa fi Naannoolee jidduutti kan qoodamu daangaa lafaa kan bu’uureffatuu dha. Kanaaf akka waliigalaatti aangoo abbaaseerummaa naannoon tokko qabu daangaan bulchiinsa naannoon sanaa murteessaa dha jechuu dha. Qoodinsi aangoo kunis adda dureedhaan caaseffama mootummaa federaalaa fi qajeeltoo qoodinsa aangoo mootumma sirna federaalaa bu’uureffachuun akka ta’e ni hubatama. Manneen Murtii Naannolee aangoo abbaa seerummaa dhimmoota Naannoo irratti qabu. Manneen Murtii Federaalaas aangoo abbaa seerummaa dhimmoota Federaalaa irratti qabu. Kunis Heera Federaalaa keessatti adda bahee jira. Federaala fi Naannootti aangoon abbaaseerummaa kan mana murtii qofaa dha (kwt. 79(1)). HMFDRI kwt. 80(1) fi (2) jalatti manneen murtii Federaalaa fi Naannolee dhimma isaanii irratti aangoo abbaaseerummaa isa ol’aanaa akka qaban tumameera. Bu’uura kanaan naannoleen daangaa isaanii keessatti manneen murtii dhimmoota naannoo isaanii ilaalanii murtii kennan ni gurmeessu. Regional states determine their own court structure and administration of justice. Mootummaan Federaalaas lafa mataa ofii waan hin qabaanneef maanneen murtii federaalaa dhimmoota federaalaa ilaaluun murtii kennan mootummaa naannolee keessatti ni gurmeessa. Kun aangoo abbaaseerummaa kan dachaa taasisa(the duality of justice administration). Yoo hin gurmeessin manneen murtii mootummaa naannootiin gurmeeffaman akkuma haala isaatti dhimmoota federaalaas kanneenis ilaalanii murtiin kennu. Each tier is required to operate within its area of jurisdiction, and any action to the contrary is null and void to the extent of its inconsistency with the law.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bulchiinsa MNO jalaa akka jiru ykn magaalaan Finfinnee magaalaa Oromiyaa akka taate ifaa dha. Finfinneen miseensa Federeeshinii waan hin ta’iniif ofiisaatii of dandeessee manneen murtii gurmeeffachuu hin dandeessu. As Addis Ababa is not one of the regions in the federal system the city cannot determine their own court structure and administration of justice. Kanaaf bulchiinsi haqaa magaalatti bulchiinsa haqaa mootummaa Oromiyaa ykn seera Oromiyaan baaftu irratti kan rarra’uu dha. Hundeen dubbii inni bu’uuraa “Finfinneen qaama Oromiyaati!” kan jedhu sirriitti jala muramuu qaba. Kanaaf hariiroon Finfinnee fi Oromiyaa gidduu jiru hariiroo qaamummaa Naannichaa malee ulaagaa aangoo Federaalaa hin ta’u. Haaluma walfakkaatuun hariiroo Naannollee biroo waliinis akka finfinneetti osoo hin ta’in akka Oromiyaati yoo uumee dhimmichi aangoo Federaalaa ta’a malee, kan magaalaa Finfinnee gara naannootti ol guddisuu miti.

Aangoon abbaaseerummaa mootummaa federaalaa fi naannoo jidduutti Heera qofaan qoodama.
Labsiin Manneen Murtii Federaalaa lakk. 25/88 Kwt.11(1)(b) &14(2) dhimmoota hariiroo hawaasaa(civil cases) magaalaa Dirree Dhawaa fi Finfinnee keessatti ka’an irratti walduraa duubaan manni murtii sadarkaa duraa fi manni murtii ol’aanaa federalaa aangoo akka qaban tumameera. Heera keessatti dhimmicha kan federaalaa gochuuf dhimmi iddoon akkanaatti ta’e aangoo federalaa jalatti akka kufu wanti caqafame hin jiru. Heericha kwt. 78(2) jalatti aangoon mana maree bakka bu’oota ummataa manni murtii sadarkaa duraa fi manni murtii ol’aanaa federalaa guutummaa biyyatti hundeessuudha. Bu’uura kanaan yoo hundeessan immoo aangoo isaanii olii fi gadii (vertically) murteessuu ni danda’u malee aangoo isaanii kan dalgaa (horizontally) federaalaa fi Naannoolee jidduu jiru murteessuuf aangoo hin qabu. Aaangoon mootummaa federaalaa fi naannoo jidduu kan murteessu heera mootummaati malee seera tarreeffamaa manni marichaa baasuunii miti; Kanaaf Manni maree bakka bu’oota ummataa Finfinnee fi Dirree dhawaa caqasuun dhimmoonnni achitti raawwataman dhimma federaalaa akka ta’an gochuuf aangoo hin qabau. Kun kan murtaa’u Heera mootummaa ilaaluun malee labsii L. 25/88 ilaaluunii miti.

Gama biraatiin labsii L. 25/88 kwt. 4(11) fi kwt. 5(2) falmiin jiraattoota naannoolee adda addaa jidduutti ka’u aangoo mannen murtii federaalaa jalatti akka kufu tumameera. Finfinnee miseensa federeeshiinii miti. Dhaddachi ijibbaataa Mana murtii waliigala Federaalaa Murteewwaan yeroo adda addaa kennaa tureen Finfinnee akka Naannootti lakkaa’ee falmii jiraataan Finfinnee jiraattoota naannoo biraa wajjiin qabu aangoo abbaa seerummaa Manneen Murtii Federaalaa taasisuun murtiiwwan dirqisiisoo faallaa HMFDRI kwt. 47(1) fi kwt. 9(1) qabu kennaa jira. Murtiiwwan dhaddachi kun L.G, 52041 fi , L.G. 36460 ta’erratti kenne ilaaluun gahaa dha. Labsiiwwan sadarkaa Federaalatti ba’an hedduun isaanii keessatti labsii kana keessatti “Finfinneen akka Naannootti lakkaawamti” jechuun yoo tumamu ni mul’ata. Labsiiwwanii fi murtiiwwan qabiyyee akkanaa qaban hundee Heeraa waan hin qabneef raawwatiinsa hin qabaatan. Walumaagalatti Finfinneen qaama mootummaa Naannoo Oromiyaa waan taateef MNO aangoowwan Heera Federaalaa fi Heera Mootummaa Naannoo isaatiin qabu hundumaa FINFINNEE irratti hojiirraa oolchuuf aangoo fi mirga ni qaba. Bu’uura kanaan MNO Finfinnee irratti aangoowwan magaalaa Finfinnee keessatti qaamolee mootummaa kan akka manneen murtii fi qaamolee haqaa biroo caasessuu; imaammata, tarsiimoofi karoora misooma diinagdeefi hawaasummaa baasuu fi raawwachiisuu, fi seerota adda addaa Magaalichaaf baasuu fi raawwachiisuuf aangoo fi mirga ni qaba jechuu dha.

Kanaaf wixineen labsii Chaartarii Bu/Mag/Finfinnee fooyya’aa(lab. Lakk. 361/1995) fooyyessuuf bahuuf deemu ija kanaan ilaallamuu qaba jechuu dha. HMFDRI kwt. 78(3) Naannoleen Mana Murtii Waliigalaa, Mana Murtii Ol’aanaa fi Mana Murtii Aanaa gurmeessuu qabu, Tarreeffamni isaa seeraan adda baha. HMNO Kwt. 64(1) jalatti immoo Qaamni abbaa seerummaa Naannichaa Mana Murtii Waliigalaa, Mana Murtii Ol’aanaa Godinaafi Mana Murtii Aanaatiin gurmaa’a jechuun tumameera. Kanaaf Oromiyaan akkuma magaalota isii biraa kanneen akka adaamaa magaalaa Finfinnee fi Dirreedhawaa keessatti manneen murtii idilee hundeessuuf angoo ni qabdi. Kan Oromiyaan dhimma isiitiif hundeeffattuu fi Federaali dhimma ofiirratti hundeeffatuun ala maanneen murtii bu’uura heeraatiin hundeeffamuu danda’an hin jiran jechuu dha.

Manneen murtii magaalaa (city courts) Finfinnee fi Dirree Dhawaa keessatti hundeeffaman bu’uura seeraa kan qabanii miti. Manneen murtii sadarkaa duraa fi ol’aanaa Federaalaa bu’uura HMFDRI kwt. 78(2) magaalaa Finfinnee fi magaalaa Dirree dhawaa keessatti hundeeffamanii jiru. Kanaaf manneen murtii kunniin dhimma federalaa qofa irratti aangoo qaban. Manneen murtii Magaalaa Al- Heerawaa waan ta’anii bu’uura heeraatiin, dhimmoota federaalaa irraa kan hafe, dhimmoota magaalaa Finfinnee fi Dirreetti ka’an irratti irratti aangoo abbaa seerummaa kan qabu naannoo Oromiyaati. Kanaaf Finfinneen qaama Naannoo Oromiyaa fi daangaa Naannichaa keessatti kan hammatamtu waan taateef dhimma federaalaa ilaalchisee manneen murtii federaalaa kan hundeeffamaniin ala adda dureen kan hundeeffamuu qaban manneen murtii naannoo Oromiyaati. Manneen murtii kunniin akkaataa seera deemsa falmiitiin yookiin seera birootiin, dhimmoota Manneen Murtii naannootiif kennamanii fi daangaa Magaalichaa keessatti ta’an irratti aangoo guutuu ni qabu. Jecha biraatiin Mannen Murtii Naannoo Oromiyaa sadarkaan jiran bulchiinsa magaalaalee Finfinnee fi Dirree Dhawaa dhimmoota daangaa bulchiinsa magaalaalee kanneenii keessatti uumamaniin walqabatee aangoo abbaa seerummaa ni qabaata jechuu dha.

Kanaaf wixinee Labsii chaartarii Magaalichaa Manneen Murtii Magaalaa Finfinnee fooyyessuuf wixineeffame Finfinnee fi Adaamaan, Dirree fi Adaamaan tokkuma waan ta’aniif Finfinnee qofaaf seera akkanaa baasuun aangoo naannichaa fedhii ofiitiin dabarsanii kennuu ta’a. Dhimmoonni yeroo ammaa manneen murtii magaalaa Finfinnee fi Dirreedhawaatiin ilaalamaa jiran isaan silaa aangoo manneen murtii Oromiyaa jalatti kufanii dha.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee dogongoroota armaan duraa sirreessuun mirga abbaabiyyummaa Oromoon Finfinnee irratti qabu ni mirkaneessa jennee osoo eegnu gocha duraanii itti fufsiisuun yaaliin gochaa jiru kun gaaffii finfinneef deebii kennuuf qophiin tokkollee akka hin jirre agarsiisa. Wixinee chaartarii magaalaa Finfinnee fooyyessuuf bahuuf deemu kana akkuma durii federaalaan karaa mana marii bakka bu’oota ummataatiin baasuuf deemamaa jiraachuu isaas sochiin mootummaan Oromiyaa dhimma Finfinnee irratti godhaa jiruu fi gaheen inni qabu akka hin jirre agarsiisa. Labsii Finfinnee abbaa biyyaatiif deebisu malee labsii seera mirga abbaa biyyummaa mulqu cimsuuf bahu hin feenu.

MIRGAA FI KABAJAA UFII ABBAADHUMATU DEEBIFFATA!!!

Abduljebar Hussien


Marii Weellistoota keenya OBS irratti godhame irratti miidhaa gandummaa fi waa’ee warra gandumaa fidee Zarihuun Wadaajoo dubbate baay’ee natti tole. Diinni Oromoo yeroo har’aa kana warra gandumma leellisu ta’uu sabni beeke jira.
Ammas taanan Oromoon tokko. Akka argaa jirrutti gandummaan gaaddisa yakkamtoonni jalatti dheesan ta’eet jira.
Waajjira keessatti kan hojii dadhabsiise himatame,Kan seera cabsee himatame yakka isaa kana dhoksuuf ani wanan warra akkasi ta’eef warri akkasii narratti ka’an jedhee garee ijaare yakkaan keessa dhokata. Jibba namoota dhuunfas achi jalatti baafachuu barbaada.

Kanaafu handummaan hamtuu fi meesha diina ta’uuti mul’ata.
Karaa birootin immoo diiggan Oromoon oomisha alagaan omishee nutti gadidhiise kan qabeenya keenya fixee fi namummaa keenya gadi buusu ofirraa beekunis barbaachisa akka ta’ee sayyoo Dandanaa ibsee jira.
Amantiinis duula biraa ta’uun nuuf himan. Akka walii galaatti dubbiin jarri dubbate nama gurra qabuuf baay’ee cimtuudhu.
Weellistoota keenya nan galateeffadha

Dereje Regassa Yami irraa


#Inbox Finfinnee irraa
Lafa kana Takele Umatu warra seeran ala qabatan irraa deebise. Kutaa magaala #nifaas silk laaftoo aanaa 09 jala jira. Amaarri addaan qircataniiru jette isa ati posti goote argeen mirkaneefachuuf achi dhaqe. Baay’ee nama #gaddisiisa. Wantiin dhagahe maqaa parkingitiin mana jireenyatiif akka addaan qircatan dhugaa naaf bahan. Kutaa magaala kana keessatti lafti duraan warra seeran ala qabataan irraa deebi’ee hedduu isaa amaarri maallaqa gudda fund gochuun hoggantoota lafaa sadarkaa aanaati hanga kutaa magaalaf magaala jiran qabachuun akka akka laficha saamaa jiranis odeeffadheera.
gamoo warra #tigree trans ethiopia bira jira.


ATWO . kamiinnii kun immoo ……?#PBO
gaalma #Adamaatti



Obsaan Aanan goromsaa dhuga yaa boontuu tiyya
Roorroo heddu dandeette Obsaan as geette deesse tiyya
Barro baranni keeti…gadatu teeti……

Below Single Post