Maroon-Kumsaa Dirribaa ilma sabaati.

Maroon-Kumsaa Dirribaa ilma sabaati.

Barruun kun haala amma Oromiyaa keessa deemaa jiru ilaalchisee walfalmii sabquunnamtii irratti uumuuf yaadamee miti. Haqa ilma dhiiraa kan sabaaf manaa bahe yeroo gariin namaa kijibaan dukkaneessee akkasumas seenaa isaa xurii itti dibuuf yaalu yeroo dheeraaf obsus amma callisuuf onneen na didde.
Kumsaan ykn Maroon/Miliyoon Dirribaa dhaloota Qeerroo Bilisummaa Oromoo Fincilli diddaa gabrummaa miixatee dhale Hangafoota keessa isa tokko.

Anaf Kumsaa kan walitti fidee wal barsiisee FDG bara 2005 labsame san. Wal arguu keenya dura Kumsaan ilmi sabaa kun barataa University Finfinnee muummee barnoota Management keessatti barataa ture. Yerooma barataa ture kanatti gaaffii barattoonni Oromoo Mootummaa abbaa irree irratti kaasaniin wal qabattee hidhamee hidhaas ture. Roorroo kanaan itti dhufeen wal qabatee fincila diddaa gabrummaa muddee 2005 labsameen booda barattoota fi Qeerrowwan Oromoo kallattii isaanii gara Carraa qawwee kaasuuf affeerte keessaa tokko taatee argamte.

Egaa yeroon isaa gama jalqabaa bara 2006 ture, Anaaf isa akkasumas barattoota Oromoo university fi sadarkaalee adda addaa dirree falmaa kibba Oromiyaatti argamutu yeroo jalqabaaf walitti nu fide. Leenjii xumurannee akka dandeettiif barnoota keenyaan bobbaafamne. Anaaf jaallan hagi tokko gara magaalaalee Oromiyaa adda addaa Finfinnee dabalatee akka bobbaanu dirqamni nutti kenname. Haala kana keessatti bara 2006 gara maayyii dirqama qabsoof carraan anaaf Kumsaa Finfinneetti walitti nu deebifte. Dirqama jajjabaas waliin fudhannee, ilmi sabaa kun nama jabaa dha, nama kaayyoo isaatti ciccudha. Dirqama wareegama gurguddaa gaafatu nama fudhatee dirqama bahaa ture dha.

Kun kanaan osoo jiruu walakkeessa 2007 keessa baatii May keessa Mootummaan gabroomfataa tika isaa biyya ollaa gama Keniyaatti/Kenyatti bobbaasuun Engineer Tesfahun Camadaaf waahila isaa Engineer Mesfin Abdisaa butuun/qabuun harka isaa galfate. Yeroon kun egaa mooraa qabsoo Oromoo akka haarayatti bifa addaan sochii eegalteef yeroo haalan hamtuu turte. Qabamuu jaallan kanaan walqabatee gaga’amni fi saaxilamuu hamaan Riphee loltootaaf dabballee uummataa irratti raawwate. Yeroo kanatti Maroon/Kumsaan dirree qabsoo Bosonaatti deebi’uuf dirqame, anis Waaqni na gargaaree biyya gadhiseen bahe.

Osoo hin turre bara 2008 gama jalqabaa Mooraa QBO keessatti fottoqinsi tahe. Mooraan dirree kibbaas waldiddaa dhalate kanaaf saaxilame. Sababaa kanaan WBO qoqqoodame. Kanaan wal qabatee diinnis haala mijaawaa kanattı fayyadamuun qabsaahotatti bobba’e. Egaa yeroo kanatti jaal Maroon faana balleeffachuuf gara biyya ollaa gaanfa Afrikaa ka birootti sosso’e. Haala kanaan carraan biroon Jaal Maroo isa quunnamte. Tikni mootummaa abbaa irree harki isaa dheeraa waan taateef mootummaa Uganda qabsiisuun akkuma Tesfahunif Mesfininnin harka galfatan isas butuuf yaalii guddaa godhan.

Namoonni Oromoo naannoo san qubatan dafnii dhaqqabuuniif akka dabarfamee hin kennamne irratti dalagan. Akka kanaan mootummaan Uganda ganna tokkoof abati muraasa itti murteesse. Nama ogeessa Seeraa beeku qacaruun jala bu’uun akka hordofamu taasifne. Murtee itti murtaahes fixatee bahe. Achirras baafate, egaa osoo akka namoota kaani biyya jijjiirratee jiruu mataa isaa osoo jiraachuu dandahuu, kaayyoo koo hin sharafu jechuun gara dirree qabsootti deebi’e.

Yeroo gabaabduu booda gama lixa Oromiyaatti deemuun tokko jedhee waraana ijaarrachuu eegale. Wareegama jaal Laggasaa Wagii bara 2009 walqabatee jaallan faca’an deebisee dhaabe. Sochii isaas jabeeffate, dhaloota qubee Qeerroo dammaqsuu irratti xiyyeeffachuun dhaloota fincilaa naannoo san irratti jabeesse.

Namni kun mootummaa Tigiree lubbuun isa adamsu jalaa miliqaa qabsoo hadhaawaa geggeessuun lubbuun har’a gahe jira. Kanaafuu firummaa ykn hariiroo diina kaleessa barnoota isa dhabsiiseef jiruu ilma namaa isa dhorke wajjin, yoo ilma sabaa kana hadheessuuf tahe malee diinummaa malee homaa hariiroo kamuu hin qabu.

Waan kana akkan ifa godhu kan dirqisiise, haqa ilmi sabaa kun qabu haqni ilma Oromoo yeroo cileen itti dibamu arguu fi dhagahuutu lafee na dhukkubse, mataa bowwuu natti tahe. Kanaaf haqa ilma Sabaa kana yoo lammiin isaa inni hin beekne beekee hammeenya hin qabu.
Qeerroo fi Qarree bara san kaayyoon sabaa walitti nu fdde gariin carroomee lubbuun jira, gariin wareegame, kaan harka diina bu’uun dararaa tigireen rakkachaa ture.

Har’a namni akka isaa lubbuun jiraatee arguun anaaf hiikkaa guddaa qaba. Tarii kayyoo fi murannoon kaleessa walitti nu fidde, an irraa fagaadhee bifa biroon dhimma saba koof haa xiqqaattuu dirqama koo bahaa jiraadhus, Kaayyoof Murannoo Jaal Maroon qabu maraaf kabajaa guddaan qaba.

Kaleessa dirqama itti taanaan malee Namni akka isaa jiruu gaarii akka nuti jiraannuu jiraachuu jibbee, jiruu isaa daggala godhatu hin jiru. Egaa wal tuffachuuf harraba walitti roobsuu, maqaa wal xureessuuf wal xiqqeessuu irra bu’aa sabaa dursuun kabajaa ilma sabaa kanaaf godhanii wal dhageettiin furmaataa barabaaduun amna qabsoo bilisummaa Oromoo gabaabsa jedheen amana. Jaal Maroon ilma sabaa obboleessa keessan kaayyoof manaa bahe dha.
Harrabaaf Abaarsii diinaaf qaawwaa saaqa malee furmaata hin ta’u.

Galatoomaa, Surraa Tolasaa Mudde 2018

Chali Ensermu Beyene