Mariin kalee finfinneetti dhossaan taa’amee ture kun maalif ummaataaf ifatti ubsamuu dhabe?

Mariin kalee finfinneetti dhossaan taa’amee ture kun maalif ummaataaf ifatti ubsamuu dhabe?


#Badhaadhinni Abiyyi Ahmad odeessu kuno kana. Sirna Minilik kan du’ee Minilik waliin awwaalamee ture lubbuu itti horee qabrii irraa baasee Alaabaa minilkiin faayee handhura Oromiyaa Finfinnee keessa oliif gadi oofa. Yeroo ilmaan Oromoo sababaa Oromoo ta’uu isaanii fi Oromoof qabsaa’uu isaaniitiif mirga Oromiyaa keessa asiif achi sochoo’uu dhabanii ajjeefamaa fi hidhamaa jiran kanatti horteen Minilik akkasitti Oromiyaa keessa nagayaan baatee duula na filadhaa gaggeessaa jirti.

Akka CBCn gabaasetti “Mootummaan” Xoophiyaa Wayyaanee wajji haasahuuf qophii dha. Haaldureen Wayyaaneen lafa keesse karaan gargaarsaa gufuu tookkkoon maletti akka banamuu dha. Abiy “juntaa” wajji marihachuuf dirqamuun isaa Wayyaaneen dhiibbaa akkam akka irratti gochaa jirtu agarsiisa. Gaaffii fii deebii Isaayyaas Afewerqii godhe irratti Wayyaaneen propagandaa dhaan mootummaa isaa fii kan Abiyyis hunxuxatti galchuu amanee jira. Kanaaf, Isaayyaas Abiyyi irraa if fageessuu barbaada. Yakki Tigray keessatti hojjatame isaan lameenuu akka itti gaafachisuu sodaa guddaa qaba.
 
Abiyyi abbaa fii deeggaraan guddaan isaa akka irraa fagaachaa jiru hubannaan Wayyaanee wajji haasahuun alatti akka filmaata hin qabne beeke fakkaata.
Karaa biraatiin filannoo kana gaggeessuuf maallaqa isaan barbaachisa. Garuu kaaznaan isaanii duwwaa waan taheef filannoon kun walaba jedhanii addunyaa amansiisanii sadaqaa argachuu qabu. Kun ammoo waan salphaa miti. Dura hidhamtoota siyaasaa hunda hiikuu qabu. Yoo hiikuu baatan immoo yakkamoo tahuu isaanii mirkaneessanii murtee itti kennuu qabu. Kunis salphaa miti. Lammaffaa, filannoon Tigray hirmaachisuu qaba. Ummanni Tigray immoo Wayyaanee filachuu dhaan fedhii isaa duruu ifa godhee jira. Kanaafuu, Wayaaneen dirqii hirmaachuu qabdi.
 
Kana jechuun square one itti deebi’uu jechuu dha. Baqattoonni akka galan barbaaddi. Waajjiraaleen diigaman akka deebi’anii ijaaraman barbaaddi. Kiittillayyoon Abiyyi achi kaayyate akka baatu barbaaddi. Kun egaa adeemsa yeroo dheeraa fudhatu waan taheef filannoon sobaa nafanyoonni fii Abyot odeessan akka isaan yaadanitti tahuuf hin jiraatu.
Abiyyi ifaan ifatti kufee jira.
 
Egaa Oromoon maal gochuu qaba?
Oromoo wanti baasu TOKKO fii TOKKO qofa. ABO fi KFO akkasuma warri biraalleen TOKKO tahuu qofa. Ifii bakka dhibbatti caccabanii ummataan tokko tahaa jechuun hin hojjatu. Wanti nu baasu, ifii walitti baqanii ummata if jalatti ijaaranii if qopheessuu qofa. Karakaraa battisuun kun nu hin baasu.

Ahmad Idris


Itoophiyaan maalif jijjiiramuu dide?
 
Hoggantoonni mootummaa Itoophiyaa jijjiiramaat turan; ammallee ni jijjiiramu. Warraaqsa bara 1974 boodaahuu namoota sadiitu mootumaa Itoophiyaa hoggane. Mengistuu Hailemaariyaam, Mallasaa Zeenaawii, Hailemariam Dasaalenyii. Afraffaan Abiy Ahmad amma Itoophiyaa hogganaa jira.
Ammoo, akkaataan hoggantoonni kanneen Itoophiyaa itti bulchan garuu hin jijjiiramne. Hoggnatoonni kaneen hunduu abbootii irreeti (tyrants). Hundii seeraan hin bulan. Seeraa olitti of ilaaluu. Seeraan hin gaafataman. Ummata duratti hin gaafataman.
Kun maalif tahe?
 
Kun kan taheef, Itoophiyaan Impaayara waan taatee fi. Itoophiyaan ammaa biyyaa Emperor Minilik, Mootii Shawaatin, humna waraanaatin ummatoota ofiin of bullchaa turan caphsuun dhaabattee fi ummata Oromoo fi ummoota akka ummata Oromoo itti caphan Itoophiyaa keessatti humnaan qabdee jirtuu dha.
Ummatni Oromoo fi ummatoonni humnaan caphan kun takkaa fedhiin Itoophiyaa jalatti hin bulle.
Ummanni Oromoo fi ummatoonni akka Oromoo itti caphanii impaayaritti keessatti humnaan makamam, akkaata caphuu dura itti bulan hunda dhaban. Sirna bulchiinsaa jaaratan ni diigame. Hoggantoonni isaanii ni ajjeefaman. Lafa isaanii irratti abbummaa dhabanii gabbaarii tahan.
Seenaa, aadaa fi afaan isaanii ni awaalame. Maqaan namaa fi lafaa illeen jijjiirameet maqaan gabroomfattootaa ykn koloneeffattoota itti bahe. Ni tuffataman. Namaa gaditti laala nan. Yakki Kun hundi ummata Oromoo irratti raawwatameet jira.
 
Ammallee itti fufeet jira.
 
Hamma Impaayarimmaan Itoophiyaa hin diigamin itti, cubbuun tun hin itti fufti. Mootummaan Itoophiyaa deemookraatawaa tahuu hin dandayu. Abbaa irrummaan hoggnatoota Itoophiyaa hin jijjiramu. Itti fufa. Ummannis qixxummaa bilisummaa fi nagaya hin qabaatu.
Tanaaf jecha, bakka amma geenye irraa fuula duratti deemuuf, akeekni qabsoo bilisummaa keenyaa Impaayarimmaa mootummaa Itoophiyaa diiguu fi mirgoota abbaa biyyummaa fi ofiin of bulchuu impaayarittiin nu irraa fudhatte deeffachuu tahuu qaba.
 
Akeeka kana irratti akka sabaa itti waliif gallee qabsaawuu duwwaatu bilisummaa fi biyyaa teenya weerratuu alagaa irraa deeffachuu nu dandeessisa. Kana gochuu duwwaan mootummaa bilisummaa keenya, nagaya keenyaa fi biyya teenya tiksu, kan ummataan filamee ummata duratti itti gaafatamu dhaabbachuu dandeenya.
 
Hamma impaayarittiin hin diigamin itti, hidhamuun, ajjeefaman, saamamuun, biyya teenyaa irratti alagaa tahuun, salphachuun hin dhaabbatu.
Hundeen rakkoo ganna 150 iliif keessa jirruu, impaayara Itoophiyaa ti. Impaayaritti diiguun bilisummaa dhabne deeffanna. Kana itti waliif gallee, tokkummaan qabsaawuu malee filmaanni biraa hin jiru.

Dr

Beyan H. Asoba

tiin


Marii uummataa, Waltajjii Marii Oromiyaa Idil-Addunyaan qophaa’e: Dhaamsa Hidhamtoota Siyaasaa

 
 

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.