Marii Ummata Oromoo Minnesota (Oromiyaa Xiqqoo) : Ibsa Ijjannoo

Marii Ummata Oromoo Minnesota (Oromiyaa Xiqqoo) : Ibsa Ejjannoo, Hagayya 19, 2017

Ummata

Marii Ummata Oromoo Minnesota (Oromiyaa Xiqqoo) : Ibsa Ejjannoo, Hagayya 19, 2017

Nuti Oromoonni, jirattoonni Steeta Minnesota (Oromiyaa Xiqqoo), yaaminsa marii ummataa kan Gumiin Oromiyaa Addunyaa nu waameef owwaannee, guyyaa Hagayya 19, 2017, galma Hawaasa Oromoo Minnesota keessatti walgeenyee, haala yeroo ammaa Oromiyaa keeysa jiruu fii barbaachisummaa sadarkaa Addunyaatti ijaaramuuratti bal’inaan erga marihanneen booda,sagalee tokkoon murtiilee asii gadii murteessinee jirra.

Barbaachisummaa Sadarkaa Addunyaatti ijaaramuu
Akkuma beekkamu, Oromoonni biyya ala jiraatan, caasaalee adda-addaa; dhaabolee siyaasaa, dhaaboolee amantii, afooshaalee, Jaarmayoota sivikfi kfk jalatti ijaaramanii argaman.Kana malees, namoonni dhuunfaa, ka qabeenya, dandeeytii fii beekkomsa gurguddaan badhaadhan hedduutu biyya alaa (diaspora) jiraata.Namoonni dhuunfaa fi Oromoonni caasaalee adda-addaa jalatti ijraaman kunneen, sadarkaa isaaniitti bu’aalee heddu argamsiisanii jiran.

Oromooni caasaalee adda-addaa jalatti ijaaramaniifi kanneen caasaalee jaarmayootaa jala hin jirres, kaayoo wayyaaneen “Oromoo lafarraa dhabamsiisuudhaan Oromiyaa dhuunfachuun/dhaaluun ni dandayama” jettee lafa kaayatte,“duula duguuggii sanyii Oromoo” irraa of-dandamchiifneee, akka sabaatti jiraachuuf,sadarkaa amma keessa jirruu olitti, sadarkaa Addunyaatti ijaaramuun,humna namaa, qabeenya fii dandeytii saba Oromoo sirritti qindeessuun, humna guddaan diinarratti xiyyeefachuun hedduu barbaachisaadha.

Humni Oromoo kan bifa kanaan sadarkaa Addunyaatti ijaarame, qabsoo ummata ofiitiif dagalee cimtuu, masaka gaarii fi hamilee ol’aanaa ta’uu dandaya. Kanaafuu Oromoon yaadaafii caasaalee xixiqqoo duraan qabu, ol-guddifatee, sadarkaa Addunyaatti, yaada jiddugala tahe jalatti jaaramuun barbaachisaa tahuurratti waliif galle.

Saaminsa Lafa Oromoo
Eega Oromiyaan harka mootummoota dhufaa-dabraa Habashaa jalatti kuftee jalqabee, Oromoon lafa isaarratti abbummaa dhabuun nama hin falmisiisu.Tahullee, bara 26an sirna Wayyaanee jalatti saaminsi lafaa baay’ee babal’atee jumlaan ummata keenya qe’ee isaarraa buqqisee duguuginsa shanyii, hiyyummaa, baqattummaa fii gadadoo cimtuuf saaxilee jira. Saaminsi lafaa kan sirna Wayyaanee jalatti geggeeyfamaa jiru Oromoo diinaggeen hiyyoomsuu bira taree, afaan Oromoo fii aadaa Oromoollee barbadeeysee, Oromotti lafa dhiphisee eenyummaa isaa dhabamsiisaa jira. Oromoo biyyuma isaa keeysatti magaaloota gurguddaa keeysatti alagoomee, sadarkaa baqataa tahee jiraataa jira.Fakkeenyaaf Oromoon yeroo ammaa magaalaa muummittii isaa Shaggar keeysatti alagaadha. Dirre-Dhawaan “teetii miti” jechaanii jiran; magaalaan Harar tan nama biraati jechaa jiran. Awwodaayilleen, waan magaalaa daldala guddaa taateef, tan federaalaati. Yoo aangoo wayyaanee jala turte, guyyaan Jimmaafii Adaamaan illee tan nama biraati nuun ja’an fagoo miti. Handhuura Oromiyaa, magaalaa Shaggar keessatti, hundee sirna gabroomfataa (qubsuma alagaa) babal’isuun, Oromiyaa bakka lamatti addaan muruuf karoorri hujiitti hiikkamaa dhufee jira. Magaalaa gudditti Oromoon bara dheeraa irraa aalagoome babal’isanii, lafa naannoo isiitti tarkaanfachuun handhura Oromiyaa tan taate magaalaa gudditti Finfinneerraa abbicha biyyaa, ummata Oromoo fageessanii gara kaaba bahaatiin biyya amaaraatti maxxansuu fii gara Kibbaatiin biyya Warra kibbaatti maxxansuun, Oromiyaa gara bahaatiifii gara dhihaa lafarratti addaan ciranii,dhaadannoo“ummata guddaa saba Oromoo bicutti deebisnee,abadiif gabrummaan of-jalatti bituu dandeenya” jedhan hujiitti hiikaa jiran. Karoora ummata Oromoo xiqqeessuu kana daran qabatamaan hojiirra oolchuuf naannoo daangaa Oromiyaa maratti warra ollaatiif loltoota maqaa Liyyuu Poolisin sossoohu leenjisanii, hidhachiisanii, raashinaafii mindaa baasaniifii Ummata Oromoo kan naannoo daangaa qubaturratti bobbaasanii ummanni humna qawweerraa shoorarkaawee akka qe’ee ifiirraa baqatu taasisaa jiran.

Loltoonni shoorarkaa kuni lafa saamanii, ummata ollaa biyya Oromoorraa qubsisuu biratti, qabeenya ummata saamaa, dubartii Oromoo gudeedaa, manguddoo fii daa’imman jumlaafii gara-jabeenyaan ajjeesaa, madeeysaa, tumaa, torture godhanii, salphisaa jiran.

Hararghee keeysa, Cinaaksanitti, Mi’eeysotti, Gursumitti, Jaarsotti, Baabbiletti Mayyuu fii Miidhagatti guyya guyyaan Ilmaan Oromoo jumlaan lafa isaarraa buqqisanii beeyladaa inni tiyfatu dura a’anii , hiyyummaa, beelaa, dhukkubaafii salphina guddaaf saaxilanii jiran. Baale keeysa aanaa Raaytuutti…. Boorana fii Guji keeysattiis haalli walfakkaataan Wayyneefii humnoota maqaa Liyyuu Poolisiin moggaafamaniin ummatarratti shoorarkaan guddaan saaminsa lafaa geggeeyfaa jira.Gara Wallaggatiniis, humnoota Bani Shangul ijaaranii, meeshaa hidhachiisanii ummata Oromoorraa lafa saaamanii akka dachii itti dhiphisaniti wayyaneedhaan gbobbaafamaa jiran. Gara Walloottiis, humnoota Liyyuu Poolis Affar keeysaa jaaranii, lolaaf leenjisanii Oromoorratti bobbaasanii jiran. Maatiin Oromoo kan roorroo akkanaa irratti deemtu bakka hundatti faca’anii, warra karaarratti dahannoo fii gargaarsa tokkoon malee harca’anii dhumiinsi sirnaawaan irratti geggeeyfamaa jira.

Nuti jiraattoonni Oromoo naannoo Minnesootaa qubanne saaminsa lafaa kani Wayyaaneen ummata guddaa Oromoo lakkooysaan xiqqqeeysitee abadiif gabrummaan bulchuu barbaaduu isii shakkii tokkoon malee hubannee cimsinee balaaleeyfanna.

Ummanni Oromoo, xiqqaa guddaan, dhiiraafii dubartiin, Oromiyaa guutuu fi Addunyaa guutuu keessatti bakka-takkaa waliin ka’ee, sadarkaa biyyaa fi Addunyaatti of-jaaree, qabeenyaan, humnaafii dandeeytii qabuun waliif birmatee, dhabama kanarraa akka of baraaru yaamicha goona.

Shira shoorarkaa Wayyaanee kana dhaabuuf Oromoon biyya keessaa bara tokkoo ol osoo addaan hin dhaabin mormii fii qabsoo hadhooytuu geggeeysuu isaaniitiif nidinqisiifanna. Sirni cubbamaa wayyaanee kanw aggaa 26aaf biyya teenya dhuunfate hamma jirutti shirri kuni kan hin dhaabbanne tahuu hubatnee, ummanni keenya qabsoo isaa akka itti fufu karaa dandayamu maraanu akka bira dhaabbannu ni mirkaneeysina. Ummanni keenyaas, yaroo naannoon tokko qabsaayu naannoon biro taa’ee laaluu osoo hin taane, Oromiyaa guutuu keessatti bakka takkaa, gatmnaan

Beela:
Oromoon uumaarraa ummata dalagatee badhaadhinaan jiraatu.Lafti isaa, bishaan isaa, margi isaa, albuudaan isaa, ummata Oromoo bira dabree, olloota akka Jabouti fii Soomaliyaa dandayaa ture.Sababaa Wayyaneen qabeenya isaa saamtee isa hiyyoomsiteef ar’a, qabeenya san hunda biraa agabee, namni miliyoona torba caalu beelaaf dhoortoo harka arjoomtoota addunyaa eeggachuu mudate.Ummanni Oromoo biyya isaarratti dalagatee, warra biraa kanneen isa keeysa qubatanillee qabeenyaafii quufaan badhaase, ummanni duraan akkasitti ifiin boonee jiraatu, ar’a harkaa saamtoota Wayyaanee jalatti abaariin harca’aa jira.Biyyoonni dureeyyiin addunyaa yeroof ummata abaariin dhibamaa jiru kana bishaan, midhaan, qorichaafii dahannoodhaan akka bira dhaabbatan gaafanna. Oromooniis bakka jiru maratti wal gurmeeysee, sadarkaa biyyaa fi addunyaatti wal-jaaree, ummata keenya kan dhoortoo harka alagaa mudate bira waan dandayu maraanuu akka bira dhaabbatu gaafanna.

Saaminsi irraa dhaabbatu malee, Oromoon beelarraa akka hin eewalamne ni hubanna. Wayyaaneen biyya teenyarraa hiddaan buqqaatu malees, saaminsi hindhaabbatu. Kanaafuu,nuti Oromoon biyyootaalaa keesa jiraannu marti, obbolummaan harka walqabannee, sadarkaa Addunyaatti ijaaramuun ummata keenya bira dhaabbachuun dirqama hunda keenyaati jennee amanna.

Hiyyummaa:
Oromoon biyya isaarratti qabeenya isaarraa ugguramee jira. Jimaan Harar, Bunni Jimmaa fii Wallaggaa, Xaafiin Shawaa, saawwan booranaa, dahabni Gujii fii kanneen biraatiis, harkaa laqaaqamee ugguramee

jira. Qabeenya sabani Oromoo ittiinbadhaadhuu dandayu kana,Wayyanoonni kophatti saammatanii, fooqiileen jaarratanii, meeshaa lolaatiin bitatanii, ummata keeyarratti dhukaasan.Oromoon humna tahee diina ifirraa

buqqisuun qabeenya isaa if-harkatti galfachuu akka dandayu, sadarkaa biyyaa fi addunyaatti if jaarree, tarkaanfii ummanni Oromoo sirna Wayyaanee ifirraa kaasuuf fudhatu mara ni deeggarra.

Dhukkuba Koleeraa:
Ar’a biyya teenya keeysatti, keessattuu bakka hanqinni bishaanii jirutti, bakka Oromoon humnoota Liyyuu Poolisiin lafa isaarraa buqqifamee gaaraa fii bosona keeysa dahannoo tokkoon malee badheerraa faca’ee jirutti, daa’imman fii manguddoon teenya beelaa fii dhabsuu biratti, dhukkuba Koleeraatiin faalamanii jumlaan harca’aa jiran.

Wayyaaneen warra dhukkuba Koleeraatiin dhumaa jiran magaaloota keeeysatti, Koleeraa dhoysuuf, dhukkuba garaa nama yaasu jettee dubbachaa jirti. Ummata Oromoo kum kudhannootaan naannoo daangaarraa humnaan buqqifamanii, bosona keeysatti koleeraan dhumaa jiran namni maqaa dhawu hin jiru.

Wayyaaneen akka mootummaatti osoo of-laalti ta’e, ummata kanaaf qoricha, nyaata dhugaatiifii dahataan dhaqqabuun irraa eeggama ture.Garuu,diina afaan qawweetiin Oromiyaa koloneeyfate waan taateef diinarraa wanni eeggamu hin jiru.Dhumiinsi ummata keenyaa kararoora Wayyaaneen baafattee hojitti hiikaa jirtu waan taheefi.Kanaaf dirmachuun nuti ilmaan Oromoorraa eeggama.

Ilamaan Oromoo kanneen biyya ifiirraa baqatan:
Oromoon biyya abbaa isaarratti waan Oromoo taheef qofa Wayyaaneedhaan hidhamaa, tumamaa, ajjeefamaa, torcharaan qaamaa naaffachaa, qabeenya saamamaa jira.Haala fokkotaa ilmaan Oromoo jumlaan araraasaa jiru kanarraa lubbuu ifii baraaruuf, keeysattuu dargaggeeyyiifii shamarran jihaa afaraniinuu biyyaa bahaa jiran.Biyya abbaa ifiirratti wabii jireenyaa dhabani dahata barbaada gara biyya alagaa yaa’aa jiran.Amna baqaarratti dooniin cabxeenii laga lixuun hiraata qurxummii tahaa jiran.Gariin gammoojjii naatoo namaaf hin qabne keeysaan qaxxaamuruuf osoo deemanii dhabsuufii beelaaf karaarratti kufanii dhumaa jiran.Gariin ammoo biyyoota Arabaa keeysatti qabamanii,shiftoonni qaama isaanii keeysaa kalee guurratanii gurgurachaa jiran. Dubartiin teenyaas kana gubbaan dararaa gudeeddiitiif saaxilamtee itti taphatamaa jira.Gabaabubumatti Oromoon biyya ifiirratti jireenyaaf wabii dhabee, laga keeysatti hiraata qurxummiitahee, biyyoota alagaa keeysattiis, uleen ajjeechaan, saaminsi irraa hin hafne.Jumlaan biyya ifiirraa heeraan ala dhokatanii bahuuniis, biyya ofii dhabuurraa dhufe.Haala kana jijjiiruuf, Oromoo biyya ifii alagaa jalaa baasee, nagaya arkachuutu irra fala gaarii dha. Nuti Oromoon jirattoonni Steeta Minnesota gadadoo ilmaan Oromoorra gayaa jiru kana wal-dura qabnee irratti marihannee, ilmaan Oromoo kanneen akkanaan alatti faca’an gorsaan, qabeenyaafii waan dandayame maraan bira dhaabbachuuf murteeyfannee jirra. Kanaafis, Oromoon sadarkaa biyyaa fi sadarkaa addunuyaatti obboleeyyummaan hagoobara tokko jalatti gurmooynee, obboleeyyan keenya akka gargarru dhaamna.

Oromoota Hidhaa Wayyaanee keeysatti dararamaa jiran
Wayyaaneen manneen hidhaa bebbeekkamoofii kanneen dhoysaa heddumminaan qopheeyfattee Oromoo dararaa jirti.Dargaggeeyyii Oromoo kanneen sodaa irraa qabdu, tumiinsaafii torcharaan eega yaratan booda gadi baaftee, maatiif yoo kennitu namoonni torchara akkasiitiin du’an kumaanillee lakkaawamuu mala. Gochi Wayyaanee kuni namoomaan ala fii amala bineensaa tahuu ni hubanna. Alagaa murna bicuu keeysaa jaaramee humna qawweetiin biyya teenya qabaterraa wayyoomina hin eeggannu.Durumaanuu, beekktoota Oromoo aktivistootaafii namoota sadarkaa hoggana tahuu dandayan qaqqabdee manneen hidhaa keeysatti torchara biratti qaanyeeysuun amala isiiti. Baqqala Garbaatiifii Dr. Mararaa faa akka yakkamaa ganda keeysaatti kaateenaan hidhanii gara mana heeraatti ofuun karoora Wayyaaneen ilmaan Oromoo qaanyeeysuuf hojitti hiiktu tahuu hin dagannu. Tan duraatiif, namoonnikuni heeraan ala, badii takkaan malee, waanuma Oromoo tahaniif hidhaman. Hidhaan akkanaatiis, Wayyaanee buqqisuu qofaan dhaabbata.Kanaafu, nutiis, qabsoo ummanni Oromoo biyya keeysaa Wayyaanee buqqisuuf geggeeysa jiru, sadarkaa addunyaatti ijaaramnee bira dhaabbanna.

Murruqii (Masacre) Bishooftu
Onkololeeysa 2,2016, bara dheengaddaa, Oromoon miliyoonootaan bahee bishooftuu hara Sadeetti ayyaana irreechaa kabajachuun niyaadatama. Yeroo ummanni Oromoo miliyoonootaan bahee dirree sanitti down Down Wayyaanee je’ee kufiinsa Wayyaanee hawwu, ummata harka qullaa walqaxxaamursee fakkii mormii Oromoo firaafii alagatti mul’isaa jiru rasaasa, boombiifii boombii aara namarraa yaaftu loltoonni Wayyaanee itti

dhukkaasan. Sababaa saniin Wayyaaneen dhiiga ilmaan Oromoo qulqulluu dhangalaaftee namni 760 ol du’an.Kuni murruqiidha (ajjeechaa jumlaati).Murruqii Bishooftuu hedduu jabeeysinee balaaleeyfanna. Gootummaa fi Wareegamni ilmnaan Oromoo guyyaa san baasan, ummata Oromoo guutuun, bara-braan akka yaadatamu, akka kabajamu waamicha goona. Kabajaan Ayyaanaa kanaas, guyyaa gaddaa osoo hin ta’in, guyyaa gootummaa ilmaan Oromoo itti faarfannu, guuyyaa kaayoo isaan wareegamaniif galmaan gayuuf wa’ada keenya itti haaromsinu ta’a.

Afaan Oromoo:
Bara dhufaa dabraa mootummoota Habashaa keeysatti Afaan Oromoo, aadaa Oromootiifii eenuymmaa Oromoo balleeysuuf dhagaan diinni hin fonqolchin hin hiru.Oromoon garuu, heddumminaafii jabeenya isaatiin Afaan Oromoo sirna badii jalaa eeggatee kunoo ar’a sadarkaa gaariirra jira. Haa tahu malee, hamma alagaa jala jirutti afaan kuni haga silaa dagaaguuf male hin geenye. Inumaa bakka amma jiru kanarraa gadi xiqqeeysuufii achumaanuu hamilee ummataa cabsitee, eenyummaa Oromoo dhabamsiif Wayyaaneen bara kana qubee Afaan Oromoo aggattee turte. Haatahu malee tarkaanfii tanaan hin milkooftu. Tarkaanfii tana fakkaattu tan biraatiis fudhachuun isii hin oolu. Garuu Oromoon Afaan isaa utubaa Oromummaa tahuu hubatee, sadarkaa biyyaa fi addunyaatti wal-gurmeessee, ajajaafii taligaa Wayyaaneetiin alatti afaan isaa dagaagfachuu qabajenna.

Mirga Namoomaa fii siyaasaa:
Sirni Wayyaanee, dhaaba saba bicuurraa dhufte waan taateef, gara humnaatiin jaaramtee waraana isii bobbaaftee tan biyya teenya dhuunfatte waan taateef, laaftutti mirga namoomaa kabajuu hin dandeessu. Uumaan Wayyaanee mirga namoomaa kabjuuf hin mijjaawu. Kanaafuu, Oromoon mirga isaa, kan sirna Wayyaanee jalatti kabajaa dhabe deebifachuuf Dargaggeeyyii Oromoo kanneen biyya keeysaa Wayyaanee dhabamsiisuuf qabsaawaa jiran, sadarkaa addunyaatti gurmoofnee deeggarsa nurraa barbaachisu laachuun diqama Oromummaati jenna.

Wayyaanee wanni akka eeboo ijatti deemutti sodaattu, hangafni siyaasaan jaaramuudha. Kaniis bakki irraa maddu Wayyaaneensaba xiqqaarraa jaaramtee waan dhufteef, ummanni guddaan Oromoo sadarkaa biyyaa fi addunyaatti yoo ijaaramee akka isii liqimsu ni beeyti. Kanaafuu, ijaaramuusaba Oromoo dura dhaabatti. Keessattuu, sadrkaa biyyaa fi addunyaatti akka Oromoon hin jiraaramne harlkanii-guyyaa nu dura dhaabbatti.Biyya keessatti, ilmaan Oromoo kum kudhannootaan hidhaa naquuniifii, kanneen ijaaramuuf tattaafatan mara dharaan maqaa ONAG itti moggaaftee mana hidhaatti guurti. Ilmaan Oromoo kanneen kum kudhannootaan manneen hidhaa Wayyaanee keeysatti dararamaa jiran haal-duree tokkoon malee akka hiikkaman jenna.Mirga namooma Oromoo sarbuu isiitiif, sirna fokkataa Wayyaanee jabeeysinee balaaleeyfanna.

Mirga Amantii
Erga bara 2012 jalqabee, Wayyaaneen bulchiinsa Amantii Islamaa keessa seentee, Libnaanirraa sheekkan dhaaba Al-Ahbaashaa yaamtee, amantii haaraya ummata muslimaarratti fe’uu yaaluun isii niyaadatama. Tarkaanfii isii tana ifirraa dhaabuuf muslimoonni koree Fala barbaadduu je’amtu, barsiiftoota mana barnoota Awwaliyyaa irraa mootummaa Wayyaaneetti ergatanii turan.Wayyaaneen garuu dhaytaadhaan gaaffii ummata Muslimaarra ejjattee jila muslimootaa dharaan maqaa shoorarkaa itti maxxansitee hidhaafii torcharaan hiraarsite.Tarkaanfii diinummaa Wayyaanee kanaas cimsinee balaaleeyfanna.

Qabsoo Oromoon bilisummaaf biyya keeysatti godhaa jiru.
Ummanni Oromoo baroota dabran kana Wareegama guddaa kafalee abbaa biyyummaa isaa deebifachuuf qabsaawaa ture, ar’aas itti jira.Qabsoo bilisummaa milkeeysuuf jecha wareegama qaalii ummanni keenya biyya isaarratti geggeeysaa jiru baay’ee dinqisiifanna.Qabsoo haqaa tani ummanni keenya Wayyaaneerratti geggeeysaa jiru, sadarkaa biyyaa fi addunyaati gurmooynee waan dandeenyu hundaan bira dhaabbchuuf murteeyfannee jirra.

Tokkuummaan Humna! Injifannoo Ummata Oromoof!

Hagayya 19, 2017, Minnesota (Oromiyaa Xiqqoo)