ODUU HAARAWA: Manni maree Ministerootaa Labsii Yeroo Muddamaa kaasuuf walii galan jedhame.

ODUU HAARAWA: Manni maree Ministerootaa Labsii Yeroo Muddamaa kaasuuf walii galan jedhame. Gara mana maree bakka bu’oota ummataatti akka dhihaatuuf jirus himame.


“Dr. Abiy maaliif Qeerroo galateenfata?” jedhanii TV Tigraay irratti Dr. Dabra Tsiyoon gaafatame. Deebii Wayyaaneen sodaa guddaa qabaachuu ibsutu afaan isaatii bahe akka Yaya Beshir afaan Tigree hiikee maxxansetti. Dr. Abiy Qeerroo galateenfachuun akka mata-dhukkubbii itti tahee jiru ibsa. Akka ilaalcha Dr. Dabra Tsiyoonitti, Qeerroon qaama EPRDF diigu. Diina isaanii jechuudha. “Akkamitti diina galateenfata?” jedhee akka dubbiin isuma dhibdetti deebise. Maaliif akka galateenfate ni qorannas jedheera. Kana jechuun Dr. Abiy fedhii isaaniitiin ala waan godhaa jiru ta’uu isaati. Mormii gochuufis akka yaada qaban ibsa.

Walumaa galatti hanga Wayyaaneen Qeerroo sodaattu kan ibsuu fi Qeerroo isaan akka diinaatti ilaalan Dr. Abiy galateenfachuun hirriiba isaan dhoorkaa jiraachuu ibsa.

Ferhan Abdulselam