Manni Maree Federeeshinii filannoo Tigraay dhaabsisuu danda’aa?

Manni Maree Federeeshinii filannoo Tigraay dhaabsisuu danda’aa?

Qophii filannoo naannoo Tigiraayfi xalayaa akeekkachiisaa Mana Maree Federeeshinii, dhugaan kan eenyyuuti?

Murtoon Mana Maree Federeeshinii mirga lammileefi sabaafi sablammootaa kan mulqeefi mootummaan abbaa irree akka ijaaramuuf kan haala mijeessedha jedhu ogeessi seeraa biroo Obbo Barihuu Tawaldabirhaan.

Haala kanaan murteen kun Federeeshinicha diiguudhaaf waan ta’eef mootummaan naannoo Tigiraay heerri mootummaafi sirni federaalaa sab-daneessaa osoo diigamaa jiruu callisee ilaaluu hin qabu jedhu.

Keessattuu bu’uura Heera Mootummaa Keewwata 9 lakkoofsa 2 fi Keewwata 13 lakkoofsa 1tiin sirna heera mootummichaa kabajuufi kabachiisuun dirqamni irra jira jedhan.

Filachuun mirga lamileedha. Ofiin of bulchuun ammoo mirga naannoleeti. Sabaafi sablamoonni naannolee keessa jiraatan ammoo ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti gahee adda duree qabu.”

Koronaavaayirasii akka sababaatti gargaaramuun murtoon murtaa’e, tokkoffaa labsiin hiikamuu danda’u bakka hin jirretti akka hiikamu taasisuun ijaarsi sirna dimokiraasii akka diigamu kan taasisedha jechuun falmu.

Mirgi filachuufi mootummaa ofii ijaarrachuu, akkasumas ofiin of bulchuu lammileen qaban dhorkamuun Heera mootummaan aladha jedhu.
Kanneen akka:
Murteen Mana Maree Federeeshinii maal ta’uu danda’a?
Gama naannoo Tigraayiin maaltu jedhame?
Aangoo filannoo gaggeessuu maal ta’inna?

Mootummaan Naannoo Tigraay filannoo gaggeessuuf Komishinii hundeessee namoota dhuunfaa fi paartilee hirmaatan galmeesseera. Guyyoota dhufan keessattis guyyaa duulli filannoo gaggeeffamuu eegaluu fi sagaleen itti kennamu akka himu beeksiseera.

(bbcafaanoromoo)—Naannichi qophiiwwan filannoo cimsee wayita jiru kanatti Manni Maree Federeshinii Itoophiyaa xalayaa naannichaaf barreesseen filannoo gaggeessuuf qophii itti jiru hatattamaan akka dhaabu gaafateera.

Naannichi ”Sirna heeraa balaarra buusuuf” adeemsa eegaleen kan itti fufu yoo ta’e manni marichaa aangoo heera biyyaattiin kennameef akkasumas seerota biroorratti hundaa’uun tarkaanfii akka fudhatullee beeksise.

Manni Maree Federeshinii heeraa fi seerooti biroon naannichi filannoo gaggeessurraa akka dhaabatu ittiin dirqisiisuu maali kan jedhu ogeessa seeraa gaafanneerra.

Heera biyaa keewwatni 62 jalatti qabxiin saglaffaan akkasumas keewwata kana raawwachiisuuf labsiin bahe, labsiin lakkoofsa 359 keewwatni 12 akka fakkkeenyaatti eeramuu danda’uu jedhu namni seeraa Dr Adam Kaasee.

Kanneeniin dabalataan Labsiin lakkoofsi 251 dhimma ammaa irratti murtee kennuuf Mana Maree Federeshiniif aangoo kennaa jedhu Dr. Adam.

Manni marichaa xalayaa isaa keessatti heerri biyyaa keewwatni 51 fi 52 qabxiin lammaffaan kanneen eeraman akkasumattis filannoo gaggeessuuf seerota baasuuf aboon kan kennameef paarlaamaa ta’uun eeramuus ogeessi kun himaniiru.

Aangoo filannoo gaggeessuu

Sadarkaa federaalaafi naannootti filannoowwan gaggeefaman raawwachuu kan danda’u Boordii Filannoo Biyyaalessaa qofa akka ta’e heerri biyyaa keewwatni 102 ni labsa.

Mootummaan naannoo Tigraay ammoo sababa weerara Covid-19’n filannoon yeroo hin beekamnetti darbuun heera biyyaa cabsuudha jechuun filannoo gaggeessuuf murteesse.

Manni maree federeeshinii xalayaa isaa keessatti ejjennoon naannichaa kun ”faallaa heera biyyaa, sirna heera biyyaarratti hundaa’e balaarra kan buusuufi sirna federaalaa biyyattii kan miidhudha” jedheera.

Dr. Adam akka sirna federaalaatti mootummaan federaalaa aangoo naannolee kabajuu qaba, naannoleenis aangoo federaalaa kabajuu qabu jedhan.

Haala akka kanaa kana silaa Mana Murtii heeraatu walabummaan ilaale heerri cabe moo hin cabne kan jedhu murteessas jedhan.

Mootummaan Federaalaa aangoo naannolee fudhateeraa naannoleenoo kan mootummaa federaalaa fudhataniiru kan jedhu Itoophiyaa keessatti kan murteessuu Mana Maree Federeeshinii ta’uun rakkoodha jedhaniiru.

Haala amma jiruun hiikkoo seeraan filannoon akka dheeratu manni maree kun murteessee ka’ee deebi’ee naannooleen aangoo mootummaa federaalaatti bu’aniiru ykn federaalli kan naannoleetti bu’eera jedhee murteessuun rakkisaa ta’aa jedhan.

Gama naannoo Tigraayiin maaltu jedhame?

Murtoon Mana Maree Federeeshinii mirga lammileefi sabaafi sablammootaa kan mulqeefi mootummaan abbaa irree akka ijaaramuuf kan haala mijeessedha jedhu ogeessi seeraa biroo Obbo Barihuu Tawaldabirhaan.

Haala kanaan murteen kun Federeeshinicha diiguudhaaf waan ta’eef mootummaan naannoo Tigiraay heerri mootummaafi sirni federaalaa sab-daneessaa osoo diigamaa jiruu callisee ilaaluu hin qabu jedhu.

Keessattuu bu’uura Heera Mootummaa Keewwata 9 lakkoofsa 2 fi Keewwata 13 lakkoofsa 1tiin sirna heera mootummichaa kabajuufi kabachiisuun dirqamni irra jira jedhan.

Filachuun mirga lamileedha. Ofiin of bulchuun ammoo mirga naannoleeti. Sabaafi sablamoonni naannolee keessa jiraatan ammoo ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti gahee adda duree qabu.”

Koronaavaayirasii akka sababaatti gargaaramuun murtoon murtaa’e, tokkoffaa labsiin hiikamuu danda’u bakka hin jirretti akka hiikamu taasisuun ijaarsi sirna dimokiraasii akka diigamu kan taasisedha jechuun falmu.

Mirgi filachuufi mootummaa ofii ijaarrachuu, akkasumas ofiin of bulchuu lammileen qaban dhorkamuun Heera mootummaan aladha jedhu.

Murteen Mana Maree Federeeshinii maal ta’uu danda’a?

Ji’a Waxabajjii keessa filannoo ilaalchisuun murteen kennamee hiika heeraati jedhamee waan jiruuf, heerri kabajamuu qaba kun yoo cabe ammoo mootummaan federaalaa gidduu akka galu ajajna kan jedhu xalayaa ergame keessa jiraa jedhu Dr. Adam.

Akka ogeessi kun jedhanitti gidduu seentummaan mootummaa federaalaa ilaalchisee labsiin lakkoofsa 359 qabxiin 12ffaan hojiirra ooluu malaa jedhu.

Qabxiin kun wanta bal’aa hedduu qabaachuu baatus mootummaan federaalaa karaa lamaan gidduu seenuu akka malu akeekan.

Inni jalqabaa Poolisii Federaalaa ykn raayyaa ittisa biyyaa bobbaasuu. Kana bira darbees mana maree naannoo bittimsee bulchiinsa yeroo hundeessuudha.

Dr Adam garuu Manni Maree Federeeshinii yoo murteesse mootummaan Federaalaa diduu hin danda’uu jedhu.

Kunniin garuu filanno dhumaa malee kan dirqama ta’uu qabaniidha jechuu miti jedhaniiru.

Filannoowwan humnaa kanaan alattis bajata mootummaan federaalaa naannolee ittiin deeggaru adda kutuu ta’uu akka malus dubbataniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad tibba kana dhimmuma naannoo Tigraay ilaallatuun miidiyaalee biyya keessaa irratti ergaa Afaan Tigriffaan dabarsaniin mootummaan federaalaa gidduu seenuuf fedhas kaayyoos akka hin qabne dubbatanii ture.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.