Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa muudama ministirootaa

OBN Ebla 10,2011 – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa muudama ministirootaa irratti mari’achuudhan raggaasiise.

Haaluma kanaan; Obbo Lammaa Magarsaa Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa

Obbo Gadduu Andaargaachoo Ministira Dhimma Alaa

Injiinar Ayshaa Mahaammad Ministira Misooma Magaalaa fi Koonistiraakshinii ta’uun muudamaniiru.

Tamsaasa Kallattii: Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 34ffaa bara hojii 4ffaa. Walga’ichaanis muudama ministirootaa gamaaggamee kan raggaasisu ta’a.