Magaalaalee Oromiyaa Keessatti Hojii fi Tajaajilawwan Banamaniyuu Hidhaan Itti-fuee Jira, Jedhama

Magaalaalee Oromiyaa Keessatti Hojii fi Tajaajilawwan Banamaniyuu Hidhaan Itti-fuee  Jira, Jedhama

Faayilii – Magaala Amboo

AMBOO, WAASHINGITAN, DIISII —(voaafaanoromoo) Jalqaba torban dabree irra ajjeefamuu artistii beekamaa Haacaaluu Hundeessaa tii booda mormii ka’een wal-qabatee namoonni 156 ol du’uu Koomishiniin Poolisii Federaalaa akkasumas Biiroon Bulchiisaa fi Nageenyaa Oromiyaa beeksisee jira.

Manneen daldalaa, waajiraaleen hojii fi tajaajilli geejjibaallee Finfinnee fi magaalaalee Oromiyaa hedduu keessatti akka addaan citanii turan ka gabaasamee ture har’aa garuu tajaajilawwan hedduun banamuu isaanii, gabaasaan VOA, Naakor Malkaa himee jira. Tajaajilli interneetii garuu ammallee hin banamne.

Gama biraatiin immoo hoogganootaa fi miseensota gameeyyii Adda Bilisummaa Oromoo dabalatee Finfinnee, Amboo fi Naqamte keessatti namoonni hedduun hidhamuu, Naakoor maatii namoota hidhamanii, hooggana ABO fi aangawoota mootummaa dhimmi isaa ilaallatu dubbisuun VOAf ibsee jira.

Gaaffii fi deebii guutuu caqasaa.


Naannolee Oromiyaa Keessatti Hookkarri Ka’en Lubbuun Namaa Baduutu Gabaafame

Faayilii – Magaala Shakkisoo, Gujii, Oromiyaa

Gareeleen hin beekamne naannoo Oromiyaa keessatti gosa addaan baasanii haleellaa oofuu isaanii kanneen irraa hafne jedhan VOAtti hiaman.

Ajjeechaa Hacaa’uu irratti raawwate booda haleellaan akkasii naannolee Oromiaa keessa jiran keessatti raawwatamaa jira jedhameera. Kanneen ijaarn argine jedhan akka jedhanitti gareen kun daldalaawwan saamuu, manneen jireenyaaf qabeenyaa gubuu irratti bobba’an jedhan.

Bulchaan godina Arsii Jamaal Aliyyuu VOAf akka ibsanitti aanaalee godina Arsii ja’a keessatti namoonni 34 ajjeefamaniiru. Haalli jiru dandeettii poolisii godinaa ol waan ta’eef humnoonni naga eegumsaa lama du’aniiru. Ajjeechaan akkasii hawaasa waliin jiraatu keessatti ta’uu hin malle, kanneen ajjeechaa kana raawwaanis to’annaa jala oolaniiru jedhan.

Dubbi himaan mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaa fi kan muummicha ministeeraa Nigusuu Xilaahuun magaalaalee naannoo Oromiyaa keessatti haleellaawwan geggeessamuu murkaneessaniiru. Gareeleen hookkara kana oofan gareelee gosoota lamaa gidduutti walitti bu’iinsi akka uumamu kanneen fedhani jedhan. Mootummaanis ajjeechaa itti dabalaa ittisuuf jecha humnoota federaalaa nannoolee kanatti bobbaaseera jedhan.

Itti aanaa komiishinerri poolisii Girma Gelaan akka jedhanitti hanga ammaatti walumaa gala namoonni 156yoo du’an kanneen 145 ta’an namoota nagaa yoo ta’an 11 humnoota aga eegumsaa ti.