Magaala Maqalee Immoo Tulluu Walalitu Lammaa fi Abiyii Itti Dhiyaata?

Magaala Maqalee Immoo Tulluu Walalitu Lammaa fi Abiyii Itti Dhiyaata?

Damee Boruu: Caamsaa 22, 2019

Mootonni Impaayeera Itoophiyaa dhufaa darban imaamatni guddaan wal irraa dhalaan uummata kijibuu fi doorsisuun isaa duraa itti. Waan baayyee na gaddisiisu hiriyoota kan carabee fixe Koloneel Mangistuu Haayile Mariam” amma namni tokko hafutti ni lolla” jedhee yaroo akka harree alaaku sammuu ijoollumaan dhugaa natti fakkaachaa ture. Garuu namni kun waraana walkkaa milliyoona ol facaasee lubbuu isaa baafachuu bahee yaroo finxiriiru bakka isaan qaana’e.

Akkuma kononeel Mangistu Haayile mariyaam Kononeel Abiyi biyya Itoophiyaa keessa namni tokko seera ol tahuu hin danda’u jedhee yaro deddeebise dhaadatu namni hin dhageenye jira natti hin fakkaatu. Rakkinni gaafa mootummaa kana mudatu hundeen rakkina kana “waraabessa guyyaa” warra tahanii Maqalee keessa buufatanii jiran akka tahe afaarsuun uummata burjaajessu. Warri Maqalee qubatee kun seera yookaa seeraa ol jiru yoo hin taane immoo rakkina hundaa himnaaf akka toluuf walii galteen achi taa’aa jiru.

Geetachoo Asfaa har’a bulguu godhanii warri dhiyeessu barbaadan Lammaa fi Abiyi ergmtoota isaa keessaa iyyuu warra amanamoo tahanii hojjechaaf turan. Gabaasaa sobaa isaan obbolaa isaanii irratti dhiyeessaniin yoo Geetaachoo Asafaa yakka nama irratti hojjete ykn akk ajjeefaman godhejiraate cubbuu kana keessa isaanis gahaa isaanii qabu. Itti gaafatamuun gaafa dhufuu namni hunduu cubbuu of harkaa qabu itti gaafatamuu qaba. Warri dhiiga uummata of harkaa qabu aangoo itti ol bahee fooluluun karaa miti. Dhiifama gaafannee kan jedhamu gaafa seera duratti dhiyaatanii waan bade qulqulaa’ee mul’ate qofa.Warri uummataa fi biyya irratti yakka hojjechaa turan seeran  madaalii hojii isaaniin argachuun karaa dha. Geetachoo Asafaa qofa sitti muluqi jedhanii aangoo gubaa ta’aan bashananuun waan fakkaatu miti.

Yoo dhugaa Geetachoo Asafaa qofaa isaa badii amma kana himamu qabaachuuf ragaa kan qaban tahe magaalaa Maqalee immoo Tulluu Walalitu Lammaa fi Abiyii itti dhiyaataWaraana kumaataan dhibbaan lakkawwamuu bobbaasanii Jaal Maroo nama umurii isaa guutuu haqa Uummata isaa kabachiisuuf qabsawaa jiru ajjeessuuf adamsuu irra maaliif humna waraana sana irraa harka xiqqoo Maqalee erganii Geetaachoo Asafaa qabuu hin yaalle? Yaroo rakkinni isaan muddatu “waraabessa guyyaatu” nu rakkisaa jira jedhanii dubbii of biraa dabarsuuf isaan itti tolee jira.

Kononeel Abiyi gaafa muudame irraa kaase hawwii mootota Habashaa akka qabu ifa godhee ture.  Hawwiin isaa keessaa inni duraa guuteef jira. Qabeenya biyyittifuu hin jirreen Masaraa Miniliki haaromsatee keessatti akka ASTEE Miniliki gibira isa duraa baasee jira. Kononeel Abiyi utuu “Astee Abiyi” mooticha “ganaanawa Itoopiyaa” jedhamee garmaamee lafatti waan isa gahu hin fakkaatu. Utuu hiyyeessi beelaan dhumaa jiruu masaraa Minilki keessatti warra Sooresaa akkuma Miniliki coomaa murachiisaa fi daadhii unachiisuun mul’ataa isaatu dhugaa taheef. Yaroo isaan cooma muratnii daadhii irraatti unatan uummatni Impaayeera Itoophiyaa milliyoona hedduun lakkawamu waan cinee bulu miti waan araabee bulu dhabee dhumaa jira.

Waan Mootota Habashaa biyya lafa irra adda godhu guddaan tokko uummata bulchaa(their subjects) jiraniif safuu fi naasuu hin qaban. Uummata bulchaa jiran akka nama utuu hin taane akka horii ofii itti illee tajaajila gochuuf fedhii fi qophii hin qaban. Hojiin isaanii guddaan uummata sana abaaruu, xiqqeessuu fi haamilee isaa cabsanii akka mataa gada qabatee bitamu gochuun tooftaa beekamaa dha. Mee isuma bara gabaaba kana keessatti Malasaa Zenawii fi Kononeel Abiyi akkataa isaan itti gaaffii nama deebisan qalbiin caqasaa. Beekumsa bifaa hundaa fi rakkina hundaa furuuf hiikaa waan qaban of fakkeesu. Gochii isaanii kun dhugaa qabaatee utuu hin taanee imaamta aadaa wal irraa dhaalani. Nama isaan gaafatu immoo xiqqeessuu fi qaanesuu qabun.

Bara kudha sagalii fi torbaatama keessa yaroo Uummata Waloo beelaan akka baala mukar irraa harca’aa jiru Mootummaan Haayile Selaasee Finfinnee keessa gibiraa baasee cooma kutachaa fi daadhi dhugaa turan. Bara 1984 keessa yaroo Itoophiyaa milliyoona kudhanii ol beelaaf saaxilamee jiru Mootummaan Dargii beela ture biyya lafaa jalaa dhoksee “Qayi Kokobi Zamachaaf” “iskistaa” sirbaa ture. Mootummaan Kononeel Abiyi’s waanuma mootonni isa duraa hojjechaa turan irra deebi’ee hojjechaa jiraachuun isa nu ajaa’ibuu hin qabu.

Uummatni Oromoo Wayyaane dura OPDO of irraa darbuu dhiisuu keenya balleessaa guddaa dha. Har’a idaa isaa qajeelchinee baasaa jirraLammaa fi Abiyi adda duraan farra Uummata Oromoo tahanii maqaa WBOn RIB kummata dhibaan lakkawwamuu bobbaasanii akka Ummata Oromoo fixxuu fi qabeenya Oromiyaa barbadeessu gochaa jiru. Hojiin isaanii kun Uummata Oromoo wajjin akka araara tokko hin qabaanne isaan gochaa jira. Buunaa fi Warqiin Gujii fi Wallaga keessaa hoomishamu kan Oromiyaa duwwaa utuu hin taane hundee dinagdee Impaayeera Itoophiyaas akka tahe dagatamuu hin qabu. Yoo Rabbi jedhe yaroo gabaaba keessatti Iluu fi Jimma akkuma Wallagaa WBO wajjin dhaabatanii dantaan mootummaan isaanii buna irra argatu ni hafa. Kana malee Kononeel Abiyii fi haati manaa isaa karaairra yaroo figaa ooluun horii uummataa mancaasaa jiru. Isaan qofaa utuu hin taane isaan eeguuf namoota hedduu dhukkaa isaanii figaa warra oolaniif horiin bahu rakkina biyya sana jiruuf gargaarsa guddaa tahuun ni mala. Isaan lamaanuu kameera dura fiiganii akka warra “Hollywood” of agrsiisuuf jecha qabeenya uummataa akka hin taane itti balleessaa jiru. Utuu isheen illee mana teesse horii isheen dhakkaa ka’uu deemtee baaftu mana barumsaa baayyee ijaauu danda’a. Of mul’isuuf karaa irra figaa ooluun dhumni isaa bu’aa hin qabu.

Lolli nagaa duwwaa hin booressu. Waan hundaa caalaa dinagdee biyyaa daaraa godhe. Deemsa siyaasaa akka maraamartoo waliin mara. OPDOn duruu dogongortu waan taateef Uummata Oromoo harka Wayyaanee keessa bilisa ishee baase irratti ilmaan nafaxyaan wajjin wal taate waraana bante. Mootummaan Impaayeera Itoophiyaa Uummata Oromoo itti hin hirakanne lubbuu hin dheeratu.

Prezedantii Sabaa fi sablammii Oromiyaa keessa jiraatanii Obbo Shimalis Abdisaa Uummata Oromoo irratti fe’uun baayye nama qaanesa. Karaa biraa yoo ilaalle immoo OPDO irraa waan   eegamu hin jiru. Namni kun isaa ergamee dhufe illee nama dhoksachuu hin dandeenye. Waan afaan isaa keessaa bahu sabaa fi sablammii Oromiyaa keessa jiraatan ammachuu fi tajaajiluun barbaachisaa tahuuUummatni Oromoo malee uummatni keenya mirgi isaa eegameef biyya isaa keessa nagaan jiraachuuf haqa akka qabu afaan isaa keessa hin bahu. Ergaan isaa haqa warra nafxanyootaa tiksuu qofa. Isaan  bakka barbaadan jiraachuu fi waan barbaadan hojjechuuf mirga qabu jedha. Uummatni Oromoo garuu bakka biraa deemee miti biyyaa isaa keessattu mirga nafxanyootaaf labsu kana hin qabu. Ragaan jiru OPDOn Uummata Oromoo Harari irraa Gujii fi ILuu keessa qubatan buqqisaa jirti. Garuu Obbo Shimalis dantaan nafxanyootaa akka eegamuu qabuuf Uummata Oromoo itti roorisuu fi doorsisuun hiikaa hin qabu. Kan hubachuu qabu utuu uummaticha keessa hin galiin akka dhufeen tufamaa jiruu isaa ti. Uummatni Oromoo nama akka isaa sammuu tortoraaf kabaja qabaachuu hin danda’u.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaa TI!