Site icon Kichuu

MADDI: Koree Deeggarsa Hidhamtoota Siyaasaa Lammiilee Oromiyaa- Kdhslo

Oromiyaa

MADDI: Koree Deeggarsa Hidhamtoota Siyaasaa Lammiilee Oromiyaa- Kdhslo

KDHSLO)-28, 2021

“Guyyoota 300f Uggurama Seeraan Alaa Jalatti!” Jechuun Ergaa Miseensi Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO Obbo Mikaa’el Booran Mana hidhaa Galaan Keessaa ergan.
“28, 04, 2021
Guyyoota 300ffaa Uggurama Seeraan Alaa Jalatti!
Ergan balleessaa fi ajaja mana murtii malee Komishiinii Poolisii Oromiyaatiin toohannoo jala olfamee har’a guyyoota 300 guutee jira. Hanga ammaatti yokaa himatama dhaddachaatti dhihaachaa hin jiru, yookaahis bilisa ta’ee gadi hin lakkifamne. Akka Heera Itiyoophiyaa amma jiruutti namni kamuu osoo hin himataminii fi seeraan itti hin murtaawin hin himatamu.
 
Mirga Heera kanaa fi Seerota jiran hordofee bilisummaan qaamaa kiyya akka naaf kabajamu deddeebisee iyyadheen jira. Manneen murtiis akkaan gadi lakkifamu deddeebisanii ajaja dabarsanii jiru. Haa ta’u malee Komishiiniin Poolisii Oromiyaa (KPO) ajaja mana murtii cabsee ykn hojitti hiikuu didee hanga har’aatti akkuma seeraan ala na ugguretti jira.
 
Yeroo ammaa bakki ani jiru Qajeelcha Poolisii Magaalaa Galaani. Bakka kana fidamuu dura garuu mana hidhaa Sabbataa/Daalattii dabalatee buufata Poolisii beekkamaa fi iddoo icciitii maatii fi hiriyyaan itti nama dubbisuu hin dandeenye gara garaatti jijjiiramnee hidhamaa turre. Seeraan ala hidhamutti dabalee wal’aansa fayyaa gahaa akka hin arganne taasifamuun miidhaa isa ol aanaa dha. Anii fi Jaalli kiyya Kennaasaa Ayyaanaa rakkoo fayyaa qabnu wal’aanamuuf magaalaa Galaan irraa alatti akka hin danda’amne KPO tiin dhoogamnee jirra. Magaalaa Galaan ammoo Hospitaalli hin jiru. Gama kaaniin ammoo haalli keessa jirru Koroonaaf kan nu saaxiluu dha.
 
Sababni isaa yeroo ammaa hidhamtoonni mana hidhaa seenuu dura koroonaa irraa qulqulluu tahuu sakattahamanii seensifamu. Bakki nuti jirru garuu mana hidhaa sirnaa waan hin ta’iniif Buufata Poolisii waan taheef) bakka guyyuu shakkamtoonni haaraan seenanii hanga dhimmi isaanii adda bahutti turuun furamanii dha. Waan ta’eef namoonni haaraan yeroo yerotti nutti dabalamnii bahutuu jira; Kun fayyaa fi nageenya keenyaafis nu yaaddessa.
Hoogganoota ol aanoo dabalatee miseensotnii fi deeggartoonni ABO Kumootaan laakkawaman guutuu Oromiyaa keessatti rakkoo wal fakkaataa keessa akka jiran ragaan mul’isu tokkoo-lamaa miti. Dhiibbaan Siyaasaa KFO irra jirus kanarraa addummaa waan qabu natti hin fakkatu.
 
Komishiiniin Poolisii Oromiyaa daba ol’aantummaa seeraa cabsuudhaan raaw’atamu kana hundaa ofumaa isaatii raawwachuufis tahee, akka hin raaw’atamne ittisuuf aangoo murteesummaa waan qabu natti hin fakkatu. KPO Paartiin amma biyya bul chaa jiru(PP)n humnoota siyaasaa deeggarsa ummataa bal’aa qaban dirree dorgommii siyaasaa karaa nagahaa keessaa dhiibee baasuuf karoora baafate qofa fiixaan baasuuf ajajamee kana godha jedheen tilmaama. Kun ammoo ejjannoo fi loogii siyaasaa irraa walaba ta’uudhaan seera kabajisiisanii ummataa fi biyya tajaajiluuf waadaa fi dirqama poolisiin qabu fallessuu ykn ganuu dha.
 
Haala Kanaan “Filannoo Biyyaalessaa” jedhamee baatii tokko (1) booda gaggeeffamuuf kan jiru akka PPn jedhu guduunfaa rakkoo siyaasaa biyyattii barootaaf ture kan hiiku osoo hin taane faallaa isaa rakkinicha daraan hammeessuu fi furmaata isaas wal xaxaa taasisuu danda’a. Tarkaanfii gudina siyaasaa Itiyoophiyaas waggoota hedduuf of duuba deebisuu mala. Yaaddoon akka walii galaatti keessaa fi alaan biyyattii mudatee jiru guddaa fi ifaa dha. Furmaata waaraa barbaaduufis marii fi waliigalteen biyyaalessa akka feesisuu wal hin falmisiisu. PPn dhugaa kana haaluudhaan akeeka siyaasaa gara ofii qofa milkeessuuf fiiguun maraatummaa ykn ejjannoo balleessanii baduu yoo tahe malee sababaan isaa namaaf hin galu.
Warri hidhaa keessa jirru kan gochuu dandeenyu:-
 
1. Aangaawotni PP kufaatii hangafoota isaanii (Abbootii Irree) irraa baratanii adeemsa karaa badii irraa akka dhaabbataniif, waaqayyo akka isaan gargaaru kadhachuu,
 
2. Ummanni ijnjifannoo hanga har’aatti wareegama qaaliidhaan gonfate eenyuullee akka harkaa hin buusne ykn duubatti hin deebifne falmachuu cimsee akka itti fufu dhaamuufii,
 
3. Kana gochuun keenya wareegama nu baasisuu malu fudhachuuf qophaawuu fi kkf qofa taha.
Guyyaa kana (Ebla 20, 2013 A. L. H /28, 2021) yaadannoo adda taheen qabaafi; sun sababa qaba. Aakka carraa tahee Bara kana guyyichi uggurama seeraan alaa jalatti guyyaa 300ffaa kiyya tahee dhufe. Carraa kanatuu yaada gabaabduu tana dabarfachuudhaan akkan hafuura baafadhu na dhidhiibe. Kunis isa hooganootni PP “nama seeraan ala hiine hin qabnu, ajajni mana murtii hojitti hiikamuu dide hin jiru!” jedhanii haalaniif “Kunoo namni lama (2) kan seeraan ala hidhatti dabalanii ajaja mana murtiitiinis gadi lakkisuu didan asuu jirra!”Jechumaafi!
Qaamni dhugaa baasuu fi yaada bal’aa nurraa dhagahuu fedhu, (Miidiyaas tahee falmattootni mirga nammoomaa) yoo Poolisiin Komishiinii Oromiyaa heeyyameef dhufanii nu dubbisuu danda’u. Kan akka Horii ykn Meeshaatti amanaadhaan as nu kaawatte isa (PKO) waan ta’eef.
 
Xumuruudhaaf,
 
Rakkoon siyaasaa bu’uuraa biyya kanaa rakkoo siyaasaati. Sun ammoo marii fi waliigaltee ilaalchaa fi humnoota siyaasaa hunda hirmaachiseen furama. Sanaaf gumaacha ol aanaa kennuu/qabaachuu kan danda’u, humna siyaasaa aangoo mootummaa hakaa qabu ta’ee osoo jiruu, muuxannoo hanga ammaatti jiruun faallaa siaatuu dhugaa dha. Warra silaa seera eegdota jedhanin olaantummaan seeraa cabee qoodni manneen murtii fi abbootii seeraa gatii dhabsiifmuun kana irraa madda. Kun falatamuu qaba. Mootummaa dabalatee hundumtuu itti yaaduu qaba.
Ulfaadhaa!
Nagahatti!
Mikaa’el Booran
Mallattoo_________
MKHR-ABO
28/04/2021”
Exit mobile version