Madda Olola Farreen Qabsoo Oromoo fi Karoora Isaani




Madda Olola Farreen Qabsoo Oromoo fi Karoora Isaani

Qabsoo Oromoo harcaasuf deema
Mosy John irraa

Seensa

Uummani cunqurfamee kamuu cunqursaa jalaa bahuuf falmachuun haqaa turee fi jiru dha. Fuuldurattis, haga cunqursaan jiruti itti fufa. Kuni mirga namuu dhalootan qabu. Seenarra akka hubannutti biyyi kamuu, yeroo fi bifti isaa adda adda haata’u malee, falmii kana keessa darbanii ijaaramani. Carraan uummataa Oromoo fi Oromiyaas kanaraa adda hin tahu.

Uummani Oromoo edda gita bittoota Kaabaa jalatti kufee kaasee mirga dhalootan qabuu kana gutummatti deeffachuuf qabsoo gochaa ture. Har’as qabsoo kana daran cimsee itti fufeera. Qabsoon keenyas sadarkaa fi bifa adda addaa keessa darbee as gaheera. Kunis wareegama qaqqaalii ilmaan Oromoo kennaniini. Haga bilisumma Oromoo fi walabumman Oromiyaa mirkana’uttis falmiin kuni itti fufa.

Qabsoon uummata Oromoo seena dheera qaba. Bu’aa bahii hedduu keessas darbeera. Barruun kuni wa’ee seenaa qabsoo Oromoo tarreesuuf miti. Isa warraa ogummaa isaa qabaniif (Seenessitoota/Historians) dhiisa. Ka’umsi kiyyaa qabsoo amma deemaa jiru ilaalee waan argeef hubadherraa isin hubachiisuuf ykn isin akkeekkachiisuufi. Ega hundi keenya akka sabatti biyyaa tokko fi carraa tokko qabna. Waliin Oromiyaa bilisoomtee ykn waliin Oromiyaa garboomte.

Dursa akeekkachiisni kiyyaa hundi Oromoo akka hubatu kanan barbadu waan fuuldura keenya jiru ykn as deemaa jiru kan kaleessarra hamaa dha. Kanaaf uummani dammaqee ykn warri dammaqanii fagootti waa argani wal-dammaqsuun isa nutti dhufaa jiru yoo hin qolanne boori rakkoo dhalatuuf walumaan hidhii xuuxaa waanjoo garbummaa ofii baachaa turree dhala keenyatti dabarsuuf teenya. Isa kana ayyaanni Oromoo nu haa oolshu!.

Akkuman armaan olitti tuquuf yaaletti uummani Oromoo jarraa tokko oliif garbummaa gita bittoota Itopiyaa jalatti kufee turera. Ta’us uummani Oromoo yeroonitti garbumma liqmsee bitame hin turre. Gita bittonni Kaabaa waan hedduu sukkaneessa ta’ee Oromoorrati rawwachaa turaniiru. Ajeechaa, hidhaa fi dararaa qaamaa irraa darbee eenyumma saba kanaa dhabamsiisuuf waan hin goone hin ture. Tarsimoo sadarkaa mootummatti baafachuun aadaa, duudhaa, afaan, amantii fi eenyummaa saba kana balleessuuratti boba’aa turani. Kuni hundi oso irraa gahuu uummani Oromoo haga tokko aadaa, duudhaa fi eenyumaa isaa tikfachuun dhalootatti dabarsaa tursiseera.  Qabsoon ABOn gaggeefamu aadaa fi eenyumaa Oromoo isa baduu ga’ee kana deebisee sadarkaa har’a irra jiru geesiseera. Kuni qabsoo hadhooftuu uummani Oromoo ilmoo isaa itti wareegsiseeni. Isa tikfachuun gara boqonnaa itti aanutti ceesisuun fardii fi dirqama dhaloota kanaati.

ABO fi bu’aalee qabsoo isaa

ABOn dhaaba siyaasaa mirga uummata Oromoo kabachiisuuf furmanni qabsoo dha jedhee meesha fudhatee bosona seene dha. Daandii ABO filate kunis daandii tokkicha Oromoo bilisummati geessu akka ta’e har’a mirkana’ee jira. ABO qabsoo kanas yeroo dheeraaf gaggeesse. Qabsoon kunis wareegama hedduun akkuma itti ba’ee bu’an isaa illee guddaadha. Har’a sadarkaan Oromummaan (nationalism) irraa jiru raga bu’aa qabsoo ABOti. Dhaloota Qubee jechuun har’a jaallan qabsootti jiranii fi uummani Oromoo bal’an kan faarfatu, farreen ABO ammo sodaan roqamaa kan jirani bu’aa dadhabbi qabsoo ABO isaa biroodha. Har’a ABOn dhaloota qubee kana Qeerroo Biisumma Oromoo (QBO) jalatti ijaaree gaggeesuun abdii bilisumma taasisee jira. Kuni ega hojii fi bu’aa qabsoo ABOn argamee isa muraasa.

ABOn qabsoo jaallan kaleessaa qaamaa, qalbii fi lubbuu itti dhabani as gahani galma gahuuf hara’as akkuma kaleessaa haala rakkisaa tahee keessatti uummata hundaa hirmachisee qabsa’aa jira. Qabsoo kanas gama hundaan hoganaa jira. Haqa uummata isaa belbelshee of-kennisaan qabsoo finiinsee jira. Shakki fi mamii tokko malees bilisummaaf uummata Oromoo akka gahu fira miti diinnuu hubateera. Kana ta’uu isaa irraa kan ka’ee uummani Oromoo goolee Oromiyaa mara irraa ABOn dhaadatu.

Erga ABOn uummata isaaf of-qusannoo fi dadhabii tokko malee qabsa’a ta’ee fi bu’aalee gurguddoo arman olitti caqafamni argamsiisee gareen ykn namoonni adda addaa maaliif ABO akka diina Oromoo fi farra bilisummatti balaleffatani namaaf hin galu. Akka dhala Oromoo tokkotis ta’een akka nama qabsoo fi haala addunyaa kana hubatu tokkoti yeroon ilaallu gaafileen armaan olii kuni gaafilee deebbii hin qabnee namatti tahu. ABO dhuguma haguma garee kun balaleffatu badii dalageeraa? Farraa qabsoo taheera? Warri dhaaba kana irrati dhuulani ammo dhugaa himatani kana qabu laataa? Oromoon kumaatama dhabaa kana duukaa qabsootti jiraniyoo dhugaa gareen kaan ni qooddatuu? Badiilee jedhamu kana dalageera kan taatu ta’e maaf har’a uummani oromoo waligalaa, keessatuu QBO, ABO ABO jedhanii qawwee diina dura dhaabbatuu? Ega gaafilee heduu kasuun ni danda’ama garuu mee waan salphaa, ifa ta’ee tokko akka yaada kiyyati ilaaluun barbaada.

Akkuman armaan olitti tuquuf yaalee sadarkaan dammaqinsaa fi hubannan uummata keenyaa har’a yeroo kamirra caalaa ol’ana dha. Qeerroo fi qarreen Oromoo, aaboliif haadholii oso hin hafiin yeroo isaan meeshalee hammayaa diina dura dhaabbachuun abbaa biyyummaa isaani ifatti gaafataa jiranirra geenyeera. Oromoo hedduu kaleessa maqaa isaa himachuu, afaan isaa hasa’uu fi eenyumaa isaa mul’isuuf sadarkaa itti qana’aa turedha. Kuni bu’aa qabsoo fi wareegama ABOn argamee. Dhugaa kana kan haaluun dhiiga kichuu ilmaan Oromoo dhangala’ee fi lubbuu qabsa’otaa kayyoo kanaaf jecha darbaniiti qoosuu dha.  Kanaafuu dhuugaa kan dubbanuu yoo taate ABO fi hojiin isaa kan dhala Oromoo hundaan farfamuu malee kan abaramuun maluuf hin turre.

Gareetinis ta’e akka dhuunfatti midiyaalee hawaasaa adda addaa fayyadamuun warri ABO hadheessuu hojii taasifatani kuni ololli isaani dhugaa armaan olitti tuqameeraa fagoo jira. Kanaaf mee garee olola oofani kuni eenyufayii jennee ilaaluun fi hubachuun fardiidha. Jarren har’a ABO sadarkaa adda addaatti balaleefatani kana bakka sadiitti qodeen ilaaluu yaala. Isaanis:
I) Motummaa TPLF/OPDO
II) Dhaabbilee siyaasaa Oromoo
III) Garee dhokataa (Unknowns)

Hubbachiisa: 1ffaa gareen kuni sadeenu ABO kan balaaleffatani galii adda addaaf akka tahe,  2ffaa hundisaani  sadarkaa adda addaatti walitti dhufeenya fi hidhannoo jaba akka qabni. Galii isaani dhuunfaa, walitti dhufeenyaa fi adda addumaa isaani mata-dureele armaan gadii jalatti ibsuun yaala.

I). Mootummaa TPLF/OPDO/Habashoota

Gareen kuni warra har’a Oromoo fi Oromiyaa koloneefattee jiru dha. Galiin isaanis ifa dha. Kan milka’uuf yoo ta’e sirna kolonii isaani bulfachuuf ykn dheereffachuuf jecha qabsoo Oromoo dhabamsiisuu ykn ammo dadhabsiisuu dha. Walumaa gala garee kamuu caalaa Oromon akka bilisommu gonkumaa hin fedhani. Kunis faayiida isaani duuka waan walqabatuufi. Faayidaa isaani tikfachuu kan danda’ani ammo qabsoo Oromoo, keessattuu kan ABOn gaggeefamu dhabamsiisuun ykn laafisuu dhuwwaani. Kanaaf ABO balaleffachuu karoora isaani isa jalqabaa godhatani kan bobba’aa jirani.

Har’a ABO qabsoo bilisumma Oromoo Oromiyaa gututti olaantumman gaggeessa jira. Kanaaf ABO durtiin (by default) diina fayiidaa TPLF dhabamsiisu dha. Kana ta’uun isaas dhabbilee siyaasaa Oromoo kamuu caalaa xiyyeefannaa TPLF/OPDO ta’eera. Ololli isaan kallattinis ta’ee gama garee biroon godhani irraa caalaan isaa ABO akkekata. Qabsoon ABOs kallattiin garee kanarratti akka tahee ni beekama. Karorri habashooni Oromiyaarrati qabani tokko waan taheef warreen TPLF dura Oromoo garbonfataa turanillee gareedhuma kana keessati ilaaluun ni danda’ama.

Gababaatti hojiin garee kana wanumaa egamu tokko waan taheef isa kana irratti yeroo koo hin fixu. Akkuma ABO lolaa isanitti bane jiru isanis ABO fi deegartoota isaa irrati ololaa oofuun isaani wanuma eegamu dha. Kana ABO qabsoo bilisummaf godhuun ni injefata.

II). Dhaabbilee siyaasa Oromoo

Dhaabbileen siyaasaa Oromoo adda addaa mirga uummata Oromoo kabachiisuuf gama yadaniin ykn furmaata ni finna jedhani amananiin qabsa’aa jiru. Gariin isaani filannoo mo’achuun aangootti baanee mirgaa saba keenya kabachiisuu ni dandeenya jedhani karorfataniru. Dimshashatti warraa mirgi uummataa Oromoo biyyitti Itopiyaa jedhamtu keessatti sirna Federaalowaan ni argama jedhanii amanu. Ni milka’uu gaafii jedhuuf uummani Oromoo baroottan darban kana keessatti argee jira. Madalli kana dubsitoota fi uummata Oromoofan dhiisa. Fkn OFC, ODF.

Gareen inni kaan ammo warreen akkuma ABO meeshaan ykn qawween uummata keenya bilisomsina jedhani yaaduun yoo xiqatee midiyaaleerratti odeessani dha. Akka fakkenyatti FIO (KWO) fi FIDO kaasuun ni danda’ama.

ABOn gama isaan Oromoo bilisomsuuf karoora siyaasaa baafatee qabsootti ture, ammas itti jira. Haata’u malee dhaabbileen siyaasaa Oromoo hundi isaani carraa walitajii fi midiyaa argataniin, kan firaas ta’ee kan diinaa irratti, ABO yeroo balaleffatani ni argamu. Dadhabii, qoqqodaamuu fi umurii dheerachuu qabsoo ABO seenessutti yeroo isaani fixu. ABOnis edda Oromoo bilisomsuuf akkuma dhaabbilee siyaasa kaanii qabsa’a tahee maaliif balaleffatuu? Kunis akka hubannoo kiyyati fi odeefannon adda addaa mul’isanitti ololli ABO irrati dhaabbilee siyaasaa kanaan oofamu sababaa gurguddoo lamaafi:

  • Dorgommii siyaasaa: Dhaabni kamilee, dhaabbilee siyaasaa dabalatee, wal-dorgomuun kan jiruu fi haaluma uumamati (natural). Kunis inni tokko isa tokko ykn isaan kaan caalee argamuuf ykn ammo gama siyaasaa uummataa biratti fudhatama argachuuf kan tahu dha. Dorgommiin dhabilee gidutti ta’uu yeroo hedduu dorgommi hojiin mul’atu dha. Hojiin caalani bu’aa uummataa qabsa’aniif fiduu, isas qabataman argisisuu qabu. Dorgommi akkanaa dorgomiin fayya qabeessa (healthy competition) jedheen fudha. Wal-dorgomii akkana dhabilee siyaasaa gidduu ta’u bu’aa ni qabata. Isaan ni cimisa, hojii isaanittis akka xiyyeefatani dhiibbaa gochuun uummataa qabsaa’an sanaaf bu’aa akka argamsiisani ni dirqa.Akka carraa tahee garu dhabillee siyaasaa Oromoo kuni irra caalaan isaani yeroo fi human isaani ABO xiqeesuu irrati fixu. Firaa fi diina qabsoo uumataa Oromoo duratti yeroo isaan dadhabina ABO odeessaa oolani ni argina. Irra darbees garee adda addaa fi namoota dhuunfan jibe ABO qabani dhoksaan ykn harka lafa jalaan ijaaruun ABOti bobbaasu. Miseensonni fi deegartooni isaanis ABO xiqqeessuu fi dadhabinaa fi adda qoqqodamuu isaa belbeluu hojii isaanii godhatu. Har’a kuni hunduu hammachuu irraa kan ka’ee alabaa ABO qabsa’onni Oromoo hedduun wareegamaniif yeroo isaan gubani arginee jirra.Walumaa gala inni kuni dorgommii hojii ykn siyaasaa oso hin taane ABO balleessuu fi uummata Oromoo irraa addaa baasuf olola deemaa jiru dha. Hojiin caalani deegarsa uummata mo’achuura ABO dhabmsisaani dhaaba siyaasaa tokkicha (the only option) ta’ani of-dhiyeessuuf carraaqii tahu dha. Dorgommin akanaa kuni dorgomi fayya dhabeessa (unhealthy competition) dha. Asitti akka hubatamu kanan barbaaduu, dhaabni siyaasaa bilisummaa Oromoof qabsa’u kamuu isaa kanirratti ololun, xiqqeess fi balaleefachuun hojii isaa tahuu hin qabu. Hunduu haga danda’ani osoo diina waloorrati xiyyeefatani irra caalaa bu’aa qaba ture. Inni kuni uumaticha biratti fudhatama isaani argamisuus ni danda’a. Walumaa gala kayyoon garee kana jaalala fi deegarsa ABO uummata Oromoo irraa qabuu cilattii dibuun deegarsaa ofii horachuuf waangodhani dha.Dhaabbileen kuni ABO irrati haala akkanaan olola oofuun isaanifis ta’e qabsoo uummataa Oromoof bu’aa hin qabu. Qabsoo Oromoo guddiisuu irraa ni qancarsa. Deegarsa qabsoo ABO silaa uummataa isaarraa argatee diina irratti boba’u malee ni hanqise ykn ni xiqqeessa. Kanas hundi keenya waan arginedha. Qabsoo silaa diinarratti xiyyefatamuu malutu walirrati ta’uu isaattin bilisummaa uummatichaa lafarra harkisee kuno haga har’aa garbummaa jala jirra. Ammas uummani Oromoo yoo hin dammaqne miidhaan isaa isa darberra hamaa tahuu ni mala.
  • Sababni inni lammafaa dhaabbileen siyaasaa Oromoo ABO balaleefatani dadhabina ykn kufaati siyaasaa isaaniif ABO akka sababati dhiyeefatani dha (An excuse for their failure to deliver). Bu’aalee qabsoo ABO uummata Oromoof gummachee fi gummachaa jiru haga tokko armaan olitti caqasuu yaaleera. Bu’aalee ABO qabsoo isaan fidee fi fidaa jiru irraa kan ka’ee bilisummaa hawwamu sana dhaabni kuni ni argamsiisa jedhee uummani Oromoo har’as ni amana. Kanaaf ABO uummata Oromoo birratti amantaa gaari (good reptution) waan qabuuf, yeroo bilisummaa dheerattulle uummatichi jaalala, kabajaa fi deegarsa guddaa dhaaba kanaaf qaba. Ega inni kuni dhaabbileen siyaasa Oromoo kamuu qalbii uummataa Oromoo mohachuun hedduu rakkoo itti tahee jira. Keessumma baroottani darabaan kana keesssa ABO daran jabaatee, QBO ijaaree qabsootti bobaasuun isaa dhaabbilee siyaasaa Oromoo deegarsaa uummataa argachuun mata dhukkubbi itti taheera. Hojiinis ABO caalani argamuu hin dandenye. Uummani Oromoo motumma TPLF kufisuuf carraan tokkichi qawween tahuu hubatee jira. Ega kuni hunduu walitti eda’amee, haga ABOn jirutti siyaasaa Oromoo ykn deegarsa uummata Oromoo mo’achuun dhaabbilee siyaasaa Oromoo kaaniif gonkumaa akka danda’amnee hubatameera. Fkn Qaama Ce’umsaa (QC), Koree jijjiramaa/KWO/ fi ADO akka fakeenyati kaasuun raga’aa gahaa dha. Dhaboleen kuni uummata Oromooti tarsiimoo qabsoo isaani dhiyeefatanille (appeal) fudhatamni isaan har’a qabani hunduu kan beeku dha.Kanarraa kan ka’ee dhabillee siyaasaa Oromo kuni ABO dadhabsissuf bob’a isaani dhaaba kanarratti taasisu. Dadhabina ABOn deegarsa uumataa mo’achuuf ololaa oofani dha. Laafina isaa, bakka heddutti caccabuu isaa firaa fi diinatti lallabuu tarsiimoo godhataniru. Haga dand’amee hogantoota dhabichaa nannoo fi amantaatti hidhuuf yaali godhu. Kuni hunduu kan tahu hojiin caalani argauu waan dadhabaniif, hojii isaani kana haguuguuf ABO balaleffatu. Waligala, daandii ololaa kuni isaanifis ta’ee qabsoo uummata Oromoo waligalaaf bu’aa hin qabuu, gara fuula duraattis bu’aa hin qabu.

III). Garee dhokataa (unknown)

Gareen kuni walmakaa dha (mixed). Gareen kuni akka dhaabaa siyaasaatti maqaa dhuunfaa isaa haga ammaatti waan hin labsanneef garee dhokataa (Unknowns) jechuu filadhe. Gareen kuni of-keessatti namoota dhuunfaa fedhii agnoo qabani, namoota akka dhunfatti jebbee ABO qabani ykn yeroo dhaaba keessa turani yakka dalagani bahani, garee hidhata nannoo fi amantii qabani fi namoota dhoksaanis ta’ee ifatti garee 1ffaa fi 2ffaatti hidhata qabni, kkf qabata. Irra caalan garee kana hidhata OPDO duuka warra qabani ykn ammo qabaachaa turani dha. Namooni garee kana deegarani irraa caalani isaani dhoksaan hojjetu. Namoota muraasa fuuldura buusuun midiyaalee hawaasaa irraatti akka aktivist ykn xiinxalaa siyaasaa of-godhaniin kayyoon isaani oofu. Maqaa namoota garee kana keessati mul’atani tarressun ni danda’ama. Ammaf garuu haabuluu filadheera.

Wa’ee garee kana irra deebi’ee akka hubatamu kanan fedhu, irraa calaan isaani hidhata guddaa TPLF/OPDO duuka kallatiin qabaachaa turaniif amma illee qabani dha. Haala dhoksaanis ta’ee ifaan uumataa Oromoo irratti warra badii dalaganis ni dabalata. Gariin isaani ammo warra OPDO duukaa hidhata qabani kanaan naannoon, amantaa fi faayiidaan sossobamani garee kana duukaa bu’ani illee ni jiru.

Gareen kunis qabsoo ABO, keessattuu QBO deemuurrati kallatiin yeroo heduu gufuu tahaa turani ammallee tahaa jiru. Fira qabsoo fakkatani faayidaa fi fedhii ofi tikfachuuf yeroo isaan fiigani ni argina. Gareen dhoksaa kuni miseensoni dhabilee siyaasaa Oromoo biyyaa keessa fi biyya alaa yeroo isaan goyomsani itti fayyadamu. Fira qabsoo ykn deegaraa qabsoo Oromoo fakkatani fedhii dhunfaa, siyaasaa fi faayidaa isaani ykn garee galmaan ga’achuuf hojjetu. Gababaatti gareen kuni karoora/galii guddaa lama of harka qabu; (A) ABO fi Qeerroon bilisumma Oromoo yoo danda’amee balleessuu ykn uummataa Orommo biratti fudahtama dhorkachuu dha.  Karoora isaani kana galmaan gahachuuf qabsoo ABO fi QBOn gaggeessu sadarkaa adda addaatti danquu, deegartoota isaani sossobani gara isaanitti deefachuu yoo didani ammo diinatti saaxiluu kkf raawwatu. Midiyaalee harkaa qabani fi kan hawaasaa fayyadamni ABO dhaaba bu’aa hin buufne fakkeessani uumataa Oromooti mul’isuu yaalu. Qoqoodaminsa miseensotaa, ABO fi QBO keessati akka uumamu halkanii fi guyyaa dhama’u.  Fkn foxoqinsa koree jijjiramaa bara 2008ti akka fakenya tokkoti caqasuun ni danda’ama.

Kayyoon isaa inni guddaan rakkoolee kana fi kan kana fakkaatani uumuun umuri qabsoo bilisumma dheeressuun dha.  Kana gochuun bu’aa isan bufachuuf deemani waa lama; (a) tokko dheerachuu yeroo qabsoo irraa kan ka’ee uummani Oromoo akka nuffee ABO irraa abdii kutatu fi jibbu gochuu, (b) yeroo kana godhani ammo namoota fakkaatii isaani waliin tahuun dhaaba siyaasaa ijaaruun akka filannoo birooti (as an alternative political organization) uummataa Oromootti of dhiyeessuu dha. Fkn KWO haga eegamuu deegarsaa uummata Oromoo waan dhabeef, OLC carraaqii isa birooti. Kanaaf ololli fi maqa-xureessiin ABO irratti, waan walgahii OLC irratti ta’e dabalatee, oofamaa jiruu karoora isa jalqabaati (phase 1). ABO dhabamuu ykn laafuu malee uummani Oromoo isaan waliin akka hin hiriirree ni beeku waan ta’eef karoora isaani inni jalqabaa kuni hedduu murteessa dha.

Abaarsi namoota dhuunfanis ta’ee gareen amma midiyaalee hawaasaa adda addaarati, OMN dabalatee, deema jiruu qaamuma karoora kanati. Irra caalaan Oromoo dhokasaa kana waan hin hubatiin jiraniif qulqulluman garee kana waliin hireeraa jiru. Kaanis fayiidaan goyomsamani kan hordofani illee heduu dha. Namooni muraasni qaroo tahani waan dhoksaan gareen kuni deemuuf hubachuun kan deegarsa irraa dhaabanillee ni jiru.

Gareen kuni isaan kaanirra hedduu sodachisoo dha. Sababni isaas karoora isaan qabatani deemaa jirani naannoo fi amantii of-keessaa waan qabatuuf qoqqodama hamaa uummaata Oromoo keessati fiduu ni malu. Gareen kuni namooni motummaa OPDO keessa hojjechaa turani fi amma illee hojjetaa jiranin dhoksaan qinda’a. Karorro isaanis aangoo TPLF fudhatani uummataa Oromoo irratti aangomuufi. Kunis bu’aa uumataa Oromoof oso hin taanee fayiidaa isaani jajjaboo 3 tikfachuuf: (1) badii uummata Oromoorratti aangawoota TPLF duukaa tahani rawwatani jalaa miliquuf, (2) dantaa dhuunfaa fi gareen TPLF duuka hojjechuun horatani tifkachuuf, fi (3) dheebuu ykn fedhii aangoo siyaasaa qabani bakkan gahachuuf. Dhugaa kana namooni yeroo hedduun dubbachuuf ni sodaatu. Sababni isaas uummataa walitti buusaa sodaa jedhuuni. Ta’us garuu deemsi gareen kuni itti deemaa jiru yoo uummata hin hubachiisiin rakko amma jiru daran ni hammeessa. Tokkumaa uummata Oromoo fuulduraafis gaafii guddaa jala galsha.

(B) Akkuman armaan olitti ibsetti gareen kuni carroomanii ABOn ololaa fi danqaa isaaniin laaffatee akasumas uummani Oromoo deegarsa ABOf godhu dhorkatuti yoo milkahani karorri isaani inni itti aanu dhaaba siyaasaa ijaarratanii uummatichatti as bahuudhaafi. Odeefanoon iccitii akka mul’isutti ijaarsi dhaaba siyaasaas kuni dhoksaan xumuramaa jira, yeroosaa eegatee uummatatti ibsamuuf jira. Haalotaa dursa raawwachuu qabni irratti dalagaa jirani.

Ololli fi maqa-xureessiin amma ABO fi QBO irratti deemaa jirus karoora isaani isa kaanf dandii haquu dha. Dhaabni siyaasaa dhoksaa ijaaramaa jiruus waan lama irratti xiyyeefata. Inni tokkofaan filannoo Itopiyaa bara 2020tti ta’uuf jiru irrati hirmachuuf (Plan A) yeroo tahuu inni lammafaa ammo ABO TPLFn cabsee kan aangootti dhufu yoo tahee dhaaba isaani kana qabatanii dorgomaa cimaa ta’uun dhihachuuf tolfachaa jiru (Plan B). Mee isaan kana tokko tokkoon haa ilaalu

Amma hunduu akka quba qabnutti uummani Oromoo qabsoo QBO fi ABOn hooganamuun motumma TPLF raasaa jira. Akka qabsoo Qeerron amma deemaa jiru kanatti kufaati TPLFs haga tokko dhugoomee jira. Haata’uu malee gareen kuni motummaan TPLF akka dadhabu malee akka kufu hin fedhani. Haga danda’ame qabsoon kuni haga filannoo 2020ti akka itti fufuu ni barbaadu. Dadhabinni TPLF kuni garee kanaaf carraa tokko bana. Innis dhiibbaa uummataa fi mootummoota adunyaa irraa kan ka’e mootummaan kuni diqamee aangoo haga tokko mootummoota naannoof akka qoodani ni dirqa. Isaanis TPLFn harkaa ABOti kufuurra isaan duukaa akka “negotiate” godhani karoorfataa jirani. Ciminni qabsoo QBO fi ABOs akasumas dadhabiini TPLF garee kanaaf “strong negotiation position” kennaaf. Hubadhaa, TPLF ABOrra garee kana ni filata. Innis sabab mataa isaa ni qaba. ABOn aangootti humnaan yoo dhufe TPLF faayiidaa Oromiyaa irraa argachaa jirani gutummatti ni dhabu. Gareen kuni garuu faayidaa isaani haga tokko eeganiif aangoo fudhachuudha feedhiin isaani. Kuni ega isaa kennanii fudhachuu (ሰጥቶ መቀበል) jedhuu sana ta’uuf deema. Uummani oromoo sirrit kana hubachuun barbachisa dha. Oromoon kennee fudhachuu moo bilisummaa barbaadaa? (ኦሮሞ ሰጥቶ መቀበልን ወይስ ነፃነትን ይፈልጋል?)

Hara’a Qeerroo, Qeerroo jedhani kan midiyaa irratti wacaa oolani, nammoota karaa OPDO aanallee fi gandoolee hundarrati ijaaree jirra jedhani kan dhaadatani filannoo sanaaf karaa haqachuu akka ta’e sirriti hubachiisuun barbaada. Qabsa’aa fakkatani uummata Oromootti gama FBn fi TVn of-labsaa ykn beeksisaa kan jirani gaafa filannoon geessee sana uumanni Oromoo akka isaan filatuuf daandii sirrefataa jirani.

Shirri adda adaa hoogantoota OFC iiraati deemaa jirus qaamumaa karoora kanati. Aangawoonni OFC mana hidhaa keessa akka hin baneef har’a ergaa isaanii fakkeessani FB irratti maxxansaa oluun raga mana hidhaa isaan tursiisuu qopheessuu dha. Dr. Mararaa Guddinaa, obbo Baqqalaa Garabaa, fi kkf mana hidhaa bahani dorgommi bara 2020tti ta’u kan hirmaatani yoo ta’ee fudhatama uummata Oromoo biratti qabaniin salphadhumatti uummani Oromoo isaan filata. Gareen kuni kanarraa sodaa waan qabaniif gama danda’ameen jarreen kuni mana hidhaa TPLF keessa haga filannoo 2020tti akka turani gochaa jiru. ABOnis filannoorrati akka hin hirmaanne ni beeku. ABOs humna qawween TPLFn kuffiisee aangootti akka hin dhufneef gama adda addaan danqaa tahaa jiru. Kanaaf uummani Oromoo, keessatuu ABO fi QBO of-eeganoo cimaa akka godhu, kana gochuu baannaan rakkoo bara 1991 caala isaa mudachuuf akka deemuu asuman hubachiisa.

Karoorri garee kana inni lammafaa (Plan B) ABO akka yaadani tahuu baatee, ereguu cimee motummaa TPLF/OPDO kan kuffisuu yoo tahe, dhaaba siyaasaa isaani kana qabatanii akka dorgomaatti dhihaachuu dha. Isa kanas milkeefachuuf har’a harka lafa jalaan dhaabbilee siyaasaa Oromoo kan akka KWO, FIDO, QC kkf harka keessaa qabachaa jiru. Kunis hagumaa ABO fi QBO aangooti dhihachaa deemani isaan kana waliin tokkumaa uumani dorgomaa cimaa tahani aangoo haga danda’ame qooddachuuf karorfatani jiru. “Haalbee qara lamaa” jedhe Oromoon.

Har’a OMN fi midiyaalee hawaasaa adda addaarratti KWO, QC fi FIDO kan leellisani kanaafi. Ijaarsi Qeerroo Oromiyaa (QO) qaama kanaati. QBO midiyaa isaani irratti maqaa lagachuun QO jechuun kan waamaa jirani biyyaa keessatti akka walitti dhufeenyaan, nannoo fi amantiin akasumas gargaarsa OPDOn namoota ijaaraniini. Kunis humna QBO duuka wal-gitaa ta’ee ijaaruuf carraaqii tahaa jiru dha. Bara darbee gareen kuni namoota/dargagoota nannoo Shashamannetti ijaarani akka turani kunis ammo waraana TPLFn akka rokutame ragaaleen achii bahani ni mirkanesu. Kuni ega harka lafa jalaan akka of-qopheessa jirani argisiisa.

Akkumani armaan olitti tuqetti, gareen kuni namootaa OPDO keessa jiranin fi amma biyyaa ambaa jiraniin ni degarama. Karoori fi tarsiimoon kan bahuu namoota OPDO keessatti hojeetaa turanif ammalle jiraniini. Yeroo hedduu oduun milqtee baate jedhamee Facebook irrati maxxanfamu kuni hundi warra OPDO keessa hojetani garuu dhoksaan ammoo gareen kana waliinis hidhataniini. Gareen kuni carraa hulluqani aangootti bahani argannaan egeree Oromoof heduu sodachisaa dha. Gareen isa 1ffaa irra hamtuu yoo taate malee isaa gadi miti. Kanaaf uummani Oromoo, ABO fi QBO haala kana of-eegannoon ilaaluu qaba jedhan dhaammadha. Hunduu ofirra gargalee ilaaluun dirqidha. Oromoon “Mormi maaf uumamee jennan ofirra garagalee akka ilaaluuf jedhee jedhani. Ega dhimmii fi egereen Oromoo na ilaala kan jedhuu hunduu waan deema jiru kana al-tokko dhabbatee ykn Ofirra garagalee ilaaluun fardii akka tahe eera.

Horaa bulaa

Injifannoon kan uummata cunqurfameti!

Fuulbaana 2017