‘Maanguddoonni beelofnaan maatiifi biyyaa waan abaaraniif isa hambisuuf kana hojjenna’

‘Maanguddoonni beelofnaan maatiifi biyyaa waan abaaraniif isa hambisuuf kana hojjenna’

Giddugala kunuunsa maanguddootaa kanatti namoonni gargaarsa hin qabne kunuunfamaa jiru

“Yeroo umuriinkoo ganna 10 jiru hiyyeessota arguun jibba. Nama wayyaa moofaa uffatu, nama miillarraa kophe hin qabne arguu hin fedhu,” jedhu abbaan mul’ataa Taammiraati Birhaanuu.

(bbcafaanoromoo)—Ergamaa Taammiraat yeroo ammaa maanguddoota karaarratti kufanii nama isaan sooru hin qabne walitti qabanii giddu-gala maanguddootaa ijaaranii kunuunsa taasisaafii jiru.

Kana malees, haadha iyyeessotaafi warra harka-qalleeyyii bakka gara garaatti manni irratti jige deemanii irraa ol qabaa jiru.

Maaltuu akka isaan kakaase yeroo ibsan, duuba deebi’anii bakka itti dhalataniifi karaa irra darban qalbii namaatti agarsiisu Ergamaa Taammiraat.

Baadiyyaa Wallaggaa Lixa bakka itti dhalatanii kaasanii hanga Waldaa Fuula Waaqayyoofi Giddu-gala Maanguddootaa kana hundeessanitti bu’aa ba’ii jireenyaa keessa darban yeroo seenessan; gaara gadi buusaa, dachaa ol baasaa fuudhanii namaan deemu.

Hojiin qajeelummaa har’a hojjetaa jiranis ganama akka isaanitti mul’ate dhugaa ba’u.

Najjootti mana akaakayyuu isaanii warqeefi qabeenyi biroon jiruufi jireenyaaf mijataa ta’e keessatti guddatanis, akka dhala akaakayyuun guddisu tokkootti qananummaan gammachuu isaanii guutuu hin taasifneef.

Yeroo umuriin isaanii ganna kudhan turerraa kaasanii nama beela’eefi daare yeroo argan garaan hedduu akka isaan hammaatu dubbatu.

Namoonni yeroo qoraan gurgurachuudhaaf dhufan qarshii manaa fuudhanii namootaaf kennaa akka turanillee ni yaadatu.

“Qoraan bahaan dugdaa tokko bara sana qarshii tokkoof sumunii [Saantima 25]ture. Animmoo birrii shan, birrii kudhanan kennaafan ture. Warri hojii humnaa hojjetan ammoo guyyaa tokkotti birriifi saantima 50’n hojjetu ture.

Isaaniifis birrii manaa fuudheen kennaafiif ture. Kanarraan kan ka’e [furtuu] na jalaa dhoksu akka ani fuudhee iyyeessaaf kennu waan beekaniif.”

Uffata isaaniif bitamellee namootaaf dabarsanii kennaa akka turan kan yaadatan abbaan mullataa kun, yeroo kutaa kudhan baratan kan ta’e ni yaadatu.

“Uffannaa koo osooman namaaf kekkennuu wayyaa tokko qofatti gale. Yeroo wayyaa tokkotti na jalaa galu akkas naan jedhan akkoon koo. ‘Aabbee, Oromoon qulqullummaa guddaan qullaa nama hambisa’ jedhee kunoo sirratti arginekaa. Wayyaa hiree qullaa hafee’ naan jedhan.”

Isaan booda bu’aa ba’ii jireenyaa keessa erga gallee waan sadiin si kadhadhan jedhe Waaqayyoon.

“Tokkofaan jiruun ani ittiin milkaa’ee iyyeessa gargaaru naaf kenni. Lamaffaa ammoo yoo carraan baradhee ykn daldalee kan ittiin nama gargaaru hin qabu ta’e rakkataa arguurra ammoo ijikoo akka jaamu nan barbaadaa ija koo jaamsin jedhe.”

“Sadaffaarratti ammoo yoo ija koo hin jaamsitu ta’e lafarraa na sassaabin jedhe.”

Ergasii jireenyi koo waa’ee iyyeessaa yaaduu ta’e kan jedhan Taammiraat, ofiifillee kan ittiin nyaatan yeroo hin qabnetti: “Imimmaan kootiinan si gargaaran jedha nama rakkataa yeroon arge.”

Adeemsi ture waan itti deemamaa jirutuu jiraayyu sana keessa na dabarse jechuun sadarkaa irra gahan kana ka’umsa isaa ibsan.

Giddu-gala maanguddootaa ijaaruu

Hojii maanguddoota rakkatan gargaaruu warra karaarra taa’anii saantiima kadhataniin akka jalqaban kaasu.

“Nama karaarra taa’ee saantiima kadhatu tokko surree lama qabu keessaa tokko kenneefii kan irra keessaan uffatu ammoo namarraa kadhadhee kenneefiin jalqabe.”

A L I bara 2006 keessa maanguddoo rakkaataa tokkoon jalqabanii ji’a sadii irratti nama 32 akka ta’an dubbatu. “Utuma jedhanii gaafa ji’a afraffaa nama 100 galan.”

Osoo giddu-gala maanguddootaa kana hin ijaariin dura bakka itti galchinu waan hin qabneef bakkuma bakka jiranitti akka gargaaraa turan kaasuun, “bara 2004 namoota 115 dhiirotaafi surree, dubartootaaf ammoo qoloo/qamisii kophee waliin bitneefii uffata isaanirratti ciccitee ture injiraan waliin irraa baasnee gubne”.

Galiin isaan Waldaa Fuula Waaqayyoorraa argatan dabalaa waan dhufeef giddu-gala sana ijaaruu jalqaban.

“Aniifi haati warraa koo wal mariyannee Birrii 8,000 qofaa qabnuun muka bitnee hojjetaa waamnee jalqabne. Waaqayyo nu jalqabsiisee nu xumursiise amma kutaa 12 ijaarree warra duraan bakka jiranitti gargaarru as galchuu jalqabne.”

Warra giddu-gala maanguddootaa keessa jiraniin alattis kanneen mana mana isaaniitti gargaaranillee akka jiran kaasu.

Warra giddu-gala sana keessa jiraataniif hojjetoonni nyaata bilcheessu, uffata irraa miicuu, kan mana qulqulleessaniifi waardiyyaan qacarameef kunuunfamu.

Ulaagaan ittiin nama gargaaran filatan maanguddoota rakkatoo nama isaan gargaaru hin qabnedha jedhu. “Amantaa kamirraayyuu haa dhufu, Kiristaanas haata’u, Musliimas haata’u, amantaa kan hin qabnes haa ta’u; dhala namaa gargaaruudha kaayoon keenya.”

Maanguddoota kana gargaaruudhaaf maddi galii isaanii kurneffaa amantoonni Waldaa Fuula Waaqayyoo Kenan qofaa ta’uus ni ibsu.

Qaamni mootummaa gaafa giddu-gallichi eebbifamu dhufanii ribanii kutanii eebisuurraa kan hafe akka quba isaan hin qabne kaasuunn, dhiyeessa bishaan dhugaatiinillee rakkisaa akka itti ta’e himan Taammiraat.

Mudannoo addaa keessaa tokko

Yeroo namoota 115 ta’aniif uffata bitanitti waan isaan mudate akka addaatti yaadatu Taammiraat. “Wayyaa hodhisiifnee, waan miillatti kaawwatan bitnee, qamisiin bitamee, shaarpiin dubartootaa bitamee, paantiidhaaf qabattoo kan ittiin bitamu dhabne.”

Gaafa kan ittiin paantiifi qabattoo bitan dhabangalgala isaa inniifi haati warraa isaa hanga alkan waariitti taa’anii maal gochuu akka qaban osoo mariyanii satii sagala akka ga’e yaadatu.

“Qunceen hidhatumoo, funyoon hidhatumoo ‘maal nuuf wayya’ jenne. Nama irraa gaafannus hin qabnu ture.”

Osoo kanaan jiranii bulee ganama isaa namni tokko dhimma mataasaatiif Finfinneerraa dhufee isa waliin walbaruudhaaf dhufe jedhan.

“Lafa ani guyyaa 40fi alkan 40 itti kadhataa ture ilaalee namni suna qarshii kuma kudhan buna ittiin bitadhaa jedhee nuuf kenne. Isa booda qabattoofi paantii Birrii kuma torbaan bitnee itti huwwisne. Mudannoo ani hin daganne keessaa kun isa tokkodha,” jechuun yaadatu.

Haati warraa ergamaaTaammiraat Miliyoon Mulaatuunis qaama mul’ata kanaati.

Hojiin tola-ooltummaan maanguddoota fira isaan gargaaru hin qabne karaaarraa kaasanii gargaaruun kun isaaniifis mullata keessa isaanii jiruufi akka hojii Waaqayyoo tokkootti waan ilaalamuuf akka isaanitti hin bitaachofne dubbatu.

Rakkoon xiqqoon jiru dinagdeedha jedhan Adde Miliyoon dhimmi dinagdee kun ammoo wal namaaf hin qixxaatu jedhu.

“Madda galii hojii kana ittiin gaggeessinu waan hin qabneef si’a tokko tokko nu rakkisa.

Yeroo haala yaadnu sanatti, akka dheebonnutti nuuf ta’uu didu waanuma lafarra jiruufi qabnuun dura gochuun kan booddee ta’uu malu ammoo gara booddeetti tursiisaa, isa danda’ame gochaa isa hin danda’amne hambifna,” jedhan.

Karaa haadhaas karaa abbaas dafanii akka irraa godaanan kan dubatan Aadde Miliyoon maanguddota arganii hin beekan.

Hangam amalli namoota umuriin isaanii deemee rakkisaa ta’uyyu akka maatiitti walgorsaafi waldhaggeeffachaa wal danda’uudhaan akka jiraatan dubbatu.

“Akkasan jedha ture. Gatii ani akkoofi akaakayyuu hin argineef Waaqayyo akkoofi akaakayyuu baayyee walduukaa naaf kenne jedheen baayyee gammada.”

Namni hunduu hanga danda’u gargaaruudha

Ergamaa Taammiraat namoonni rakkatanii gargaarsa barbaadan hedduu jiraachuu ibsanii namni hunduu osoo hanga danda’u ga’ee isaa ba’ee gaariidha jedhu. Sagaleen Waaqayyoos ‘namni hundinuu hanga danda’u gargaarsa haa godhu jedha’ jedhan.

Isaan ammoo osoo gargaarsa gara garaa argannee hojii bal’aa hojjechuu akka danda’anis kaasaniiru.

Maanguddoonni giddu-gala keessa jiran maal dhugaa ba’u?

Almiidii Booboo maanguddoo giddu-gala kana keessatti kunuunfman keessaa tokkodha. Umuriin isaanii waggaa dhibbaa ol akka ta’e kan himatan maanguddoon kun, gara giddu-galichaa erga dhufanii waggaa shan guuteera jedhu.

Turtii isaanii kanas baay’ee akka itti tole himu. Obbolaan koo dhumanii, ijoolleen isaa dhumanii waan nyaatamu dhabanii lagatti galanii hidda mukaa burii jedhamu hanga soorachuurra kan ga’an maanguddoon naannoo Beneshaangul Gumuzirra dhufan kun, erga giddu-gala maanguddootaa kanatti galanii nyaata gaarii nyaanna, jireenyi nutti toleera jedhan.

“Nyaata gaashaa nyaanna. Ganama, guyyaa, galgala nan nyaadha.”

Erga gara giddu-gala kunuunsa maanguddootaa kana dhufanii waggaa sadii akka ta’e kan dubbatan Aadde Birriituu Morkaa ammoo Matakkalirraa dhufan.

Dhalas firas waan hin qabneef laga keessa deemeen goodarreefaa barbaadee nyaadhee jiraataa ture kan jedhan Aadde Birriituun, osoon waanan nyaadhuufi dhugu dhabee gara itti bahu wallaalee jirutti Taammiraat dhufanii na fudhatan jedhu.

“Manni ani keessa ture qullaadha. Waraabessiyyu keessatti na nyaata jedheen sodaan jiraataa ture. Irraan bokkaadha, jalaan dhoqqeedha. Humna hin qabu, fira hin qabu, dhalas hin qabu kan naaf ijaaru hin qabu. Osoon kana keessa jiruu dhufee na fudhate.”

“Ergan dhufee kunoo bash basha jiraanna galata Waaqayyoo haa ta’u. Ciree, laaqana, irbaanni keenya jira. Kan nurraa miicus kunoo jiru. Erga dhufnee ijoollee taane.”

Obbo Tazarraa Koolees Giddu-gala Kunuunsa Maanguddootaa kana erga dhufanii waggaa shan akka guute himu.

Maanguddoon kun rakkoo hamaa keessa ture yaadachuun imimmaan isaan hudhaa dubbatan. Obbo Tazarraan, uffata isaanirratti dhume irraa baasanii akka haaraa itti bitan himu.

Hojii waardiyyummaa waggoota 16f hojjete keessaa waajira inni hojjetaa ture baajanni dhumeera jechuun yeroo hir’ifaman firaafi dhala isaan gargaaru waan hin qabneef humna hin jirreen dulluma keessa hojii humnaa guyyaan jiraachuun dirqama itti ta’e.

Kana keessa osoo jiranii ture kan carraa argatanii gara giddu-gala kunuunsa kanaa dhufan.

Gara fuula duraa

Ammallee hojiin guddaan akka fuula duratti isaan eeggatu kaasuun, yaalaa jirra malee ammallee nama gargaarreerra hin jennu jedhan Taammiraat.

Hanga barbaadnuufi karoorfanne hojjechuudhaa harki keenya gababadha, isheen argannu ammoo wal nuuf hin geessu jechuun baayyee akka hin gammadiin jiran himan.

Gara fuula duraatti maal yaaddu kan jedhuuf ammoo Taammiraat, saba rakkate hundumaa bira ga’uu barbaadna jedhu.

Saba naannoo biroo rakkatanii nama isaan gaafatu hin qabne walitti sassaabnee gargaaruu ni yaadna.

Yoo nuuf danda’amellee mootummaayyu lafa inni waa gochuu dadhabetti ni gargaarra jennee abdii qabna jedhan.

“Maanguddoon yeroo beela’u maatii isaa abaara; biyya isaa abaara; mootummaa isaa abaara; Waaqayyoonis ni abaara, maaliif na uumte jedha.

Kanaaf, warra akkasii kana amala isaan qaban waliin danda’anii gargaaruun ba’aa biyyarraa cabsuudha. Arrabsoo dhalootarraatii cabsuudha. Kanaaf amannee Waaqarras ergaa kana fudhannee itti galle, aniifi haati warraa koo kun.”