Maanguddoon Aanaa Dagamiitti manni jalaa gubate eenyu?

Maanguddoon Aanaa Dagamiitti manni jalaa gubate eenyu?

(bbc)–Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagamitti manni qonnaan bulaa tokko qabeenya waliin gubate.

Maatiin qonnaan bulaa sanaa BBC’tti akka himanitti kuni kan raawwate dheengadda gaafaa Dilbataati.

Haa ta’u malee, aanichatti ganda Ali Doorootti gubate irratti maatii fi poolisiin godinaa yaada faallaa qabu.

Bulchiinsi aanaa Dagam “waa’ee gubachuu manichaa quba hin qabu” jedha.

Wanti ta’e maali?

Manni gubate kan maanguddoo waggaa 70 yoo ta’u abbaan warraa Obbo Suyyum Adinoo jedhamu.

Ilmi maanguddoo kanaa dargaggoo Gadaa Suyyum mana abbaa isaa kan gube poolisii humna addaa Oromiyaati jechuun himata. .

“Ilma keessantu bosona jira isa fidaa jedhan. Ilmi keenya kun immoo eessa akka jiru fi maalirra akka jiru hin beeknu. Nuyi akkuma nama kaanii ni barsiifanna jennee barnoota erganne. Achirraan gara inni deeme dhabne” jedha.

Ilmi Obbo Suyyum Adinoo “bosona jira” jedhame kun bara 2005 Yuunivarsiitii Wallaggaatti barataa waggaa sadaffaa muummee barnootaa seeraa akka ture fi yeroo sanaa as gara maatitti akka hin deebine dargaggoon kun hima.

Sababa kanarraa kan ka’e, bara darbe eegalee humnoonni mootummaa nu doorsisu jedha Gadaan.

“Milishootni dhufanii ilma keessan fidaa ykn isin ajjeesna jechuu eegalan. Nuyi garuu kallatuma inni jiruu waan hin beekneef du’uu filanne. Namni tokko yoo hin ulfaa’in eessaa dhalaree?” jechuun hima.

“Gaafa duraa akkuma nama tokkootti waan barnootaaf barbaachisu kennineef. Yunivarsiitii Wallaggaatti barataa seeraa ture. Bilbillisaa cufaa taanaan maal ta’e jennee gaddaa turre. Sana booda gara itti bu’e dhabne” jedha.

Yeroo ammaatti waajjira mootummaa keessatti qacaramee hojjechaa akka jiru BBC’tti kan hime dargaggoo Gadaa Suyyum “ani mootummaaf amanamaa ta’ee iddoo icciittii natti kennametti hojjechaan jira,” jedha.

Haa ta’u malee, ”gara tokkoon immoo maatii koo dararan” kan jedhu dargaggoo Gadaa maatin isaa balleessaa akka hin qabne hima.

“Wanti isin ajaa’ibu waa’ee siyaasaa dhiisaa maqaa mootummaa amma jirullee hin beekan” jedha waa’ee abbaasaa yeroo himu.

Taatee Dilbataa…

Dilbata dheengaddaa ganama sa’aa 12 irratti poolisootni humna addaa lakkoofsaan 30 ta’an gara qe’ee Obbo Suyyum Adinoo deemun maatin manaa gadi akka bahan erga itti himanii jedhu maatiin.

Sana boodas, poolisootni manichatti ibidda qabsiisuu isaanii ilmi Obbo Suyyum dargaggoo Gadaa Suyyum dubbata.

“Maatii gadi baasanii manatti ibidda qabsiisan. ‘Lakki jarri kun hoomaa hin beekan’ osuma jedhanii kuun ibidda itti qabsiisanii gubanii deeman” jedha.

Dabalataan, poolisootni humna addaa kunneen manichatti ibidda erga qabsiisanii booda namni akka birmatee hin dhaamsinee fi hanga manichi gubatee dhumutti dhaabbatanii irraa eegaa akka turan hima.

Midhaaniifi meeshaalee manaa dabalatee wanti manicha keessa ture marti gubachuu isaas dubbata.

Abbaan isaa baqachuu isaanii fi eessa akka jiran kan hin beekne ta’uu kan himu dargaggoon kun obboleettii isaa daa’ima umrii waggaa 12 dabalatee namootni 30 ta’an dheengadda qabamanii hidhamuu isaanii himeera.

Deebii poolisii

Waa’ee gubachuu mana Obbo Suyyum kan gaafanne bulchaan aanaa Dagam Obbo Geetuu Tafarii “ani hin dhageenye.

Yoo dhugaa ta’e koottaa qulqulleeffadhaa, teenyee dubbachuu dandeenya” jechuun yeroobilbilaan gaafanne dubbatan.

Ajajaan Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Kaabaa Komaandar Taarikuu Dirbabaa immoo “humni addaa poolisii Oromiyaa dhimma itti mana uummata Oromoo itti gubu hin qabu.

Gocha shaneen raawwachaa jiru yoo ta’en ala miseensa bobbaasnee mana namaa akka gubu qajeelfama hin laannu. Kanaaf kuni gocha poolisiis gocha humna addaas miti” jedhan.

“Shira ta’e jedhee xaxamudha. Yeroo qaamni nageenyaa isaan adamsuuf, qabee seeratti dhiyeessuuf jedhu jala naanna’anii nuf uummata walitti buusuf jecha poolisii idilee fi poolisii humna addaatu akkas godhe jedhu” jechuun himan.

Dhimma hidhamuu daa’ima umrii waggaa 12 kan gaafanne komaandarichi “kunis soba” jechuun himan.

Dhimma mana Obbo Suyyum Adinoo ammatti qaama sadaffaa irraa qulqulleeffachuu baannus aanicha keessatti manneen poolisii humna addaatin gubatan jiraachuu isaanii madden amanamoo BBC’tti himaniiru.

“Caamsaa 21 ganda Yaayyaa Harootti humni addaa manatti ibidda erga qabsiisanii booda namnootni akka hin dhaamsine irraa dhorkaa turan” jechuun maddi maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan BBCti himaniiru.

Gubachuu manneenii gandoota Aanaa Dagam kan akka Yaayyaa Haroo fi Leemman keessatti raawwatamanis ajajaan Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Kaabaa Komaandar Taarikuu Dirbabaa caasaa isaaniitin akka hin raawwatamne himu.

Kana dura, viidiyoon yeroo miseensonni humna nageenyaa uffatan Godina Gujii Lixaatti mana guban agarsiisu erga qoodame booda gareen qoratu bakkichatti ergamuun ni yaadatama.


Oduu (OMN irraa fudhatame)

Godina Walaggaa Lixaatti bulchitoonni aanaa Mana Sibu lafa Oromoo kutani naannoo Benishaangulitti keennaa jiru. Qonnaan bultoota waggaa kudhan oolif qibira Oromiyaaf kafalan amma ‘nagaa kabajiisuf waan ta’uf gara Benishangulitti galtu’ jedhamun isaani dheekkamsa uume jira. Bakki Oromiyaarraa kutame keenname ganda Qararoo Gutaa jedhamu keessa yoo jiru, gandi Benishaangul ammoo Badeessaa Alikefesha jedhama. Akkuma kaartaa gubbaa argitan lafti Benishaangul jedhamu kuni Oromiyaa keessa hiixate seene jirudha (indentation).

Nuti kan eegaa jirru Oromoon baay’inaan kan keessa jiru aanaan Belo Jigaanfoy akka Oromiyaatti galu malee lafa Oromo inumyaauu kutani achitti keennu miti. Warri Neonafxanyaa Bilxiginaa fedhii fi faaydaa Oromoo gurguruu dha hojiin ishi.

Warrii OMN, yoo kaartaa fayyadamtan kan ganda, aanaa fi godina qabu fayyadama. Odeefannoo sirrii fi faaydaa qabu (specific) keennaa. Kaartaa akkasi akka shapefile google earth dhaaf tolutti yoo barbaaddan online irraa argachu dandeessu.