JECHOOTA HOJIIF BARBAACHISOO:LOQODA OROMOO BOORANAA

JECHOOTA HOJIIF BARBAACHISOO:LOQODA OROMOO BOORANAA

1. Qaraa —- jalqaba, dura
2. Ennaan —- sana booda
3. Ojjaa. — yoo, erga
4. Adoo — otoo, silaa
5. Shoorkii — dhimma, rakkoo
6. Laanaa , Yaasaa —- suuta
7. Yaasuma, Bobbaa —- adeemsa
8. Yarsuma —- tiksituu, nama tikha
9. Goo’uu —- iyyuu
10. Lallabuu —- sagalee olkaasan dubbachuu
11. Yiikkisuu —- waan badee turee argamuu
isaa ibsuuf
12. Dareeraa —– utubaa
13. Guutuu abbaa liiban —– boorana
14. Aabba —— Obboo
15. Haatoo —– Addee
16. Aabboo —– abbaa ( kan ofii)
17. Ekheraa —- yaraa, salphaa
18. lookhoo —— qajeelaa
19. mokkataa —— kan hin qajeelle, dabaa
20. Focoqa ——- Dheeraa
21. Dakkicha, Ruphaa ——– Gabaaba
22. Okkotee, Sagalee ——- Nyaata
23. Saayyee —— looni
24. Heellaba, Lalleessa ——– Re’ee
25. Cichaa ——- fuuldura manaa
26. Fuloo —— balbala dabalata (dallaaf)
27. Yaabdoo ——- balbala dallaa bishaani
28. Karraa —— balbala mooraa horii
29. Cufanaa —– cuftuu balbala mooraa horii
30. Korboo, Saanqaa —— cuftuu balbalaa mana namaa
31. Dinqaa —— gaadaa, kutaa manaa
32. Dhiibuu —— iddoo siree, bakka hirriiba
33. Irreessuu ——- awwaaluu
34. Wayaa —— uffataa, huccuu
35. Sidii —— Sabaa, nyaapa
36. Anfalaa —– qabattoo durbaa
37. Gurdaa —— qabattoo dhiiraa
38. Buuranii —– faaya mormaa dhiiraa
39. Saldaqaa —— faaya harka durbaa
40. Huwwaa ——– dhalaa
41. Maa’essa —— kan suuta boodee  deemuu
42. Sooressa —— kan dura deemuu
43. Mirgoo —— sangaa loonii
44. Waaruu —– baduu
45. Ori’uu —- fiiguu, utaaluu
46. Qiliixamuu —– gammaduu
47. Kumuduu —— gadduu
48. Gaaduu —- dhokatanii hordofuu
49. Battii ——- kan qulqullinna hin qabne
50. Gaadi’uu —– hidhuu
51. Luuxxicha —– qal’aa
52. Ejjuu —– dhaabbachuu
53. Dhiiroo —– jaranaa
54. Hayyee ——- tolee, ishii
55. Areera —– bulbula, makaa aannan fi bishaan
56. Qiyaasa ——- hamma sirriitti ( normal)
57. Allayyoo —— waaqa
58. Morka —– falmii, dorgommii
59. Jallaa ——- kan nama dhibu
60. Maadee —— ajaa’ibaa
61. Wadaaree ——- uffata moofaa
62. Itillee —— gogaa loonii (hirribaaf)
63. Erbee —– gogaa gaala (kosiif)
64. Dhimphuu ——– Cophaa
65. Qoola —— gogaa re’ee
66. Huuxii —– qoraani
67. Dhiirsa —— Abba mana
68. Niitii —— Haadha mana
69. Kaachuu —— wal-qunnamtii saala
gochuu
70. Dhabanaasuu —– kabaluu
71. Raasaa —– bosona
72. Nyaapha, hormaa ——- diina, alagaa
73. Weedduu ——- faaruu, sirbaa
74. Agarii —– kan baayisee nyaatuu
75. Miiraa —— kan xiqqeesse nyaatu
76. Sukkumii —— duudaa
77. Duuduu ——– Seenuu
78. aaboo: mudaa
2.aaddaa : obboleessa /ttii angafa
3.abeeba, muya, daafanaa : lugna
4.Abraasaa: Muddee
5.abuyyaa: eessuma
6.adaayyuu: boosettii
7.adiyyoo: eegumsa malee
8.alaqaa : kaamettii
9.alchaa : Hawaii
10. ameessa: sa’a aannanii
11. bagoo: fuula namatti jijijjiirachuu
12. balchaa : nama gaarii
13. baleeluu: boonuu
14. ballittii : fayyaalessa (normal)
15. barbadaa : lafa marga hin qabne
16.buudhoo: ciree osoo hin nyaatin
17.buufattoo: xumura
18.buusaa: wal gargaarsa gosaa
19.ceekoo,kaaja a: mukoo
20. cirreessa : ogeessa yaalaa
21. corooressa: tartiiba
22. cufa: hunda, mara
23. daarima: fedhii kormaa( dhalaaf)
24.daatuu: nama biyyaa bahe
25.daayimtuu : oduu
26. dagaggamuu: tasa maqaa dhahuu
27.damboobuu: milkii agarsiisuu
28.dansaa: gaarii,mishaa
29.dayyoo : hujii irraa rincicuu
30.dedhuu: dagachuu
31. deebanuu: sooressa
32.dhaaccii: daabaa
33. dhajiitii: gocha tokkoon booda
salphachuu
34.dheekkamsa: lola
35.dhibii : kan biraa
36. dhundhumuu: karoorsuu
37.dotii magariisa
38.dunfura,gind a: goofaree
39. durduura: dabalata
40. eger,takkaatana a, eeganaa : _____
41.Eloo: dhamaatii, ifaajee
42. faacii: maqaa balleessuu
43.fafa, ceera, fokkoo : saalfii
44. farada, baaruu: daftee guddatte
45.finna : bulchiinsa
46.fulaa : bakka, iddoo
47.gaaltama,foo ddoo(gabra): durba
geettuu
48.gaamaressa: jaarsa, bilchaataa
49.gaaraayyuu: sanyoo
50.golii, kalchaa: deeggaraa
51.golola: soorachuu
52. gudoo: jecha jaalalaa .fknf lubbuu koo
53.guutolaa: baaxii
54.haddhoo,biir tee: keelloo
55.halkuma: fuudhaa fi heeruma
56. horrisa, ejjitoo: deemsa fagoo(gabaa,bis
aan)
57.hoyama : hubaatii dinagdee
58.hurrisuu: ariifachuu
59.imbiiraa : pilaastika
60.jaajjusa : basaastuu61
61:karkarsuu: haalaan qabuu
62. karmura: jallaa
63.kasoo : salphaa
64.kayma,namdiq qaa: dardara
65.kora: walga’ii
66.kumuduu: gadduu
67.kunna: deemsa karaa dheeraa halkanii fi
guyyaa
68.kurfeeffachu u : qophaa’uu
69.laama : agabuu, sooma
70.lichoo : alangaa
71. liingachuu: xiyyeeffachuu
72.maachuu : itti toluu
73. maadee , baasa : raajii
74.maandhaa : qixxisuu
75.maddaa, ardaa : ganda
76. malfachuu, dabsachuu : injifachuu
77.marmaaruu: naannawuu
78. marroo, faroo : dabaree
79.mikikkila : roga ( balbalaa, goolii)
80. mittoo, moo’annoo : cunqursaa
81.muraa: adabbii
82. murnya : kutaa
83.nyuulchuu : cinquu
84. obeensa : baala
85. onanaa : guyyaa muraasa dura
86. oolaa : hongee
87. oroosa : misirroo
88. qolchuu : injifachuu( fiigichaaf)
89. sakaatama: huyyiin qabamuu
90.sakkaba : malaanmaltummaa
91. salleessa: rimaa / ulfa osoo ji’a hin gahin
dhalate
92.seeseffachuu : xiyyeeffannoo dhabuu
93.sesseega, shufuroo : kashalabbee
94.Sidii : saba
95.Suga : sifaa
96. tontoommoo : abboottee
97.taraarrii : sarara
98.ulluuqqoo : kadhannaa
99. yayyaba , itti keeyyachaa : jalqaba
1oo. yooyyoo : simannaa. Horaa Bulaa
horaa bulaa badhadhaa….!!


JECHOOTA HOJIIF BARBAACHISOO: KUTAA TOKKOFFAA

  Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kunoo mataduree kanaa olitti agartan jalattan waa isiniif dhiyeessaa, mee na hoofkalchaa! Namni waan waraqaa fi qalama wajjin walqabatu hojjatu: barreessaa fi barreessituun, qorataa fi qorattuun, lallabaa fi lallabduun, galmeessaa fi galmeessituun, gabaasaa fi gabaaftuun, gulaalaa fi gulaaltuun, gaazexeessaa fi gaazexeessituun, barsiisaa fi barsiiftuun, barachiisaa fi barachiiftuun faa fi kanneen fafakkaatan cufti jechoota afaan ittiin hojjatanii sanii heddumminaan isaan barbaachisa. Namni martinuu waan afaan abbaa-haadha ofii (afaan dhaloota isaa) beekuuf, jechootaa fi sagaleewwan dassiiba-a (“common words“) irratti rakkoo hin qabu. Ammoo, sagaleewwan “jechoota ogeeyyii  (“technical terms“) jedhaman irratti hanqina jechootaa qabaachuu dandaya. Keessumaa namoonni afaanota akka Afaan Oromoo jechuun isaan reefu, afaan manneen barumsaa fi manneen hojii faa tahanii irratti gufuuwwan tokko tokko isa dura jiraachuutu mala. Kanallee afaanonni addunyaa sadaffaa keessatti argaman marti ni qabu. Kana jalaa bawuuf, namni sun jechoota afaan san keessatti yeroo yeroon maddaa jiran duukaa-bu’uu qaba. Barreeffanni amma isiniif dhiyaatu kun karaa kanaan hamma wayii isin gargaaruu dandayaa, mee duukaa-bu’aatii galmee keessan irratti feetan keessatti facaafaddhaa!
SEENSA
Afaan Oromoo keenya jechoota hedduu, kanneen akka galaana Abbayyaa waraabamanii, akka cirracha Awaash guuramanii hin dhumne qaba. Afaan kun guutumaa guutuutti afaan sooressa; afaan raajeffamaa dha. Ginni-bittee Habashaa afaan keenya akka ittiin hin barreeffamne, akka ittiin hin baratamne, akka ittiin hin hojjatamne faa waggaalee 130 ol seera baasee, seeraan dhoowwullee fiixaan bawuu hin dandeenye. Phapphaasonnii fi qeessonni fannoo qabatanii: maqaa abbaatiin, maqaa ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin magananillee (basima-aab, basima-waldi, basima manfas-qiddus gazzichaalahu!” jedhanillee) homaa hin milkoofne. Ani mataan kiyya bara dhibba kudha sagalii fi saddeettamootaa (“1980s“) keessa ennaan waa barreessuu jalqabeeyyu karaa jechoota dassiibaa rakkoon tokkollee hin turre. Garuu, sagaleewwan ammayyaa irratti waa itti-rakkachuun kiyya hin oolle. Kan nama gammachiisu afaan kun waggaalee 20 keessatti rakkoo jechoota ogeeyyii sanis irra-aanuun sagaleewwan daran baay’ee maddisiifatee argame. Amma akka oggaa sanaa: “ikonomii“, “darajaa“, “pirograamii“, “— maaloo, maaloo faa jechuun loqoduun hin jiru. Oromoonni afaanuma isaanii keessaayyi jechoota kana burqisiifatani. Amma: “sadarkaa, sagantaa, hayyuduree, haalduree, dinagdee, binaggee, malbultii, jalbultii, xindachee, xinjiree — faa jedheetoo Oromoon koo yommuu dubbatu, waan walaloo dubbisu natti fakkaata. Oromoon uummata dubbii dhugaatiif uumame yoon jedhe, mirkana irratti hundaawuuni malee, dubbii hoowwisuu (hoo’isuu) kiyyaa miti!
Mee amma kanaa gadittan akka waayeen kanaa olitti badhaadhina Afaan Oromoo kaase kana, akka sirriitti qalbeeffattaniif isuma beektan keessaa waa isiniif dhiyeessa. Afaan Oromoo goosii (“verb“) tokko irraa goosiiwwan biroo gara jahaa baafachuu dandaya. Mee as irratti jecha “hojjachuu” jedhamu haa fudhannu:
hojjachuu
hojjatamuu
hojjachiisuu
hojjatachuu
hojjachiifachuu
hohojjachuu
hohojjachiisuu — faa.
Isaan kanneen irraayyis jechoota danuu baafachuun seeruma afaan biyya Gadaa kanaati:
hojjaa > hojii
hojjataa – hojjattuu
hojjatamaa
hojjachiisaa – hojjachiiftuu
hojjachiisa
hojjatama
hojjachiifataa – hojjachiifattuu — faa.
Ani isa kanaa olii kana akkuma fakkeenya bicuu wayiittan isiniif dhiyeesse malee, afaan Oromootaa, afaan abbootii Gadaa fi afaan haadhotii Siiqqee kun guutumaa guutuutti afaan sooressaa fi dilbaayaa dha. Afaan keenya kun badhaadhummaan of badheessa callaa otoo hin taane, afaan bareeddina isaatiin rajeffatamuu fi afaan gurraa fi qalbiitti tolu. Akkuma Afaan Xaaaliyaan kan midhagina isaatiin baayee raajeffatamuu saniiti. Eeyyee, inni afaan nadhii dammaa ti! Afaan Waaqni nadhii dammaa godhee nu badhaase kana, nutis kan ammaa caalaa akka badhaadhuu fi akka guddatuuf alaa-manaa irratti hojjachuu fi ittiin-hojjachuu qabna! Ani ergan ishii tana jedhee, mee amma armaan gadittan jechoota hardhaaf kutaa kana jalatti galuu qaban tokkoo hamma dhigamii-shaniitti isiniif tarreessa!
JECHOOTA DIGDAMII-SHANAN HARDHAAF DHIYAATAN:
1) adaala               –     desert ( = humma)
2) addoo                –     mask
3) barruulee          –     journal
4) barkurnee         –     decade
5) bardhibbee        –    century
6) barkumee          –     millennium

7) beenyaa            –     compensation

8) biyyalafaa         –     world (= addunyaa)
9) dinagdee           –     economy; economics 
10) haaalduree      –     precondition
11) hayyuduree     –     secretary general
12) gamoo             –     building
13) jaagee             –     dwarf (= guuyyee)
14) jajjabee           –     militant
15) jirroo               –     corner (= golee)
16) labata              –     generation (= dhaloota)
17) malbultii          –     politics (= taliiga, siyaasaa, polotikaa)
18) rakaa               –     institution (= dhaabbata)
19) ribee                –     nerve
20) roogessa*        –     activist
21) sadarkaa          –     stage (= gulantaa)
22) Sagantaa          –     programme
23) sheeba              –     sea-coast, sea-shore (= moggagarbaa)
24) xindachee         –     geology
25) xinjiree               –     biology
WABIIWWAN
Maddawwanin jechoota kanneen irraa argaddhe gaafan barreeffata kana guutumaa guuttuutti xumureen hundaa isaanii isiniif dhiyeessa. Garuu, ammaaf: a) Tamene Bitima; A Dectionary of Oromoo Technical Terms, Oromoo-English; Rüdiger Köppe, Köln 2000; Finfinnee 2000 waa keessaa ilaaluu dandeessu!
______________________  Hubachiisa Miiljalee __________________________
* roogessa (dhiiraaf); roogettii (dubartiif) ; roogeyyii (nama baay’eef)!
                                                                                                                                      Itti-fufa!
Source: Oromedia