Lolli kun sirna nafxanyaa deebisuu malee olaantummaa seeraa kabachiisuu akka hin taane waan RIB godhaa jiru ragaadha.

Lolli kun sirna nafxanyaa deebisuu malee olaantummaa seeraa kabachiisuu akka hin taane waan RIB godhaa jiru ragaadha.
Hb. Baacaa Dabalee ABO hundaa ishee alaabaa ishee wajjiin awwaala jedhee ture,kunoo Tigiraayitti egaleera.

Naannoo Beenishaangul godina Matakkalitti namoonni 52 ajjeeaman.


Ilmaan Oromo 52 Nannno Benshangulgumuzitti Milisha Amaaran Ajjeefaman. Haga Namni tokko Kan Wa’e je’e hinjiru… Qabso gara keenyatti dacha’a

Ituun akkas jette



‘Dhaloota suusii Xoophiyaan qabamu’ odoo hintaane, dhaloota araada Oromummaan qabamu horachuu feena!
 
Finfinnee Oromiyaa
 
Qabsoon Oromoon itti du’ee, itti ajjeefamaa ture qabsoo Oromoon miliyoonaan itti bitimaa ture qabsoo Bilisummaa Oromooti; malee, qabsoo Xoophiyaa ijaaruuf guyyaa tokkollee dhiiga buusee lubbuu bahee hinbeeku. Oromoon sabboonummaasaa dagaagfatuuf adda Bilisummaa Oromoo duuka bu’ee lubbuu isaa akka gibiraatti kaffalaa ture malee, Xoophiyaa ijaaruuf aarsaa kaffalees yaadees hinbeeku. Oromoon akka waan Xoophiyaa ijaree akkasuma akka waan Suusii Xoophiyaa qabuutti dubbachuun siyyaasaafis taatu kan jechoota akkanaatti gargaaraman fira uummatichaati jechuu matuma hindandeenyu. Firri Oromoo waa’ee Oromoo irratti Cimsee xiyyeeffata malee, qaama Oromummaa balleessuuf uumame tokko ol kaasuuf dagaagsuuf afuura hamaa afuura sheexanaa Xoophiyaa jedhu keessa hinseenu. Afuura xuraa’aa waa’ee Xoophiyaa sana keessa galanii uummata Sabboonummaa qabu gara sanatti dhiibuuf carraaquun gowwummaa irraa kan madditudha jennee ilaalaa. Oromoo gara Xoophiyaatti harkiftee gaanfa Xoophiyaan jifannaa nyaannee barbadeessine jedhanii yaaduuf abbaluun abjuun galaana daakuudha.
 
Abjuu Xoophiyaa jettu abjootaa bulanii, abjuu sana akkuma abjootaa bulanitti ba’anii uummatatti himuun ammoo salphinatti nama geessa. Oromoon qaama sabboonummaa kee gatiitii kan hormaan dhaadadhu! Of gati na duukaa bu’i! Jedhuuf gurra ergisuu erga dhaabee bubbulee jira. Qaama nagaa barbaadu kana nagaa dhorkachuuf waan inni hinjaallanne itti harkisuun ammoo salphinatti nama geessiti. Qaamni Oromoo falmuuf Oromoof qabsaa’u Odessa Xoophiyaa jettu lafa kaahuu danda’uu qaba. Har’a waa’ee Xoophiyaa ija dura nu qabanii yeroon akka Hoolaa gorraa’anii waadanii nu nyaatan darbeera. Uummata Hoolaa siyyaasaa goonee akka fedhu gowwomsina jedhanii tilmaamuunis isa qilleenaarratti mana ijaarranna jedhanii yaadan yoo taate malee uummata qaroomaa kana gowwomsuun hindandaa’amu. Manni Oromoo tokkoon tokkoonsaa hayyoota 2-3 qabachuu danda’eera. Mana Oromoo barataa dhabe bara kanatti arguun hindandaa’amu. Oromoon gaafa ilma barsiifate siyyaasaatti abshaalome malee gaafa barsiifate gamnoome ykn qaroome jechuukoo miti. Oromoon gamamaa ganamtee qaroomaadha. Abshaalummaa siyyaasaa horachuuf ammoo ilmaan isaa gaafa barsiifate milkoome jenne.
 
Araddaa Oromoo abiddaan gollobaa nagaa uummataa lallabuun if sobuu malee uummata sobuu miti. Uummata sobanii jiraachuun ka yeroo ta’uun ala fiixa bahinsaaf nama hindandeessistu. Abshaalomnee jirra gaafa jennu wantoota isin gochaa jirtaniif gochuu jirtam akka karoorsitanitti waan bira gahaa jirruufi. Nagaa keenya utuu hinkabachiisin biyyattii keessatti afuura Xoophiyaa jettu lallabaa jiraanna jedhanii tilmaamuunis of gowwomsuu taati.
Qalbeessaa Dhangi’aan

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.