Lola Liyyuu hayiliin naannoo Amaaraa ummata wallootirratti bane keessa waraanni Eertiraa akka jiru barame.

Lola Liyyuu hayiliin naannoo Amaaraa ummata wallootirratti bane keessa waraanni Eertiraa akka jiru barame.

KMN:- Bitootessa 22/5021

Lola Liyyuu hayiliin naannoo Amaaraa Gummata wallootirratti bane keessa waraanni Eertiraa akka jiru barame.lola Duguuggaa Sanyii Ummata Oromootirratti naannoo Amaaraatin labsamee amma adeefsifamaa jiru keessatti loltoonni Ertiraa huccuu poolisii naannoo Amaaraa uffatanii hirmaachuu isaanii waraana Ajjeefamerraa ragaan argame ni muldhisa jedhu maddeen keenya wallorraa.
Akka maddeen KMN wallorraa jedhanitti waraana guddaa deemaa turerratti loltoonni hedduun kan hirmaatanii fi hedduunis ajjeefamanii kuun kan ummataan booji’aman yoo ta’u warreen ajjeefamaniirraa ragaa funaannameen kanneen waraqaa Eenyummaa Ertiraa qabatan aragamaniiru jedhan.
Kanaan Dura wayita Ummanni Oromoo Harargee naannoo Somaalee fi daangarra jiraatan buqqaafaman loltoonni Somaaliyaa hirmaachun isaanii ni yaadatama.