Lammii Beenyaa dhimma rakkoo Lixa Oromiyaa fi kibbaa irratti haasawaa Sabbatatti taasise.

Lammii Beenyaa dhimma rakkoo Lixa Oromiyaa fi kibbaa irratti haasawaa Sabbatatti taasise.

Rakkoo Lixaa fi Kibba Oromiyaa
Bu’aa warraaqsa gufatee

(Akeekni barreeffama kanaa qeeequu osoo hintaane dogoggora keenyarraa akka barannuuf dhaamsa dabarfachuudha)

Ni yaadattan yoo ta’e, waggaa darbe irra deddeebi’ee barreeffama George Orwell kan Animal Farm keessa jiru gama Facebook kanaan maxxansaan ture. Yeroo sanatti namnuu waa’ee ce’umsaa fi haaromsaa malee ajandaa biraa dhaga’uuf fedha waan hinqabneef, muuxannoo Orwell nama hubachiisuun dukkana itti deemnu irraa nama baraaruun ni danda’amaa laata jedheen tattaafataa ture. Yeroo sanatti kanan dhimma sanarratti xiyyeeffadheef inni guddaan warraaqsi ijoolleen Oromoo itti dhumte, kan dargaggoonni Oromoo utaalanii osoo hin quufiin, umrii isaaniitti jaalala osoo hin dhandhamiin, barnootaa fi jireenya osoo hin jedhiin lubbuu isaanii tokkittii kitimaa godhanii bilisummaa ummata Oromoof itti wareegaman sun daandiirraa maqaa jiraachuu fi yeroo gabaabaa gidduutti gufachuuf akka jiru waan natti mul’ateef, qabsoon keenya qilee osoo hin seeniin baraaruun akka barbaachisu watwaataan ture. Watawaannaan koo garuu yeroon dhageettii hin arganne.

Amma warraaqsi keenya galma barbaadamu osoo hin gahiin gatachuu isaa namni hunduu waan irratti waliif gale fakkaata. Kana kan mirkaneessu ammoo godoon siyaasaa maqaa “Team Lammaan” ijaarame diigamee “Lammaa” mataan isaayyuu siyaasa keessaa dhabamuu yoo ta’u, kan lammataa ammoo “Shufeeraa” fi “Raddaatiin” osoo baay’ee hin turiin wal dhabuudha. Fakkeenya “Animal Farm” sanatti yoo deebine “Shufeertichi” “Napoleon” yoo bakka buufamu, Lammaa fi Raddaatiin ammoo “Snowball” ta’anii argamaniiru.

Warraaqsi keenya akkamiin gatatee?

a) Team Lammaatti harka kennachuu: Warraaqsi Oromoo osoo galma isaa hin gahiin kan inni gatachuu eegale gaafa qabsaa’onni daandiirraa maqanii “Karaan bilisummaatti nu geessu karaa Team Lammaa qofa” gaafa jedhamedha. Ni yaadattan yoo ta’e ajandaan Team Lamaa jedhu kan kalaqame qabsoon Qeerroo dhiibee dhufee humna of duuba hin deebine ta’uun gaafa hubatamedha. Gara jalqabaa Team Lammaa dhaadhessanii humna TPLF dadhabsiisuun tarsiimoo yeroo gabaabaaf hojiirra ooluu male yoo ta’u, humna sana guutummaa guutuutti amananii harka itti kennachuun garuu gowwommaa ta’uu qofa osoo hin taane seenaa qabsoo keenyaa keessatti dogoggora guddaa dalagamee darbedha. Akkuma beekamu akeekni qabsoo bilisummaa Oromoo EPRDF diina ummata Oromoo taate diiganii sirna bilisummaa, diimokiraasii fi nagaatti amanu ijaarrachuu malee sirna dulloomaa yakkaa fi cubbuun faalame deebisanii suphanii jiraachisuu hin turre; sirni EPRDF akka bofaa akka muuxatuuf hayyamuufiin dogoggora siyaasaa jechi ibsuu hin dandeenyedha. Dogoggora seenaa dalagamte sana hayyoonnii fi qabsaa’onni Oromoo bara jireenya isaanii itti gaabbuu fi itti qaanfachuu qabu.

As irratti qabsoon ummata Sudaanii fi kan ummata Oromoo walfakkaata ture. Sudaan keessatti gareen Rapid Support Force (RSF) jedhamu kan Janaraal Mohammad Hamdan Dagalo (Hemeti) jedhamuun hoogganamu gara qabsoon ummataa itti deemaa jirtu erga hubatee booda shaffisaan qabsoo ummataatti makamee Al-Bashir aangoorraa buuse. Hemeti itti fufee humna isaa RSF jedhaman Kaartuum qubachiisuun hoogganaa olaanaa godhee of muuduun qabsoo ummataa butate. Ummanni Sudaan garuu akka keenya hin gowwanne. Humna RSF jedhamu dura dhaabbatanii mootummaa cehumsaa kan siiviliin hoogganamu gaafatan. Ogeeyyiin fayyaa fi dhaabbileen siivikii diddaa isaanii itti fufuun dhumarratti mootummaan cehumsaa hayyoota, qabsaa’ota, jaarmiyaalee siivikii fi qondaalota waraanaa of keessatti hamate utubamee hanga filannoo itti aanuutti akka bulchan irratti waliif galan.

Qabsoo keenya sana keessatti murannoo akka ummata Sudaan sana hin argine. Murannoodhaan sirna EPRDF jedhamu sana diignee sirna nuuf ta’u ijaarrachuu dhiisnee herrega dogoggoraa heddu keessa seenne. Herrega yeroo sana dalagne keessaa tokko “Itoophiyaan nurratti diigamti, Team Lammaatti imaanaa kennannee isaan nuun haa ceesisan” jedhame. Biyyi Team Lammaa harkatti akkamiin qabsaa’ota Oromoo harkatti baraaramuu hanqatti? Yaadni sun kan madde dhuguma Itoophiyaaf yaadamee osoo hintaane, yeroo sanatti qabsaa’onni Oromoo sirnaan biyya keessatti waan of hin ijaarreef yeroo Hayilamaariyaam aangoo gadhiise sana qaawwaa aangoo mul’ate guutanii biyya bulchuuf qophii dhabuu isaanii ti. Waggoottan Qeerroon biyya keessaa warraaqsa finiinsaa turetti jaarmiyaalee Oromoos ta’e aktivistoonni walitti dhufanii kufaatii EPRDF booda akkamiin biyya bulchina? Yaada jedhurratti waliin hin mari’anne. Inumaayyuu aktivistoonni akka waan qabsoon guutummaatti harka isaanii jirtuutti yeroo of ilaalan, jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo ammoo sirnaan walitti dhihaatanii kallattii qabsoo gara fuulduraa (Roadmap) tokkollee lafa hin kaawwanne.

Kanaaf jechi “Imaanaa Team Lammaatti kennanne” jettu sun kalaqamtee ummata bira akka darbaniif isaan gargaarte. Team Lammaatti imaanaa akkamiitu kenname? Imaanaan sun hangam tura? Yoo imaanaan sun cabe falli maali? Gaaffiwwan jedhamaniif deebiin hin jiru ture.
b) Dogoggora Waliigaltee Asmaraa: Qola irraa baasnee yoo dubbanne waliigaltee Asmaraa ABO fi mootummaa gidduutti mallatteeffamtee sana keessa iftoominni hin jiru. Waliigalteen sun akkuma waliigaltee Wucaalee gara barbaadametti kan hiikamu ture. Waliigaltee sana keessaa dhimmi ijoon silaa furmaata waaraa argachuu qabu ture dhimma Waraana Bilisummaa Oromoo ti. Dhimma kanarratti WBOn gaafa biyyatti deebi’u HUMNA ITTISA UMMATA ta’ee qofaatti ijaarama kan jedhu akka ture dhageenya. WBOn 1368 Ertiraa irraa gara biyyaa deebi’es kaampiitti galee, leenjii siyaasa OPDOn miicamee, akeka isaa dagatee akeeka biraa hidhachuuf qophii hin turre. Edaa dubbiin jalqabuma shiraan eegalamte.

Akkuma beekamu jaarmiyaan akka ABO waggaa dheeraaf sirna lolaa turee fi sirna ammoo dirqisiifamee nagaa buusuuf murteeffate gidduutti araarri dhugaa bu’uuf wal amantaa fi wal hubannoo sududa sududaan uumamuu qaba ture. Wal amantaan gaafa jabaatu nagaan waliin dubbachuu, miira diinummaa keessaa wal baasanii michummaatti wal geessuun ni danda’ama. Marii ABO fi mootummaa EPRDF gidduutti adeemsifame keessa garuu wal amantaa olaanaan mul’ataa hin turre. Keessumaa gama mootummaan shira dhokataa garaagaraa hojjetamaa turuun ni yaadatama. Shira jalqabaan dalagaman keessaa inni ijoon hirmaannaa abbootiin gadaa, abbootiin amantaa fi maanguddoonni biyyaa marii araaraa sana keessatti argamuuf yaalan danquu ture. Namoonni yeroo sana marii ABO keessatti argamuuf yaalii godhan: Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo, Dr. Nagaasoo Gidaadaa, luba Balaay Mokonnon, Ustaaz Kamiil Shamsuu, Luba Waaqshum Iddoosaa, fi kanneen biroo turan. Maanguddoonni kunneen gaafa Lammaan Ertiraa deeme sana faana deemanii marii sanarratti argamuuf erga tikeetta xiyyaaraa kutatanii booda hambifaman. Gaafa maaliif akka maanguddoonni kunneen hambifaman Lammaa gaafatan, “Nuti obboloota malee diina walii miti. Obbolaa lamaan gidduutti qaama sadaffaa barbaannaa?” jedhe. Kana qofa miti, Lammaa fi Dr. warqinaa Gabayyoo bakka leenjii WBO deemuun erga daawwatanii booda, “Waraanni kun kana booda kan keenya malee kan keessan miti. Kana booda nutu isaan ijaara, nutu isaan humneessee waardiyyaa Oromoo fi Oromiyaa taasisa” jedhan. Waadaan sun garuu osoo fagoo hin deemiin cabdee “WBOn meeshaa hiikkatee galuu qaba” yaada jedhutti jijjiiramte.

Wayita kun ta’utti WBOn gaaffii gurguddaa sadii kaasan. Gaaffiin isaaniis: 1) WBOn bara 1992 mooraatti erga galee booda rukutame. Bara sana kan WBO mooraatti rukute mootummaa amma jiru kana. Gaafa nuti kaampiitti gallu rukutamuu dhabuu keenyaaf wabiin maali?; 2) Biyyattiin yeroo ammaa kana yaaddoo nageenyaa hamaa keessa jirti. Saboonni kaan of ijaaranii meeshaa hidhataa jiru. TPLF meeshaa gurguddaan dargaggoota ishee leenjistee hidhachiisaa jirti. Sabni Oromoo ammoo durumaanuu meeshaa hinqabu. Nuti meeshaa nu harka jirtu kanallee gaafa hiikkanne hireen saba keenyaa akkam ta’a?; 3) Akkuma beekamu WBOn aangoof osoo hintaane bilisummaa, diimokiraasii, nagaa fi tasgabbii ummata Oromoof lole.

Qabsoo kana keessatti gaheen WBO olaanaadha. Amma erga jijjiiramatu jira jettanii jijjiirama kana keessatti gaheen WBO maal ta’uuf deema? Meehsaama keenya hiikkannee galla moo gahee addaa qabna? Gaaffii WBOn yeroo sanatti gaafate mootummaas ta’e ABOn hin deebisne. Inumaayyuu gaam mootummaan gaaffii kana ija qajeelummaan ilaaluun furmaata dhugaarratti hundaa’e kennuu osoo hintaane, haqa dabsuun ijoolleetti maqaa “shiftaa” jedhu moggaasuutti cehame. Gaaffii ijoolleen gaafatte sana haqaaquun “Ji’a sadii gidduutti lollee aangoo qabanna,” jedhan oduun jettu karaa muummicha ministeeraa as baate. Waan nama gaddisiisu ammoo oduu sana miidiyaan biyya kanaa tokkollee osoo hin mirkaneeffatiin akkuma jirutti fudhatchuun duula hamaa ABO fi WBO irratti banuudha. Namoonni silaa haqaaf qabsoofna jedhanis himata muummicha ministeeraa sana dhugaa godhanii fudhachuun ololaa hamaa banuuf yaalan.

Gabaabumatti; waliigalteen Asmaraa sun shiraan guutamte. Irra keessaan haa cululuqxu malee, keessaan cilaattii hamaa qabdi. Irra keessaan jechoonni damma caalaa miyaa’an haa guutan malee keessaan garuu summii hamaa qabdi. Akeekni jiru ABO fi WBO kabajaa fi ulfina maluufiin simachuun biyyattii keessatti nagaa fi tasgabbii dhugaa argamsiisuuf kan yaadame osoo hintaane waliigalee Ertiraa waliin tolfatan irratti hundaa’uun ABO fi WBO akka qaama harka kennatee tokkootti biyyatti deebisuu ture.

c) Burjaajjii hayyoonni Imaanaa fi cehumsa jechuun uuman: gaafa Abiy aangootti dhufee “Akka nu ceesisuuf imaanaa itti kennanne” yeroo jedhan ni dhaga’ama. Namni kun eessatti nu ceesisa? Maaliin nu ceesisa? Akkamiin nu ceesisa? Jedhamee yeroo gaafataman garuu deebii quubsaan hin jiru. Imaanaa kenname jedhame sanaa waan ifaan irratti waliif galame hin turre. Inumaayyuu “Imaanaa kennachuu fi cehumsa irratti waliigaluuf” hayyoota, qabsaa’otaa fi jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo gidduu waliigalteen hin turre. Ni yaadattan yoo ta’e gaafa DC deeme sana Abiy, “homaa hin yaadda’inaa! Anatu isin ceesisa!” jedhee gale.

“Anatu isin ceesisaa fi nu ceesistaa” gidduu garuu garaagarummaa guddaatu jira. Sabnis irratti waliigalee imaanaa hin kennanne. Erga biyyatti deebi’ees, akka har’aa kana hin ta’iin malee, qaamni tokko, “Mootummaan kun kan Oromooti. Shakkii irraa hin horatinaa!” jedhanii humnumaan mootummaa kana jala nama hiriirsuuf yeroo yaalamu, gama biraan ammoo “Mootummaa kana wareegama lubbuu qeerroo kuma shaniin achi keenye. Nutu siree jalatti qaba. Akka qaroo keenyaatti ilaalla,” jedhame. As irratti, mootummichi kan Oromoo ta’uu yookaan kan keenya jedhanii siree jalatti qabuun cubbuu miti. Cubbuu guddaan garuu mootummichi kan Oromoo akka hintaane osoo beekanii namni dirqamaan akka jala hiriiruuf dirqamsiisuu yookaan siree jalatti qabanii umrii isaa dheeressuuf waliin rakkachuudha.

Dubbiin sun irra deddeebi’amee gaafa dubbatamu, Oromoo keessatti burjaajjii hamaatu uumame. Qabsaa’onni maalummaa mootummaa kanaa sirriitti beekan akkatti dubbatan dhabanii yeroo callisan, sabni bal’aan ammoo dhugummaa dubbii sanaa adda baafachuuf yeroo dheeraa gube. Dhugaan garuu gama biraa turte. Gaafa dhugaan suuta bakkatti deebitu, inni duraan “Mootummaan kun kan Oromoo ti, humnumaan jala hiriiraa” jedhe booda gaafatamee, “Mootummaan kun kan eenyuu akka ta’eyyuu bitaa nutti gale” yeroo jedhu, kanneen siree jalatti qabaa turan ammoo, “Mootummattiin wayyaanee jalaa baatee nafxanyaatti galte” nuun jedhan.

Har’aaf isin gaha. Bor asumarraan itti fufa …

Nagaan

Lammii Beenyaa Qajeelaa

Guraandhala 5, 2020

Lammii Beenyaa dhimma rakkoo Lixa Oromiyaa fi kibbaa irratti haasawaa Sabbatatti taasise.


Niemöller is perhaps best remembered for the quotation :

First they came for the socialists, and I did not speak out—because I was not a socialist.

Then they came for the trade unionists, and I did not speak out— because I was not a trade unionist.

Then they came for the Jews, and I did not speak out—because I was not a Jew.

Then they came for me—and there was no one left to speak for me.