Yaayyoo: “Lafa keenya qawweedhaan sodaachisanii nurraa fudhatan”

Above Single Post

Yaayyoo: “Lafa keenya qawweedhaan sodaachisanii nurraa fudhatan”

Gidira qonnaan bultoota warshaa xaa’oof lafa isaanii kennan

Qonnaan bultoonni lafti isaanii ijaarsa warshaa xaa’oo Yaayyoof jalaa fudhatame, beenyan gahaan waan hin kaffalamiiniif deegaaf saaxilamne jedhu

(bbc)—-“Muka jalatti erga walitti nu qabanii booda dirqamaan mallatteessaa nun jedhan. Anis qarshii meeqa akka ta’ellee osoon hin beekiin mallatteesse.”

“Ijoollee koo guddisuuf jecha gammoojjii dhiirri hin deemne deemee buna dhaabaa ture,” kan jedhan adde Fiqree Getaahun waa’ee lafa isaanii ijaarsa warshaa xaa’oo Yaayyoof fudhatame yeroo haasa’an ijji imimmaan lolaasti.

Haati ijoollee shanii lafi isaanii beenyaa ‘xiqqaan’ irraa fudhatame yeroo ammaa araqee baasanii gurguruun of jiraachisaa ijoollee isaanii guddisu.

“Obboleessi koo lafti inni qabu marti jalaa fudhatamee waan ittiin ijoollee isaa guddisu waan dhabeef of fannisee of ajjeesse,” jechuun imimmaaniin dabaalee dubbata Mohaammad Jamaal.

Jalqaba isin fayyada jedhanii itti nu galchan kan jedhu Mohaammad, boodarraa maallaqni isaa gahaa miti jennaan qawween doorsifamanii lafa isaanii akka kennan dirqiisiifamuu BBC’tti himeera.

Bara 2004 ijaarsa warshaa xaa’oo Yaayyoof gara aanaa Yaayyoo kan seene korporeeshiniin injinaringii sibiilaa ‘METEC’ qaama qonnaan bultoota gandoota Aciboo fi Wiixatee dhibbaan lakka’amanif beenyaa kaffale lafa isaanirraa kaase.

‘METEC’ muka bunaa tokkoof waggaatti qarshii jaha fi saantima shantama waggaa kudhaniin shallagun qonnaan bultootaaf kaffale.

Kaffaltiin beenyaa gatii bunaa waqtii sana turen wal hin madaalle kunis qonnaan bultoota hedduu biratti komii guddaa kaasee ture.

Hoji gaggeessaan pirojektii ijaarsa warshaa xaa’oo Yaayyoo kolonel Abdiisaa Rafeeraa, beenyaan shallagame ulaagaa biiroo qonnaa Oromiyaa irraa ergamen ta’uusaa fi qonnaan bultootnis dirqamaan lafa isaaniirraa akka hin kaane dubbatan.

Haa ta’u malee waqtii sanatti waldaa dubartootaa bakka bu’uun muka bunaa qonnaan bultootaa lakkaa’aa kan turan adde Badrii Huseen “beenyaan qonnaan bultootaaf kaffalamaa ture xiqqaa ta’uusaa yeroon dubbadhu ati mormituu fi mankaraarsituudha jechuun na doorsisan” jechuun BBC’ti himan.

Omisha Dhagaa Cilee

‘METEC’ albuuda dhagaa cilee baasee gurguruuf ministeera albuudaa, petroliyeemii fi gaasii uummamaa irraa heyyama akka qabu kolonel Abdiisaa Rafeeraa himu.

Omisha dhagaa cilee bosona Yaayyoo

‘METEC’ warshaa xaa’oo Yaayyoo waggoota lama keessatti hojjetee xumuruuf ture bara 2004 kontiraaktarummaan gara aanaa Yaayyoo kan seene.

Bara 2005 maqaa ce’umsa tekinooloojii jedhuun hojjettoota biyya Paakistaan fi biyya keessaa walitti qabuun albuuda dhagaa cilee baasee gurguruu eegale.

Waggoota shanan darbaniifis guyyaa guyyaadhaan dhagaa cilee toonii 96 ta’u gurguraa akka ture dargaggootni ‘METEC’ keessa hojjechaa turan himu.

Dhaabbatni omisha huccuu Ayikaa Addis jedhamu fi naannoo magaala Finfinneetti argamu immoo dhaabbata dhagaa cilee ‘METEC’n omishame bitaa ture dha.

Haa ta’u malee ‘METEC’ gibira lafaa iddoo albuudaa odiitiidhaan hin mirkanoofne fi naannoo birrii miiliyoona afurtamaa ta’u aanaa Yaayyoof hin kaffalle.

‘METEC’ iddoo omisha dhagaa cilee dargaggoota aanichaa gurmaa’anif gad-lakkisee jira

Bulchaan godina Iluu Abbaa Booraa Obbo Namarraa Bulii “‘METEC’ dhagaa cilee seeraan ala omishaa turuusaan dabalataan kaffaltii royaaliitis ta’ee gibira lafaa aanaa Yaayyoof gonkumaa kafalee hin beeku” jedhan.

Konkolaataan dhagaa cilee ‘METEC’ geejibsiisaa ture magaala Beeddellee irratti dargaggoota fi qaamolee mootummaan ji’oota muraasa dura to’annoo jala erga oole booda ‘METEC’ omisha dhagaa cilee dhaabe.

Yeroo ammaas ‘METEC’ iddoo omisha dhagaa cilee dargaggoota aanichaa gurmaa’anif gad-lakkisee jira.

Ijaarsi warshaa xaa’oo Yaayyoo bara 2006 xumuramuf karoorfatames hanga ammaatti dhibbeentaa shantama gahuu hin dandeenye.

Gaafii Qonnaan Bultootaa

Qonnaan bultootni aanaa Yaayyoo “lafti keenya seeraan ala doorsifamnee nu jalaa fudhatame” jedhan komii isaanii hanga qaamolee mootummaa sadarkaa federaalaa jiranitti dhiyeeffatanis hanga ammaatti deebii akka hin arganne himu.

Qonnaan bultoota bakka bu’anii ministeera albuudaa, petroliyeemii fi gaasii uummamaatif gaafii dhiyeessaa kan turan adde Badrii Huseen ministeerichi gaafii isaanii kuffisee akka ofiraa isaan deebise BBC’ti himan.

  • Haroo Haramaayaa: bishaan osoo hintaane dhukkeetu irra ciisa
    “Ijoollee koo guddisuuf jecha gammoojjii dhiirri hin deemne deemee buna dhaabaa ture’

    METEK gama isaatiin komii beenyaa qonnaan bultootaaf deebii kennuu kan danda’u korporeeshinii indaastrii kemikaalaa akka ta’e hima.

    Bulchaan godina Iluu Abbaa Booraa obbo Namarraa Buli komii beenyaa qonnaan bultootni kaasan sirri ta’uusaa fi yeroo ammaattis komii qonnaan bultoota 120 ta’an qorachaa akka jiran fi korporeeshinii indaastrii kemikaalaan kaffaltiin akka raawwatamu gochuuf hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Below Single Post