Koronaavaayirasii: ‘Iyya dabarsaa Gullalleedhaa hanga Sulultaa’

Koronaavaayirasii: ‘Iyya dabarsaa Gullalleedhaa hanga Sulultaa’

Malawwan ummanni Oromoo durii qabee ittiin ergaa akka hawaasni bal’aan dhagahu barbaadamu wal harkaa fuudhee dabarsu kunis iyya dabarsaa jedhamuun waamama.

(bbcafaanoromoo)–Tibba kana ‘Iyya Dabarsaa’ jechuudhaan iyyi weerara dhibee koronaavaayirasii ilaallatu magaalota Shawaa Kaabaa keessatti dhagahamaa ture.

Magaalaa Sulultaa irraa kan dubbifne Obbo Gazzuu Hayilee, ‘Iyyaa Iyya dabarsaan” kuni Godina Shawaa kaabaa Aanaa Yaayyaa Gullallee irraa eegale jedhu.

“Gaafa duraa aanaa Yaayyaa Gullalleetii jalqabame. Achirraa Mukaxurriitti dabarsan. Muka xurriin ammoo Caancootti. Caancoon gara keenya Sulultaatti dabarsan. Sulultaan kaleessa galgala iyyanii iyya dabarsani” jedhan.

Iyyi kuni dhibee Koronaavaayirasii kuni nutti dhufe yaa waaq nurra dabarsi akka jechuutis jedhu. Magaalaa Sulultaatti iyyi kuni galgala naannoo sa’aatii sadiitti eegalamuu kan himan Obbo Gazzuun, ergaan isaas weerara dhufe kana iyyanii waldhageessisuudha jedha.

“Iyyaa Iyya Dabarsaa jedhaniiti kan iyyamaa ture. Balaa dhufe nurra dabarsi, kan itti aanutti dabarsi, kan dhumaa awwaali” jechaa iyyuu himu.

Iyyi kuni sagaleedhaan qofa osoo hin taane waan sagalee dhageessisuu danda’u hunda fayyadamuun ta’uus himu.

“Kaan qaccee dhukaasa, kaan qawwee, shugguxii, jarikaanii, qorqoorroo, meeshaa manaatis ta’u rukutaniituma iyyisiisaa turan. Namuu balaa kana narra dabarsi jedheetuma waan qabuun iyyaa ture” jedhan.

Iyyi kuni balaa dhufe kana waldhageessisuun alatti dhiphina sammuu balaa asdeemaa jiru kanaan nama qaburraa nama akka boqochiisus ni himu.

Magaala sulultaatti iyyanii iyya dabarsuun kuni hanga halkan walakkaatti akka itti fufee fi ofii isaaniitii hanga sa’aatii 6:15 dhagahaa turuu yaadatu.

Iyyanii iyya dabarsuun kuni seenaa fi aadaa Oromoo keessatti akkamitti ilaalama jennee Qorataa seenaa Obbo Alamaayyoo Hayilee dubbisneerra.

Oromoon gurmaa’issumarraa eegalee akkaataa itti dhibeewwanii fi balaan akkanaa yeroo dhufu bakka tokkotti waliin hin geenyetti ofgurmeesse jedhu.

“Oromoon maatiima tokko ta’ee Maccaa fi Tuulama, Sikkoo fi Mandoo, Kontomaaf Daarimu, Baasoo Fi Dullacha fa’a jedhee kan adda qoodee caasefate dhukkubas haa ta’u rakkoo dhufu qolachuuf walirraa siiksee qubsiisa.

Maatiin hundi bakka tokkotti dhukkubni daddarbaan namaa fi loon akka hin fixneefi caaseffama kana sirna Gadaa keessattis kan tumate” jedhan.

Yoo waan akka dhibee Golfaa fa’a kan namarraa namatti darbu uumames caasefama ittiin walitti himanii fi ittiin walgargaaran qabus jedhan.

Rakkinni akka dhibee weeraraa yeroo ka’us sirna ittiin ibsamuu fi namni irraa of eegu jiraachuus eeru. “Warra ebeluu dhibeen Golfaa seeneera. Gargaarsa barbaadu wanta ta’eef gargaarsa haa goonuuf,” jedhamee lallabama.

Akkamittii fi eenyuun akka gargaaramus nimurteessu. Ergaa waliidarbe kanaan namni balaan itti dhufe suni gargaarama” jedhan. Mallattoo dhibee warra sanaa ilaalaniis ogeessatti himaniifii qorichi barbaadamaafis jedhu.

“Gaafa qoricha sana fidaniif namni fide suni ofeegee alatti kennaafi. Yookaan muka dheeraatti hidhaniit hiixatanii kennaniifii deemu. Abbaas haadhas obbolaas haa ta’u Oromoon yeroo walgargaaru of eegganoodhaani jechuudha” jedhan Obbo Alamaayyoon.

Yeroo dhibeen akka Golfaa hammaatu ammoo nama keessaa baasanii safara sana ibiddaan gubanii akka achii baqatamu himu.

Dhibee iyyaan Ofirraa dabarsuun amma bakka tokko tokkotti dhagahamu kuni duris aadaa keessa kan jirudha ta’us amantaa waliin hidhata qaba jedhan.

“Aadaan qawwee dhukaasanii, iyyanii dhukkuba ofirra dabarsu kuni amma nihojjetaa fi hin hojjetuun akkuma jirutti ta’ee garuu duris waanuma turedha” jedhan.