Koongireesiin Federalawaa Oromoo (KFO) leenjii ijaarsa dandeettii miseensota sadarkaa adda addarra jirani godinaalee Shawaa Bahaa Arsii Arsii, Arsii lixaa Baale Boorana Gujii lixaa Gujii Bahaa Harargee Lixaa Harargee baha Kamisee irraa walitti baba’anii fi Adamaatti kennaa jira baniinsa leenjii kana irratti profesar Mararaa Guddinaa haasaa godhaniin dogongorri seenaa baroota 1960 moota hooggantoota paartilee biyya kaanaa keessa ture keessatti Oromoon raawwate ammallee jiraachuu eeraniiru.
Dubbii isaanii kanaan qabsoo warraaqsa Itiyoophiyaa baroota 1960 moota biyya kanatti dhufe keessatti dhalattoonni Oromoo bal’inaan hirmaataniis wal ta’uu dhabuu isaaniitiin saba isaaniis miiaisanii Ofillee midhamani har’as kuni dabalamuuf waan jiruuda of eeggannoo fi ciminaan of ijaaruun qophii gochuun furmaata jedhu. Tokkummaa sadiitu nu barbaachisa isaanis tokkummaa qeerroo tokkummaa uummtaa fi beektotaa fi tokkummaa dhaabnilee siyaasaati jedhaniru
“Namni tokko sagalee tokko (one person one vote)”
Karoora KFO waggaa sadii (2011-2013): Godinaalee 42 fi Aanaalee 353 waliin gahuu.

Biyya Oromiyaa
Anii kana naa dhibee tokko Bulchisiin kun kana oromooti moo .. https://t.co/Zrc5kbQdqa pic.twitter.com/jZNJViD9DM
— Kichuu (@kichuu24) May 9, 2019