Keeniyaan lola Somaaliyaan itti banuuf jettu sodaattee Abiy waliin dhidhiittachuu feeti.

Keeniyaan lola Somaaliyaan itti banuuf jettu sodaattee Abiy waliin dhidhiittachuu feeti.

Sababa lola PP-TPLF tti waraanni xoophiyaa hedduun kan maqaa AMISOM dawoo godhatee AL-Shabaabiin loluuf waggoota 15 oliif Somaaliyaa maandheeffatee ture waan achi keessaa ba’eef AL-Shabaab Somaaliyaa dhuunfataa jira.
 
Waraanni USA 700 tahus tibbuma kana Somaaliyaa keessaa ba’eera.
Amma yaaddoon Abiy ABO/WBO dha, kan Uhuru ammoo AL-Shabaab dha. Warri sodaataman kun qubsumaanis walitti dhiyaatu waan taheef yoo wal taanee lola irratti banne xiqqoo bubbullaa jedhaniiti wal dubbisuuf dhama’an, karkarroo fi booyyeen.
Akka jabina ummata Oromoo Marsabiitiif malee mootummaan Keeniyaa duris Qabsoo Oromoo doomsuuf diina waliin hojjechuu hin dhiisne.
Kan haqa qabu ni injifata!
IUOf
Oda Labsi Fajji


Haala PP Oromiyaa fi PP Amaaraa itti jirtu, uummatni callisee ilaalu isaa