Karoora Afaan Oromoo balleessu:Imaammanni barnootaa habashoonni “Educational Road Map”

Karoora Afaan Oromoo balleessu
Imaammanni barnootaa habashoonni “Educational Road Map” jedhuun gadiin bahan qulquina barnootaa eegsisuuf osoon taane Karoora Afaan, Adaa fi eenyummaa Oromoo awwaaludhaaf itti yaadamee qophaa’e waan taheef tasumaa Oromiyaa keessatti hojirra hin oolu.
Akka imaammata kanaatti barnoota Afaan Amaaraa kutaa 1ffaa irraa eegaluu,
Afaan Oromoon barachuun immoo kutaa 6ffaa irratti dhaabbachuun kutaa 7 ffaa irraa eegaluun Afaan Ingiliffaan barnoonni akka kennamuudha.
Daa’imni tokko hanga kutaa 6tti eenyummaa, Aadaa fi Afaan isaa adda baasee sirritti hin beeku. Kutaa 7 irraa kaasee eenyummaa isaa baruu eegala. Aadaa, Seenaa fi eenyummaa isaa hubachaa deema. Wanti amma karoorfame akkuma daa’imman eenyummaa isaanii baruu eegalaniin akka eenyummaa isaanii hin barree fi sabboonummaa Oromoon Afaan isaatin barachuun amma argate kana boodatti deebisuun dhaloota eenyummaa ofii hin beekne uumudhaan eenyummaa isaanii irratti fe’uu barbaadu.

Afaan Oromoo cunqursaa waggaa 150 dandamatee guddachaa fi dhaloonni qubee eenyummaa isaatin boonun waan isaan yaachiseef Afaan Oromoo akka hin guddannee fi dhaloota sabboonummaa horachaa dhufe arguu jibbuun Itoophiyaa kaleessaa tan Oromoon eenyummaa isaa irraanfatee eenyummaa isaanii irratti fe’aa turan uumudhaaf itti yaadamee hojjatamaa jira. Kuni immoo waan hin dandahamne.

Nuti dhalonni qubee Afaan keenyan hanga kutaa 9ffaatti barachuun akka nuti Aadaa, seenaa,Eenyumaa keenya barru nu taasise.
Afaan keenyan barachuun akka nuti lubbuu keenya saba keenyaf wareegnee falmannu nu taasise malee miidhaa tokkollee hin qabu.
Kana fakkeenya qabatamaa yoo isiniif kaasu, Naannoo SSU kibbaa keessatti barnoonni Afaan Ingiliffaa kutaa 7 irraa eegalee baratama. Barattoonni naannoo kibbaa sababa Afaan Ingiliffas kutaa 7 irraa eegalanii barataniif beekumsa walii galaatinis tahee dandeettii Afaan Ingiliffaan tasumaa ijoollee Oromoo hanga kutaa 9 tti Afaan ofiin baratte caalanii hin beekan. Sadarkaa qormaata biyyaalessaa fi dhaabbilee olaanaatti qabxii olaanaa galmeessaa kan jirtu ijoollee kibbaa afaan Ingiliffaan baratte osoon taane ijoollee Oromoo Afaan dhaloota ofiin barachaa jirtuudha.
Qulqinna barnootaa fiduuf Afaan Ingiliffaan dhaloota gabroomsuf yaalun yakka guddaadha. Qulqullina barnootaa kan fidu Afaan barnootaa jijjiiruu osoon taane sirna barnootaa theory irraa gara barnoota gochaan (practal) deeggarametti jijjiiruutu barbaachisa.

Namoonni yeroo ammaa Oromiyaa keessatti sirna barnootaa haarawa kana deeggaran yoo jiraatan bitamtoota gaafa qabsaa’onni Oromoo gabrummaan itti hammaattee barachuu dadhabanii barnoota irraa ari’amaa,ajjeefamaa, biyyaa baqachaa turan habashaa gabbaranii maqaa jijjiiratanii carraa argataniin doktoreeti fi pirofeesara tahan kan quuqama sabaa takkallee hin qabnee fi
Sabaa fi sablamoota biroo kan Oromiyaa keessa jiraatan kan Afaan Oromoon barachuu fedhii hin qabneedha.

Nuti ilmaan Oromoo dhaloonni qubee Afaan abbaa keenyatiin barannee guddanne Afaan Oromoo kutaa 6 tti gad deebisuu mitii Afaan Oromoo sadarkaa yuunivarsitiittuu osoo ittiin barannee nu fayyada malee nun miidhu.
Dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti kan murteessu eenyullee osoon taane ilmaan Oromooti. Nuti ilmaan Oromoo murtii Aadaa, eenyummaa fi Afaan Oromoo ajjeesu hin fudhannu.
Barnoonni sadarkaa 2ffaa kutaa 7 ffaa irraa kan eegalu yoo tahe hin morminu. Garuu barnoota sadarkaa 2ffaa kutaa 7 fi 8 Afaan Oromootin barachuun miidhaa osoon taane faaydaa guddaa qaba.

Imaammanni barnootaa Afaan Oromoo kutaa 6 xiqqeessu fi Afaan Amaaraa kutaa 1 irraa akka eegaluuf bahe kuni yoo ilmaan Oromoo dhaloonni qubee dhumnee lafarraa banne malee hojirra akka hin oolle cimsinee hubachiisna.
Mootummaan naannoo Oromiyaa fi Biiron barnoota Oromiyaa imaammata eenyummaa Oromoo balleessuf itti yaadamee habashootan qophaa’e kana hubattanii Oromiyaa keessatti hojirra akka hin oolle akka hojjattan isin hubachiisna.

Kanarra darbuun imaammata kana hojirra oolchudhaaf deemtu taanan balaa dhufuuf itti gaafatama kan fudhatu isin tahuu beekaa.
Dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti sababa tokkollee hin barbaannu.
Eenyunuu waliin hin mari’annu.
Hiree Oromoo fi Oromiyaa garee muraasa osoon taane saba Oromoo hundatuu murteessa.

#Maasterpilaanii_2ffaa


” on the Roadmap and Afaan Oromoo issue
========
“Shira habashaan xaxamaa jiru, hayyootni Oromummaa qaban mormaniiru. Shirri ‘education road map’ haaraatiin xaxamee, “Afaan dhalootaan barachuun hanga kutaa 6tti ga’aadha, Afaan Amaaraa immoo kutaa 1 eegalee kennamuu qaba” jedhu, sabboontota Oromoo, pirezedaantota yuunivarsiitiitiin mormii guddaan irratti ka’eera. Gaaffileen ka’aa turanis:
1.  Dhuguma Afaan dhalootaan barachuun qulqullina barnootaa miidheeraa?
2.  Qorataan tokko akkamittiin mirga heeraan naannoleef kenname diiguu danda’a?
3.  Afaan Oromoo ol guddataa deema jennee utuu abdannuu, isin akkamittiin hanga 6 qofaatti murteessitu?
4.  Abbaan dhimmaa Afaanii, warra afaan Sana dubbatu ta’ee utuu jiruu, akkamittiin qaamni afaanicha hin beekiin murtee dabarsuu danda’a?
5. Qorannoon kun haaromsaan dura waan eegaleef, akkamittiin amanamuu danda’a?
6.  Compositioniin qorattootaa sirriidha?
7. Dookumentii kana erga waggaa 3 dura eegaltanii maaliif hanga ammaa dhoksitan? fi gaaffilee kanneen biroo gaafataa oolaniiru. Pirezedaantota yuunivarsiitilee Oromiyaa keessaa dhufanii dhimma Oromoo miidhu balaaleffataniifi kan habashota gammachiisuuf dubbatan adda baasuun saaxilaa deemuunis dirqama. Kanaaf, gantoota akka Dr Saamu’eel Kiflee(kan ministeera barnootaa keessaa hojjetu), Silashii Geetahuun(kan dhiyeenya koree giddugaleessaa DHDUO keessaa ari’ame) fi Dr Jeyluun Umar(itti aanaa pirezedaantii yuunivarsiitii Finfinnee), namoota akka qorannoon kun guutummaatti hojiirra ooluuf hirmaattota walga’ii har’aa sossobaa oolanidha. Kanaaf, dhimma Oromoo keessa galanii murteessaa waan jiraniif akka irraa of qusatan jenna. Dr Abiyi immoo rakkoon qulqullina barnootaa jiraachuu malee Shira habashoonni xaxuuf deeman kana Waan hubate hin fakkaatu. BBO immoo dhimma qorannoo kana quba akka hin qabne odeeffanneerra. Walumaagalatti, hayyuun Oromoo, qorannoo Oromoo miidhu xiinxalee yoo hin mormine, Oromoof hayyuu ta’uu hin danda’u.
Galatoomaa.

Via: Oromiyaa Harmeekoo