Kaleessa artistootni Oromoo masara mootummaatti aaffeeramuu dhabuun dogongora koree qindeessituu ta’uu Addisu Arega Kitessa 

Kaleessa artistootni Oromoo masara mootummaatti aaffeeramuu dhabuun dogongora koree qindeessituu ta’uu Addisu Arega Kitessa fb isaarratti barreessuun ibse. Kanaaf, sagantaan wal fakkaatu kan artistootni Oromoo itti hirmaatan gara fuula duraatti qophaa’ee Dr. Abiy waliin akka mari’atan himeera.

Ferhan Abdulselam


WATWWAANNAA OBBO ADDISUU AREGA QIXXEESSAA DHIMMA DHIIBAMUU AARTISTOOTA OROMOOF GADI BA’EE DHIIFAMA GAAFATAA JIRU KUN FUDHATAMA KAN HINQABNEDHA-Barreeffamni kun fulaagaa #Taajjabbii waan guuteef dubbisaaf dhiyaateera.

1. Maaliif Artiistoti keenya moggaatti qabamuun nu aarse seetan Obbo Addisu Arega Kitessa leenjiitu isaan barbaachisa jennee miti. Artiistii Oromoo hidhaa, dararaa fi bu’aa ba’ii isaan keessa darbanii Oromummaa onnee Oromoo hundaa keessa gadi dhaabuuf wareegama isaan baasan Leenjii hunda caala. Eebbisaa Addunyaafaa, Yooseef Gammachuu, Warra akka Jireenyaa kan akka Usmaayyoo Muusaa wareegama isaan baasan warra lubbuun jiraniif leenjii guddaadha.

2. Bara Oromummaa irratti duulamee aadaa, Afaan Seenaa fi eenyummaan keenya balaa guddaa keessa bu’e artiistota Oromooti kan ofii itti hiyyoomanii, agabuu bulanii kan akka nuti dukkanaan duuba ifatu jira Jennee abdannu nu taasisan. Artiistiin Oromoo tokko Humna waraanaa hidhate 1000 nuu caala nuuf. Karaa kamiinuu waan gama Artiistota keenyaan nutti dhufe qaroo ija keenyaan nutti Dhufe. Artiistiin Oromoo viisaa bitee yookaan sirbaaf biyya alaa dhufee hafe hin turre hanga yeroo dhihootti. Hunduu biyyaa ari’amee kan lubbuun baqatee ba’e, UNHCR keessatti gidiraa argee, Jibuutii, Sudaan, Somaaliyaa keeniyaa Mooraa baqaa dhadhabii fi Kaakumaa keessatti jireenyi itti hadhooftee lubbuu isaa baafate. Garii ammoo hidhaa keessatti rakkoo gurguddaatu irra ga’e.

3. Artiistoti Oromoo akka isaan kaanii album sirbaa fi Fiilmii gurgurachuu irratti hin bobbaane. kaleessa Yeroo Uummati keenya daangaa irraa buqqa’u kan imimmaan Harqee boo’e Artiistota Oromooti. Maaliif? Dhiiga waan ta’eef. Jarri kun ijoollee nyaata dhabdee, Karaa duratti kuftee beelli garaa Waade yaa abbaa kanaa jedhaniiruu? Hin jenne! Yeroo sana waanta nuti jibba afarsaa jirru fakkaatee itti mul’achaa ture. Dhimma Oromoon buqqa’uu afarsuun keenya dhiphummaa itti fakkaataa ture. Har’a ammoo injifannoo afarsaa Ashaashee Gedaamuun kan lafa dhiphisu isaani.

4. Walumaa gala Har’a Maaliif leenjiif waamaman jechaa hin jirru nuti. Amala jaraa beenna. Dibatanii, filatanii bareedanii isa tokko dafqee hojjete nyaachuu fi itti waamamuu akka jaallatan durumaa beenna. Jaalala/ Maddamar galamaleen kun Oromummaa gubbaa gaaddidduu buufata yoo ta’e afaaniin nu haa ba’u! Hojii Dr.Abiyyi Ahimed hedduu dinqisiifanna. Hata’u malee akka ammaa kana namoota Seenaa isa kaleessaa deebisuu barbaadan ofitti marsanii isaantu nama afeera isaantu nama seenuuf hin seenne irratti murtoo Kenna yoo ta’e jaalalaa fi maddamariin sun gara jibbaa fi maqqanasiitti nu geessa. Kanaaf dogoggora isa kana akka dogoggoraatti irra darbitaniyyuu bor garuu sirreessuu qabdu. Kanumatu guddachaa deemee bor isinumaanuu isin dhiibbata. Amala jaraa beenna waan ta’eef. Waan sirrachuu qabu amma otuu hundee gadi hin fageeffatin sirreessuu dha. Bor erga dhihee. . .@Abdi Fixe

5. Addisu Arega Kitessa akka ati, Milkeessaa Miidhagaafi Taayye Dannabaa gadi baatanii kana xibaartan eegaa turre. Kashalabbummaa OPDO’n sobaan nama tortorsitu sana dhiisaa. Utuu Dr. Abiy hinbeekiin waan raawwtame tokkollee hinjiru. Kun ifatti tuffiidha. Gaafa Oromoon xiqquma isin ilaalla jedhee afaan qabatu Gooftolii keessaan sanaaf gugguufuu jalqabdan. Dhugaa dubbachuuf taanaan hanga qulqullooftanii achirraa daguugamtanitti dantaa Oromoo eegsisuun nicima. Oromoon wal-qixxummaa jedhe malee nan caala hinjenne. Artistii utuu hintaane, dhoqqee OPDO Taaddalaa Gammachuu achirratti fannistanii ija nuqabuu barbaaddan. Aartistoonni keenya mootora qabsoo keenyaati. Nujalaa salphiftan. Isinis salphattanittuu; waan watwwaannaa akkanaa kana lammata hinfidiin. Jaruma keessaa xiqqoo situ jajabaata jennaan atis fakkeessuu eegalte. Dantaa Oromoo eegi; Mooraalii Oromoo eegi…habashaaf sagaduuf garboomuu dhiisi..hinjajiinisi hintuffatiinis…waggaa 150 ol abbaakeefi akaakayyuukeetiin taphataniitu siinis mataarra siyaabaa jiru….ofitti qaana’i..(Beekan G Erena)

6. Balleessaa tokko dhoksuuf balleessaa biraa dabaluu. Dhugaa dubbanna yoo ta’e #Artistii dhugaan #Artistoota_Oromooti. Artistoonni keenya #Qabsoof malee #Daabboof waa hojjetanii hin beekan. Leenjiin gaafa kennamus Artistoota Saba Hundumaaf iddoo tokkotti ta’uu qaba. Isa OPDO’n kijibdu dhiisaa. Dogoggora Koree sanaa miti dubbiin. Guyyaa guyyaatti balleessaa ta’aa jiru qaama biraatti hirkisuun nu gowwoomsuudha. Namni OPDO’f gowwoomu jira jedhees hin yaadu. Waanuma fedheefuu keenya amalaan ta’ee hin beeku; qabsoo fi humnaan malee. Yoo humna qabaannee fi jabaannee qabsoofne qofa kabajamna; iddoos arganna; jiraachuun keenyas yaadatama. Amma dhuguma “Koreen Sun Artistoota Oromoo Dagateetii?”Moonenus Hundaarraa
Waxabajjii 28, 2018


 

Miseensotni WBO leenjii irra turan eebbisaman; ummatni sirna kana irratti argame gumaacha taasise.
===============================
” Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Dhihaa Lixa Wallaggaa tibbana miseensota WBO leenjii irra turan kan eebbisiise oggaa ta’u, ummatni Oromoo Onoota garagaraa irraa sirna kana irratti argamuudhaan WBO cina jiraachuu isaa dalagaadhaan mirkaneessuu oduun dirree qabsoo irraa SBO dhaqqabe ni hubachiisa.

Naannoo Jimmaa Horroo, Gidaamii, Abootee, Qellem, Giraay, Laaloo, Garjeeda, D.Doolloo fi bakkoota biroo irraa ummatni baay’inaan guyyaa eebba WBO kana irratti argamuudhaan gammachuu isaa mul’isee, deggersaa fi tumsa ABO/WBOf qabu agarsiisee jira.

Ummatni Oromoo guyyaa kana WBO waliin oole WBO jabeessuuf battalumatti qarshii 8640 gumaachee jira.

Gama biraan haala deemaa jiru irra dhaabbachuudhaan, ummatni nagaa, qe’ee fi qabeenya isaa tikfachuudhaaf bulchiinsa naannoo ofii to’atee nagaa ofii akka tikfatuuf caasaa ABOn diriirsaa jiruun akka walbulchu hiree kanaan ummata Oromoof dhaamsa dhaabaas dabarsina.


Warri alaabaa durii sana baatee wacu kun gowwoota tahuu isaanii argaa jirra. Jijjiirama Oromoon dhiiga isaatiin fide kana salphaadhumatti waan butanii karaa ofii barbaadanitti oofuu danda’an itti fakkaata. Haa tahu malee tuffannee bira dabruu qabna jechaa hin jiru.Wacni isaanii garuu akka karaa irraa nun maqsinen yaadda’a. Akki isaan itti wacaa jiranii fi Dr. Abiy qabsoo Oromoo keessaa dhalachuu isaa hanga dagatanitti huursaa jiran kun nama keenya garii obsa fixachiisaa jira. Wayyaanee biyyee uffachuutti dhihaatte dagatanii gara jara kanaatti akka dhagaa darban dhiibaa jira. Kun ammoo gaarii miti. Yoo fuula keenya gara jara gowwaa kanatti deebifne Wayyaanee akka biyyee arraabdee ol kaatu hiree banuufii taha. Kanaafuu Dr. Abiyyii fi warri sa waliin hojjetu jara kana garmalee dirree itti gadhiisanii garmaamsisuu kana nurraa xiqqeeaa. Warri ala irraa galuuf boorataa jirus tahee warri biyya keessaa waanuma luugama farda qabsoo Oromoo qabatan itti fakkaatee of dagataa jiru. Akka amma jiru kanatti yoo dirree itti gadhiifnee moggaa dhaabanne isaan abshaala taanaa nuti gowwaa fakkaanna. Kun ammoo wal gaarreffannaa guddaa nuu jara gidduutti uumee Wayyaanee du’aa kaasa. Kanaafuu taphni jiru hundumtuu lafa irratti madaala isaa eeggatee deemuu qaba.

Yaya Beshir

Muumichi Minsteera Dr Abiy Ahmed leenjii/marii amma Aritistoota Habashaa waliin taasisan kana duran Aritistoota Oromof waliin taasisani turan.