KA’I Oromoo! Mana murtii abbaa dhuunfaa irraa haqa hin eegnu jachuun, Hiriira Mormii…

Mana murtii abbaa dhuunfaa irraa haqa hin eegnu jachuun Hiriira Mormii dhoosuun akkuma Oromoonni Minnesota qabsoo finiinsaa jiran kanatti Oromoo Biyyoota Addunyaa hunda irra jirrufi Biyya keessa jirrus qabsoo wal irraa hin cinne gaggeessuuf yeroo amma KA’I!!
 
Oromoonni Minnesota Hayyoota keenya mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiraniif Sagalee taatanii Sagalee ummata Oromoo Addunyaatti dhageesisu keessaniif ulfaadhaa..
Abiy ni kufa qabsoon tokkummaan itti fufa

OMN: Obboleessa Hamzaa Booranaa, Roobaa Booranaa (Adaanee)

Rabbiin Haqa keessan haa baasu.
Haqa Oromoo Rabbiin nuuf haa baasu.

OPDO duullattii Sagal maqaa jijjirrattee ummata Oromoo gabrummaa alagaa habashaaf qoheessaa jirtuuf namni hirrira bahu hin jiru. Hijjettoota Mootummaa Mindaan, Daldaltoota gibiraan, harka qalleeyyii shukkaaraafi Zayitaan doorsisanii hiriira baasuun akkasumas kaan manarra deemanii qawween hirira deeggarsa baasuuf akka jiran odeessi golee Oromiyaa mararraa keessaan nu qaqqabeera.
Waan ta’eef kanneen oltti caqafame sodaa diina Cinaa hin dhaabbatiinaa; ummati Oromoo Agaazii ofirraa kaasee human PP otoo hin dhalatiin bututte kanaaf harka hin laatu.